Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 26—Hisqi’el
Barreessaan: Hisqi’el
Bakki Itti Barreeffame: Baabilon
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 591
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. naannoo 613–591
DHALOOTA KIRISTOS DURA bara 617tti mootii Yihudaa kan ture Yehoyaaqiim, Yerusaalemiin harka Nebukadnezaaritti dabarsee kenne; innis namoota biyyattii keessatti bakka guddaa qaban, mi’oota mana qulqullummaa Yihowaafi mana mootichaa keessa turan gara Baabilonitti geesse. Booji’amtoota keessaas, maatii mootichaa, gurguddoota biyyaa, loltoota jajjaboo, namoota hojii harkaa beekan, namoota sibiila tumaniifi Hisqi’el ilmi Buzii inni lubichi keessatti argamu. (2 Mot. 24:11-17; His. 1:1-3) Israa’eloonni booji’aman kun biyyasaanii isa tullootaan, burqituuwwaniifi dachaadhaan guutamee ka’anii gara biyya bal’eensaafi dadhabsiisaa ta’etti yommuu adeeman baay’ee gaddanii turan. Amma bishaan Kebaar bira, mootummaa humna guddaa qabu jala, namoota aadaa adda ta’e qabaniifi waaqolii tolfamoo waaqeffatan gidduu jiraachuu jalqaban. Nebukadnezaar, Israa’eloonni mana, hojjettootaafi hojii mataasaanii akka qabaatan isaaniif heyyamee ture. (His. 8:1; Er. 29:5-7; Iz. 2:65) Jabaatanii yoo hojjetan sooromuu ni danda’u turan. Haata’u malee, Israa’eloonni amantii warra Baabilon ykn kiyyoo qabeenya hordofuutiin ni kufuu laata? Yihowaarratti ka’uusaanii itti fufuu? Boojuudhaan kan geeffaman Yihowaan waan isaan adabeef ta’uusaa ni hubatuu? Biyya boojuudhaan dhaqanitti qorumsi haaraan karaa adda addaa isaan eeggata ture.
2 Waggoonni rakkisoon Yerusaalem baduunshee dhihaatanittis, Yihowaan raajotasaa erguu hin dhaabne; Ermiyaas achuma Yerusaalemiin ture. Daani’el mana mootummaa warra Baabilon keessa kan ture yommuu ta’u, Hisqi’elimmoo Yihudoota boojuudhaan Baabilon keessa turan gidduutti raajii ta’ee tajaajila ture. Hisqi’el akkuma Ermiyaas lubaafi raajii kan ture yommuu ta’u, yeroo boodammoo Zakaariyaasis lubaafi raajii ta’e tajaajileera. (His. 1:3) Hisqi’el macaafasaa keessatti al 90 ol “mucaa namaa!” jedhamee waan waamameef, yeroo raajii Hisqi’el qayyabannu wanti qalbeeffachuu qabnu jira; sababiinsaas, Yesusis haala kanaa wajjin wal fakkaatuun Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii keessatti al 80 ol “ilma namaa” jedhamee waamameera. (His. 2:1; Mat. 8:20) Maqaan Hisqi’el afaan (Ibrootaatiin, Yecheeziqeel) jedhamu “Waaqayyoo Ni Jabeessa” jedhuudha. Yihowaan raajii ta’ee akka isa tajaajiluuf Hisqi’eliif hojii kan kenne Yehoyaaqiim booji’amee waggaa shanaffaatti, jechuunis Dh.K.D. bara 613ttidha. Hisqi’el sabni sun erga boojuutti geeffamanii waggaa 27tti, jechuunis raajii ta’ee tajaajiluu erga jalqabee waggaa 22 boodas hojiisaarra akka ture dubbisna. (His. 1:1, 2; 29:17) Hisqi’el fuudhee kan ture ta’ullee, guyyaa Nebukadnezaar yeroo dhumaatiif Yerusaalemitti marse haati manaasaa duuteetti. (His. 24:2, 18) Guyyaafi akkaataan Hisqi’el itti du’e garuu hin beekamu.
3 Hisqi’el macaafa maqaasaatiin waamamu barreessuusaafi macaafichi kutaa Macaafota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamaniifi fudhatama argatan ta’uusaa ilaalchisee falmiin ka’e hin jiru. Macaafichi Caaffata Qulqullaa’aa kaanitti kan dabalamee bara Izraattidha; Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo turanitti caalaadhumattimmoo, Caaffata Qulqullaa’aa Ooriijan qopheesse keessatti ni argama. Kana malee, fakkeenyawwan macaafichi itti fayyadamu Macaafa Ermiyaasiifi Macaafa Mul’ataa wajjin haala dinqisiisaa ta’een wal fakkaachuunsaa, macaafichi sirrii ta’uusaa mirkaneessa.—His. 24:2-12—Er. 1:13-15; His. 23:1-49—Er. 3:6-11; His. 18:2-4—Er. 31:29, 30; His. 1:5, 10—Mul. 4:6, 7; His. 5:17—Mul. 6:8; His. 9:4—Mul. 7:3; His. 2:9; 3:1—Mul. 10:2, 8-10; His. 23:22, 25, 26—Mul. 17:16; 18:8; His. 27:30, 36—Mul. 18:9, 17-19; His. 37:27—Mul. 21:3; His. 48:30-34—Mul. 21:12, 13; His. 47:1, 7, 12—Mul. 22:1, 2.
4 Ragaa garabiraan macaafichi sirrii ta’uusaa mirkaneessummoo, raajii Hisqi’el saboota naannoo sanatti argaman, jechuunis Xiiros, Gibxiifi Edoomiin ilaalchisee dubbate haala dinqisiisaa ta’een raawwii argachuusaaniiti. Fakkeenyaaf Xiiros akka baddu Hisqi’el raajii dubbatee kan ture yommuu ta’u, Nebukadnezaar waggoota 13f erga itti marsee booda, magaalattii yommuu qabatu raajichi hamma tokko raawwii argateera. (His. 26:2-21) Xiiros waraana kanaan guutummaatti hin balleeffamne. Haata’u malee, akka murtoo Yihowaatti guutummaatti akka balleeffamtu dubbatamee ture. Yihowaan karaa Hisqi’el akkas jechuudhaan raajii dubbatee ture: “Anis immoo biyyoo ishee ishee irraa haree nan balleessa, akka dhagaa kattaa bakkeetti mul’atuus ishee nan godha. . . . Dallaa dhagaa kee in caccabsu; manneetii kee isa gaggaariis in diigu; dhagoota kee, mukkeetii kee, biyyoo kees galaana walakkaatti gad in naqu.” (His. 26:4, 12) Aleeksaandar guddichi waggoota 250 booda biyya bishaan keessaa kan taate Xiirositti yeroo duule raajiin kun raawwatameera. Loltoonni Aleeksaandar hurraa magaalaashee ishee diigamte keessatti argamu haxaa’anii galaanatti naquudhaan gara magaalaa biyya bishaan keessatti argamtu kana ga’uuf karaa meetira 800 dheeratu hojjetatan. Boodas Dh.K.D. bara 332tti haala rakkisaa ta’een isheetti marsuudhaan dallaashee isa meetira 46 dheeratutti ol ba’anii magaalattii to’atan. Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman kan ajjeefaman yommuu ta’u, warri kaanimmoo garbummaatti gurguraman. Akkuma Hisqi’el raajiidhaan dubbatee ture, Xiiros ‘dhagaa kattaa bakkeetti mul’atuufi iddoo kiyyoo diriirsanii itti qoorfatan’ taateetti. (His. 26:14)a Edoomonni gantoota ta’aniifi Biyyattii Abdachiifamterraa karaa garabiraa jiranis akkuma Hisqi’el raajiidhaan dubbate balleeffamaniiru. (His. 25:12, 13; 35:2-9)b Raajiin Hisqi’el Yerusaalem akka badduufi deebitee akka ijaaramtu dubbates sirrii ta’uunsaa mirkanaa’eera.—17:12-21; 36:7-14.
5 Hisqi’el waggoota jalqabaa raajii ta’ee tajaajiletti, Waaqayyo Yerusaalem ishee gantuu taaterratti badiisa akka fidu dubbachuusaarrayyuu, waaqolii tolfamoo waaqessuurraa akka fagaatan isaan akeekkachiiseera. (His. 14:1-8; 17:12-21) Yihudoonni booji’aman garuu garaasaaniitii akka qalbii geddaratan hin argisiisne. Namoonni itti gaafatamummaa qaban yeroo baay’ee Hisq’eliin kan mariisisan ta’aniyyuu, ergaa Yihowaa biraa dhufeefi isaanitti himame utuu hin fudhatin hafaniiru. Waaqolii tolfamoo waaqessuufi qabeenyaadhaaf bakka guddaa kennuusaanii itti fufanii turan. Mana qulqullummaa, magaalaasaanii ishee qulqulluufi mootummaasaanii dhabuunsaanii baay’ee kan nama rifaasisu ta’us, haalli kun akka gad of qabaniifi akka qalbii geddaratan isaan hin taasisne.—Far. 137:1-9.
6 Raajiin Hisqi’el waggoota gara dhumaatti dubbate waa’ee deebi’anii haaromfamuurratti kan xiyyeeffate ture. Akkasumas olloonni Yihudaa kufaatii Yihudaatti gammaduusaanii balaaleffata. Israa’el deebitee ijaaramuushee dabalatee salphinni saboota kanarra ga’e maqaan Yihowaa akka qulqullaa’u godheera. Gabaabaadhumatti, Israa’eloonni boojuudhaan fudhatamuunsaaniif deebisanii akka ijaaraman taasifamuunsaanii kaayyoonsaa: ‘Yihudoonnis ta’an saboonni kaan Yihowaa akka beekan’ gochuu ture. (His. 39:7, 22) Maqaan Yihowaa akka qulqullaa’u gochuun kitaabicha keessatti bakka guddaan kan kennameef yommuu ta’u, jechi: “Yommus ani Waaqayyo [Yihowaa, NW] akkan ta’e isin in beektu” jedhu kitaabicha keessatti al 60 ol argama.—His. 6:7, miiljalee NW.
FAAYIDAASAA
29 Hisqi’el, mul’ata Yihowaan isatti argisiise, ergaa inni sabichatti akka himu isa ajajeefi kakuu inni gale hundaa Yihudoota booji’amanii turanitti amanamummaadhaan dubbateera. Namoonni hedduun raajichatti kan baacaniif kan ga’isan ta’anillee warri tokko tokko garuu wanta inni isaanitti hime amananiiru. Namoonni kunis baay’ee fayyadamaniiru. Abdii waa’ee deebisanii ijaaramuu ilaalchisee kennamerraa jajjabina argataniiru. Saboota boojuudhaan fudhataman kaanirraa haala adda ta’een, eenyummaasaanii eeganii kan jiraatan yommuu ta’u, Yihowaan akkuma dursee dubbate, Dh.K.D. bara 537tti Israa’eloota hafan deebisee ijaareera. (His. 28:25, 26; 39:21-28; Iz. 2:1; 3:1) Isaanis mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruudhaan waaqeffannaa dhugaa deebisanii dhaabaniiru.
30 Seerawwan bu’uuraa Macaafa Hisqi’el keessatti argaman yeroo har’aattis faayidaa guddaa nuuf argamsiisu. Gantummaan, waaqolii tolfaman waaqessuuniifi Waaqayyorratti ka’uun surraa Yihowaa nu dhabsiisuu danda’a. (His. 6:1-7; 12:2-4, 11-16) Namni hundinuu cubbuu raawwateef dhuunfaatti kan itti gaafatamu ta’ullee, Yihowaan namoota daandiisaanii isa gadheerraa deebi’aniif dhiifama ni godha. Namni akkas godhu araara argachuusaarrayyuu, lubbuudhaan jiraachuusaa itti fufa. (His. 18:20-22) Tajaajiltoonni Yihowaa naannoo tajaajilaa rakkisaa ta’e keessatti yommuu tajaajilan, yeroo namoonni isaanitti ga’isaniifi isaan mormanillee, akka Hisqi’el eegduu amanamoo ta’uu qabu. Dhiiga cubbamootaatti gaafatamuurraa ooluuf, du’uusaanii dura isaan akeekkachiisuu qabna. (His. 3:17; 33:1-9) Tiksitoonni saba Waaqayyoo karra hoolotaa kunuunsuuf itti gaafatamummaa guddaa qabu.—34:2-10.
31 Raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbatan Macaafa Hisqi’el keessatti akka gaariitti ibsamaniiru. Masiihichi ‘abbaa firdii’ teessoo Daawitirra taa’uufi teessichi isaaf kennamuu qabu akka ta’e ibsameera. Masiihichi bakka lamatti “garbichi koo Daawit” jedhamee waamamuusaarrayyuu, “tiksee,” “mootii” fi “dura-buutuu” jedhamee waamameera. (His. 21:27; 34:23, 24; 37:24, 25) Yeroo kanatti Daawit erga du’ee waggoonni hedduun waan darbaniif Hisqi’el kan dubbachaa ture waa’ee Ilmaafi Gooftaa Daawit, jechuunis waa’ee Yesusidha. (Far. 110:1; Mat. 22:42-45) Hisqi’elis Isaayaasii wajjin haala wal fakkaatuun fiixeen ykn latiin tokko akka dhaabameefi Yihowaan akka ol ol isa qabu dubbateera.—His. 17:22-24; Isa. 11:1-3.
32 Mul’anni Hisqi’el mana qulqullummaa ilaalchisee arge, “Yerusaalem mandara qulqullittii” ilaalchisee wanta Macaafa Mul’ataarratti ibsamee wajjin wal bira qabanii ilaaluun gaariidha. (Mul. 21:10) Mul’atawwan lamaan gidduutti garaa garummaan jira; fakkeenyaaf manni qulqullummaan Hisqi’el arge achi hiiqee magaalattiirraa gara kaabaatti yommuu ta’u, manni qulqullummaa magaalaa ishee Macaafa Mul’ataarratti ibsamtee garuu Yihowaadha. Haata’u malee, macaafonni lamaanuu waa’ee bishaan jireenyaa, mukkeetii ijisaanii nyaataaf, baallisaanii qorichaaf ta’an, akkasumas ulfinni Yihowaa achi jiraachuusaa dubbataniiru. Mul’anni lamaanuu, Yihowaan mootii ta’uusaafi qophii fayyinaa namoota isa tajaajilaniif godheef dinqisiifannaa akka qabaannu gargaaruurratti ga’ee guddaa qabu.—His. 43:4, 5—Mul. 21:11; His. 47:1, 8, 9, 12—Mul. 22:1-3.
33 Macaafni Hisqi’el Yihowaan qulqulluu akka ta’e jabeessee ibsa. Maqaan Yihowaa wanta kamiyyuu caalaatti qulqulluu ta’ee eegamuunsaa barbaachisaa ta’uusaa ibsa. “‘Ani maqaa koo isa guddaa” . . . sabni warri kaan ani Waaqayyoo akkan ta’e in beeku’ jedhe, ani Waaqayyoo gooftaan kana dubbadheera.” Akka raajichi argisiisutti, Waaqayyo Googiifi Maagoogiin dabalatee, warra maqaasaa xureessan hundaa balleessuudhaan maqaasaa qulqulleessa. Namoonni yeroo ammaatti Waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu dhiheessaniifi ulaagaa inni isaanirraa barbaadu guutuudhaan jireenyasaaniitiin maqaan Yihowaa akka qulqullaa’u godhan ogeessotadha. Namoonni akkasii bishaan mana qulqullummaa Yihowaa keessaa yaa’uun fayyinaafi jireenya bara baraa argatu. Dhugumayyuu, magaalaan isheen “Waaqayyoo achi jira” jedhamtee waamamtu, ulfinaafi miidhagina dinqisiisaa qabdi!—His. 36:23; 38:16; 48:35.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 2, ful. 531, 1136.
b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 681-682.