LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi06 ful. 25-27
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 21—Lallaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 21—Lallaba
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
bsi06 ful. 25-27

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 21​—Lallaba

Barreessaan: Solomoon

Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D 1000 Dursee

MACAAFNI Lallabaa kaayyoo guddaadhaaf kan barreeffame ture. Solomoon, gaggeessaa saba Yihowaadhaaf of murteessee waan tureef, haala waadaa galanii wajjin wal simuun tokkummaadhaan akka jiraatan gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaa qaba ture. Itti gaafatamummaasaa kana raawwachuufis gorsa ogummaarratti hundaa’eefi Macaafa Lallabaa keessa jiruun fayyadamuu barbaadee ture.

2 Barreessaan kun, Lallaba 1:1⁠rratti “lallabicha” [“sassaabdicha,” NW] jedhee of waameera. Jechi kun afaan Ibrootaatti Qohileet kan jedhu yeroo ta’u, maqaan macaafa kanaas Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti maqaa kanaan waamama. Saptujantii Giriikiitti maqaan macaafa kanaa Ekliiziyaastas jedhama; hiiknisaas “miseensa eekliisiyaa (gumii; walga’ii guddaa)” jechuu yommuu ta’u, jechi Ingiliffaa Ekliiziyaastiis jedhamu kanarraa fudhatame. Haata’u malee, jecha Qohileet jedhuuf hiikni sirrii ta’e “Sassaabdicha” kan jedhu yeroo ta’u, maqaan kun Solomooniif kennamuunsaa sirriidha. Maqaan kun kaayyoo Solomoon macaafa kana caafeef kan argisiisudha.

3 Solomooniin sassaabdicha kan jennu maaliifi? Kan inni walitti sassaabe maalfa’i? Israa’elootaafi michootasaanii kan turan galaa biyyasaanii sassaaba ture. Namoota kana hundumaa kan sassaabe Yihowaa akka waaqeffataniif ture. Isaan dura Yerusaalemitti mana qulqullummaa kan ijaare yommuu ta’u, manichi Yihowaadhaaf yeroo murteeffamutti Waaqayyoon akka waaqeffataniif isaan sassaabeera. (1 Mot. 8:1) Macaafa Lallabaatti fayyadamee, sabnisaa hojii addunyaa isa waa’ee hin baafnerraa akka fagaatu gochuudhaan hojii gaariidhaaf walitti isaan qabuu barbaada ture.—Lal. 12:8-10.

4 Macaaficha keessatti Solomoon maqaadhaan caqasamuu baatus, caqasawwan akka inni barreesse argisiisan baay’een jiru. Sassaabdichi “ilma Daawit” isa “Yerusaalemitti mootii Israa’el” ta’e jechuudhaan of beeksiseera. Mootonni Solomoon booda Yerusaalemirratti mo’an hundi kan bulchan Yihudaarratti qofa waan ta’eef, kana gochuu kan danda’u Solomoon qofadha. Kana malees, sassaabdichi: “ ‘Ani warra ana dura Yerusaalem irratti mootii turan hundumaa caalaa, nama guddaa ta’eera, ogummaas baay’ifadheera’ jedhee garaa kootti nan yaade” jechuudhaan barreesseera. (1:1, 12, 16) Kunis Solomoon macaafa kana barreessuusaatiif ragaa garabiraadha. Lallabni 12:9, “inni fakkeenya baay’ee itti yaadee, qoree, tarree galchee in qopheesse” jechuudhaan nutti hima. Solomoon Mootichi fakkeenya 3,000 ta’an dubbateera. (1 Mot. 4:32) Lallaba 2:4-9⁠rratti waa’ee sagantaa ijaarsaa, iddoo dhaaba wayinii, dhaaba ashaakiltiifi iddoowwan bashannanaa, bishaan jal’isii, waa’ee garboota dhiiraafi dubartii bitachuu, waa’ee meetii, waa’ee warqee walitti qabachuufi waa’ee hojiiwwan mootichaa garabiraas ni dubbata. Kana hundumaa kan raawwate Solomoonidha. Mootuun biyya Sheebaa ogummaafi qabeenya Solomoon yeroo ilaaluu dhufteetti, “walakkaadhumti isaa iyyuu anatti hin himamne” jettee turte.—1 Mot. 10:7.

5 Macaafichi sassaabdichi mootii “Yerusaalem” akka ture waan dubbatuuf eessatti akka barreeffame beekuu dandeenya. Yeroonsaa Dh.K.D. bara 1000 duraa, bulchiinsi Solomoon inni waggaa 40 xumuramuu yeroo ga’ettiifi hojiiwwan hedduu macaaficha keessatti ibsaman erga raawwatee booda ta’uu qaba; garuu utuu waaqolii tolfamoo waaqeffachuu hin jalqabin akka ta’e beekamaadha. Yeroo kanatti hojiiwwan addunyaa carraaqqii qabeenya horachuuf godhamu ilaalchisee beekumsa baay’ee horatee ture. Yeroo macaafni kun barreeffametti surraa Waaqayyoo waan qabuuf hafuura qulqulluudhaan kaka’ee barreesse.

6 Macaafni Lallabaa ‘geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaatiif’ mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni tokko tokko, macaafichi maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu al tokkollee waan hin caqasneef hafuura Waaqayyootiin barreeffamuusaa shakku. Haata’u malee, waaqeffannaa Yihowaa kan deggeru ta’uusaarrayyuu jecha haa ʼEloohim, jechuunis “Waaqa dhugaa” jedhu irra deddeebi’ee fayyadama. Kutaawwan Macaafa Qulqulluu kaan Macaafa Lallabaarraa kallattiidhaan waan hin caqasneefis mormii garabiraan ka’uu danda’a. Garuu barumsawwan dhihaataniifi seerawwan bu’uurraa macaafa kana keessatti argaman guutummaa Caaffata Qulqullaa’aa kaanii wajjin kan wal simanidha. Kitaabni Kilaarkis Koomeentarii, Jildii 3⁠ffaa ful. 799⁠rratti akkas jedheera: “Macaafni Qohileet ykn Ekliiziyaastiis jedhame kun, Yihudoota birattis ta’e Waldaa Kiristiyaana biratti, geggeessaa hafuura Waaqayyoo Isa Hundumaa Danda’uun kan barreeffameefi kutaa Caaffata Qulqullaa’aa taasifamee fudhatamee ture.”

7 “Mormitoonni Macaafa Qulqulluu” ogeessota addunyaa ta’an qooqniifi falaasamni macaafichi ittiin barreeffame yeroo sanatti jiraachuu waan hin dandeenyeef, Macaafni Lallabaa Solomooniin kan barreeffame miti ykn kutaa “Caaffata Qulqullaa’aa” miti jedhanii dubbatu. Beekumsa baay’ee Solomoon karaa guddina daldala addunyaa yeroodhaa gara yerootti argate, akkasumas gurguddoota biyyoota garaa garaatii isa daawwachuu dhufanirraa sassaabbate hin fudhatan. (1 Mot. 4:30, 34; 9:26-28; 10:1, 23, 24) F. K. Kuuk macaafasaanii isa Baaybil Koomentarii, jedhamu Jildii 4⁠ffaa, ful. 622⁠rratti akkas jedhaniiru: “Hojiiwwaniifi sochiiwwan mootiin Ibrootaa inni guddaan filate, akkaataa jireenya, ilaalchaafi qooqa Ibrootaa kaaniirraa adda isa godhaniiru.”

8 Haata’u malee, macaafni Lallabaa kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaa mirkaneessuuf ragaa garabiraan ni barbaachisaa? Yaanni macaaficha keessatti argamu kan wal simu ta’uusaa macaafichuma qoruudhaan hubachuu kan danda’amu ta’usaarrayyuu, kutaa Caaffata Qulqullaa’aa warra kaanii wajjinis kan wal simu ta’uusaa mirkaneessuu ni dandeenya.

FAAYIDAASAA

15 Macaafni Lallabaa kan faayidaa hin qabne utuu hin ta’in, macaafa ogummaa Waaqayyoo isa gati jabeessa ta’een kan guutamedha. Solomoon waa’ee hojiiwwan faayidaa hin qabne baay’ee yeroo ibsetti, ijaarsi mana qulqullummaa Yihowaa inni Tulluu Moriiyaa Yerusaalem keessatti argamus ta’e waaqeffannaa Yihowaa faayidaa hin qabu jedhee hin dubbanne. Kennaa Waaqayyoo kan ta’e jireenyi, kan faayidaa hin qabne utuu hin ta’in, jireenya isaaniif kenname kanatti akka itti gammadaniifi waan gaarii akka itti hojjetaniif ta’uusaa ibseera. (3:12, 13; 5:18-20; 8:15) Namoonni Waaqayyoon dagatan daandii badiisaarra akka adeeman dubbateera. Abbaan ilmasaa qabeenya dhaalsisuu ni danda’a; garuu balaan tokko ga’ee wanta inni qabu hundumaa jalaa balleessuu danda’a. Qabeenya hafuuraa isa hin banne utuu dhaalchisee garuu caalumaa qaba. Qabeenya baay’ee sassaabbachuufi sababii qabeenya kanaatiin gammachuu dhabuun miidhaa guddaadha. Namoonni qabeenya biyya lafaa sassaabbatan, du’aan gaafa iddoo dhufanitti ‘deebi’an,’ qabeenyasaanii fudhatanii deemuu waan hin dandeenyeef wanta gaddisiisaatu isaanirra ga’a.—5:13-15; 6:1, 2.

16 Yesus Kiristos, Maatewos 12:42⁠rratti ‘isa Solomoonirra caalu’ jechuudhaan of waameera. Solomoon Yesusiif gaaddidduu waan ta’eef, jechi Solomoon Macaafa Qohileet keessatti barreesse wanta Yesus barsiisee wajjin kan wal simudhaa? Karaa baay’eedhaan wal fakkaatu! Fakkeenyaaf, Yesus hojiin Waaqayyo hojjetu hangam akka guddaa ta’e ilaalchisee akkas jedheera: “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha.” (Yoh. 5:17) Solomoonis hojii Waaqayyoo ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Ergasiis ani wanta Waaqayyo aduu jalatti hojjete hundumaa namni tokko illee hubachuu akka hin dandeenye nan arge; namni hamma fedhe illee itti yaadee yoo qore, hiikaa wanta lafa irratti ta’aa jiruu argachuu hin danda’u; namni ogeessi kana kan beeku yoo of se’e iyyuu, qoree bira ga’uu hin danda’u.”—Lal. 8:17.

17 Yesusis ta’e Solomoon waaqeffattoonni dhugaa akka walitti qabamaniif jajjabeessaniiru. (Mat. 18:20; Lal. 4:9-12; 5:1) Wanti Yesus “dhuma barichaa” akkasumas “hamma barri, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti kenname raawwatamutti” jechuudhaan dubbate, jecha Solomoon “wanti hundinuu yeroo qaba, wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu yeroo qaba” jechuudhaan dubbatee wajjin kan wal simudha.—Mat. 24:3; Luq. 21:24; Lal. 3:1.

18 Kana malees, Yesusis ta’e bartoonnisaa akkuma Solomoon, kiyyoo jaalala qabeenyaatiin akka hin qabamne akeekkachiisaniiru. Solomoon ogummaan “jireenya warra ishee argatanii nagaatti in eegdi” jechuudhaan dubbateera. Yesusis “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama” jedheera. (Lal. 7:12; Mat. 6:33) Lallaba 5:10⁠rratti Solomoon: “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa’ee hin baafne dha” jedhee barreesseera. Kunis gorsa Phaawulos 1 Ximotewos 6:6-19⁠rratti: “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha” jechuudhaan kennee wajjin kan wal fakkaatudha. Barumsawwan Macaafa Qulqulluu kan biraarrattis wal fakkeenya akkasii argachuun ni danda’ama.—Lal. 3:17—HoE. 17:31; Lal. 4:1—Yaq. 5:4; Lal. 5:1, 2—Yaq. 1:19; Lal. 6:12—Yaq. 4:14; Lal. 7:20—Rom. 3:23; Lal. 8:17—Rom. 11: 33.

19 Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo, Yesus Kiristos Ilmasaa isa jaallatamaa, isa sanyii Solomoon Mootichaatiin geggeeffamu hawaasa haaraa lafarratti dhaaba. (Mul. 21:1-5) Wanti Solomoon namoota mootummaasaa jala turan ittiin gaggeessuuf barreesse, warra Mootummaa Waaqayyoo isa Yesus Kiristosiin geggeeffamu abdatanis kan fayyadudha. Mootummaa kana jalatti ilmaan namootaa seerawwan bu’uuraa sassaabdichi dubbateen geggeeffamuudhaan, jireenya Waaqayyoo isaaniif kennetti bara baraaf gammadu. Yeroon kun, gammachuu mootummaasaa jalatti argamu argachuuf yeroo gara waaqeffannaa Yihowaatti sassaabamnudha.—Lal. 3:12, 13; 12:13, 14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi