-
2 Mootota 19:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Ati kan itti qoostee fi kan arrabsite eenyuuni?+
Sagalee kee kan ol kaaste eenyu irratti?+
Of jajuudhaanis kan ilaalte eenyuuni?
Isa Qulqulluu kan Israaʼeli!+
23 Ati karaa ergamtoota+ keetii Yihowaatti qoostee+ akkana jette:
‘Gaariiwwan fardaa waraanaa koo hedduu taʼaniin
Gara ol dheerina gaarotaatti,
Gara iddoowwan fagoo Libaanonittis ol nan baʼa.
Gaattiraawwan ishii dhedheeroo taʼanii fi mukeetii birbirsaa ishii filatamoo taʼan nan mura.
Dahoowwan ishii warra fagoo taʼanii fi bosonawwan ishii warra gobbatan keessa nan seena.
24 Ani boollawwan bishaanii qotee bishaanota ormaa nan dhuga;
Burqaawwan* Gibxii hunda faana miila kootiin nan gogsa.’
-
-
Isaayyaas 10:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Guyyaa sanatti warri Israaʼel keessaa hafan,
Warri mana Yaaqoob keessaa oolanis
Qaama isaan rukute irratti hin hirkatan;+
Kanaa mannaa, amanamummaadhaan Yihowaa irratti,
Isa Qulqulluu kan Israaʼel irratti ni hirkatu.
-