LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kutaa 1: Barumsawwan Kiristiyaanaa
    ‘Dhaqaatii, Isaan Cuuphuudhaan, Barattoota Godhaa’
    • GAAFFILEE NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN

      Kutaa 1: Barumsawwan Kiristiyaanaa

      Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee dhugaa wajjin akka wal bartu si taasiseera. Wanti baratte kun Waaqayyo wajjin hariiroo gaarii akka qabaattu, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalattii fi lafa jannata taatu irratti immoo jireenya bara baraa fi eebbawwan kan biroo argachuuf abdii akka qabaattu akka si gargaare hin shakkisiisu. Amantiin Dubbii Waaqayyoo irratti qabdu cimeera, akkasumas gumii Kiristiyaanaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu keetiin eebbawwan hedduu argatteetta. Kana malees, Yihowaan yeroo ammaatti saba isaa akkamitti akka qabu hubatteetta.—Zak. 8:23.

      Cuuphamuuf yeroo qophooftu kanatti barumsawwan Kiristiyaanaa buʼuura taʼan irratti jaarsolii gumii wajjin mariʼachuun kee si fayyada. (Ibr. 6:1-3) Yihowaan waaʼee isaa beekuuf carraaqqii gootu hunda eebbisuu isaa akka itti fufuu fi badhaasa kennuuf waadaa gale akka siif kennu hawwii keenya dha.—Yoh. 17:3.

      1. Cuuphamuu kan barbaadde maaliifi?

      2. Yihowaan eenyu dha?

        • “Gooftichi ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo akka taʼe, kan biraas akka hin jirre beekaa!”—Kes. 4:39.

        • “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.”—Far. 83:18, NW.

      3. Maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaatti fayyadamuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

        • “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.’”—Mat. 6:9.

        • “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.”—Rom. 10:13.

      4. Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaa ibsuuf itti hojjetaman tokko tokko kam faʼi?

        • “Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha.”—Isa. 40:28.

        • “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu.”—Mat. 6:9.

        • “Waaqayyo jaalala dha.”—1 Yoh. 4:8.

      5. Yihowaadhaaf maal kennuu dandeessa?

        • “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.”—Mar. 12:30.

        • “Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi.”—Luq. 4:8.

      6. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?

        • “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!”—Fak. 27:11.

      7. Kadhannaa kan dhiheessitu gara eenyuutti? Kan kadhattu hoo maqaa eenyuutiini?

        • “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yoh. 16:23.

      8. Waaʼee maaliifaa kadhachuu dandeessa?

        • “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu. Nyaata harʼaaf nu barbaachisu nuu kenni; akkuma nuti warra nu yakkaniif dhiisne, yakka keenya nuu dhiisi. Qorumsatti nu hin galchin; isa hamaa sana irraa nu oolchi malee.’”—Mat. 6:9-13.

        • “Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha; wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yoh. 5:14.

      9. Yihowaan kadhannaa nama tokkoo kan hin dhageenye maaliif taʼuu dandaʼa?

        • “Yeroon itti isin gara Waaqayyootti iyyitan in dhufa, inni garuu isiniif hin deebisu; isin hamaa waan hojjettaniif, inni yeroo sanatti fuula isaa isin duraa in dhoksa.”—Mik. 3:4.

        • “Iji Yihowaa warra qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhaggeeffata; fuulli Yihowaa garuu warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”—1 Phe. 3:12.

      10. Yesuus Kiristoos eenyu?

        • “Simoon Pheexiros, ‘Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti’ jedhee deebiseef.”—Mat. 16:16.

      11. Yesuus gara lafaa kan dhufe maaliifi?

        • “Ilmi namaa warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufne.”—Mat. 20:28.

        • “Ani [Yesuus] kanaaf waanan ergameef, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba.”—Luq. 4:43.

      12. Aarsaa Yesuusiif akka galateeffattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

        • “Warri lubbuudhaan jiranis isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanne inni hundumaaf duʼeera.”—2 Qor. 5:15.

      13. Yesuus aangoo akkamii qaba?

        • “Samii irrattis taʼe lafa irratti aangoon hundi anaaf kennameera.”—Mat. 28:18.

        • “Waaqayyo iddoo hunda caalu isaaf kennuudhaan ol ol isa godhe; akkasumas maqaa maqaa kan biraa kam irra iyyuu caalu gaarummaadhaan isaaf kenne.”—Filp. 2:9.

      14. Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Yesuusiin muudame taʼuu isaa ni amantaa?

        • “Garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu?”—Mat. 24:45.

      15. Hafuurri qulqulluun qaama qabaa?

        • “Maleekaan sunis deebisee akkana ishiidhaan jedhe: ‘Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.’”—Luq. 1:35.

        • “Kanaaf, isin hamoota taatanii utuu jirtanii ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, Abbaan keessan inni samii immoo warra isa kadhataniif caalchisee hafuura qulqulluu hin kennuu ree?”—Luq. 11:13.

      16. Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti kan fayyadamu akkamitti?

        • “Bantiiwwan waaqaa dubbii Waaqayyootiin, wanti bantiiwwan waaqaa keessatti argamanis hafuura afaan isaa keessaa baʼuun hojjetaman.”—Far. 33:6.

        • “Yommuu hafuura qulqulluu fudhattan humna ni argattu; . . . hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.”—HoE. 1:8.

        • “Isin raajiin Kitaaba Qulqulluu hundi yaada namootaa irratti kan hundaaʼe akka hin taane beektu. Sababiin isaas raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne; kanaa mannaa namoonni Waaqayyo biraa ergaman hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan.”—2 Phe. 1:20, 21.

      17. Mootummaan Waaqayyoo maali dha?

        • “Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa moʼichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Dan. 2:44.

      18. Mootummaan Waaqayyoo kan si fayyadu akkamitti?

        • “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mul. 21:4.

      19. Eebbawwan Mootummichaa dhiheenyatti akka dhufan akkamitti beekta?

        • “Barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, ‘Wantoonni kun yoom akka raawwataman, akkasumas mallattoon argama keetii fi kan dhuma sirna kanaa maal akka taʼe nutti himi?’ jedhaniin. Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: ‘ . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; hanqinni nyaataa, akkasumas bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa. Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.’”—Mat. 24:3, 4, 7, 14.

        • “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, kan nama arrabsan, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, kooraan kan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqayyoon kan sodaatan fakkaatu humna isaa garuu ni ganu.”—2 Xim. 3:1-5.

      20. Mootummichaaf iddoo guddaa akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

        • “Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa.”—Mat. 6:33.

        • “Yesuus sana booda barattoota isaatiin akkana jedhe: ‘Namni ana duukaa buʼuu barbaadu hundi of haa ganu; muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.’”—Mat. 16:24.

      21. Seexannii fi jinniiwwan eenyu faʼi?

        • “Isin kan abbaa keessan kan Diyaabilosi . . . Inni jalqabumaa kaasee kan nama ajjeesu ture.”—Yoh. 8:44.

        • “Jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.”—Mul. 12:9.

      22. Seexanni Yihowaa fi warra isa waaqeffatan irratti himata akkamii bane?

        • “Dubartittiin immoo bofichaan ‘Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa Waaqayyo, “Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin buʼinaa! Kanaa achi in duutu” jedheera’ jette. Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan, ‘Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka’ jedheen.”—Uma. 3:2-5.

        • “Yommus Seexanni deebisee Waaqayyoon, ‘Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna.’”—Iyo. 2:4.

      23. Himanni Seexanaa soba taʼuu isaa mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?

        • “Garaa guutuudhaan . . . [Waaqayyoof] hojjedhu!”—1 Sen. 28:9.

        • “Hamman duʼutti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebiʼu.”—Iyo. 27:5.

      24. Namoonni kan duʼan maaliifi?

        • “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”—Rom. 5:12.

      25. Namoonni duʼan haala akkamii keessatti argamu?

        • “Warri jiran akka duʼan beeku, warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lal. 9:5.

      26. Namoonni duʼan abdii maalii qabu?

        • “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa akka kaʼan Waaqayyoon nan abdadha.”—HoE. 24:15.

      27. Namoonni Yesuus wajjin bulchuuf gara samii deeman meeqa?

        • “Kunoo Hoolichi Gaara Xiyoon irra dhaabatee ture; warri 144,000 kanneen maqaan isaa fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffame isaa wajjin turan.”—Mul. 14:1.

  • Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa
    ‘Dhaqaatii, Isaan Cuuphuudhaan, Barattoota Godhaa’
    • GAAFFILEE NAMOOTA CUUPHAMUU BARBAADANIIF DHIHAATAN

      Kutaa 2: Jireenya Kiristiyaanaa

      Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼattu, wanta Yihowaan si irraa barbaaduu fi ulaagaalee inni qajeelummaadhaaf baase eegdee jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baratteetta. Wanta baratte hojii irra oolchuuf, amala kee fi ilaalcha jireenyaaf qabdu irratti sirreeffama hedduu gooteetta taʼa. Kanaafuu, amma ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baase wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo gochuu keetiin, tajaajilaa misiraachichaa taʼuudhaan tajaajila Yihowaa biratti fudhatama qabu dhiheessuuf qophoofteetta jechuu dha.

      Gaaffiiwwan kanaa gaditti ibsaman irra deebitee ilaaluun kee, ulaagaalee Yihowaan qajeelummaadhaaf baase akka gaariitti yaadachuuf kan si gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, tajaajiltoota isaa warra isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko taʼuuf wantoota gochuu qabdu tokko tokko si yaadachiisa. Yaanni as irratti dhihaate wanta hundumaa qalbii qulqulluudhaan, akkasumas karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduun raawwachuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubattu si gargaara.—2 Qor. 1:12; 1 Xim. 1:19; 1 Phe. 3:16, 21.

      Qoʼannaa keetiin sadarkaa kana irra gaʼuun keetiin kan kaʼe, bulchiinsa Yihowaatiif bitamuu fi kutaa jaarmiyaa isaa taʼuuf akka hawwitu hin shakkisiisu. Gaaffiiwwanii fi caqasoonni kun gumii keessattis taʼe maatii keessatti ykn sirna siyaasaa addunyaa kanaa wajjin haala wal qabateen qophii Yihowaan godheef bitamuu ilaalchisee hubannaa qabdu qoruuf si gargaara. Qophii Yihowaan saba isaa karaa hafuuraa barsiisuu fi amantii isaanii cimsuuf godheef dinqisiifannaan qabdu akka dabale hin shakkisiisu. Kunis walgaʼiiwwan gumii hamma haalli kee siif heyyametti irratti argamuu fi irratti hirmaachuu barbaaddu kan dabalatu dha.

      Kana malees, kutaan kun hojii waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti yeroo hunda hirmaachuun, namoonni waaʼee Yihowaa fi wanta inni ilmaan namootaatiif gochaa jiru akka beekan gargaaruun barbaachisaa taʼuu isaa ibsa. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Dhuma irrattis Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun kee dhimma salphaa akka hin taane hubachuuf si gargaara. Yihowaan gaarummaa guddaa inni sitti argisiiseef deebii ati garaadhaa kennitu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

      1. Gaaʼela ilaalchisee ulaagaan Kiristiyaanonni hordofan isa kami? Ragaan Kitaaba Qulqulluu wal hiikuuf buʼuura taʼu isa kam qofa dha?

        • “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume hin dubbisnee? ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu’ akka jedhe hoo hin dubbisnee? Kanaaf, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin. . . . Namni utuu ishiin halalummaa hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata.”—Mat. 19:4-6, 9.

      2. Namoonni utuu wal hin fuudhin waliin jiraatan seeraan gaaʼela godhachuu kan qaban maaliifi? Gaaʼela godhatteetta yoo taʼe gaaʼelli keessan seera qabeessaa fi mootummaa biratti kan beekamudhaa?

        • “Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif akka bitamanii fi akka ajajaman . . . isaan yaadachiisuu kee itti fufi.”—Tit. 3:1.

        • “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu, sababiin isaas Waaqayyo namoota halalee fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.”—Ibr. 13:4.

      3. Maatii keessatti gaʼeen kee maali?

        • “Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhagaʼi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin.”—Fak. 1:8.

        • “Akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa ti . . . Abbootii manaa nana, akkuma Kiristoos gumii jaallate . . . haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.”—Efe. 5:23, 25.

        • “Abbootii nana, ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa; kanaa mannaa, leenjii fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa.”—Efe. 6:4.

        • “Isinis yaa ijoolle, kun Gooftaa kan gammachiisu waan taʼeef, waan hundumaan warra keessaniif ajajamaa.”—Qol. 3:20.

        • “Isin haadhotiin manaas . . . abbootii manaa keessaniif bitamaa.”—1 Phe. 3:1.

      4. Jireenyaaf kabaja argisiisuu kan qabnu maaliifi?

        • “Namoota hundaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu [Waaqayyo dha] . . . nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani.”—HoE. 17:25, 28.

      5. Daaʼima hin dhalanne dabalatee nama kam iyyuu ajjeesuu kan hin qabne maaliifi?

        • “Namoonni utuu waldhaansoo wal qabanii dubartii ulfa taate yoo miidhan, . . . Namni duʼe jira taanaan . . . bakka lubbuu lubbuu [kaffaluu qabda].”—Bau. 21:22, 23, NW.

        • “Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaaʼamuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.”—Far. 139:16.

        • “Waaqayyo . . . harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu [ni jibba].”—Fak. 6:16, 17.

      6. Waaqayyo dhiiga ilaalchisee ajaja akkamii kenne?

        • “Dhiiga irraa, [akkasumas] foon horii hudhamee duʼe irraa . . . guutummaatti yoo fagaattan gaarii isiniif taʼa.”—HoE. 15:29.

      7. Obbolootaa fi obboleettota keenya Kiristiyaanota taʼan jaalachuu kan qabnu maaliifi?

        • “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yoh. 13:34, 35.

      8. Dhukkuba namatti darbuu fi nama ajjeesuu dandaʼu warra kaanitti akka hin dabarsineef (a) Namni dhukkuba akkasiitiin qabame tokko warra kaan hammachuu fi dhungachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Obboloonni tokko tokko mana isaaniitti isa affeeruu yoo dhiisan mufachuu kan hin qabne maaliifi? (c) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼuuf saaxilamee ture tokko gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuu isaa dura fedhii isaatiin qorannaa dhiigaa gochuu kan qabu maaliifi? (d) Namni dhukkuba namatti darbuu dandaʼu qabu cuuphamuu isaa dura qindeessaa qaama jaarsoliitti himuu kan qabu maaliifi?

        • “Wal jaallachuu malee idaan eenyuu illee isin irra hin jiraatin. . . . ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu.’ . . . Jaalalli wanta hamaa nama irratti hin hojjetu.”—Rom. 13:8-10.

        • “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filp. 2:4.

      9. Yihowaan warra kaaniif dhiifama akka goonu kan nu irraa eegu maaliifi?

        • “Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.”—Qol. 3:13.

      10. Obboleessi tokko maqaa kee yoo balleesse ykn yoo si gowwoomse maal gochuu qabda?

        • “Obboleessi kee cubbuu yoo si irratti hojjete dhaqiitii bakka atii fi inni qofti jirtanitti dogoggora isaa ifatti itti himi. Yoo si dhaggeeffate, obboleessa kee deebistee argatte jechuu dha. Yoo si dhaggeeffachuu dide garuu, wanti hundinuu ragoota lama yookiin sadiin waan mirkaneeffamuuf, nama tokko yookiin nama lama fudhadhuu dhaqi. Isaaniin dhaggeeffachuu yoo dide immoo gumiitti himi. Gumichas dhaggeeffachuu yoo dide, akka nama Waaqayyotti hin amannee fi akka nama qaraxa sassaabuutti isa ilaali.”—Mat. 18:15-17.

      11. Yihowaan cubbuuwwan kanatti aananii jiraniif ilaalcha akkamii qaba?

        • ▪ Halalummaa

        • ▪ Waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuu

        • ▪ Saalqunnamtii saala walfakkaatu gidduutti raawwatamu

        • ▪ Hanna

        • ▪ Qumaara

        • ▪ Machii

        • “Hin gowwoominaa. Warri halaleen, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoonni, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsan, hattoonni, sassattoonni, warri machaaʼan, warri nama arrabsanii fi nama saaman Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.”—1 Qor. 6:9, 10.

      12. Halalummaa isa gochawwan saalqunnamtii gaaʼelaan alatti raawwataman garaa garaa dabalatu ilaalchisee maal gochuuf murteessiteetta?

        • “Halalummaa irraa baqadhaa!”—1 Qor. 6:18.

      13. Yaalii fayyaatiif yoo taʼe malee, qorichawwan araada nama qabsiisan ykn sammuu namaa hadoochan fudhachuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

        • “Qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan gara laafina Waaqayyootiin isin nan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha. Kana malees wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma keessanii mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa.”—Rom. 12:1, 2.

      14. Gochawwan jinniiwwanii Waaqayyo dhorke keessaa tokko tokko maal faʼi?

        • “Namni . . . hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin!”—Kes. 18:10, 11.

      15. Namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjetee fi deebisee Yihowaa biratti fudhatama argachuu yoo barbaade yeruma sana maal gochuu qaba?

        • “Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani, ‘Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha’ nan jedhe.”—Far. 32:5.

        • “Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu; isaanis maqaa Yihowaatiin zayitii dibanii isaaf haa kadhatan. Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate sana ni fayyisa, Yihowaanis isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf ni dhiifama.”—Yaq. 5:14, 15.

      16. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekte maal gochuu qabda?

        • “Namni tokko kaksiifamee yommuu gaafatamu wanta argee fi wanta beeku dhugaa baʼuu diduu isaatiin cubbuu yoo hojjete, yakka isaatti in gaafatama.”—Lew. 5:1.

      17. Namni tokko kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane beeksisni yoo himame maal gochuu qabna?

        • “Nama obboleessa utuu ofiin jedhuu, halalummaatti jiraatu yookiin sassattuu taʼe yookiin waaqolii tolfamoo waaqeffatu yookiin nama arrabsu yookiin machooftuu yookiin saamtuu taʼee wajjin michummaa qabdan akka dhiistaniifi; nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa.”—1 Qor. 5:11.

        • “Namni kam iyyuu gara keessan yoo dhufee fi barumsa kana yoo fiduu baate, mana keessanitti isa hin simatinaa yookiin nagaa isa hin gaafatinaa.”—2 Yoh. 10.

      18. Michoonni kee namoota Yihowaa jaalatan taʼuu kan qaban maaliifi?

        • “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada.”—Fak. 13:20.

        • “Hin gowwoominaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.”—1 Qor. 15:33.

      19. Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa kan hin galle maaliifi?

        • “Akkuma ani [Yesuus] kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.

      20. Mootummaadhaaf ajajamuu kan qabdu maaliifi?

        • “Waaqayyo biraa yoo taʼe malee aangoon waan hin argamneef, namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu; abbootiin taayitaa amma jiran aangoo isaanii isa daangaa qabu kan argatan Waaqayyo biraa ti.”—Rom. 13:1.

      21. Seerri namootaa tokko seera Waaqayyoo wajjin yommuu wal faallessu maal goota?

        • “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu qabna.”—HoE. 5:29.

      22. Hojii tokko yommuu filattu caqasoonni addunyaa irraa adda baatee jiraachuuf si gargaaran kam faʼi?

        • “Sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebiʼaniis lola hin baran.”—Mik. 4:3.

        • “Yaa saba ko, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishii irra gaʼu akka isin irra hin geenyeef ishii [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa.”—Mul. 18:4.

      23. Bashannanni ati filattu kan akkamiiti? Kan irraa fagaattu hoo kan akkamiiti?

        • “Waaqayyo . . . isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatus garaa guutuudhaan in jibba.”—Far. 11:5.

        • “Wanta hamaa taʼe jibbaa; wanta gaarii taʼetti maxxanaa.”—Rom. 12:9.

        • “Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hunda, wanta galateeffamu hunda, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.”—Filp. 4:8.

      24. Dhugaa Baatonni Yihowaa gareewwan amantii kan biroo wajjin kan hin waaqeffanne maaliifi?

        • “‘Maaddii Yihowaa’ fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan.”—1 Qor. 10:21.

        • “‘Adda of baasaa’ jedha Yihowaan, ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’; ‘anis isin nan simadha.’”—2 Qor. 6:17.

      25. Dhugaawwan buʼuuraa ayyaana tokko irratti hirmaachuu fi dhiisuuf akka murteessitu si gargaaran kam faʼi?

        • “Saba lafa irraa wajjin wal makan, waan isaan hojjetanis hojjechuu in baran. Waaqayyolii tolfamoo isaaniif in hojjetan, kunis kiyyoo isaanitti taʼe.”—Far. 106:35, 36.

        • “Warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan.”—Lal. 9:5.

        • “Akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa miti.”—Yoh. 17:16.

        • “Yeroon duraa inni isin addaggummaadhaan, kajeellaa toʼannaa hin qabneen, akka malee dhuguudhaan, gadhiisiidhaan, dorgommiidhaan hedduu dhuguu fi waaqolii tolfamoo jibbisiisaa taʼan waaqeffachuudhaan fedhii namoota addunyaa raawwachaa itti turtan ni gaʼa.”—1 Phe. 4:3.

      26. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman guyyaa dhalootaa kabajuu fi dhiisuuf akka murteessitu kan si gargaaran akkamitti?

        • “Guyyaan sadaffaan guyyaa mootiin Gibxii dhalachuu isaa ayyaaneffatu waan tureef, hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa guddaa godhe; inni eegduu warra dhugaatii dhiʼeessanii, eegduu warra buddeena tolchaniis hojjetoota isaa gidduutti ol in waamsise. Innis eegduu warra dhugaatii dhiʼeessanii sana hojii dhugaatii dhiʼeessuu isaatti isa deebise; . . . eegduun warra buddeena tolchanii immoo akka rarraafamu godhe.”—Uma. 40:20-22.

        • “Yeroo guyyaan dhalootaa Heroodis kabajamutti garuu, intalli Herodiyaas keessummoota sana duratti sirbitee guddaa isa gammachiiste; innis wanta ishiin gaafatte hunda akka ishiidhaaf kennu kakatee waadaa galeef. Intalattiinis haadha ishiitiin gorfamtee, ‘Mataa Yohaannis Cuuphaa ammuma saaniitti anaaf kenni’ jetteen. Achiis, mana hidhaatti namoota ergee mataa Yohaannis irraa kuchisiise.”—Mat. 14:6-8, 10.

      27. Qajeelfama jaarsolii hordofuu kan barbaaddu maaliifi?

        • “Akka warra herrega buusuuf jiraniitti dhimmanii waan isin eeganiif, warra gidduu keessanitti geggeessitoota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa; kanas kan gootan hojii isaanii gaddaan utuu hin taʼin gammachuudhaan akka hojjetaniifi; kun taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha.”—Ibr. 13:17.

      28. Atii fi maatiin kee yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduun keessan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

        • “Qooda kanaa isa gammadu kanatti seerri Waaqayyoo itti in tola, innoo halkanii fi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada. Inni akka muka isa bishaan yaaʼaa qarqara dhaabamee, yeroo yeroo isaatti ija kennuu, baalli isaas gogee hin harcaanee ti; wanti inni hojjetu hundinuus wal in qixxaataaf.”—Far. 1:2, 3.

      29. Walgaʼiiwwan irratti argamuu fi hirmaachuun kan si gammachiisu maaliifi?

        • “Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa, walgaʼii keessattis sin jajadha!”—Far. 22:22.

        • “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.”—Ibr. 10:24, 25.

      30. Hojiin baayʼee barbaachisaa taʼee fi Yesuus akka hojjennuuf nuu kenne isa kami?

        • “Dhaqaatii . . . isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa.”—Mat. 28:19, 20.

      31. Hojii Mootummichaatiif buusii yommuu goonu ykn obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu gargaarru ilaalcha akkamii qabaachuutu Yihowaa gammachiisa?

        • “Qabeenya keetiin . . . Waaqayyoof ulfina kenni!”—Fak. 3:9.

        • “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu.”—2 Qor. 9:7.

      32. Kiristiyaanonni haalawwan rakkisaa taʼan akkamii akka isaan irra gaʼan eegu?

        • “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan, isin ariʼatanii fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa. Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas; isaan raajota isin dura turan iyyuu akkanuma ariʼataniiru.”—Mat. 5:10-12.

      33. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼanii cuuphamuun mirga addaa kan taʼe maaliifi?

        • “Yaa Yihowaa . . . maqaa keetiin waanan waamameef, dubbiin kee wanta garaa kootiif gammachuu fi ilillee argamsiisu naaf taʼeera.”—Er. 15:16, NW.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi