LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Taʼus wanta diinni koo jedhu waanan sodaadheef+ akkana hin jenne;

      Sababiin isaas, diinonni wanta kana karaa sirrii hin taaneen hubachuu dandaʼu.+

      Isaan, “Humni keenya injifannoo argateera;+

      Wanta kana hundumaa kan godhe Yihowaa miti” jechuu dandaʼu.

  • 1 Saamuʼel 12:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yihowaan maqaa isaa isa guddaadhaaf+ jecha saba isaa hin dhiisu;+ sababiin isaas, Yihowaan saba isaa isin godhachuu barbaadeera.+

  • 2 Mootota 20:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Umurii* kee irratti waggaa 15 siifan dabala; siinis taʼe magaalaa kana harka mootii Asoor jalaa nan oolcha;+ ofii kootii fi tajaajilaa koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.”’”+

  • Hisqiʼel 36:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Kanaafuu, mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa mana Israaʼel, ani tarkaanfii kanan fudhadhu isiniif jedhee miti; kanaa mannaa, maqaa koo isa qulqulluu isa isin saboota gara isaanii dhaqxan sana gidduutti xureessitaniif jedheeni.”’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi