1. Rakkina Keenyaaf Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?
Kana Beekuu Kan Qabnu Maaliifi?
Namoonni baayʼeen rakkinaa nu irra gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatama jedhanii waan yaadaniif Waaqayyotti hin amanan.
Mee Yaadi
Kallattiidhaanis taʼe karaa kallattii hin taaneen geggeessitoonni amantii hedduun rakkina keenyaaf kan itti gaafatamu Waaqayyo akka taʼe barsiisu. Fakkeenyaaf tokko tokko akkas jedhu:
Balaan uumamaa adaba Waaqayyoo ti.
Ijoolleen kan duʼan Waaqayyo samii irratti maleekota dabalataa waan barbaaduufi dha.
Waaqayyo garee tokko deggeree waraana isa rakkina guddaadhaaf sababa taʼu irratti hirmaata.
Taʼus, geggeessitoonni amantii wanti isaan waaʼee Waaqayyoo barsiisan soba taʼuu dandaʼaa? Waaqayyo biratti fudhatama hin qaban yoo taʼe hoo?
CAALAATTI BARADHU
Viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu jw.org irraa ilaali.
Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Rakkina keenyaaf sababa kan taʼe Waaqayyo miti.
Inni akkas godheera yoo taʼe, amalawwan isaa warra Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii wajjin wal faallessa. Fakkeenyaaf:
“Karaan [Waaqayyoo] hundinuus qajeelaa dha . . . inni dhuga qabeessaa fi qajeelaa dha.”—KEESSA DEEBII 32:4.
“Jal’inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda’u irraa haa fagaatu!”—IYOOB 34:10.
“Inni hundumaa danda’u dhugaa hin jalʼisu.”—IYOOB 34:12.
Amantiin sirriitti Waaqayyoon bakka hin buune isa biratti fudhatama hin qabu.
Kunis amantiiwwan Waaqayyo rakkina keenyaaf sababa akka taʼe barsiisanii fi warra waraanaa fi jeequmsa irratti hirmaatan dabalata.
“Raajonni sun maqaa kootiin raajii sobaa dubbatan malee, ani isaan hin ergine, ani isaan hin abboomne, isaanittis hin dubbanne; isaan mulʼata sobaa, . . . gowwoomsaa garaa isaanii keessatti yaadanii qopheessanis isinitti raajii in dubbatu.”—ERMIYAAS 14:14.
Yesuus fakkeessaa amantii balaaleffateera.
“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu qofa malee, namni ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi Mootummaa samiitti hin galu. Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Maqaa keetiin dinqiiwwan hedduu hin hojjennee?’ naan jedhu. Yeroo sanatti ani immoo, ‘Isin warra hamaa hojjettan nana! Na biraa badaa, ani matumaa isin hin beeku!’ isaaniin nan jedha.”—MAATEWOS 7:21-23.