LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 37
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Hisqiyaas karaa Isaayyaas gargaarsa Waaqaa gaafate (1-7)

      • Senaaheriib Yerusaalemiin doorsise (8-13)

      • Kadhannaa Hisqiyaas (14-20)

      • Isaayyaas deebii Waaqaaa dubbate (21-35)

      • Maleekaan tokko Asoorota 185,000 fixe (36-38)

Isaayyaas 37:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:1-4

Isaayyaas 37:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana mootummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 26:22; Isa 1:1

Isaayyaas 37:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “arrabsoo.”

  • *

    Kal., “akkuma dubartii daaʼimni afaan gadameessaa bira gaʼee.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 26:17, 18

Isaayyaas 37:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 17:45; 2Mo 18:28, 35
  • +2Mo 17:18
  • +2Se 32:20; Fr 50:15; Yoe 2:17

Isaayyaas 37:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:5-7

Isaayyaas 37:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:17
  • +Kes 20:1

Isaayyaas 37:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “hafuura tokko isa keessa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 21:1
  • +2Se 32:21; Isa 37:37, 38

Isaayyaas 37:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 10:29, 30; 2Mo 8:22; 19:8-13

Isaayyaas 37:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:17

Isaayyaas 37:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:15

Isaayyaas 37:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:5, 6; 2Se 32:13; Isa 10:11

Isaayyaas 37:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 36:19
  • +Uma 11:31

Isaayyaas 37:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:24; Isa 36:19

Isaayyaas 37:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:14-19

Isaayyaas 37:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 8:30; 2Se 6:20; 20:9; Dan 9:3

Isaayyaas 37:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “kiruubelota gidduu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 46:7; Isa 8:13

Isaayyaas 37:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 6:40; Fr 65:2
  • +2Se 16:9; 1Ph 3:12
  • +Isa 37:4

Isaayyaas 37:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:29; 16:8, 9; 1Se 5:26

Isaayyaas 37:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:11
  • +Isa 40:19; 41:7; Er 10:3; Hos 8:6; HoE 17:29

Isaayyaas 37:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:31, 39; Fr 83:18; 96:5

Isaayyaas 37:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:20, 21

Isaayyaas 37:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:4, 16
  • +2Mo 18:30, 35; Isa 10:12, 13
  • +Bau 15:11; 2Mo 19:22-24; Isa 10:20; His 39:7

Isaayyaas 37:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:17
  • +Isa 10:10, 11

Isaayyaas 37:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Boʼoowwan Abbayyaa.”

Isaayyaas 37:26

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “raawwatameera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 33:11; Isa 46:10
  • +Isa 55:10, 11
  • +2Mo 19:25, 26

Isaayyaas 37:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 5:21; 15:3; Ibr 4:13
  • +2Mo 19:27, 28

Isaayyaas 37:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 46:6; Isa 10:15; 37:23
  • +Isa 36:4, 20
  • +Fr 32:9

Isaayyaas 37:30

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, Hisqiyaasiif.

  • *

    Ykn., “firii midhaanii harcaʼee biqile.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:29-31

Isaayyaas 37:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:9; 10:20, 21

Isaayyaas 37:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:4
  • +Isa 59:17; Yoe 2:18; Zak 1:14, 15

Isaayyaas 37:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 10:24
  • +2Se 32:22; Isa 10:32
  • +2Mo 19:32-34

Isaayyaas 37:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 32:27; 1Sa 12:22; 2Mo 20:6; His 36:22
  • +1Mo 15:4
  • +Isa 31:5

Isaayyaas 37:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:35-37; 2Se 32:21

Isaayyaas 37:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:8, 11; Yon 1:2
  • +2Mo 19:7, 28

Isaayyaas 37:38

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana qulqullummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:21
  • +Uma 8:4
  • +Iz 4:1, 2

Yaada Wal Simu

Isa. 37:12Mo 19:1-4
Isa. 37:22Se 26:22; Isa 1:1
Isa. 37:3Isa 26:17, 18
Isa. 37:41Sa 17:45; 2Mo 18:28, 35
Isa. 37:42Mo 17:18
Isa. 37:42Se 32:20; Fr 50:15; Yoe 2:17
Isa. 37:52Mo 19:5-7
Isa. 37:62Mo 18:17
Isa. 37:6Kes 20:1
Isa. 37:7Fak 21:1
Isa. 37:72Se 32:21; Isa 37:37, 38
Isa. 37:8Iya 10:29, 30; 2Mo 8:22; 19:8-13
Isa. 37:92Mo 18:17
Isa. 37:102Se 32:15
Isa. 37:112Mo 17:5, 6; 2Se 32:13; Isa 10:11
Isa. 37:12Isa 36:19
Isa. 37:12Uma 11:31
Isa. 37:132Mo 17:24; Isa 36:19
Isa. 37:142Mo 19:14-19
Isa. 37:151Mo 8:30; 2Se 6:20; 20:9; Dan 9:3
Isa. 37:16Fr 46:7; Isa 8:13
Isa. 37:172Se 6:40; Fr 65:2
Isa. 37:172Se 16:9; 1Ph 3:12
Isa. 37:17Isa 37:4
Isa. 37:182Mo 15:29; 16:8, 9; 1Se 5:26
Isa. 37:19Isa 10:11
Isa. 37:19Isa 40:19; 41:7; Er 10:3; Hos 8:6; HoE 17:29
Isa. 37:20Kes 32:31, 39; Fr 83:18; 96:5
Isa. 37:212Mo 19:20, 21
Isa. 37:232Mo 19:4, 16
Isa. 37:232Mo 18:30, 35; Isa 10:12, 13
Isa. 37:23Bau 15:11; 2Mo 19:22-24; Isa 10:20; His 39:7
Isa. 37:242Se 32:17
Isa. 37:24Isa 10:10, 11
Isa. 37:26Fr 33:11; Isa 46:10
Isa. 37:26Isa 55:10, 11
Isa. 37:262Mo 19:25, 26
Isa. 37:28Fak 5:21; 15:3; Ibr 4:13
Isa. 37:282Mo 19:27, 28
Isa. 37:29Fr 46:6; Isa 10:15; 37:23
Isa. 37:29Isa 36:4, 20
Isa. 37:29Fr 32:9
Isa. 37:302Mo 19:29-31
Isa. 37:31Isa 1:9; 10:20, 21
Isa. 37:322Mo 19:4
Isa. 37:32Isa 59:17; Yoe 2:18; Zak 1:14, 15
Isa. 37:33Isa 10:24
Isa. 37:332Se 32:22; Isa 10:32
Isa. 37:332Mo 19:32-34
Isa. 37:35Kes 32:27; 1Sa 12:22; 2Mo 20:6; His 36:22
Isa. 37:351Mo 15:4
Isa. 37:35Isa 31:5
Isa. 37:362Mo 19:35-37; 2Se 32:21
Isa. 37:37Uma 10:8, 11; Yon 1:2
Isa. 37:372Mo 19:7, 28
Isa. 37:382Se 32:21
Isa. 37:38Uma 8:4
Isa. 37:38Iz 4:1, 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 37:1-38

Isaayyaas

37 Hisqiyaas Mootichi akkuma kana dhagaʼeen uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas uffatee gara mana Yihowaa dhaqe.+ 2 Achiis inni, Eliyaaqiim inni manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe, Shebnaan inni barreessaa taʼee fi jaarsoliin lubootaa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaas+ raajichaa isa ilma Amooz taʼee akka dhaqan isaan erge. 3 Isaanis akkana isaan jedhan: “Hisqiyaas akkana jedha: ‘Guyyaan kun guyyaa dhiphinaa, guyyaa ifannaa* fi guyyaa salphinaa ti; nuti akkuma dubartii daʼuu jala geessee* ciniinsifachuuf humna dhabdee taaneerra.+ 4 Tarii Waaqni kee Yihowaan dubbii Raabshaaqichi inni mootiin Asoor gooftaan isaa Waaqa jiraataa akka arrabsuuf+ erge sun dubbate ni dhagaʼa taʼa; akkasumas dubbii Waaqni kee Yihowaan dhagaʼe sanaaf isa ni gaafata taʼa. Kanaafuu, namoota asitti hafaniif+ kadhannaa dhiheessi.’”+

5 Tajaajiltoonni Hisqiyaas Mootichaas gara Isaayyaasitti ni seenan;+ 6 Isaayyaasis akkana isaaniin jedhe: “Gooftaa keessaniin akkana jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Dubbii dhageesseen, dubbii isa tajaajiltoonni mootii Asoor+ ittiin na arrabsan sanaan kan kaʼe hin sodaatin.+ 7 Kunoo, ani sammuu isaa keessa yaada tokko* nan kaaʼa; innis oduu tokko dhagaʼee gara biyya isaatti ni deebiʼa;+ anis akka inni biyyuma isaatti goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.”’”+

8 Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa wajjin wal waraanuus isa argate.+ 9 Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Innis yommuu kana dhagaʼu, ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11 Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12 Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu?+ Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13 Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim,+ mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa meerre?’”

14 Hisqiyaasis xalayaawwan sana harka namoota ergaman sanaa irraa fuudhee dubbise. Achiis gara mana Yihowaatti ol baʼee xalayaawwan sana Yihowaa duratti diriirse.+ 15 Sana booda Hisqiyaas akkana jedhee Yihowaa kadhachuu jalqabe:+ 16 “Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,+ yaa Waaqa Israaʼel isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra teessu, mootummoota lafaa hundaaf Waaqni dhugaan si qofa dha. Ati samii fi lafa uumteetta. 17 Yaa Yihowaa, gurra kee as qabii dhagaʼi!+ Yaa Yihowaa, ija kee banii ilaali!+ Dubbii Senaaheriib Waaqa jiraataatti qoosuuf erge hundumaa dhagaʼi.+ 18 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor biyyoota hundumaa fi biyyoota ofii isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 19 Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru;+ sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 20 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+

21 Achiis Isaayyaas ilmi Amooz akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Senaaheriib mootii Asooriin ilaalchisee gara kootti kadhannaa waan dhiheessiteef,+ 22 dubbiin Yihowaan isa irratti dubbate kana dha:

“Intalli Xiyoon ishiin durba taate si tuffatti, sitti qoosti.

Intalli Yerusaalem mataa sitti raasti.

23 Ati kan itti qoostee+ fi kan arrabsite eenyuuni?

Sagalee kee kan ol kaaste eenyu irratti?+

Of jajuudhaanis kan ilaalte eenyuuni?

Isa Qulqulluu kan Israaʼeli!+

24 Ati karaa tajaajiltoota keetii Yihowaatti qoostee+ akkana jette:

‘Gaariiwwan fardaa waraanaa koo hedduu taʼaniin

Gara ol dheerina gaarotaatti,+

Gara iddoowwan fagoo Libaanonittis ol nan baʼa.

Gaattiraawwan ishii dhedheeroo taʼanii fi mukeetii birbirsaa ishii filatamoo taʼan nan mura.

Dahoowwan ishii warra ol kaʼoo taʼanii fi bosonawwan ishii warra gobbatan keessa nan seena.

25 Ani boollawwan bishaanii qotee bishaanota nan dhuga;

Burqaawwan* Gibxii faana miila kootiin nan gogsa.’

26 Ati hin dhageenyee? Kun yeroo dheeraa dura murteeffameera.*

Bara duriitii jalqabee ani kana qopheesseera.+

Amma kun akka raawwatamu nan godha.+

Atis magaalota dallaa dhagaa qaban tuullaa diiggaa ni goota.+

27 Jiraattonni isaanii gargaarsa kan hin qabne taʼu;

Isaan ni sodaatu, ni qaanaʼus.

Isaan akka biqiltuu dirree irraa fi akka marga lalisaa,

Akka marga baaxii irratti biqilee bubbee bahaatiin waxalamees ni taʼu.

28 Ani garuu ati yoom akka teessu, yoom akka gad baatuu fi yoom akka ol seentu,+

Akkasumas yoom akka anatti dheekkamte akka gaariitti nan beeka;+

29 Sababiin isaas, natti dheekkamuun kee+ fi iyyi kee gurra koo gaʼeera.+

Kanaafuu, funyaan keetti hookkoo koo, afaan keettis luugama+ koo nan galcha;

Karaa irra dhufteenis akka deebitu nan godha.”

30 “‘Kunis mallattoo siif* ni taʼa: Waggaa kanatti isa ofii isaatiin biqile* ni nyaattu; waggaa lammaffaatti midhaan isa irraa late ni nyaattu; waggaa sadaffaatti garuu, sanyii ni facaafattu; ni haammattus; mukeetii wayiniis dhaabdanii firii isaanii ni nyaattu.+ 31 Mana Yihudaa keessaa warri miliqanii fi warri hafan+ gara gadiitti hidda ni dheereffatu; gara oliittis firii ni godhatu. 32 Warri hafan Yerusaalem keessaa, warri oolanis Gaara Xiyoon keessaa ni baʼu.+ Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.+

33 “‘Kanaafuu, Yihowaan mootii Asooriin ilaalchisee akkana jedha:+

“Inni magaalaa kanatti hin seenu+

Yookiin ishiitti xiyya hin futtaasu

Yookiin gaachana qabatee ishiitti hin dhufu

Yookiin ishiitti marsuuf naannoo ishiitti biyyoo hin tuulu.”’+

34 ‘Inni karuma dhufe irra ni deebiʼa;

Magaalaa kanattis hin seenu’ jedha Yihowaan.

35 ‘Ani ofii kootii+ fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee+

Magaalaa kana nan eega;+ ishiis nan oolcha.’”

36 Maleekaan Yihowaa tokkos gad baʼee buufata Asoorotaa keessatti namoota 185,000 ni ajjeese. Namoonnis ganama barii yommuu kaʼan, reeffawwan sana hundumaa ni argan.+ 37 Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 38 Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi