QAALAʼIINSA JIREENYAA DANDAMACHUU
Abdii Qabaadhu
Biyya ati keessa jiraattutti gatiin miʼootaa, galii ati argattu caalaa dabalaa jiraa? Ofii keetiifis taʼe namoota jaallattuuf wanta jireenyaaf barbaachisu dhiheessuun si yaaddessaa jiraa? Taanaan waaʼeen gara fuulduraa si dhiphisuu dandaʼa. Haataʼu malee, haala rakkisaa akkasii keessattillee abdii qabaachuun kee si gargaaruu dandaʼa.
BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Abdii qabaachuu jechuun wantoonni gaggaariin akka dhufan hawwuu jechuu qofa miti. Abdiin namni tokko haala keessa jiru fooyyessuuf humna isaaf kennuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qorannoowwan akka argisiisanitti namoonni abdii qaban . . .
yeroo baayʼee haala ulfaataa ni dandamatu
yeroo barbaachisaa taʼutti sirreeffama gochuu ni dandaʼu
murtoowwan gaggaarii fayya buleeyyii taʼuu fi jireenya gaarii jiraachuuf isaan gargaaran gochuu dandaʼu
WANTA GOCHUU DANDEESSU
Tokkoffaa, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe qori. Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii qaalaʼiinsa jireenyaa dandamachuuf si gargaaru qabateera. Jireenya kee fooyyessuuf homaa gochuu akka hin dandeenye akka sitti hin dhagaʼamnee fi yeroo gara fuulduraa dandamachuuf caalaatti qophaaʼaa akka taatu si gargaara.
Lammaffaa, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu qori. Faayidaa ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru qabu yommuu hubattu, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wanta inni dubbatu gad fageenyaan qoruuf kakaʼuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Waaqayyo “egeree gaarii fi abdii” akka siif kenne ni baratta; akkasumas wanta abdii inni sii kenneef buʼuura taʼe ni hubatta. (Ermiyaas 29:11) Buʼuurri kun Mootummaa Waaqayyooti.
MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALIDHA? MAAL RAAWWATA?
Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa gara fuulduraatti guutummaa lafaa bulchudha. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Caqasoonni armaan gadii akka argisiisanitti, mootummaan kun samiirra taaʼee kan bulchu yeroo taʼu, rakkinaa fi hiyyummaa balleessuudhaan, nagaa fi badhaadhinaan bakka buusa.
Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyo ‘sobuu akka hin dandeenye’ waan amananiif, abdiiwwan kun akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaniiru. (Tiitoo 1:2) Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee abdii kanaa beekuu ni dandeessa. Abdiin Kitaaba Qulqulluu keessa jiru rakkina dinagdee si mudatu dandamachuu fi yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuuf si gargaara.