LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi07 ful. 8-11
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 27—Daani’el

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 27—Daani’el
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
bsi07 ful. 8-11

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 27​—Daani’el

Barreessaan: Daani’el

Bakki Itti Barreeffame: Baabilon

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 536

Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. naannoo 618–536

BADIISNI saboota lafarratti argaman hundaa yeroo dhihaate kanatti Macaafni Daani’el, raajii hiika guddaa qabuufi xiyyeeffannaa keenya harkisu qabateera. Kutaa Macaafa Qulqulluu kan ta’an Macaafni Saamu’el, Moototaafi Macaafni Seenaa, Mootummaa Waaqayyoo (isa karaa sanyii Daawit dhufu) ilaalchisee seenaa ijaan argan barreessuurratti kan xiyyeeffatan yommuu ta’u, Daani’elimmoo mootummoonni biyya lafaa qabsoo olaantummaa bara sanaa jalqabee hanga ‘bara gara dhumaatti’ mootummoota gurguddaa gidduutti taasifamu mul’ataan arguusaarratti xiyyeeffateera. Seenaan addunyaa kun waggoota dheeraa dura kan barreeffamedha. Wanta “guyyaa gara booddeetti” ta’u ibsuudhaan waa’ee xumura xiyyeeffannaa namootaa harkisu dubbata. Saboonni lafarratti argamanis akkuma Nebukadnezaar, “inni hundumaa gararraa jiru sun mootummaa namootaa irratti akka mo’u,” dhumarrattis, “ilma namaa kan fakkaatu,” jechuunis geggeessituu isa dibamee moosifame Kiristos Yesusiif dabarsee akka kennu beekuuf dirqamu. (Dan. 12:4; 10:14; 4:25; 7:13, 14; 9:25; Yoh. 3:13-16) Raawwii raajiiwwan Macaafa Daani’el isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessatti argaman xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya, Yihowaan raajii dubbachuu danda’uusaa, akkasumas waadaa sabasaa eeguufi eebbisuuf gale akka raawwatu caalaatti hubachuuf nu gargaara.—2 Phe. 1:19.

2 Kitaabichi maqaa nama macaaficha barreesseen moggaafame. “Daani’el” (afaan Ibrootaatiin, Daa·ni·yeel) jechuun, “Kan Naa Faradu Waaqayyodha” jechuudha. Daani’elii wajjin bara tokko keessa jiraachaa kan ture Hisqi’el, Daani’eliin, Nohiifi Iyoobii wajjin caqasuudhaan inni dhugumaan nama lafa kanarra jiraachaa ture ta’uusaa mirkaneesseera. (His. 14:14, 20; 28:3) Daani’el macaafasaa barreessuu kan jalqabe, “Yehoyaaqiim mootiin biyya Yihudaa mo’ee waggaa sadaffaatti” ta’uusaa dubbateera. Yehoyaaqiimimmoo, Dh.K.D. bara 618⁠tti mootii Nebukadnezaar jalatti bulu ta’e.a Daani’el hamma bulchiinsa Qiiros isa waggaa sadaffaatti, jechuunis hamma Dh.K.D. bara 536⁠tti raajii mul’ataa arguusaa itti fufeera. (Dan. 1:1; 2:1; 10:1, 4) Jireenyasaa keessatti seenaawwan gurguddaa hedduun raawwatamaniiru! Yeroo ijoollummaasaa kan dabarse bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo kan turte Yihudaa keessattidha. Dargaggeessa waggoota kurnan keessatti argamuufi dhaaltuu mootummaa ta’ee utuu jiruu, dargaggoota maatii mootota Yihudaa ta’an sadii wajjin, Baabilon ishee seenaa Macaafa Qulqulluu keessatti guutummaa biyya lafaarratti olaantummaa argachuudhaan mootummaa sadaffaa taatetti geeffame; achittis mootummaan kun yeroo bulchuu jalqabdee kaasee hanga mootummichi kufutti jiraateera. Daani’el, mootummaa Medooniifi Faares isa guutummaa biyya lafaarratti olaantummaa qabaachuudhaan arfaffaa ta’e keessattis hojjetaa mootummaa aboo qabu ta’ee tajaajileera. Kanaafuu Daani’el naannoo waggaa dhibba tokkoo hin jiraatin hin oolu.

3 Macaafni Daani’el barreeffamoota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamaniifi Yihudoonni qaban keessaa dhabamee hin beeku. Macaafni Daani’el hambaawwan kitaabaa Galaana Soogiddaa keessaa argaman garabiraa wajjin kan argame yommuu ta’u, isaan keessaa tokko tokko Dh.K.D. naannoo walakkaa jaarraa jalqabaatti kan barreeffamanidha. Haata’u malee, macaafni kun dhugumaan kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa tokko ta’uusaa caalaatti kan mirkaneessu, Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti caqasamuusaati. Yesus raajii “dhuma barichaa” ilaalchisee dubbate keessatti, Daani’eliin maqaasaatiin waamuusaarrayyuu, macaafasaarraa yeroo hedduu caqaseera.—Mat. 24:3; akkasumas Dan. 9:27; 11:31; 12:11—Mat. 24:15⁠fi Mar. 13:14; Dan. 12:1—Mat. 24:21; Dan. 7:13, 14—Mat. 24:30 ilaali.

4 Namoonni Macaafa Qulqulluu morman seenaa macaafa kanaarratti gaaffii kaasaniyyuu, ragaaleen arki’ooloojii waggoota dheeraadhaaf walitti qabamaa turan mormii namoota kanaa kan fudhatama dhabsiisanidha. Fakkeenyaaf, namoonni kun waggoota Naabooniidas bulchaa ture jedhamanii yaadamanitti Daani’el mootii Baabilon kan ture Belshaazaaridha jedhee barreessuusaa mormaniiru. (Dan. 5:1) Yeroo ammaatti qorannaan gama arki’ooloojiitiin taasifame, Belshaazaar dhugumaan nama lubbuudhaan tureefi bulchiinsa Baabilon gara dhumaatti gargaartuu Naabooniidas ta’ee bulchaa akka ture mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, barruun “Seenaa Naabooniidas” ibsuufi qubee shibilliqii fakkaatuun barreeffame, Belshaazaar Baabilon keessatti aboo mootii ta’uu qabaachuusaa ifatti ibsuusaarrayyuu, ittaanaa Naabooniidas ta’ee bulchaa kan ture karaa kamiin akka ta’e ibsa.b Ragaawwan wal fakkaatan garabiraanis, Belshaazaar hojii mootii hojjechaa ture yaada jedhu ni deggeru. Barreeffamni dhagaarratti bulchiinsa Naabooniidas isa waggaa 12⁠ffaatti barreeffame tokko, maqaa mootichaa maqaa Naabooniidasiifi maqaa ilma mootichaa Belshaazaariin kakuu taasifame kan ibsu yommuu ta’u, kunis Belshaazaar abbaasaa wajjin aboo akka qabu kan argisiisudha.c Kunis, Daani’el barreeffama keenyanirratti barreeffame yoo hiikeef “mootummaa koo keessatti immoo iddoo isa sadaffaa qabattee in moota” jedhee waadaa kan galeef maaliif akka ta’e hubachuuf kan gargaarudha. Iddoo isa jalqabaa Naabooniidas, isa lammaffaa Belshaazaar, isa sadaffaammoo Daani’eltu qabata jechuudha. (Dan. 5:16, 29) Hayyuun tokko akkas jedhaniiru: “Barreeffamoonni bifa shibilliqiitiin barreeffaman waa’ee Belshaazaar karaa garabiraadhaan caqasuunsaanii, iddoo inni seenaa keessatti qabu akka gaariitti akka mul’atuufi ga’ee inni qabu sirriitti hubachuuf kan gargaarudha. Aboofi ulfinni Belshaazaar, kan Nabooniidasii gad akka hin taane barreeffamoonni ibsan hedduun jiru. Bulchiinsonni Baabilon gara dhumaatti turan hedduunsaanii, bulchiinsa gamtaa akka turan homaa hin shakkisiisu. Naabooniidas Teemaa Arabiyaa keessa taa’ee olaantummaadhaan bulchaa kan ture yommuu ta’u, Belshaazaarimmoo, bulchaa ittaanaa ta’uudhaan biyya dhalootasaa Baabilon keessatti bulchaa ture. Inni bulchaa qofa utuu hin ta’in ‘nama aboo mootii’ qabu ture.”d

5 Namoonni tokko tokko ibidda ilaalchisee wanta Daani’el (boq. 3⁠rratti) dubbate seenaa sobaati jedhanii mormuuf yaalii godhaniiru. Gar tokkoon xalayaa warra Baabilon yeroo dheeraa ture tokko akkas jedha: “Kanaaf gooftaankee Riim-Siin akkas jedha: Akkuma inni garbichasaa ibiddatti darbate, atis garbichicha ibiddatti darbatta.” Jee. Aarr. Diraayivar kana caqasuudhaan, adabni kun “seenaa Namoota Qulqulluu ta’an Sadanii keessatti argama (Dan. 3:6, 15, 19-27).”e

6 Yihudoonni Macaafa Daani’el kan kaa’an macaafa raajotaa wajjin utuu hin ta’in kitaabota kaanii wajjinidha. Karaa kaanimmoo, Macaafni Qulqulluun Ingiliffaa, tartiiba Saptuujantiin afaan Giriikiifi Vuulgeetiin Laatin itti kaa’an hordofuudhaan macaafota raajii gurguddaafi xixinnoo gidduu galcheera. Macaafichi kutaa lama qaba. Isaan keessaa kutaan inni jalqabaa, jechuunis boqonnaa 1-6 Dh.K.D. bara 617 hanga Dh.K.D. bara 538⁠tti, Daani’eliifi hiriyoonnisaa wanta hojii mootummaa yeroo hojjechaa turan isaan mudate tartiibaan kaa’a. (Dan. 1:1, 21) Kutaan lammaffaa, boqonnaa 7-12⁠rratti argamummoo, Dh.K.D. naannoo bara 553f hanga naannoo Dh.K.D. bara 536⁠tti mul’ata Daani’el argeefi maree inni ergamaa Waaqayyoo wajjin godhe kan ibsudha. (Dan. 7:2, 28; 8:2; 9:2; 12:5, 7, 8) Macaafni Daani’el kutaawwan wal siman lama kan qabatedha.

FAAYIDAASAA

19 Biyya lafaa kan isaanii hin taane keessa amanamummaasaanii eeganii jiraachuu kan barbaadan hundi, fakkeenya gaarii Daani’eliifi hiriyootasaa sadanii qoruunsaanii gaariidha. Doorsisni cimaan isaanirra ga’uyyuu, seera bu’uuraa Waaqayyo baaseef bitamuurraa dubbatti hin jenne. Yeroo lubbuunsaanii balaadhaaf saaxilamettillee, Daani’el angafa eegdota mootichaatti kabajaan, “dubbii isaa akeekkatee gargar baasuudhaan itti dhi’aate.” (Dan. 2:14-16) Haalli falmisiisaan yeroo uumamuttis, Ibroonni sadan waaqa tolfamaa waaqessuurra ibiddaan gubamuu filataniiru; Daani’elis mirga kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuuf qabu dhabuurra boolla leencaatti darbatamuu filateera. Yihowaan Daani’eliifis ta’e hiriyootasaatiif eegumsa godheera. (Dan. 3:4-6, 16-18, 27; 6:10, 11, 23) Kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu ilaalchisee Daani’el fakkeenya gaarii ta’a.—Dan. 2:19-23; 9:3-23; 10:12.

20 Mul’ata Daani’el arge irra deebi’uun miira namaa kan kakaasuufi amantaa namaa kan jabeessudha. Jalqaba mul’ata arfan Daani’el humnoota addunyaa ilaalchisee arge haa ilaallu: (1) Jalqabarratti fakkii sodaachisaan mul’ataan kan argame yommuu ta’u, warqeen mataasaarra jirus mootota Baabilon Nebukadnezaarii jalqabee ka’an kan argisiisudha; kutaan fakkii kanaa sadan hafanimmoo mootummoota isatti aansanii ka’an kan argisiisu ture. Mootummoonni ‘dhagichaan’ hurreeffaman isaan kanadha; dhagichis “mootummaa deebi’ee matumaa hin badne,” jechuunis Mootummaa Waaqayyooti. (Dan. 2:31-45) (2) Ittaansuudhaanis, mul’ata Daani’el arge kan ibsu yommuu ta’u, jalqabarratti bineensota arfan “mootota arfan” bakka bu’antu mul’ate. Isaanis, leenca, amaaketa, qeerransa mataa afur qabu, akkasumas bineensa ilkaan sibiilaa gurguddaa qabuufi gaanfa kudhan, yeroo boodammoo gaanfa xinnoo tokko biqilchedha. (Dan. 7:1-8, 17-28) (3) Ittaansee korbeessa hoolaa (Medooniifi Faares), korbeessa reettii (Giriikiifi), waa’ee gaanfa xinnoo tokko mul’ata arge. (Dan. 8:1-27) (4) Dhumarrattis mul’ata waa’ee mootii kibbaafi kaabaa ibsu argina. Daani’el 11:5-19, Aleeksaandar Dh.K.D. bara 323⁠tti erga du’ee booda walitti bu’iinsa Gibxootaafi mootota Saluusiid bulchiinsa Aleeksaandar Giriik keessatti argamu gidduutti uumamee ture sirriitti kan ibsudha. Raajichi lakkoofsa 20 jalqabee waa’ee saboota mootota kibbaafi kaabaatiin bakka bu’an ibsuusaa itti fufa. Yesus argamuusaa ilaalchisee raajii dubbaterratti waa’ee “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu” (Dan. 11:31), dubbachuunsaa qabsoon olaantummaa mootota gurguddaa kana lamaan gidduutti godhamu hanga ‘dhuma barichaatti’ kan itti fufu ta’uusaa argisiisa. (Mat. 24:3) Raajiin “yeroon rakkinaas in ta’a; sanyiin rakkinichaas erga sabni jiraachuutti ka’ee jalqabee, hamma bara sanaatti argamee kan hin beekne in ta’a” jedhu yommuu raawwatamu, Mikaa’el saboota Waaqayyoof ulfina hin kennine balleessuufi ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniifimmoo nagaa fiduuf tarkaanfii akka fudhatu beekuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii?—Dan. 11:20–12:1.

21 Ittaansuunimmoo, Daani’el “waggoonni torba si’a torbaatam[a]” jechuudhaan raajii dubbachuusaa hubanna. Waggaa torba si’a torba boodammoo, “geggeessituun dibamee moosifame” mul’achuu qaba ture. Kan nama ajaa’ibsiisummoo, “abboommiin” Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf kennameefi Nahimiiyaan hojiirra oolche, bulchiinsa Artashaastaa mootichaa waggaa 20⁠ffaa, jechuunis waggaa 483 (waggaa 7 si’a 7fi waggaa 7 si’a 69) booda, Yesus namni Naazireet laga Yordaanositti cuuphamee hafuura qulqulluudhaan dibamee Kiristos ykn Masiihii (kan Dibame jechuudha) ta’ee mul’ate.g Kunis kan ta’e Dh.K.B. bara 29⁠ttidha. Sana boodas akkuma Daani’el dursee raajiidhaan dubbate, Dh.K.B. bara 70⁠tti yommuu Yerusaalem ‘balleeffamte’ raawwatameera.—Dan. 9:24-27; Luq. 3:21-23; 21:20.

22 Abjuu Nebukadnezaar muka murame ilaalchisee argerratti akka ibsametti, Yihowaan mootii wantoota hojjetetti booneefi humnasaatti amaname salphiseera; seenaan kunis Daani’el boqonnaa 4 keessatti argama. “Inni hundumaa gararraa jiru sun mootummaa namootaa irratti akka mo’u, abbaa ofii isaatii jaallateef akka isa kennus” hamma hubatutti bineensota bakkee wajjin akka jiraatu taasifameera. (Dan. 4:32) Nutoo, Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru mootummaa namootaarratti olaantummaa akka qabu amanuudhaan Mootummaasaatti akka amanamnu argisiisnamoo, hamma Waaqayyo nu adabutti akka Nebukadnezaar wanta raawwannetti akka boonnuufi namoota gootota ta’anitti akka amanamnu argisiisna?

23 Macaafni Daani’el jalqabamee hanga xumuramutti abdiin Mootummichaa haala amantaa namaa jabeessuun ibsameera! Yihowaan Waaqa Olaantummaa qabu, akkasumas mootummaa matumaa deebi’ee hin banneefi mootummoota kaan hurreessu akka kaasu ibsameera. (Dan. 2:19-23, 44; 4:25) Mootonni saba Waaqayyoo hin turre, jechuunis Nebukadnezaariifi Daariyosillee olaantummaa Yihowaa amananii fudhachuuf dirqamaniiru. (Dan. 3:28, 29; 4:2, 3, 37; 6:25-27) Yihowaan isa bara dheeraa jiraateefi falmii Mootummaasaarratti ka’eef firdii kan kennu waan ta’eef, galateeffamuufi ulfinni kennamuufii kan qabu akka ta’e ibsameera; akkasumas ‘Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif [tajaajilaniif, NW] gooftummaa, ulfinaafi mootummaan’ ‘ilma namaa kan fakkaatuuf’ bara baraaf kenneera. ‘Warri isa hundumaa gararraa jiruuf qulqullaa’an’ Kiristos Yesus isa “ilma namaa” jedhamee wajjin Mootummaasaarratti warra mo’anidha. (Dan. 7:13, 14, 18, 22; Mat. 24:30; Mul. 14:14) Inni Mikaa’el ergamaa isa guddicha yommuu ta’u, aboo Mootummaasaatiin mootota biyya lafaa ni hurreessa; akkasumas badduu isaan baasa. (Dan. 12:1; 2:44; Mat. 24:3, 21; Mul. 12:7-10) Namoonni qajeelummaa jaallatan raajiiwwaniifi mul’atawwan kana hubachuunsaanii, ‘wanta dinqisiisaa’ Mootummaan Waaqayyoo raawwatu ilaalchisee wantoota Macaafa Daani’el isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessatti ibsaman akka qoran isaan kakaasuu qaba.—Dan. 12:2, 3, 6.

[Miiljaleewwan]

a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 1269.

b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 283.

c Arki’ooloojii end za Baayibil 1949, Joorj Ee.  Baartan ful. 483.

d Za Yeel Ooriyeentid Siiris · Riisarchis, Jildii 15, 1929.

e Arkaayiv fiyuur Oriiyantfoorshuung, Jildii 18, 1957-1958, ful. 129.

f Belshaazaar bulchaa gargaaraa ta’ee bulchuu kan jalqabe, bulchiinsa Naabooniidas isa waggaa sadaffaarraa jalqabee akka ta’e haalasaarra hubachuun ni danda’ama. Naabooniidas bulchuu kan jalqabe Dh.K.D. bara 556 akka ta’e waan amanamuuf, bulchiinsisaa inni waggaa sadaffaafi bulchiinsi “Belshaazaar mootii Baabilon waggaa duraa” Dh.K.D. bara 553 akka ta’u homaa hin shakkisiisu.—Daani’el 7:1; kitaaba Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) jedhamu Jildii 1, ful. 283; Jildii 2, ful. 457 ilaali.

g Nahimiiyaa 2:1-8; akkasumas kitaaba Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) jedhamu Jildii 2, ful. 899-901 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi