LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g17 Lakk. 6 ful. 3
  • Addunyaan Toʼannaadhaa Ala Taʼaa Jira Moo Miti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaan Toʼannaadhaa Ala Taʼaa Jira Moo Miti?
  • Dammaqaa!—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa Fuulduratti Siqsaniiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Badiisni Addunyaa Dhihaateeraa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Dammaqaa!—2017
Dammaqaa!—2017
g17 Lakk. 6 ful. 3
Saʼaatii Guyyaa Badiisaa

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ADDUNYAAN TOʼANNAADHAA ALA TAʼAA JIRAA?

Addunyaan Toʼannaadhaa Ala Taʼaa Jira Moo Miti?

BARRI 2017 beeksisa gaddisiisaa hawaasa saayinsii biraa dhagaʼameen eegale. Jiʼa Amajjiitti gareen saayintistoota, addunyaan yeroo kam iyyuu caala gara guyyaa badiisaatti akka dhihaate beeksisanii turan. Saayintistoonni Saʼaatii Guyyaa Badiisaa, isa mallattoo addunyaan badiisatti hangam akka dhihaate mulʼisuuf tajaajilutti fayyadamanii, lakkooftuu daqiiqaa isaa sekoondii 30aan gara xumuraatti siqaniiru. Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa yeroo ammaa halkan walakkaa gaʼuuf gara daqiiqaa lamaa fi walakkaa qofatu hafe; kunis waggoota 60 ol taʼan keessatti yeroo kam iyyuu caalaa badiisni addunyaa dhihaachuu isaa argisiisa!

Bara 2018⁠ttis, saayintistoonni badiisa addunyaatti hangam akka dhihaanne irra deebiʼanii shallaguuf karoora qabu. Yeroo sanatti Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa ammas addunyaan gaagaʼama adda taʼee fi hafuu hin dandeenyeef akka saaxilame argisiisaa? Maal sitti fakkaata? Addunyaan toʼannaadhaa ala taʼa jiraa? Tarii gaaffiiwwan kana deebisuun hamma tokko ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Hayyoonni iyyuu dhimma kana irratti addaan qoqqoodamaniiru. Namoonni hundi badiisni ooluu hin dandeenye dhufaa akka jiru hin amanan.

Haa taʼu malee, namoonni miliyoonaan lakkaʼaman yeroo gaariin gara fuulduraatti akka dhufu ni amanu. Isaaniis ragaa ilmaan namootaas taʼe pilaaneetiin keenya bara baraaf akka jiraatan, akkasumas akkaataan jireenyaa keenyas akka fooyyaʼu argisiisuu akka qaban dubbatu. Ragaan kun kan amanamu dhaa? Addunyaan toʼannaadhaa ala taʼaa jira moo miti?

“Saʼaatiin Guyyaa Badiisaa meeshaa saʼaatii addunyaa maratti fudhatama argatee fi qarooma qabnu teknoolojii hamaa ofuma keenyaa hojjenneen barbadeessuuf hangam akka nu hafee argisiisuuf tajaajiluu dha. Teknoolojii kana keessaa kan dursa irratti argaman meeshaalee waraanaa niiwuukilarii haa taʼan malee, teknoolojii jijjiirama qilleensaa fidu, baayoo-teknoolojiin guddachaa dhufaa jiru, akkasuma saayibar-teknoolojii beekaa ykn dogoggora herreguudhaan ykn balaa wayiitiin balleessaa deebiʼee sirreeffamuu hin dandeenye fiduudhaan akkaataa jireenyaa keenyas taʼe pilaaneeticha balleessuu dandaʼan ni argamu.”—Bulletin of the Atomic Scientists.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi