-
2 Seenaa Baraa 32:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Sana booda Yihowaan maleekaa tokko ergee, loltoota jajjaboo,+ geggeessitootaa fi ajajjoota buufata mootii Asoor keessa turan hundumaa haxaaʼee waan balleesseef, mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Boodas inni gara mana waaqa isaatti seene; achittis ilmaan isaa goraadeedhaan isa ajjeesan.+
-
-
Isaayyaas 37:37, 38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Kanaafuu, Senaaheriib mootiin Asoor bakka sana gadhiisee deeme; gara Nanawweetti+ deebiʼees achi taaʼe.+ 38 Utuma inni mana* waaqa isaa Nisrookitti sagadaa jiruus ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer goraadeedhaan isa ajjeesanii+ gara biyya Araaraatitti+ baqatan. Ilmi isaa Eesaar Hadoonis+ bakka isaa mootii taʼe.
-