LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi06 ful. 9-12
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 17—Asteer

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 17—Asteer
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
bsi06 ful. 9-12

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 17​—Asteer

Barreessaan: Mordekaayi

Bakki Itti Barreeffame: Susaan, Elaam

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 475

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 493–naannoo 475

SEENAAN macaafa Asteer keessatti argamu, gabaabaadhumatti seenaa Ahashweros mootii Kaldootaa, (akka namoonni tokko tokko jedhanitti Zeerses 1⁠ffaa kan jedhamu), Waashtiin haadha manaasaa ishee utuu isaaf hin abboomamin hafte aangoosheerraa buusee, Asteer intala wasiila Mordekaayi ishee biyya Yihudaatii dhufteen bakka buusuusaa kan dubbatudha. Haamaan ilmi Hamedaataa namni biyya Agaag, Mordekaayiifi Yihudoota hundaa ajjeesisuuf daba kan yaadee ture ta’us, muka qopheesserratti ofiisaatii fannifameera. Haata’u malee, Mordekaayi muummicha ministeeraa waan ta’eef Yihudoonni badiisarraa oolaniiru.

2 Haata’u malee, macaafni Asteer geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffameefi dhimma kan baasu utuu hin ta’in, akkasumaan afoola namatti toludha jedhanii namoonni dubbatan jiru. Jechasaanii kanaafis wanti isaan akka ragaatti dhiheessan Maqaan Waaqayyoo macaafa kanarratti hin barreeffamne kan jedhudha. Dhugaadha, maqaan Waaqayyoo macaafa kanarratti kallattiidhaan hin barreeffamne. Haata’u malee, barreeffama afaan Ibrootaa keessatti qubeewwan YHWH (qubee Ibrootaatiin, יהוה) jedhamaniifi maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamuun bakka bu’an, qubeewwan jalqabaa jechoota walitti aananii barreeffaman afur yeroo ta’an, isaanis bakka adda addaa afuritti argamu. Qubeewwan jalqabaa jechoota arfan kanaa, yoo xinnaate barreeffamoota afaan Ibrootaa durii sadiirratti karaa adda addaatiin ifa ta’anii kaa’amaniiru. Barreeffama afaan Ibrootaa Maasoreetonni qopheessanirrattimmoo, qubeewwan kun miiljaleesaaniirratti qalama diimaadhaan dibamaniiru.a—Miiljalee, NW Asteer 1:20; 5:4, 13; 7:7, akkasumas 7:5⁠rra jiru ilaali.

3 Ragaawwan guutummaa macaafichaa keessatti argamanirraa hubachuun akka danda’amutti, Mordekaayi nama seera Yihowaa fudhatuufi abbomamu ture. Waaqayyo Amaaleqoota balleessuuf murteessee waan tureef Modekaayi, Haamaan nama sanyii Amaaleq ta’a jedhamee yaadamuuf kufee sagaduu dideera. (As. 3:1, 5; Kes. 25:19; 1 Sam. 15:3) Yaanni Mordekaayi Asteer 4:14⁠rratti dubbate, Yihowaan akka isaan oolchu amanuusaa kan argisiisuufi wanti hundumtuu kan raawwatamu qajeelfama Waaqayyootiin ta’uusaa akka amanu kan ibsudha. Asteer fuula mootichaatti utuu hin dhihaatin guyyaa sadii dura isheenis taate Yihudonni warra kaan soomuunsaanii, Waaqayyotti akka amanan kan argisiisudha. (As. 4:16) Asteer fuula Hegaayi isa dubartoota eegu duratti jaallatamuunshee, mootichi halkan hirriba itti dhabe sanatti galmee akka isaaf fidan gochuudhaan Mordekaayi wanta gaarii hojjetee tureef ulfina hin argatin akka hafe hubachuunsaa, Yihowaan wanta raawwatamu hundumaa to’achaa akka ture kan argisiisudha. (As. 2:8, 9; 6:1-3; Fakkeenya 21:1 wajjin wal bira qabii ilaali.) Jechoonni “waa’ee soomuu fi waa’ee boo’anii kadhachuu” dubbatan, gara Waaqayyootti kadhannaadhaan dhihaachuu kan argisiisu ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu.—As. 9:31.

4 Seenaan macaafa kanarratti argamu dhugaa ta’uusaatiif ragaawwan hedduun jiru. Kitaabni kun, Yihudoota macaafa kanaan Maghiillaah, jechuunis “maraa” jedhanii waaman biratti fudhatama kan qabu ture. Macaafa kana kutaa Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaatti kan dabalee Izraa isa afoola balaaleffatu ta’uu hin oolu. Yihudoonni hamma har’aatti, badiisa bara Asteeritti irraa oolan Ayyaana Furiim ykn Buufata Mukaa ni ayyaaneffatu. Aadaafi duudhaa warra Faares ilaalchisee wanti macaafichi dubbatu, wanta seenaaniifi qorannaan arki’ooloojiin mirkaneessuu wajjin kan wal simudha. Fakkeenyaaf, macaafni Asteer warri Faares nama tokkoof akkamitti akka kabaja kennan ilaalchisee ibsa sirrii ta’e kenna. (6:8) Mana mootummaa mootichaa ilaalchisee wanti Macaafa Asteer keessatti gadi fageenyaan ibsame hundumtuu sirrii ta’uusaa qorannaan arki’ooloojii mirkaneesseera.b—5:1, 2. 

5 Macaaficharratti maqaan xu’aashotaafi hojjettootaa, maqaa ilmaan Haamaan kurnan of eeggannoodhaan galmeeffamuunsaa, ibsawwan kennaman hundi sirriitti kan galmeeffaman ta’uusaanii kan argisiisanidha. Macaafni kun sanyiin hidda dhalootaa Mordekaayifi Asteer gosa Beniyaamin ilma Qiish akka ta’e ibsa. (2:5-7) Macaaficha keessatti waa’een galmeewwan mootummaa Faares bakka tokko tokkotti caqasameera. (2:23; 6:1; 10:2) Macaafichi kan barreeffame afaan Ibrootaa isa gara boodaatti tureen yeroo ta’u, jechoonniifi ibsi afaan Faaresiifi afaan Aaram keessatti argamu. Akkaataan barreeffama macaafa kanaa Macaafa Seenaa Baraa, Izraafi Nahimiiyaa wajjin kan wal fakkaatu waan ta’eef, bara macaafichi itti barreeffamee wajjin guutummaatti kan wal simudha.

6 Seenaawwan Macaafa Asteer keessatti argaman kan raawwataman, yeroo mootummaan warra Faares sadarkaa olaanaarra ga’ee turetti yommuu ta’u, kunis bulchiinsa Ahashweros (Zeersas 1⁠ffaa) keessaa seenaa waggoota 18 keessatti raawwataman kan qabatedha. Seenaawwan Giriik, Faaresiifi Baabilonirraa argaman akka ibsanitti, seenaan kun hanga Dh.K.D. bara 475⁠tti kan turedha.c Macaafa kana kan barreesse, seenaan kun yeroo raawwatamutti qaamaan kan tureefi seenaa kana keessatti iddoo guddaa kan qabu Mordekaayi ta’uusaa homaa hin shakkisiisu; yaanni macaafa kana keessatti bal’inaan ibsame akka argisiisutti, barreessaan macaafa kanaa yeroo seenaawwan kun raawwatamanitti mana mootummaa Susaan jiru keessa akka ture kan argisiisudha.d Maqaan Mordekaayi kutaa macaafa Qulqulluu warra kaanii keessatti caqasamuu baatus, nama dhugumaan yeroo tokko jiraataa ture ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. Kan nama gammachiisummoo, barreeffama dur supheerratti harkaan barreeffameefi barrisaa hin beekamne tokko kan argame yommuu ta’u, lammii biyya Jarman kan ta’e Unginaad akka jedhetti, barreeffamni kun waa’ee Maardukaa (Mordekaayi?) isa bara bulchiinsa Zeersas 1⁠ffaatti mana mootummaa Susaanitti aangoo guddaa qabuu kan dubbatudha.eMordekaayi seenaa Macaafa Asteer barreessee kan xumure, seenaan kun raawwatamee baay’ee utuu hin turin, jechuunis Dh.K.D. naannoo bara 475⁠tti Susaanitti akka ta’e hin shakkisiisu.

FAAYIDAASAA

16 Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu warri kaan Macaafa Asteerirraa caqasanii fudhachuu baatanis, macaafni kun Caaffata Qulqullaa’aa warra geeggeessaa hafuuraa Waaqayyootiin barreeffaman kaanii wajjin guutummaatti wal sima. Macaafni kun, fakkeenyawwan seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu qabataniifi, booddee Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriiki keessatti barreeffaman, akkasumas namoota Yihowaa waaqeffataniifi umurii kamirrattiyyuu argamaniif gorsawwan hojiirra ooluu danda’an qabateera. Caqasawwan armaan gaditti argaman qo’achuun keenya, kun dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessu qofa utuu hin ta’in amantii Kiristiyaanummaa keenyas kan nuu jabeessudha: As. 4:5—Filp. 2:4; As. 9:22—Gal. 2:10. Himanni, Yihudoonni seera mootiin baaseef hin abboomaman jedhu, himata Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarratti dhihaatee turee wajjin kan wal fakkaatu ture. (As. 3:8, 9; HoE. 16:21; 25:7) Tajaajiltoonni Yihowaa fakkeenya Mordekaayi, Asteeriifi Yihudootaa hordofuudhaan, Waaqayyo isaan gargaaruuf akka humna qabu amananii kadhachuudhaan ija jabinaan himata akkasii dura dhaabatu.—As. 4:16; 5:1, 2; 7:3-6; 8:3-6; 9:1, 2.

17 Nuyis Kiristiyaanota waan taaneeef haalli keenya haala Mordekaayifi Asteerirraa adda ta’a jennee yaaduu hin qabnu. Nutis ‘warra biyya bulchuuf aboo qaban’ jalatti akka ormaatti jiraanna. Biyya kamiyyuu yoo jiraanne, seera kabajuun fedha keenyadha. Haata’u malee, ‘mootiif kan kennamuufi Waaqayyoof kan kennamu’ isa kam akka ta’e sirriitti hubachuu qabna. (Rom. 13:1; Luq. 20:25) Muummichi ministeeraa Mordekaayiifi Asteer Mootittiin iddoo hojiisaaniitti amanamummaadhaan hojjechuusaaniitiin fakkeenya gaarii nuu ta’aniiru. (As. 2:21-23; 6:2, 3, 10; 8:1, 2; 10:2) Namoota aboo qabaniif kufanii sagaduun ajaja mootichaa ta’us, Mordekaayi sodaa tokko malee Haamaan nama biyya Agaag isa hamaa duratti kufee sagaduu dideera. Kana malees, yeroo Haamaan Yihudoota ficcisiisuuf daba yaadee turetti, Mordekaayi deggersi seeraa akka gaafatamu godhee ture.—3:1-4; 5:9; 4:6-8.

18 Ragaawwan macaafa kana keessatti argaman hundi, macaafni Asteer kutaa Macaafa Qulqulluu ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffameefi faayidaa qabu’ keessaa tokko ta’uusaa argisiisu. Macaafichi Waaqayyoonis ta’e maqaasaa kallattiidhaan caqasuu baatus, amantaa qabaachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuu qabateera. Mordekaayiifi Asteer, namoota yaada sammuu namaa keessaa uumamanii akka asoosamaatti barreeffaman utuu hin ta’in, tajaajiltoota Yihowaa dhugumaan turaniifi humna Yihowaatti amantaa cimaa qaban turan. Biyya ormaa keessatti warra ‘aboo qaban’ jala jiraatanillee, karaa seera qabeessa ta’e hundaatti fayyadamuudhaan fedha namoota saba Waaqayyoo ta’aniifi waaqeffannaan Yihowaa akka kabajamu godhaniiru. Nutis yeroo har’aatti, fakkeenyasaanii hordofuudhaan ‘wangeelaaf falmuufi isa cimsinee dhaabuu’ ni dandeenya.—Filp. 1:7.

[Miiljaleewwan]

a “Maasoreetonni, namoota Dh.K.B. barreeffamoota afaan Ibrootaa garagalchaa turanidha.”

b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 764; Jildii 2, ful. 327-331.

c Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 613-616.

d Insaayikilooppeediyaa Maakliintookiifi Istiroong, bara 1981⁠tti yeroo lammaffaadhaaf maxxanfame, Jildii 3, ful. 310.

e A. Unginaad, “Kaa’ilenshiriiftlishehi Baayitireegee Suum Buu’hi Ezraa Uund Esteer,” Sayitshureeft fuur dii aaltestaamentileeshee Viseenshaaft, LVIII (1940-1941), ful. 240-244.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi