LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 1 ful. 5-6
  • Dhiphinni Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiphinni Maalidha?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHIPHINA GAARII FI HAMAA
  • Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2020
  • Ni Dhiphattaa?
    Dammaqaa!—2020
  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2020
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 1 ful. 5-6
Namichi magaalaa keessatti hojjetu tokko gara waajjira gamoo keessa jiru tokkootti fiigaa jira.

DHIPHINARRAA BOQONNAA ARGADHU

Dhiphinni Maalidha?

Dhiphinni yommuu haalli rakkisaan si mudatu tarkaanfii qaamni kee fudhatudha. Yeroo kanatti sammuun kee gara guutummaa qaama keetti hormoonota hedduu erga. Hormoononni kun rukuttaan onnee kee akka dabalu gochuu, dhiibbaa dhiigaa kee toʼachuu, sombi kee akka balʼatu ykn akka dhiphatuu fi maashaaleen kee akka shuntuuran gochuu dandaʼu. Wanta taʼaa jiru guutummaatti hubachuu kee dura qaamni kee tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼa. Yeroo tasgabbooftu qaamni kee tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼuu isaa dhiisee bakka duraaniitti deebiʼa.

DHIPHINA GAARII FI HAMAA

Dhiphinni tarkaanfii uumamaan fudhattuu fi haalawwan rakkisaa ykn miidhaa geessisaniif akka qophooftu si dandeessisudha. Tarkaanfiin yeroo dhiphattutti fudhattu sammuu kee keessaa jalqaba. Dhiphinni gaariin daftee tarkaanfii akka fudhattu si dandeessisa. Hamma tokko dhiphachuun kee tarii yeroo qormaataatti, hojiidhaaf qacaramuuf gaafannoon yeroo siif godhamutti ykn tapha ispoortii tokkorratti galmawwan keerra akka geessu ykn buʼaa gaarii akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

Haa taʼu malee, dhiphinni yeroo dheeraadhaaf turuu fi cimaa taʼe ykn garmalee hamaa taʼe si miidhuu dandaʼa. Qaamni kee irra deddeebiʼee ykn utuu addaan hin kutin tarkaanfii fudhachuuf kan qophaaʼu yoo taʼe, qaamni kee, miirri kee fi sammuun kee hubamuu jalqaba. Akkaataa itti warra kaan qabdu dabalatee amalli kee jijjiiramuu dandaʼa. Dhiphinni garmalee cimaa taʼe araadaaf saaxilamuu fi wantoota sirrii hin taane kan biroo raawwachuutti nama geessuu dandaʼa. Kana malees, dhiphina sammuutti, garmalee bututuu ykn of ajjeesuuf yaaduuttillee nama geessuu dandaʼa.

Dhiphinni nama hundarratti dhiibbaa wal fakkaatu geessisuu baatus, dhukkuboota adda addaatiif nama saaxiluu dandaʼa. Akkasumas guutummaa qaamaarratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.

DHIPHINNI QAAMA KEERRATTI DHIIBBAA KAN GODHU AKKAMITTI?

Sirna narvii.

Namichi dhiphinni itti dhagaʼame tokko harka isaa adda isaarra kaaʼee jira.

Sirni narvii kee hormoononni akka adireenaalinii fi koortisoolii jiran akka maddan taasisa. Wantoonni kunis rukuttaan onnee fi dhiibbaan dhiigaa kee, akkasumas sukkaarri dhiiga kee keessa jiru akka dabalu kan godhan yeroo taʼu, kunimmoo balaan yommuu si mudatu daftee tarkaanfii akka fudhattu si dandeessisa. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • aarii, yaaddoo, dhiphina sammuu, mataa bowwuu fi hirriiba dhabuu

Sirna lafee fi maashaalee.

Maashaaleen kee miidhaarraa si eeguuf ni shuntuuru. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • qaamni caccabuu fi dhukkubsachuu, mataa bowwuu, maashaaleen tasa shuntuuruu

Sirna hargansuu.

Oksijiinii dabalataa argachuuf daftee daftee hafuura fudhatta. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • garmalee hafuura baafachuu fi harganuu, akkasumas sodaa cimaa

Sirna onnee.

Rukuttaan onnee kee ni dabala, akkasumas gara guutummaa qaama keetti dhiiga dabarsuuf ni rakkata. Ujummoowwan dhiigaa dhiiga kee bakka dhiigni caalaatti barbaachisutti, jechuunis kan akka maashaalee keetti erguuf akka malee balʼachuu ykn dhiphachuu dandaʼu. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • dhiibbaa dhiigaa cimaa, dhukkuba onnee, hiddi dhiigaa sammuu miidhamuu

Sirna indookiraayinii.

Xannachoonni kee hormoonota adireenaalinii fi koortisoolii jedhaman kan maddisiisan yeroo taʼu, kunimmoo yeroo dhiphinaatti qaamni kee tarkaanfii akka fudhatu gargaara. Tiruun kee humna dabalataa akka argattu gochuuf sukkaara dhiiga kee keessa jiru ni dabala. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • dhukkuba sukkaaraa, dandeettii qaamni kee dhukkubarraa of ittisuuf qabu xiqqeessuu, dhukkuba dabalataatiif saaxilamuu, akkasumas amalli kee dafee dafee jijjiiramuu fi ulfaatinni qaamaa kee dabaluu

Sirna garaachaa fi marʼimaanii.

Akkaataan qaamni kee nyaata itti bulleessu ni jeeqama. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • garaan nama hammaachuu, hooqqisuu, garaa kaasaa, gogiinsa garaa

Sirna hormaataa.

Dhiphinni fedhii fi gocha saalqunnamtiirratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Garmalee dhiphachuun wantoota armaan gadiitiif nama saaxiluu dandaʼa

  • saalqunnamtii raawwachuu dadhabuu, marsaan laguu jijijjiiramuu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi