LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi06 ful. 29-32
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 23—Isaayaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 23—Isaayaas
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 14
bsi06 ful. 29-32

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 23​—Isaayaas

Barreessaan: Isaayaas

Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. Bara 732  booda

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman:

Dh.K.D naannoo Bara 778–732 booda

SABABII mootii Asorotaa isa gara jabeessaan kan ka’e, mootonni gurguddooniifi xixinnoo Baha giddu galeessaatti argaman yaaddoo guddaarra bu’aniiru. Oduun bakka hundumaatti odeeffamu waa’ee loltoota qindeessuufi daba hojjechuu ture. (Isa. 8:9-13) Bulchiinsi mootota Yihudaa karaa kibbaa yaaddoodhaan kan guutaman yeroo ta’u, Israa’eloonni warri gantoonni gara kaabaa jiranis daba kanaaf saaxilamaniiru. (2 Mot., boq. 15-21) Meeshaawwan waraanaa haaraan hojjetamanii hojiirra ooluunsaaniimmoo caalaatti isaan sodaachiseera. (2 Sen. 26:14, 15) Akkas taanaan namni tokko eegumsaafi fayyina eessaa argachuu danda’a? Maqaan Yihowaa afaan saba Yihudaafi lubootasaaniirraa kan hin buune ta’us, garaansaanii jalqaba garuu gara Asoritti, achiis gara Gibxiitti garagalee ture. (2 Mot. 16:7; 18:21) Amantaan isaan humna Yihowaarratti qabanis laafee ture. Kallattiidhaan waaqolii tolfamoo waaqeffachuu baatanis, Waaqeffannaan isaan fakkeessitummaadhaan dhiheessan Waaqayyoof sodaa dhugaa akka hin qabne mirkanaa’eera.

2 Yoos, Yihowaan fayyisaa ta’uusaa kan dubbatu eenyu? Akka inni oolchuuf humna qabuhoo kan lallabu eenyu? “Kunoo, ani jira, ana ergi!” deebiin jedhu bataluma sanatti kenname. Deebii kana kan kenne Isaayaas isa kanaan dura raajii dubbataa turedha. Kunis bara Uziyaan Mootichi dhukkuba lamxiitiin rukutamee du’etti jechuunis Dh.K.D. bara 778⁠tti kan raawwatamedha. (Isa. 6:1, 8) Isaayaas jechuun, “Fayyisuu Yihowaa” jechuu yommuu ta’u, yeroo garagalchamee hiikamummoo hiika maqaa Yesus (“Yihowaan Fayyisaadha”) jedhuu wajjin kan wal fakkaatudha. Raajiin Isaayaas jalqabaa kaasee hanga xumuraatti, Yihowaan fayyisaa ta’uusaa kan ibsudha.

3 Isaayaas ilma Amoz ture (Amos raajicha isa biyya Yihudaa ture miti). (1:1) Caaffanni Qulqullaa’aan waa’ee dhalootaas ta’e waa’ee du’a Isaayaas homaa hin dubbatan; afoolli Yihudootaa garuu, Mootii hamaa kan ture Minaaseen haamtuu mukaatiin baqaqsiisee akka isa ajjeesise dubbata. (Ibroota 11:37, 1899 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wanti inni barreesse akka ibsutti, haadha manaasaa ishee raajittii, yoo xinnaatemmoo ijoollee hiikni maqaasaanii raajii gara fuulduraatti raawwatamu haala argisiisuun moggaafaman lamaa wajjin Yerusaalem keessa akka jiraachaa ture hubanna. (Isa. 7:3; 8:1, 3) Isaayaas bara mootota Yihudaa arfan, jechuunis: bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaziifi Hisqiyaasitti tajaajileera; kunis Dh.K. D. bara 778 kaasee (yeroo Uziyaan du’etti ykn isaan dura) hanga Dh.K.D. bara 732 (bara bulchiinsa Hisqiyaas isa waggaa 14⁠ffaa) booda waggoota 46 ol ta’aniif ta’a. Raajiiwwansaa kana kan barreesses yerooma kanatti ta’uunsaa beekamaadha. (1:1; 6:1; 36:1) Raajonni barasaatti turan kan biraan, biyya Yihudaatti, Miikiyaas, karaa Kaabaammoo Hose’aafi Odeed turan.—Mik. 1:1; Hos. 1:1; 2 Sen. 28:6-9.

4 Yihowaan firdii adabaa ilaalchisee Isaayaas 30:8⁠rratti akkas jedhee akka barreessu itti hime: “Amma dhaqii fuula isaanii duratti gabatee irratti caafi! Macaafa maramu keessattis mallateessi! Innis guyyaa booddeetiif hamma bara baraatti dhuga-baatuu in ta’a.” Geggeessitoonni amantii Yihudii bara durii kitaaba kana kan barreesse Isaayaas akka ta’e, akkasumas kitaaba raajota gurguddaa (Isaayaas, Ermiyaasfi Hisqi’el) keessaa isa duraa ta’uusaas amananiiru.

5 Namoonni tokko tokko, kitaabni kun boqonnaa 40 jalqabee akkaataan barreeffamaafi ergaansaa jijjiirama waan qabuuf nama kan biraatu barreesse ykn “Isaayaas Isa Lammaffaa” ta’uu qaba jedhu; haata’u malee, akkaataan barreeffamasaa kan jijjiirame haalli inni itti ergaasaa dabarsu waan jijjiirameef malee nama kan biraatiin waan barreeffameef miti. Isaayaas guutummaa kitaaba maqaasaatiin waamamu kanaa barreessuusaatiif ragaa baay’eetu jira. Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu bara 1899⁠rratti jechi “Qulqulluu Israa’el” jedhu, boqonnaa 1 hanga 39⁠tti al 12, boqonnaa 40 hanga 66⁠ttimmoo al 13, walumatti al 25 argama; Caaffata Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa hafan keessatti garuu al 6 qofa argama. Phaawulosis kutaawwan raajii macaaficha keessatti dubbatame hundumaarraa caqasuudhaan barreessaan macaafichaa namuma tokko innis Isaayaas ta’uusaa waan dubbateef, macaafichi kan wal simu ta’uusaa mirkaneesseera.—Roomaa 10:16, 20; 15:12 fi Isaayaas 53:1; 65:1; 11:1 wajjin wal bira qabii ilaali.

6 Bara 1947 jalqabee, barreeffamoota durii holqa dukkanaa’aa Kihireebeet Quumraanitti dhihoo, jechuunis karaa kaaba lixaa Galaana Du’aatti dhihoo ta’e keessaa argamaniiru. Macaafonni maramoo Galaana Du’aa keessaa argaman kun raajii Isaayaas kan dabalatanidha. Akkasumas Dh.K.D jaarraa lammaffaatti, afaan Ibrootaa sirriitti eegameen barreeffama bareedaadhaan Maasoorotaan kan barreeffamaniifi umurii waggaa 2,000 kan qabanidha. Kunis barreeffama Maasooreetota durii, isa Caaffanni Qulqullaa’aa afaan Ibrootaa yeroo ammaatti irratti hundeeffame, waggoota kumaan kan caaludha. Garaagarummaa qubeefi ijaarsa himootaa salphaa ta’e kan qaban ta’anis, yaannisaa barreeffama Maasooreetotaa wajjin tokkodha. Kunis Macaafni Qulqulluun yeroo har’aatti argamu ergaa Isaayaas isa jalqaba geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kan qabate ta’uusaa nuu mirkaneessa. Kana malees, Isaayaas boqonnaa 40⁠ni, fuula boqonnaan 39 irratti argamurratti toora dhumaarraa kan jalqabu yommuu ta’u, himnisaa inni jalqabaammoo fuula itti aanurratti kan xumuramu waan ta’eef, macaafonni maramoon bara durii kun yaanni mormitoonni “Isaayaas” lamatu jira jechuudhaan kaasan dogoggora ta’uusaa mirkaneessuu. Kanaaf namni macaafa kana galagalche sun, bakka itti barreessaansaa jijjiire ykn bakka itti hirame waan beeku hin qabu ture jechuudha.a

7 Macaafni Isaayaas sirrii ta’uusaatiif ragaawwan hedduutu jira. Museerraa kan hafe raajiin akka Isaayaas Kiristiyaanota Macaafa Qulqulluu barreessaniin al baay’ee caqasame hin jiru. Akkasumas Macaafni Isaayaas sirrii ta’uusaatiif ragaa seenaawwaniifi qorannaawwan lafa keessaa hedduutu jira; isaan kana keessaa galmeen seenaa mootota Asor isa tokko yommuu ta’u, kunis Senaaheriib gabatee dhagaa fuula ja’a qaburratti weerara Yerusaalemirratti godhe kan dabalatudha.b (Isa. boq. 36, 37) Tuullaan Baabilon isheen durii diigamuushee argisiisuufi yeroo ammaatti tuulamee argamu, ammayyuu Raajiin Isaayaas 13:17-22⁠rra jiru raawwatamuusaa mirkaneessa.c Qiiros mootichi inni Isaayaas waggoota 200 dura maqaasaa waamee waa’eesaa barreesse Yihudoota kumaan lakkaa’aman, garbummaa Baabilon jalaa walaba isaan baasuunsaa ragaa guddaadha. Qiirosis Yihudoota hafan erga walaba baasee booda, akka kana godhu kan isa ajaje Yihowaa ta’uusaa waan dubbateef, macaafa Isaayaas utuu hin dubbisin hin oolu.—Isa. 44:28; 45:1; Iz. 1:1-3.

8 Macaafa Isaayaas keessatti wanti iddoon guddaan kennameef raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubatanidha. Raajiiwwan Isaayaas dubbate baay’eensaanii, jireenya Yesus keessatti waan raawwatamaniif “Raajicha Wangeelaa” jedhamee waamameera. Isaayaas Boqonnaa 53, xu’aashii Itoophiyaa Hojii Ergamootaa boqonnaa 8⁠rratti caqasame qofaaf utuu hin ta’in, guutummaa saba Yihudaatiif yeroo dheeraadhaaf “boqonnaa iccitii qabate” kan ture yommuu ta’u, wantoota Yesusirratti raawwataman kan raajessu waan ta’eef seenaa namni ijaan arge tokko barreesse fakkaata. Caqasawwan kanaa gadi jiranirraa hubachuun akka danda’amutti Caaffanni Qulqullaa’aan afaan Giriikii boqonnaa kanarraa caqasaniiru: Isa 53 Lak. 1—Yohannis 12:37, 38; Isa 53 Lak. 2—Yohannis 19:5-7; Isa 53 Lak. 3—Maarqos 9:12; Isa 53 Lak. 4—Maatewos 8:16, 17; Isa 53 Lak. 5—1 Phexros 2:24; Isa 53 Lak. 6—1 Phexros 2:25; Isa 53 Lak. 7—Hojii Ergamootaa 8:32, 35; Isa 53 Lak. 8—Hojii Ergamootaa 8:33; Isa 53 Lak. 9—Maatewos 27:57-60; Isa 53 Lak. 10—Ibroota 7:27; Isa 53 Lak. 11—Roomaa 5:18; Isa 53 Lak. 12—Luqaas 22:37. Maddi raajiiwwan dhugaa ta’an kanaa Waaqayyo malee eenyu ta’uu danda’a?

FAAYIDAASAA

34 Karaa hundaan yeroo ilaalamu, macaafni Isaayaas raajichaa kennaa isa Yihowaa hundarra caaludha. Yaadawwan Waaqayyoo warra gurguddaa kan ibsudha. (Isa. 55:8-11) Obboloonni haasawaa sabaa dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e dhiheessan, akkuma fakkeenyawwan Yesus dubbateen gargaaramanii wanta hubachiisuu barbaadame sirriitti ibsan, fakkeenyawwan macaafa Isaayaas keessatti argamaniinis fayyadamuu ni danda’u. Isaayaas, namni tokko gar tokkoo mukaatiin nyaata bilcheeffachuuf, isa hafeemmoo waaqa tolfamaa godhee waaqeffachuunsaa gowwummaa akka ta’e jabeessee ibseera. Namni siree gabaabaarra ciisu diriirfachuu akka hin dandeenye, namni uffata garaa dhiphoo uffatus ofitti maree rafuu akka hin dandeenye akka hubannu; akkasumas raajota sobaa saree dhibooftuu dutuu hin dandeenyee wajjin wal fakkeessuudhaan, irriba cimaa keessa akka jiran akka hubannu nu godha. Akkuma Isaayaas nu gorse, nutis ‘macaafa Waaqayyoo keessaa barbaannee utuu dubbisnee’ ergaa cimaa Isaayaas waa’ee bara kanaa dubbate hubachuu dandeenya.—44:14-20; 28:20; 56:10-12; 34:16.

35 Raajichi, keessumaa Mootummaa Waaqayyoo isa Masiihichaan geggeeffamurratti kan xiyyeeffatedha. Yihowaan Mootii hundaa oliiti; kan nu fayyisuus isumadha. (33:22) Haata’u malee, waa’ee Masiihichaa maal jechuu dandeenya? Wanti Gabri’el ergamaan waa’ee mucichaa ilaalchisee Maariyaamitti dubbate, raajiin Isaayaas 9:6, 7⁠rra jiru kan raawwatamu yeroo mucichi teessoo Daawit yeroo dhaaluufi yeroo raajiin: “Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedhu raawwatamutti akka ta’e argisiisa. (Luq. 1:32, 33) Maatewos 1:22, 23, Yesus durbarraa dhalachuunsaa Raajiin Isaayaas 7:14⁠rra jiru akka raawwatamu gochuusaafi “Amaanu’el” jedhamee akka waamamu kan argisiisudha. Erga kun ta’e waggaa 30 booda Yohannis Cuuphaan “Mootummaan waaqaa dhi’aateera” jedhee lallabuu jalqabe. Barreessitoonni Wangeelaa arfan, ‘sagalee lafa onaa keessaa lallabu’ kan jedhame Yohannis ta’uusaa argisiisuuf Isaayaas 40:3 caqasaniiru. (Mat. 3:1-3; Mar. 1:2-4; Luq. 3:3-6; Yoh. 1:23) Yesus yeroo cuuphametti Masiihii, jechuunis Yihowaadhaan kan dibame, akkasumas latii ykn hidda Iseyi warra saba Waaqayyoo hin ta’inirratti bitu ta’e. Akka Isaayaas 11:1, 10 jedhutti, warri saba Waaqayyoo hin ta’in hundi Masiihii kana abdachuu qabu.—Rom. 15:8, 12.

36 Itti fufuudhaan Isaayaas eenyummaa Masiihichaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu! Yesus Yihowaadhaan kan dibame ta’uusaa argisiisuuf kutaa raajii Isaayaas, isa hojii isaaf kenname ibsu erga dubbisee booda, sababii “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuu” itti fufee yeroo ibsus, “kanaaf anuu ergame” jedheera. (Luq. 4:17-19, 43; Isa. 61:1, 2) Wangeelonni arfanuu waa’ee tajaajila Yesus isa lafarraafi akkaataa du’asaa isa Isaayaas 53⁠rratti ibsame ilaalchisee odeeffannoo baay’ee barreessaniiru. Yihudoonni garaa hin amanne waan qabaniif, misiraachoo Mootummichaa dhaga’anis ta’e, hojiiwwan dinqii Yesus raawwate arganiyyuu hiiknisaa isaaniif hin galle; kunimmoo raawwii raajii Isaayaas 6:9, 10; 29:13⁠fi 53:1⁠rratti ibsame kan argisiisudha. (Mat. 13:14, 15; Yoh. 12:38-40; HoE. 28:24-27; Rom. 10:16; Mat. 15:7-9; Mar. 7:6, 7) Akka raawwii Isaayaas 8:14⁠fi 28:16⁠ttimmoo, Yesus saba Yihudaatiif dhagaa gufachiisuu ta’eraa; haata’u malee, dhagaa mataa golee Yihowaan Xiyoonitti dhaabeefi manasaa isa hafuuraa irratti ijaaru ta’eera.—Luq. 20:17; Rom. 9:32, 33; 10:11; 1 Phe. 2:4-10.

37 Bartoonni Yesus Raajii Isaayaas tajaajilasaanirratti akka gaariitti itti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos, amantii qabaachuuf namoonni lallaban akka barbaachisan ibsuuf raajii Isaayaasirraa caqasee, “Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal maal nama gammachiisu!” jedheera. (Rom. 10:15; Isa. 52:7; akkasumas Roomaa 10:11, 16, 20, 21 ilaali.) Phexrosis misiraachoon kun kan bara baraa ta’uusaa ibsuuf raajii Isaayaas caqasee akkas jedheera: “Kanaaf caaffanni qulqullaa’aan, ‘Namni foon uffate hundinuu akka margaa ti, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaa ti; margichi in coollaga, daraaraan isaas in harca’a. Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan in jiraata’ in jedha; dubbiin kun immoo isa misraachoo isinitti himamee dha.”—1 Phe. 1:24, 25; Isa. 40:6-8.

38 Isaayaas wantoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti raawwataman ba’eessa godhee ibseera! “Bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa” ‘mootiin qajeelummaadhaan mo’uu fi’ abbootiin firdii itti bulchan ni dhufa. Abdii akkam nama gammachiisudhaa! (65:17, 18; 32:1, 2) Ammas Phexros ergaa gammachiisaa ta’e kana yeroo ibsu: “Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna” jedheera. (2 Phe. 3:13) Ergaan Mootummaa Waaqayyoo kun boqonnaawwan xumuraa Macaafa Mul’ataa keessatti akka gaariitti ibsameera.—Isa. 66:22, 23; 25:8; Mul. 21:1-5.

39 Kanaafuu, Macaafni Isaayaas ergaa dheekkamsaa diinota Yihowaafi namoota sobaan tajaajiltootasaati ofiin jedhanirratti dubbatame kan qabate ta’us, waa’ee Mootummaa Masiihichaa isa maqaa Yihowaa qulqulleessuus ni dubbata. Macaafni kun waa’ee Mootummaa Yihowaa wantoota dhugaa ta’an kan ibsu yommuu ta’u, “fayyisuu” Yihowaa gammachuudhaan akka eeggannuuf nu kakaasa.—Isa. 25:9; 40:28-31.

[Miiljaleewwan]

a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Qoruu, Jildii 1, ful. 1221-1223.

b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Qoruu Jildii 1, ful. 957; Jildii 2, ful. 894-895.

c Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Qoruu, Jildii 2, ful. 324.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi