DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU
Wantoonni Dhiphinaaf Sababa Taʼan Maalfaʼi?
Kilinikni beekamaan Maayoo Kilinik jedhamu, “gaʼeessonni baayʼeen dhiphina cimaa keessa akka jiran gabaasuu isaanii” dubbateera. “Jireenyi addunyaa yeroo ammaa jiru jijjiiramaa fi haalawwan amansiisoo hin taaneen kan guutamedha.” Mee jijjiiramoota, akkasumas haalawwan amansiisoo hin taanee fi dhiphinaaf gumaacha godhan tokko tokko haa ilaallu:
wal hiikuu
nama jaallatan duʼaan dhabuu
dhukkuba cimaa
balaa cimaa
yakka
muddama jireenyaa
balaa uumamaa ykn nam-tolchee
dhiibbaa mana barumsaatti ykn bakka hojiitti mudatu
waaʼee hojii fi qarshii yaaddaʼuu