Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 24—Ermiyaas
Barreessaan: Ermiyaas
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaafi Gibxii
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 580
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 647–580
ERMIYAAS RAAJICHI kan jiraate yeroo rakkisaafi jeequmsaan guutame keessa ture. Yihowaan hojii raajii dubbachuu kan isaaf kenne Dh.K.D. bara 647, jechuunis bulchiinsa Yosiyaas mootii Yihudaa isa Waaqayyoon sodaatu waggaa 13ffaatti ture. Manni qulqullummaa yeroo haaromfamu kitaabni Seera Yihowaa qabate argamee mootichaaf dubbifame. Mootichis seera kana hojiirra oolchuuf jabaatee hojjetuyyuu, sabni sun yeroo muraasaaf qofa waaqolii tolfamoo akka hin waaqeffanne gochuurra darbee bu’aa hin argamsiisne. Akaakayyuun Yosiyaas, jechuunis Minaaseen inni waggaa 55f bulches ta’e abbaan Minaasee Amoon inni mootii ta’ee waggaa lamatti ajjeefame waan hamaa hojjetaniiru. Lamaansaaniiyyuu sabni sun gammachuu keessa ba’aa akka hordofuufi gocha nama suukanneessu akka raawwatu kakaasaniiru. Kanaan kan ka’es sabichi “mootittii waaqaaf” ixaana aarsuufi waaqolii hafuurota hamootiif namoota aarsaa godhanii dhiheessuu amaleeffatanii turan. Minaaseen Yerusaalemiin dhiiga namoota yakka hin hojjenneen guutee ture.—Er. 1:2; 44:19; 2 Mot. 21:6, 16, 19-23; 23:26, 27.
2 Kanaaf hojiin Ermiyaas salphaa hin turre. Balaawwan ciccimoo, jechuunis Yihudaafi Yerusaalem akka badan, manni qulqullummaa Yihowaa inni dinqisiisaa ta’e akka gubamuufi sabni Yihowaa boojuudhaan akka fudhataman raajii dubbachuu gaafata ture. Bara Mootota hamoo, jechuunis bara Yeho’ahaaz, Yehoyaaqiim, Yohoyaakiin (Koniiyaa) fi Zedeqiiyaatti waggaa 40f raajii dubbachuu qaba ture. (Er. 1:2, 3) Yeroo boodas Gibxiitti Yihudoota boojuudhaan gara biyyattiitti geeffamaniifi ejja raawwatan ilaalchisee raajii dubbateera. Macaafnisaa barreeffamee kan xumurame Dh.K.D. bara 580tti ture. Kanaaf Macaafni Ermiyaas seenaa gurguddaa waggoota 67 gidduutti raawwataman kan qabatedha.—52:31.
3 Afaan Ibrootaatiin maqaan raajichaas ta’e maqaan macaafichaa Yirmiyaah ykn Yirmiyaahuu kan jedhu yeroo ta’u, hiiknisaas “Yihowaan Ol Ol Godha ykn Yihowaan Ni Fura [gadameessa keessaa jechuu hin ta’in hin oolu]” kan jedhu ta’uu danda’a. Macaafichi kuusaa macaafota afaan Ibrootaatiin barreeffaman hundumaa keessatti kan argamu yeroo ta’u, kutaa Macaafota Qulqulluu ta’uunsaas bal’inaan fudhatama kan argatedha. Raajiin Ermiyaas dubbate hedduun haala dinqisiisaa ta’een baruma sanatti raawwatamuunsaa macaafichi guutummaatti sirrii ta’uusaa argisiisa. Kana malees, Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii keessatti maqaan Ermiyaas yeroo hedduu caqasameera. (Mat. 2:17, 18; 16:14; 27:9) Yesus yeroo mana qulqullummaa keessaa daldaltoota ari’e, yaada Ermiyaas 7:11fi Isaayaas 56:7 walitti qabee dubbachuunsaa Macaafa Ermiyaas akka qayyabate kan argisiisudha. (Mar. 11:17; Luq. 19:46) Yesus ija jabeessa waan tureef namoonni tokko tokko inni Ermiyaasidha jedhanii yaadanii turan. (Mat. 16:13, 14) Raajii Ermiyaas kakuu haaraa ilaalchisee dubbate (Er. 31:31-34), Phaawulos Ibroota 8:8-12fi Ibr. 10:16, 17rratti caqaseera. Phaawulos Ermiyaas 9:24rraa caqasuudhaan: “Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju!” jedheera. (1 Qor. 1:31) Kufaatii Baabilon ilaalchisee fakkeenyi Ermiyaas dubbate (Er. 51:63, 64), Mul’ata 18:21rratti akka gaariitti ibsameera.
4 Ragaawwan qorannaa dacheetiin argamanis Macaafni Ermiyaas sirrii ta’uusaa mirkaneessu. Fakkeenyaaf seenaan warra Baabilon, Nebukadnezaar (Nebukadrezaar) Dh.K.D. bara 617tti Yerusaalemiin weeraruusaafi mootiishee (Yihoyaakiiniin) aboorraa ari’ee nama ofiisaatiif filate (Zedeqiiyaa) muuduusaa ibsa.—24:1; 29:1, 2; 37:1.a
5 Museedhaan alatti, raajiiwwan bara durii keessaa kan akka Ermiyaas seenaan jireenyasaa akka gaariitti ibsame hin jiru. Ermiyaas waa’ee mataasaa maaltu akka itti dhaga’amu kan ibse yommuu ta’u, gad of qabuusaa, nama oo’a qabu ta’uunsaafi waa’een ija-jabinasaa ibsameera. Inni raajii qofa utuu hin ta’in luba, Caaffata Qulqullaa’aa kan walitti qindeesseefi seenaa barreessituu dhugaa ture. Ermiyaas, “biyya Beniyaamin” ishee Yerusaalemirraa karaa kaabaa argamtu, jechuunis mandara lubootaa ishee Anaatot jedhamtu keessa kan jiraatu ilma Hilqiiyaa ture. (1:1) Akkaataan inni itti macaafa kana barreesse ifa, kallattiifi salphaatti kan namaa galudha. Kitaabichi fakkeenyaafi seenaa haala fakkiitiin dhihaate, akkasumas seenaawwan haala walaloofi hololootiin barreeffaman hedduu qabateera.
FAAYIDAASAA
36 Raajiin gaggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun kan nama jajjabeessuufi faayida-qabeessadha. Mee ija jabina Ermiyaas argisiise akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Namoota Waaqayyo malee jiraatanitti Ergaa namoota hedduu biratti fudhatama hin qabne sodaa malee dubbateera. Namoota hamoo wajjin hidhata ta’uurraa fagaateera. Ergaa kanaaf dursa kennuun ariifachiisaa akka ta’e hubachuudhaan, hojii kanaaf guutummaatti of dhiheessuusaarrayyuu, utuu hin nuffin hamma dhumaatti hojjeteera. Dubbiin Waaqayyoo lafeesaa keessatti akka ibidda boba’uu akka isatti ta’e, garaasaas gammachuufi qannoodhaan akka isaa guute dubbateera. (Er. 15:16-20; 20:8-13) Nutis yeroo kamiyyuu caalaatti dubbii Yihowaatiif hinaaffaa akkasii kan argisiisnu haa taanu! Akkuma Baaruk Ermiyaasiin gargaare, nutis tajaajiltoota Waaqayyoo amanamummaadhaan haa gargaarru. Rekaabotni garaa guutuudhaan abboomamuunsaaniifi Ebeed-Melek raajii ari’atamu kanaaf gaarummaadhaan yaaduunsaa fakkeenya gaarii nuu ta’a.—36:8-19, 32; 35:1-19; 38:7-13; 39:15-18.
37 Dubbiin Waaqayyoo inni gara Ermiyaasitti dhufe haala nama dinqisiisuun raawwatameera. Kunimmoo dandeettii Yihowaan raajii dubbachuuf qabutti akka amannu nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Ermiyaas badiisarraa oolee Zedeqiiyaan akka booji’amuufi Yerusaalem akka baddu wanti innumti raajiidhaan dubbate yeroo raawwatamu (21:3-10; 39:6-9), Shaalum (Yeho’ahaaz) Mootichi aangoosaarraa akka ari’amuufi utuu boojuurra jiruu akka du’u (Er. 22:11, 12; 2 Mot. 23:30-34; 2 Sen. 36:1-4), Koniyaa (Yehoyaakiin) Mootichi booji’amee gara Baabilonitti akka geeffamu (Er. 22:24-27; 2 Mot. 24:15, 16), akkasumas raajii sobduu kan ta’e Hanaaniiyaan waggaa tokko gidduutti akka du’e argeera (Er. 28:16, 17). Raajiiwwan kana dabalatee hedduunsaanii akkuma Yihowaan raajiidhaan dubbate raawwatamaniiru. Raajonniifi tajaajiltoonni Yihowaa yeroo booda ka’an, raajiin Ermiyaas sirriifi dhimma kan baasu ta’uusaa hubataniiru. Fakkeenyaaf, Daani’el Yerusaalem waggaa 70f akka ontu Macaafa Ermiyaasirraa hubateera; Izraanis dhuma waggaa 70ffaatti raajiin Ermiyaas akkamitti raawwiisaa akka argate ibseera.—Dan. 9:2; 2 Sen. 36:20, 21; Iz. 1:1; Er. 25:11, 12; 29:10.
38 Yesus bartootasaa wajjin yeroo Ayyaana Irbaata Gooftaa hundeessetti, kakuu haaraa ilaalchisee wanti Ermiyaas raajiidhaan dubbate akka raawwatame ibseera. Kakuun cuubbuunsaanii isaaniif dhiifamuufi karaa hafuuraa saba Waaqayyoo ta’uuf isaan gargaaru yommuu ibsu, ‘kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun’ jechuudhaan dubbateera. (Luq. 22:20; Er. 31:31-34) Namoonni karaa hafuuraa dibamaniifi gara kakuu haaraatti galan kun, isaa wajjin samii keessatti akka bulchaniif warra Kiristos gara kakuu Mootummichaatti isaan galchudha. (Luq. 22:29; Mul. 5:9, 10; 20:6) Raajii Ermiyaas keessatti waa’een Mootummaa kanaa bakka hedduutti ibsameera. Yerusaalem ishee amantaa hin qabne ilaalchisee firdii hedduun kan dubbatame ta’uyyuu, Ermiyaas abdii armaan gaditti argamu dubbateera: “Kunoo, barri ani itti sanyii Daawit keessaa mootii qajeelummaadhaan hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaadhaan mo’uu fi mootii lafa irratti firdii qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta’a.” Eeyyee, maqaan mootichaa “Waaqayyo [“Yihowaan,” NW] qajeelummaa keenya” jedhama.—Er. 23:5, 6.
39 Ermiyaas waa’ee deebi’anii hundeeffamuus akkas jechuudhaan dubbateera: “Isaan ana Waaqayyo gooftaa isaaniitiif akkasumas mootii isaanii isa ani sanyii Daawit keessaa isaaniif kaasuuf in hojjetu.” (30:9) Dhumarrattis Ermiyaas, wanta gaarii Yihowaan Yihudaafi Israa’eliif godhu ilaalchisee akkas jedheera: “Ani bara sana keessa yeroo sanatti sanyii Daawit keessaa mootii [“lata” NW] qajeelummaadhaan hojjetu nan kaasa” kunis sanyii isaa akka baay’isuufi isaan keessaammoo “teessoo isaa irratti kan mo’u” akka argamuufidha jechuudhaan dubbateera. (33:15, 21) Warri hafan akkuma Baabilon keessaa ba’an, Mootummaan qajeelaan “lata” kana keessaa ba’us guutummaa biyya lafaarratti murtoo qajeelaafi qajeelummaa akka babal’isu homaa hin shakkisiisu.—Luq. 1:32.
[Miiljalee]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) Jildii 2, ful. 326, 480.