LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 2
  • Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • QAJEELFAMNI GAʼEESSONNI KENNAN MAALFAA DABALATA?
  • QAJEELFAMNI GAʼEESSOTAA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • IJOOLLEEDHAAF QAJEELFAMA KENNUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
  • Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Kutaa Dabalataa—Gaaffilee Warri Gaafatan
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 2
Maanguddoon takka intala xinnoo takkatti suuraa isaanii durii argisiisaa jiru

BARUMSA 5

Barbaachisummaa Qajeelfama Gaʼeessotaa

QAJEELFAMNI GAʼEESSONNI KENNAN MAALFAA DABALATA?

Ijoolleen jireenya isaanii keessatti qajeelfamnii fi gorsi gaʼeessotaa isaan barbaachisa. Warra waan taataniif gaʼee kana raawwachuuf carraa hunduma irra caalu kan qabu isini dha; inumaa iyyuu akka gochuuf dirqamni isin irra jira. Taʼus, gaʼeessonni kaanis ijoollee keessaniif gorsitoota gaarii taʼuu ni dandaʼu.

QAJEELFAMNI GAʼEESSOTAA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Biyyoota hedduu keessatti, yeroon ijoolleen gaʼeessotaa wajjin dabarsan muraasa dha. Mee haalawwan armaan gadii ilaalaa:

  • Ijoolleen yeroo guyyaa keessatti qaban harka caalaa isaa kan dabarsan mana barumsaatti dha; mana barumsaatti immoo barsiisotaa fi gaʼeessota caalaa lakkoofsa ijoolleetu baayʼata.

  • Ijoolleen tokko tokko mana barumsaatii gara manaatti yommuu deebiʼan warri isaanii bakka hojii waan jiraniif mana duwwaatu isaan eeggata.

  • Qorannoon Yuunaayitid Isteetis keessatti taasifame tokko akka ibsetti, ijoolleen umuriin isaanii waggaa 8 hanga 12 gidduu jiru, miidiyaalee bashannanaa irratti giddu galeessaan guyyaa guyyaadhaan saʼaatii jaʼa dabarsu.a

Kitaabni Hold On to Your Kids jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen qajeelfamaa fi gorsa kan gaafatan ykn akka fakkeenyaatti kan fudhatan, haadhotii, abbootii, barsiisotaa fi gaʼeessota itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu utuu hin taʼin  . . . hiriyoota isaanii taʼeera.”

IJOOLLEEDHAAF QAJEELFAMA KENNUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ijoollee keessanii wajjin yeroo dabarsaa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6.

Ijoolleen uumamaan qajeelfama argachuuf kan carraaqan warra isaanii irraa ti. Ogeessonni akka jedhanitti, ijoolleen erga umurii waggoota kurnanii irra gaʼanii booda illee gorsa hiriyoota isaanii irraa argatan caalaa gorsa warra isaanii irraa argataniif iddoo guddaa kennu. Doktar Looransi Istiinbargi kitaaba isaanii You and Your Adolescent jedhamu irratti akkana jedhanii barreessaniiru: “Ijoollummaa irra darbanii umurii dargaggummaa irraa erga gaʼanii booda illee ilaalcha isaanii fi amala isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu kan dandaʼan warra isaanii ti.” Itti dabaluudhaanis, “Yeroon ijoolleen keessan wanta isin dubbatan hin fudhanne ykn yaada keessan irratti walii hin galle jiraatus, ilaalcha keessaniif iddoo guddaa kennu; wanta isin dubbatanis ni dhaggeeffatu” jedhaniiru.

Ijoolleen keessan qajeelfama argachuuf uumamaan gara keessan waan dhufaniif carraa kana akka gaariitti itti fayyadamaa. Ijoollee keessanii wajjin yeroo dabarsaa, ilaalcha, amala naamusaa fi muuxannoo keessan isaanitti himaa.

Ijoolleen keessan nama fakkeenya isaaniif taʼu akka argatan isaan gargaara.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa.”—Fakkeenya 13:20.

Namoota beektan keessaa gaʼeessi ijoollee keessan dargaggoota taʼaniif fakkeenya gaarii taʼuu dandaʼu jiraa? Namni sun ijoollee keessanii wajjin yeroo akka dabarsu maaliif haala hin mijeessitan? Kana jechuun garuu, itti gaafatamummaa warra taʼuudhaan qabdan dabarsitanii itti kennitu jechuu miti. Taʼus, deggersi gaʼeessi itti amanamtanii fi ijoollee keessan irra miidhaa akka hin geessisne mirkanaaʼoo taatan kennu leenjii isin kennitan irratti isin gargaaruu dandaʼa. Ximotewos inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, gaʼeessa erga taʼee booda illee hariiroo Phaawulosii wajjin qabu irraa faayidaa guddaa argateera; Phaawulosis Ximotewosii wajjin hariiroo qabachuu isaatiin fayyadameera.—Filiphisiyus 2:20, 22.

Yeroo ammaatti akkuma bara durii maatiiwwan kan jiraatan bakka tokkotti sassaabamanii miti; akkoo fi akaakayyuu, eessuma fi wasiila, adaadaa fi firoonni kaan kan jiraatan biyyoota garaagaraa keessa dha. Maatiin keessanis haala akkasii keessa kan jiraatu yoo taʼe, carraa ijoolleen keessan gaʼeessota fakkeenya gaarii taʼan irraa itti baratan akka qabaatan haala isaaniif mijeessaa.

a Qorannoon sun akka argisiisutti, ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessa jiran miidiyaalee bashannanaa irratti gidduu galeessaan guyyaatti gara saʼaatii sagalii dabarsu. Lakkoofsi waaʼee ijoollee xixinnoo fi umurii waggoota kurnanii keessa jiran ilaalchisee kenname kun, yeroo isaan mana barumsaatti ykn hojii manaa hojjechuuf intarneetii fayyadamuudhaan dabarsan hin dabalatu.

Maanguddoon takka intala xinnoo takkatti suuraa isaanii durii argisiisaa jiru

AMMUMAA ISAAN LEENJISAA

Ijoolleen qajeelfama gaʼeessotaa argachuuf carraaqqii godhan, carraan isaan yeroo nama guddaa taʼanitti ogeeyyii fi bilchaatoo taʼuuf qaban balʼaa dha

Fakkeenya Taʼuudhaan Barsiisaa

  • Ijoollee kootiif fakkeenya gaariin taʼaa?

  • Ijoolleen koo ani iyyuu namoota na caalaa muuxannoo qaban irraa gorsa yommuun gaafadhu ni arguu?

  • Ijoollee koo wajjin yeroo dabarsuudhaan bakka guddaa akkan isaaniif kennu nan argisiisaa?

Wanta Warri Tokko Tokko Raawwatan

“Yeroo tokko tokko intalli tiyya hojiidhaan qabamee utuun jiruu na haasofsiisuu akka barbaaddu natti himti. Xiyyeeffannaa guutuudhaan akkan ishii dhaggeeffadhuuf daqiiqaa muraasa akka naaf obsitu yeroon itti himu jiraatus, yoom iyyuu ishiidhaaf dursa kennuufan carraaqqii godha. Anii fi haati manaa tiyya wanta ishii barsiisnu hojii irra akka oolchinu arguu akka dandeessuuf fakkeenya gaarii ishiidhaaf taʼuuf carraaqqii goona.”—Deevid.

“Intalli keenya yeroo dhalattu, anii fi abbaan manaa koo erga irratti mariʼannee booda ani hojii koo dhiisee intala keenya akkan guddisu walii galle. Murtoo akkasii gochuu keenyatti matumaa hin gaabbu. Qajeelfamaa fi leenjii sirrii taʼe akka argataniif hamma dandaʼametti ijoollee wajjin yeroo dabarsuun baayʼee barbaachisaa dha. Hunda caalaa immoo, ijoollee keessaniif akka yaaddan argisiisuu kan dandeessan, isaanii wajjin yeroo dabarsuudhaani dha.”—Liisaa.

GAʼEESSOTAA WAJJIN YEROO DABARSUU

“Ijoolleen koo kan guddatan bakka gaʼeessonni umurii garaagaraa irratti argaman jiranitti dha; kunis muuxannoo namootaa irraa waaʼee jireenyaa barachuuf carraa isaaniif baneera. Fakkeenyaaf, akkoon tiyya ijoollee yeroo turtetti maatiin ishii ibsaa elektirikii argachuuf warra jalqabaa akka turan yeroo isaanitti himtu ijoolleen koo baayʼee isaan ajaaʼibe. Namoonni naannoo isaanii jiraatan kutaa nyaanni itti bilcheeffamu keessa dhaabbatanii ibsaan yeroo ibsamuu fi yeroo dhaamsamu ilaaluuf qofa mana isaanii akka dhufan isaanitti himtee turte. Seenaan kun ijoolleen koo jireenyi isa ammaa irraa adda akka ture akka hubatan isaan gargaareera. Seenaawwan akaakilii isaanii isaanitti himtu dhagaʼuun isaanii ishiidhaafis taʼe maanguddoota kaaniif kabaja akka qabaatan isaan gargaareera. Ijoolleen hiriyoota isaanii wajjin utuu hin taʼin, gaʼeessotaa wajjin yeroo hedduu kan dabarsan yoo taʼe jireenya kallattii adda addaatiin ilaaluu baratu.”—Maraandaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi