LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g25 Lakk. 1 ful. 6-9
  • Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami
  • Dammaqaa!—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • WANTA GOCHUU DANDEESSU
  • Galii Xinnoodhaan Jiraachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • 2 Qabeenya Kee Eeggadhu
    Dammaqaa!—2022
  • Maallaqa Kootti Ogummaadhaan Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Baasii Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
Dammaqaa!—2025
g25 Lakk. 1 ful. 6-9
Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Abbaan manaa fi haati manaa tokko taaʼanii waaʼee baasii isaanii mariʼachaa jiru; intalli isaaniimmoo kushinaa jirti. 2. Moobaayilii isaaniirratti kaalkuleetariin banamee nagahee irra kaaʼamee jira.

QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU

Maallaqa Kee Ogummaadhaan Fayyadami

Gatiin miʼootaa dabaluunsaa hunda keenyaafiyyuu ulfaataadha. Haataʼu malee, homaa gochuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuu hin qabu. Haala kee fooyyessuudhaaf wantoonni gochuu dandeessu jiru.

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Baasii kee hin toʼattu taanaan rakkina maallaqaa keessa galta; kunimmoo, yaaddoo fi dhiphinni kee akka itti caalu gochuu dandaʼa. Maallaqni qabdu muraasa yoo taʼellee, baasii kee toʼachuudhaaf wantoonni gochuu dandeessu hedduun jiru.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Humna keetii ol hin baasin. Humna keetii ol hin baastu taanaan tasgabbaaʼuu dandeessa; akkasumas baasii hin eegamnee fi fuulduratti si mudachuu dandaʼuuf qophaaʼuu dandeessa.

Humna keetii ol akka hin baasne akka si gargaaruuf, baajata qopheeffadhu ykn galii kee fi baasii kee galmeessii qabadhu. Baajata yommuu qopheeffattu wanta dhugumaan si barbaachisu adda baafadhu. Baajata baafatte sirriitti hordofi, akkasumas yeroo galiin kee ykn gatiin miʼootaa jijjiiramu sirreeffama godhi. Dhugaadha, gaaʼela dhaabbatteetta yoo taʼe, murtoo akkamiiyyuu gochuu kee dura hiriyaa gaaʼelaa kee mariisisuu qabda.

Akkas gochuuf yaali: Miʼa tokko duubeedhaan bitachuu mannaa yoo dandeesse yeruma sana kaffalii bitadhu. Namoonni tokko tokko akkas gochuun isaanii baajata isaanii toʼachuu fi liqiirraa fagaachuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Akkasumas galii jiʼichatti argattee fi baasii jiʼichatti baaste beekuuf herrega baankii kee ilaali. Maallaqa hangamii akka qabdu beekuun kee yaaddoo kee siif hirʼisuu dandaʼa.

Akka humna keetti jiraachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, baajata qabatamaa taʼee fi sirriitti itti yaadame qopheeffachuun kee gargaarsa guddaa siif gochuu dandaʼa. Akkas gochuun kee caalaatti akka tasgabbooftu si gargaaruu dandaʼa.

‘Baasii kee shallagi.’—Luqaas 14:28.


Hojii kee akka hin dhabneef jabaadhuu hojjedhu. Hojii kee akka hin dhabneef maalfaa gochuu dandeessa? Saʼaatii hojii kabaji. Hojii keetiif ilaalcha gaarii qabaadhu. Warra kaan gargaaruuf fedhii qabaadhu, akkasumas jabaadhuu hojjedhu. Namoota kabaji. Qajeelfama hordofi, akkasumas dandeettii kee fooyyeffachuuf yaali.


Maallaqa hin qisaasessin. ‘Yeroo baayʼee humna kootii ol nan baasaa ykn maallaqa nan qisaasessaa?’ jedhii of gaafadhu. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen maallaqa itti dadhabanii argatan, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan, qumaara taphachuudhaan, sijaaraa xuuxuudhaan ykn garmalee dhugaatii alkoolii dhuguudhaan qisaasessu. Barsiifatawwan kun fayyaa isaanii miidhuu, akkasumas hojiisaanii isaan dhabsiisuu dandaʼu.

‘Namni ogummaa argatu gammadaadha; ogummaa argachuun meetii argachuu irra wayya.’—Fakkeenya 3:13, 14.


Baasii hin eegamneef maallaqa kaaʼadhu. Kan dandaʼamu taanaan, baasii hin eegamneef ykn baasii hatattamaatiif maallaqa muraasa kaaʼadhu. Maallaqni kun ati ykn miseensi maatii kee tokko yoo dhukkubsattan, hojii yoo dhabdan ykn rakkinni hin eegamne kan biraan yoo isin mudate hamma tokko tasgabbaaʼuuf isin gargaara.

“Yeroo fi wanti hin eegamne hunduma [keenya] irra ni gaʼa.”—Lallaba 9:11.

Yaadawwan Maallaqa Qusachuuf Gargaaran

Qaruuraa saantimaan guutamee jiru.

Nyaata kee manatti qopheeffadhu.

Yeroo baayʼee alaa nyaachuun ykn nyaataa fi dhugaatii qophaaʼe bituun maallaqa hedduu nama baasisuu dandaʼa. Dhugaadha, nyaata manatti qopheessuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Garuu maallaqa hedduu qusachuuf nama gargaara. Akkas gochuun nyaata qulqullina qabu soorachuufis si gargaara.

Waa bituu kee dura irratti yaadi.

  • Wanta bituu barbaaddu galmeeffadhu, akkasumas wanta galmeessiteen ala hin bitin. Wanta tokko utuu hin karoorfatin hin bitin.

  • Baajanni kee kan siif heyyamu taanaan wanti tokko yeroo rakasu baayʼisii biti. Haataʼu malee, nyaata mancaʼuu dandaʼu bakka kaaʼattu qabaachuu kee mirkaneeffadhu.

  • Sadarkaan isaanii gad buʼaa miti taanaan miʼoota rakasa taʼan bitachuuf yaali.

  • Intarneetiidhaan bitachuun kee, miʼa tokko gatii gaariidhaan argachuuf, wanta dursitee hin karoorfanne akka hin bitnee fi baasii kee toʼachuuf si gargaara. Bakka ati jiraattutti intarneetiidhaan bitachuun ni dandaʼama yoo taʼe maaliif hin yaaltu?

  • Kan dandaʼamu taanaan yeroo gatiin miʼa tokkoo hirʼatutti bitachuuf yaali. Gatii miʼoota bitachuu barbaadduu wal bira qabii ilaali.

Wanta haaraa bituu kee dura irratti yaadi.

Namoonni bilbilaa fi miʼoota kan biroo oomishan buʼaa dabalataa argachuuf jedhanii yeroo yerootti moodeela haaraa qopheessu. Kanaafuu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Moodeela haaraa bitachuun koo dhuguma na fayyadaa? Ammuma moodeela haaraa bitachuun qabaa? Jijjiiruun na barbaachisa yoo taʼe dirqama moodeela isa haaraa bituun qabaa?’

Meeshaalee qabdu suphii itti fayyadami.

Miʼoonni qabdu yeroo dheeraa akka si tajaajilaniif kunuunsi; baasii hedduu si hin baasisu yoo taʼemmoo, yeroo cabanitti suphisiisi. Miʼoota hamma tokko tajaajilan bitachuus ni dandeessa.

Wantoota nyaataaf taʼan oomishadhu.

Bakka itti wantoota nyaataaf taʼan oomishachuuf si gargaaru qopheeffachuu ni dandeessaa? Kun baasii wantoota nyaataaf taʼaniif baastu hirʼisuu malees, wantoota nyaataaf taʼan oomishuudhaan, gurguruuf, wanta kan biraatti jijjiiruuf ykn warra kaaniif kennuuf si gargaaruu dandaʼa.

“Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

Kireediit kaardii.

“Gatii miʼootaa guyyaa guyyaadhaan ni hordofna, akkasumas kireediit kaardii keenya irra deddeebinee akka hin fayyadamne of eegganna.”—Maayils, Ingilaandi.

Yaadannoo, qalama fi furtuu konkolaataa.

“Anii fi maatiin koo yeroo hundumaa gabaa dhaquu keenya dura wantoota nu barbaachisan ni barreeffanna.”—Jeermii, U.S.A.

Yaadannoo fi kaalkuleetarii.

“Maatiin keenya wanta bituu barbaannu bituu dandaʼuu keenya beekuuf yeroo yeroodhaan baajata ni baafanna. Baasii hin eegamneefis maallaqa ni kaaʼanna.”—Yaaʼel, Israaʼel.

Reenchii fi meeshaa ittin biloonii hiikan.

“Ijoolleen keenya, konkolaataa keenyaa fi meeshaa manaa dabalatee haaraa bituu mannaa wanta cabe tokko akka suphan isaan barsiisneerra. Kana malees, anii fi haati manaa koo miini tokko moodeelli isaa haaraa waan taʼeef qofa bituu dhiisuuf ni carraaqna.”—Jeefrii, U.S.A.

“Kuduraa oomishachuu fi lukkuu horsiisuudhaan baasii koo hirʼisuuf nan yaala. Kuduraan oomishadhe namoota kaaniifillee kennuu dandaʼeera.”—Hoonoo, Miyaanmaar.

Dubartiin takka fuduraalee garaagaraa walitti qabaa jirti.
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi