Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 22—Weedduu Weedduu Caalu
Barreessaan: Solomoon
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 1020
JAARRAA jalqabaatti kan tureefi “barsiisaa amantii Yihudootaa” kan ta’e Akiibaan, dinqisiifannaa Weedduu Solomooniif qabu yeroo ibsu: ‘Weedduun saba Israa’eliif kenname kun saba addunyaarratti argamu kamiifiyyuu kennamuu kan qabu hin turre’ jechuudhaan dubbateera.a Mata dureen Macaafichaa “Weedduu Weedduu Caalu” jedhu afaan Ibrootaarraa kallattidhaan kan fudhatame yeroo ta’u, jechi ‘bantii waaqaa isa bantiiwwan waaqaa gararraa jiru’ jedhu bantii waaqaa isa ol fagoo jiru akkuma argisiisu, Weedduun kunis weedduu hundumaa kan caalu ta’uusaa argisiisa. (Kes. 10:14) Weedduu bakka adda addaatii walitti sassaabame utuu hin ta’in weedduu tokkicha yommuu ta’u, “Weedduuwwan hanga ammaatti barreeffaman kan caaluufi sadarkaa qulqullinaa guddaa kan qabudha” jedhameera.b
2 Akkuma seensasaarratti ibsame, weedduu kana kan barreesse Mootii Yerusaalem kan ture Solomoonidha. Weedduu Ibrootaa ba’eessa ta’e kana barreessuufis ga’eessa ture. (1 Mot. 4:32) Weedduun kun walaloo hiika guddaa qabuufi miidhagina akka gaariitti ibsudha. Namni Weedduu Weedduu caalu kana yeroo dubbisu waa’ee Israa’eliifi naannooshee gara sammuusaatti fiduun ammayyuu naannoowwan kana dinqisiifachuu danda’a. (Wed. 4:11, 13; 5:11; 7:5) Yeroon Weedduun kun itti barreeffames adda ture. Mootii guddaa kan ture Solomoon ogummaafi humna guddaa, akkasumas badhaadhina Mootuu Sheebaa dinqisiisuu danda’e qabaatuyyuu, shamarree baadiyyaa jaalalli irraa isa qabee ture garuu mo’uu hin dandeenye. Shamarreen kun tiksee kaadhimashee tureef amanamtuu waan turteef, mootichi ishee argachuu hin dandeenye. Kanaafuu, maqaan kitaabichaa Weedduu Jaalala Solomooniin Aarsee jedhamee waamamuunsaa sirriidha. Yihowaan warri sanaan booda, Macaafa Qulqulluu dubbisan hundi kitaaba kanarraa faayidaa akka argataniif jecha akka inni barreessuuf isa kakaaseera. Solomoon kitaaba kana kan barreesse Yerusaalemittidha. Yeroon itti barreeffames ijaarsi mana qulqullummaa erga xumuramee, booda, Dh.K.D. bara 1020tti utuu hin ta’in hin oolu. Solomoon yeroo weedduu kana barreessetti, dubartoota ‘mootuuwwan jaatamaafi saajjatoota saddeettama’ kan qabu yommuu ta’u, bara dhuma mootummaasaattimmoo ‘durboota mootota dhibba torbaafi saajjatoota dhibba sadii’ qaba ture.—Wed. 6:8; 1Mot. 11:3.
3 Bara duriitti Macaafni Weedduu Weedduu Caalu sirrii ta’uusaatiif tasumaa gaaffiin ka’ee hin beeku. Macaafni kun dhaloota Kiristos dura baroota hedduudhaa jalqabee, Caaffata Qulqullaa’aa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman kaanirraa addaa baafamee hin ilaalamu ture. Saptuujantii Giriikii keessattis ni argama. Jooseefasis galmee Caaffata Qulqullaa’aasaa keessatti isa dabaleera. Kanaafuu, Caaffanni Qulqullaa’aan afaan Ibrootaa kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaaniitiif ragaan dhihaatu, Macaafa Weedduu Weedduu Caaluufis caqasamuu danda’a.
4 Haata’u malee, namoonni tokko tokko macaaficha keessatti maqaan Waaqayyoo hin caqasamne jechuudhaan macaafni kun kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaarratti gaaffii kaasu. Maqaan “Waaqayyo” jedhu caqasamuunsaa qofti kutaa Macaafa Qulqulluu akkuma isa hin taasisne, maqaan Waaqayyoo caqasamuu dhiisuunsaas kutaa Macaafa Qulqulluu isa hin godhu. Akka hiika Macaafa Qulqulluu bara 1899tti Weedduu boqonnaa 8, lakkoofsa 6rratti “giimii ibiddaa akka boba’aa Waaqayyooti” jechuudhaan dubbata. Macaafni kun, kutaa macaafota Yesus “Caaffata qullaa’oo keessaa jireenya bara baraa qabna jettanii waan yaaddaniif, caaffatoota in qortu” jechuudhaan waa’eesaanii dubbateefi isa biratti fudhatama argatan keessaa tokko ta’uunsaa hin shakkisiisu. (Yoh. 5:39) Kana malees, haala hafuuraatiin jaalala cimaa Yesusiifi ‘misirroosaa’ gidduu jiru akka gaariitti kan ibsu waan ta’eef, Macaafni Weedduu Weedduu Caalu Macaafa Qulqulluu keessatti iddoo guddaatu kennamaaf.—Mul. 19:7, 8; 21:9.
FAAYIDAASAA
16 Namni Waaqayyoo tokko yeroo ammaatti barumsa Weedduun jaalalaa kun qabaterraa faayidaa maalii argachuu danda’a? Macaaficha keessatti amanamummaafi seerawwan bu’uuraa Waaqayyoo eeguun jabeeffamanii ibsamaniiru. Weedduun kun, jaalalleewwan dhugaa gidduutti amala gaariifi qulqullina argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa barsiisa. Jaalalli dhugaa, mo’amuu, baduu ykn qarshiidhaan bitamuu kan hin dandeenye ta’uusaa ibsa. Dargaggoonnis ta’an shamarreen Kiristiyaanaa, akkasumas abbaan manaafi haati manaa yeroo qoramanitti ykn yeroo ababbalamanitti fakkeenya amanamummaa kanarraa faayidaa argachuu danda’u.
17 Weedduun hafuura Waaqayyootiin barreeffame kun guutummaa gumii Kiristiyaanaatiifis faayidaa guddaa qaba. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas taanaan Macaafni Weedduu kutaa Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin ta’uusaa amananii fudhataniiru. Isaan keessaa tokko kan ta’e Phaawulos, “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 15:4) Phaawulos itti dabalees: “Ani akka durba amanamtuutti Kristos abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf, isin kaadhimachiisee waanan tureef, akkuma Waaqayyo hinaafu, anis isiniif nan hinaafa” jechuudhaan, gumii Kiristiyaanaatiif yeroo barreessu, jaalala durbi Shulaam kaadhimashee isa tikseedhaaf qofa qabdu sammuutti qabachuudhaan ta’uu hin oolu. Akkasumas Phaawulos jaalaala Yesus gumiidhaaf qabu jaalala abbaan manaa haadha manaasaatiif qabuu wajjin wal fakkeesseera. (2 Qor. 11:2; Efe. 5:23-27) Yesus Kiristos Tiksee Gaarii qofa utuu hin ta’in, Mootii dibamtoonnisaa isaa wajjin samiirratti “gaa’ela” baay’ee gammachiisaa ta’e akka godhaniif isaan afeeredha.—Mul. 19:9; Yoh. 10:11.
18 Dibamtoonni duuka buutota Kiristos ta’an kun, fakkeenya durba Shulaam kanarraa faayidaa baay’ee argatu. Isaanis akkuma shamarree Shulaam qabeenya addunyaa isa nama hawwisiisuun utuu hin gowwoomfamin, jaalala isaaf qabaniin amanamoo ta’uufi hanga badhaasasaanii argatanitti jabaatanii dhaabachuusaanii itti fufuu qabu. Ijisaanii wantoota samiirra jiranirratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan, ‘duraan dursanii yaadasaanii mootummaa Waaqayyootti hidhu.’ Tikseensaanii Yesus Kiristos, jaalalaan yeroo isaan waamu gammachuu guddaadhaan owwaatu. Jaalleensaanii kun ijaan kan hin argamne ta’us, isaan cina dhaabatee biyya lafaa kana akka mo’aniif akka isaan jajjabeessu beekuunsaanii guddaa isaan gammachiisa. Tikseesaanii isa Mootii ta’eef jaalala cimaa akka “giimii ibidda akka boba’aa Waaqayyoo” hin qabbanoofne waan qabaniif biyya lafaa kana mo’anii Mootummaa samii dhaaluuf isaa wajjin gurmaa’u. Karaa kanaan maqaan Yihowaa ni qulqulleeffama!—Mat. 6:33; Yoh. 16:33.
[Miiljaleewwan]
b Kilaarkis Koomentaarii, Jildii 3, ful. 841.