LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 17 ful. 28-29
  • Michoomakee Eeguuf, Michuu Gaarii Taʼuu Qabda

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michoomakee Eeguuf, Michuu Gaarii Taʼuu Qabda
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • “Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • “Michoota Jedhee Isin Waameera”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 17 ful. 28-29

BARUMSA 17

Michoomakee Eeguuf, Michuu Gaarii Taʼuu Qabda

Michoomni jaalalarratti kan hundaaʼedha. Waaʼee Yihowaa barachaa yommuu adeemtu, jaalalli isaaf qabdu guddachaa adeema. Jaalalli Waaqayyoof qabdu yommuu guddatummoo, fedhiin isa tajaajiluuf qabdus ni guddata. Kunimmoo duuka buutuu Yesus Kiristos akka taatu si kakaasa. (Maatewos 28:19) Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuudhaan, barabaraaf michuu Waaqayyoo taʼuu dandeessa. Haataʼu malee, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf maal gochuu qabda?

Seerasaa eeguudhaan Waaqayyoon akka jaallattu argisiisi. “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.”—1 Yohannis 5:3.

Wanta baratte hojiirra oolchi. Yesus, seenaa kana gochuun barbaachiisaa akka taʼe ibsu dubbateera. Namni ogeessi tokko manasaa dhagaarratti ijaarrate. Namni gowwaan tokkommoo cirracharratti ijaarrate. Yommuu bokkaa cimaan roobu, manni dhagaarratti ijaarame utuu hin jigin kan hafe siʼa taʼu, inni cirracharratti ijaarame garuu ni jige. Yesus, namni dubbiisaa dhagaʼee hojiirra oolchu, nama ogeessa manasaa dhagaarratti ijaarratee wajjin akka wal fakkaatu dubbateera. Namni dubbiisaa dhagaʼee hojiirra hin oolchine garuu, nama gowwaa manasaa cirracharratti ijaarrate fakkaata. Atoo namicha isa kam fakkaachuu barbaadda?—Maatewos 7:24-27.

Mana kattaa irrattii fi cirracha irratti ijaarame

Of murteessuu. Kana jechuun kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaattee, barabaraaf fedhasaa raawwachuu akka barbaaddu itti himta jechuudha. Fedha Waaqayyoo raawwachuunkee duuka buutuu Yesus Kiristos taʼuukee argisiisa.—Maatewos 11:29.

Dubartii kadhannaadhaan Yihowaadhaaf of murteessaa jirtu

Cuuphaa. “Maqaa gooftaa waammadhuu cuuphami! Cubbuu kees of irraa dhiqsiisi!”—Hojii Ergamootaa 22:16.

Namni tokko yommuu cuuphamu

Garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajili. “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin taʼin akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!”—Qolosaayis 3:23.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi