LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • dg kutaa 3 ful. 4-9
  • Waaqayyo Jiraachuusaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Jiraachuusaa
  • Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumama Cufa Isa Dinqisiisaa
  • Lafti Haala Dinqisiisaa Ta’een Uumamte
  • Seelii Dinqisiisaa Ta’e
  • Sammuu Keenya Isa Dinqisiisaa
  • Seera Sochii Dhiigaa Dinqisiisaa Ta’e
  • Wantoota Dinqisiisaa Ta’an Garabiraa
  • Ijaartuu Hundumaa Caalu
  • Uumamani Wal Xaxaa hin Taane Jiraa?
    Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
  • Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
dg kutaa 3 ful. 4-9

Kutaa 3

Waaqayyo Jiraachuusaa Akkamitti Beekuu Dandeenya?

1, 2. Waaqayyo akka jiru amanuuf seerri nu gargaaru maalidha?

WAAQAYYO jiraachuusaa karaan itti beekuu dandeenyu keessaa inni tokko, wanti hojjetame tokko nama isa hojjete qabaachuusaa hubachuudhaani. Wanti hojjetame salphaatti kan namaaf hin galle yoo ta’e, qaamni wanta sana hojjete dandeettii cimaa qaba jechuudha.

2 Fakkeenyaaf, wantoota mana kee keessa jiran ilaali. Minjaalli, teessumni, sireen, xuwween, miini ittiin waa bilcheesan, saaniifi wantoonni garabiraan nama isaan hojjete qabu; akkasumas keenyaniifi koorniisiin nama ogeessa ta’een hojjetamu. Haata’u malee, wantoonni kun wantoota salphaadha. Namni wantoota xixiqqoo kana hojjetu erga barbaachisee, wantoota gurguddaa hojjechuuf namni dandeettii cimaa qabu akka barbaachisu beekamaa mitii?

Uumama Cufa Isa Dinqisiisaa

3, 4. Uumamni cufti Waaqayyo jiraachuusaa beekuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3 Sa’aatii namatu hojjeta. Aduufi pilaanetoota isheetti marsanii naanna’an jaarraadhaa gara jaarraatti utuu sekoondii tokko hin dogoggorin sirriitti hojiisaanii raawwatanoo qaamni hojjete hin jiruu? Gaalaaksiin nuti keessa jiraannu inni Miilkii Weeyi jedhamuufi Urjiiwwan biiliyoona 100 ol ta’an qabuhoo qaama isa uume hin qabuu? Halkaniin manaa gad baatee Miilkii Weeyii urjoota biiliyoona 100 ol ta’an qabu argitee beektaa? Wanta argite sanattoo hin dinqifannee? Ammammoo uumama cufarratti waa’ee Miilkii Weeyii nuti keessa jiraannuu wajjin wal fakkaataniifi gaalaaksiiwwan biiliyoona hangana hin jedhamne qaban mee yaadi! Kana malees, sochiin qaamota kanaa baraa hanga baraatti amansiisaa waan ta’ef, akka meeshaa sa’aatiin ittiin lakkaa’amuufi matumaa hin dogoggorretti fakkeeffameera.

4 Dhugumayyuu namni sa’aatii hojjetu erga barbaachisee, uumama cufa salphaatti hubachuun hin danda’amneefi baay’ee dinqisiisaa ta’e kan uume jiraachuunsaa kan shakkisiisu miti. Macaafni Qulqulluunis ‘ol jennee ija keenyaan akka ilaallu’ nu jajjabeessuudhaan: “Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa?” jechuudhaan erga gaafatee booda: “Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni [Waaqayyo] humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta’eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru” jechuudhaan deebiisaa kenna. (Isaayaas 40:26) Waan kana ta’eef, uumamni cufti kan uumame Waaqa isa ijaan hin argamneefi humna guddaa qabuunidha jechuudha.

Lafti Haala Dinqisiisaa Ta’een Uumamte

5-7. Lafti Uumaa akka qabdu ragaaleen argisiisan maalfa’i?

5 Saayintistoonni yeroo waa’ee lafaa qorachaa adeeman, namoonni akka irra jiraataniif qophaa’uushee caalaatti hubachaa dhufaniiru. Lafti kun aduurraa ifaafi ho’a barbaachisaa ta’e argachuuf bakka mijaa’aa ta’erratti argamti. Waggaatti al tokko utubaasheerraa gar tokkotti jal’attee aduutti marsuunshee, addunyaa maratti bonni, ganni, arfaasaafi birraan akka jiraatan godheera. Sa’aatii 24⁠tti al tokko ofirra naanna’uunsheemmoo, guyyaafi halkanni akka jiraatan godheera. Qilleensa barbaachisaa ta’an adda addaa qabaachuunshee, akka hafuura baafannuufi ifa samiirraa dhufuun akka hin miidhamne eegumsa argachuuf nu gargaara. Bishaaniifi biyyoo biqiltoota magarsuu danda’anis qabdi.

6 Wantoonni olitti ibsamaniifi isaaniin fakkaatan utuu hin jiran ta’ee lubbuudhaan jiraachuun hin danda’amu ture. Wantoonni kun hundi akkuma tasaa kan argamanidhaa? Kitaabni Saayins Niiwus jedhamu: “Wantoonni sirrii ta’an kun, akkuma tasaa kan dhufanidha jedhanii amanuun rakkisaadha” jechuudhaan barreesseera. Matumaa wantoonni kun akka tasaa kan argaman utuu hin ta’in, qaama karoora dinqisiisaa baasuu danda’uun kan uumamanidha.

7 Mana bareedaa nyaata gaarii, ho’a mijaa’aa, meeshaa ittiin haala qilleensaa to’ataniifi bishaan qulqulluu qabu utuu argitee maal hubatta? Wanti kun hundi ofumasaatiin argame jettee yaaddaa? Matumaa akkas jettee hin yaaddu; kanaa mannaa namni dandeettii qabu karoora baasee of eeggannoodhaan akka hojjete hubatta. Haaluma wal fakkaatuun laftis, fedha lubbu qabeeyyii isheerra jiraatanii guutuu akka dandeessuuf, mana namni qopheesse kamiyyuu caalaatti wantoota barbaachisaa ta’an hundumaa qabdi.

8. Akkaataan lafti kun itti uumamte Waaqayyo akka nuuf yaadu kan argisiisu akkamitti?

8 Mee waa’ee wantoota hedduu gammachuu namaaf argamsiisanis yaadi. Abaaboowwan mimmiidhagoo halluu garaa garaafi urgaa nama gammachiisu qaban mee yaadi. Nyaatawwan akaakuu adda addaafi mi’aa gaarii qabanis jiru. Bosonawwan, tulluuwwan, haroowwaniifi uumamawwan garabiraan ilaaluuf namatti tolan heduminaan jiru. Dabalataanis, yeroo biiftuun lixxu akkam akka bareedduufi akkam akka nama gammachiistu yaadi. Yeroo gara bineensotaatti dhufnummoo, ilmooleen sarootaafi adurrootaa, akkasumas bineensota garabiraan yeroo burraaqan arguun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Kanaafuu, lafti wantoota nama gammachiisaniifi lubbuudhaan jiraachuuf dirqama nu hin barbaachisne hedduu qabdi. Kunimmoo, lafti kun kan qophoofte ilmaan namootaa akka irra jiraataniif qofa utuu hin ta’in, akka gammachuudhaan irra jiraataniif of eeggannoodhaan uumamuushee nu hubachiisa.

9. Lafa kan uume eenyu? Kaayyoo maaliitiif?

9 Kanaafuu, akkuma Isaayaas: “Ati waaqaafi lafa uumteetta” jedhee barreesse, nutis wantoota kana hundumaa kan uume Yihowaa ta’uusaa amannee fudhachuu qabna. Wantoota kana hundaa kan uume kaayyoo maaliitiifi? Barreessaan Macaafa Qulqulluu kun yeroo deebiisaa kennu: “Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta’uuf hin uumne” jechuudhaan ibseera.—Isaayaas 37:16; 45:18.

Seelii Dinqisiisaa Ta’e

10, 11. Seeliin dinqisiisaa kan ta’e maaliifi?

10 Wantoota lubbu qabeeyyii ta’an kan uume eenyu? Fakkeenyaaf, seelii dinqisiisaa ta’e tokko haa ilaallu. Saayintistii molekiyuulii baayolojii kan ta’an Mikaa’el Deentan kitaabasaanii isa Jijjiirama Tirannaa Yaada Kufuuf Oliifi Gad Bitintiraa Jiru jedhamurratti, akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Lubbu qabeeyyii biyya lafaa kanarratti baay’ee xiqqoodha jedhame keessaa seelonni baakteeriyaa hubachuudhaaf baay’ee kan nama rakkisanidha. . . . Seelonni kun garmalee xixinnoo ta’anillee, . . . tokkoo tokkoon seelota kanaa warshaa namoota dandeettii cimaa qabaniin hojjetameefi maashinii hubachuuf nama rakkisu kamiyyuu caalaatti kan qindoomanidha . . . seelota kana wantoota lubbu qabeeyyii hin taane bira qabnee yeroo ilaallu, warshaa baay’ee xiqqoo ta’edha jedhanii dubbachuun ni danda’ama.”

11 Saayintiistiin kun, amala jenetiik koodii seelota keessatti argaman wanta murteessu ilaalchisanii akkas jedhaniiru: “Dandeettiin DNAn odeeffannoo qabachuuf qabu meeshaa odeeffannoo qabachuufi kaa’uudhaan beekaman hundaa kan caaludha; odeeffannoo qabachuutti baay’ee amansiisaa waan ta’eef, wanti tokko nama ta’uusaa adda baasee murteessuuf odeeffannoon isa barbaachisu, giraamiin tokko miiliyoonatti utuu hiramee ulfinni isaa, kuma muraasaan kan lakkaa’amu ta’a. . . . Meeshaaleen ammayyaadha jedhaman ogummaafi wal xaxa warshaa moleekiyuulii keessatti argamanii wajjin yeroo waliin madaalaman wanta gatii hin qabne ta’anii mul’atu. Kunis akka gad of qabnu nu dirqisiisa.”

12. Saayintiistiin tokko waa’ee madda seelii maal jedhaniiru?

12 Deentan itti dabalaniis akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Seeliin salphaa fakkaatu tokkollee hubachuuf kan nama rakkisu ta’uunsaa wanti kun akkuma tasaatti dhufe jedhanii amanuuf kan nama rakkisu ta’a.” Kanaafuu, Qaamni wanta kana uume jira jechuudha.

Sammuu Keenya Isa Dinqisiisaa

13, 14. Sammuun seelii caalaatti dinqisiisaa kan ta’e maaliifi?

13 Saayintiistiin kun itti dabaluudhaan akkas jedhaniiru: “Seeliin qeenxeen tokko sammuu namaa wajjin yeroo waliin ilaalamu, akka waan jiruutti hin lakkaa’amu. Sammuun namootaa narvii seelii miiliyoona kuma kudhaniin lakkaa’aman qabateera. Tokkoo tokkoon narvii seelii narvii seelota sammuu keessatti argamanii wajjin kan wal qabatan wantoota akka ribuutti wal qabsiisan fakkaatan kuma kudhaniifi kuma dhibbaan lakkaa’amanidha. Akka kanaan seelonni sammuu namaa keessatti walqabatanii jiran dimshaashumatti . . . kuma miiliyoona al miiliyoonaan lakkaa’amu.”

14 Deentan itti fufuudhaan akkas jedhaniiru: “Narvii seelotaa akkaataa kanaan sammuu keessatti wal qabatan keessaa dhibbeentaan tokko qofti haala qindoomina qabuun utuu lafa kanarratti diriirfamee, sabquunnamtii biyya lafaarratti argaman hundumaa baay’ee kan caalu ta’a ture.” Itti dabalaniis: “Wanti akka tasaatti argame wanta qindoomina akkasii qabu argamsiisuu danda’aaree?” jechuudhaan gaafataniiru. Deebiinsaa ta’uu hindanda’u kan jedhu akka ta’u beekamaadha. Kanaafuu, sammuu kan uume Waaqa namootaaf yaadu ta’uu qaba.

15. Hayyoonni tokko tokko sammuu ilaalchisee yaada attamii kennaniiru?

15 Sammuun namootaa, kompiitara ammayyaa isa waan baay’ee hojjechuu danda’urrallee hedduu caala. Barreessaa saayinsii kan ta’an Mortan Hant akkas jedhaniiru: “Wantoota salphaa ta’an yaadachuuttillee sammuun keenya kompiitara waan baay’ee yaadachuu danda’u harka biiliyoona hedduu caalaatti wantoota hedduu qabachuu danda’a.” Kanaan kan ka’es, ogeessa fayyaa kan ta’an Doktor Roobart J. Waayit akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Uumaan hundaa caalaatti dandeettii qabu, hubannaa namootaatiin ol kan ta’eefi, kan sammuu namaa uume jiraachuusaa amanee fudhachuun alatti filannaa hin qabu. . . . Qaamni dandeettii guddaa qabu tokko wanta kana hundumaa akka uume amannee fudhachuu qabna.” Qaamni kunis namootaaf kan yaadudha.

Seera Sochii Dhiigaa Dinqisiisaa Ta’e

16-18. (a) Seerri sochii dhiigaa dinqisiisaa kan ta’e karaa kam fa’iini? (b) Kanarraa ka’uudhaan murtoo akkamiirra ga’uu qabna?

16 Mee seera sochii dhiigaa dinqisiisaa nyaataafi oksijiinii deddeebisuudhaan dhukkuba nurraa ittisus akka fakkeenyaatti fudhadhu. Kitaabni Qaama Namootaa ABC jedhamu tokko kutaa seelii dhiigaa gurguddaa ta’an keessaa waa’ee seelii dhiiga diimaa ilaalchisee, akkas jedha: “Dhiigni cobsaan tokko, seelota dhiigaa miiliyoona 250 ol ta’an qabateera . . . Guutummaan seelota dhiiga keenyaa utuu lafarratti diriirfamanii dirree teenisii afurirratti afamuu kan danda’an seelota dhiigaa triliyoonii 25 ta’an utuu hin qabaatin hin hafan. . . . Sekoondii tokkotti seelonni haaraan miiliyoona 3 ta’an seelota warra du’aniin bakka buufamu.”

17 Kitaabumti kun, waa’ee seera sochii seelii dhiiga adii ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbata: “Seeliin dhiiga diimaa gosa tokko qofa kan qabu yeroo ta’u, seelonni dhiiga adii garuu waldhaansoo qaamni keenya dhukkuba mo’uuf godhu gargaaruu akka danda’utti seelota garaa garaa qaba. Fakkeenyaaf, gosni seelii dhiiga adii inni tokko seeliiwwan du’an kan balleessudha. Warri kaanimmoo, wantoota vaayirasoota adda addaa morman oomishu, wantoota qaama keenyaaf gaarii hin taane balleessu, ykn baakteeriyaa nyaatanii bulleessu.”

18 Kun kan nama dinqisiisuufi akka gaariitti kan qindaa’edha! Dhugumayyuu, wanti qindoominaan balaa ofirraa faccisuu danda’u kun, Waaqni isa uumeefi namootaaf yaadu akka jiru argisiisa.

Wantoota Dinqisiisaa Ta’an Garabiraa

19. Iji namaa meeshaawwan namoonni hojjetanii wajjin garaa garummaa akkamii akka qabu ibsi?

19 Qaama namootaa keessa wantoonni nama dinqisiisan hedduun jiru. Isaan keessaa tokko ija yeroo ta’u, kaameeraan kamiyyuu isaan wal hin gitu. Qorataa urjii kan ta’an Roobart Jaastirow: “Iji karooraan akka hojjetame hubachuun ni danda’ama; namni teeleeskoppii hojjetu kamiyyuu wanta ijaa wajjin wal gitu hojjechuu hin danda’u” jechuudhaan dubbataniiru. Kitaabni Kaameeraa Beekamaa jedhamu tokko akkas jedheera: “Iji namaa wantoota xixiqqaa fiilmiin ilaaluu hin dandeenye caalaatti fagoodhaa ilaaluu danda’a. Iji kallattii sadiin utuu hin rakkatin fagootti ilaaluu danda’a . . . Kaameeraafi ija namootaa walbira qabanii ilaaluun wanta wal hin gitne waliin ilaaluu waan ta’eef sirrii miti. Iji namaa meeshaawwan dandeettii namaatiin hojjetame harka baay’ee kan caaluufi odeeffannoowwan qindeessuuf dandeettii kan qabu, saffisaafi kompiitara ykn kaameeraa dabalatee meeshaawwan namoonni hojjetan kamiyyuu caalaatti ofiin of sirreessuu kan danda’udha.”

20. Qaama namootaa keessaa wanti nama ajaa’ibsiisu tokko tokko maalidha?

20 Mee waa’ee buusaa qaamota keenya walirraa fagaatanii jiraniifi utuu nuyi itti hin yaadin qindoominaan hojjetanii yaadi. Fakkeenyaaf, nyaataafi dhugaatii adda addaa gara garaa keenyaatti kan galchinu ta’ullee, qaamni keenya wantoota sooranne kana kutaa kutaasaatti gargar fo’ee humnatti jijjiira. Wantoota adda addaa kana kuusaa boba’aa konkolaataa keetti naqiitii konkolaataan kun hammam akka adeemuu danda’u ilaali. Kana malees, akkaataan hormaata keenyaas kan nama dinqisiisudha; daa’imni nama mararu tokko ji’a sagal keessatti warrasaa fakkaatee dhalata. Waggoota muraasa keessatti daa’imni tokko afaan ulfaataa ta’e dubbachuu danda’uunsaahoo kan nama ajaa’ibsiisu mitii?

21. Namni ilaalcha sirrii qabu akkaataa uumama qaama keenyaa yeroo ilaalu maal jedhee dubbata?

21 Akkaataan uumama qaama namaa kun Uumaa keenya akka dinqisiifannu nu godha. Injinariin kamiyyuu wantoota kana hojjechuu hin danda’u. Wantoonni kun akka tasaatti argamuu danda’uu? Matumaa ta’uu hin danda’ani. Kanaa mannaa, wantoota akkasii yeroo ilaallu, namni ilaalcha sirrii qabu tokko akkuma Faarfatichaa yaa Waaqayyo: “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajiiti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka” jedhee dubbata.—Faarfannaa 139:14.

Ijaartuu Hundumaa Caalu

22, 23. (a) Uumaan jiraachuusaa amannee fudhachuu kan qabnu maaliifi? (b) Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayyoo maal jedha?

22 Macaafni Qulqulluun: “Manni illee adduma addaan nama tokkoon in ijaarama; inni wanta hundumaa ijaare garuu Waaqayyoo dha” jechuudhaan dubbata. (Ibroota 3:4) Wanti akka manaa xinnoo ta’ellee ijaartuu erga qabaate, uumamni cuftiifi lubbu qabeeyyiin lafarra jiran garaa garaa qaama isaan uume akka qaban homaa hin shakkisiisu. Akkasumas namoonni xiyyaara, televijiiniifi, kompiitarii uuman jiraachuusaanii erga amannee, namoonni wanta akkasii akka hojjetaniif kan sammuu isaaniif kenne jiraachuusaa amanuu hin qabnuu?

23 Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyo gooftaan inni bantiiwwan waaqaa diriirse, inni biyya lafaa fi wanta isa irratti biqilu uume, inni lafa kana irratti namootaaf hafuura kenne, warra lafa irra jiraatan hundumaafis jireenya kenne” jechuudhaan waa’ee Waaqayyoo dubbata. (Isaayaas 42:5) Macaafni Qulqulluun: “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta’a” jedhee dubbachuunsaa sirriidha.—Mul’ata 4:11.

24. Waaqayyo jiraachuusaa akkamitti beekuu dandeenya?

24 Eeyyee, Waaqayyo jiraachuusaa wantoota inni uumerraa beekuu dandeenya. “Waaqummaan isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a.”—Roomaa 1:20.

25, 26. Wanti tokko seeraan ala waan ittiin hojjetameef namni isa hojjete hin jiru jechuun sirrii kan hin taane maaliifi?

25 Wanti hojjetame tokko sirriitti hojiirra hin oolle jechuun qaamni wanta sana hojjete hin jiru jechuu miti. Xiyyaarri kaayyoo gaariidhaaf jechuunis geejjibaaf tajaajiluu danda’a. Haata’u malee, boombii roobsuudhaan badiisaaf ooluunsaa namni isa hojjete hin jiru jechuu miti.

26 Haaluma wal fakkaatuun, namoonni balleessaarratti bobba’uunsaanii uumaa hin qaban, ykn Waaqayyo hin jiru jechuu miti. Kanaan kan ka’es Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dubbata: “Isin mataa miilla gootanii, miilla mataa gootan; supheen isa suphee dha’u ta’uu danda’aa ree? Wanti harka namaatiin hojjetame tokko isa isa hojjeteen, ‘Ati ana hin hojjenne’ jechuu danda’aa ree? Wanti namni tokko tolche, isa isa tolcheen, ‘Inni hubachuu hin danda’u’ jechuu danda’aa ree?”—Isaayaas 29:16.

27. Waaqayyo rakkoowwan nurra ga’an ilaalchisee gaaffiiwwan gaafannuuf deebii nuu kenna jennee kan eegnu maaliifi?

27 Waaqayyo wantoota salphaatti hubachuu hin dandeenye uumuudhaan ogeessa ta’uusaa argisiiseera. Akka lubbuun irra jiraatutti lafa kana bakka sirrii kaa’uudhaan, qaamaafi sammuu keenya haala dinqisiisaa ta’een uumuudhaafi wantoota gaggaarii gammachuu nuuf argamsiisan uumuudhaan akka nuuf yaadu argisiiseera. Akkasumas, gaaffiiwwan Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame? Rakkina kana balleessuufoo tarkaanfii akkamii fudhata? jedhaniif deebii akka argannu gochuudhaan ogummaasaa argisiiseera.

[Fakkii fuula 5]

Waaqayyo lafa kana kan uume, haalli qilleensaashee mijaa’aa akka ta’uufi qilleensa naannoo wantoota balaa nurraan ga’uu danda’an akka nurraa ittisuu dandeessuufi gammachuudhaan akka irra jiraannuufidha

[Fakkii fuula 6]

Lafti kun kan uumamte guutummaatti jireenya gammachiisaa akka irra jiraannuuf ture

[Fakkii fuula 7]

‘Sammuun namaa, sabquunnamtii addunyaa kanarratti argaman hundumaa kan caaludha.’ —Hayyuu mooliikiyuulii baayooloojii

[Fakkii fuula 8]

“Iji karooraan akka hojjetame hubachuun ni danda’ama; namni teeleeskoppii hojjetu kamiyyuu wanta ijaa wajjin wal gitu hojjechuu hin danda’u.”—Qorataa urjii

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi