Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 28—Hose’aa
Barreessan: Hose’aa
Bakki Itti Barreeffame: (Koonyaa) Samaariyaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 745
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 804 duraa–745 boodaatti
MACAAFONNI afaan Ibrootaatiin barreeffamaniifi gara boodaatti argaman 12n yeroo baay’ee “raajiiwwan xixinnoo” jedhamu. Raajiiwwan kun walumatti qabaatti hanga Macaafa Isaayaasiifi Ermiyaas waan hin geenyeef ‘xixinnoo’ haa jedhamaniyyuu malee, faayidaansaanii xinnoodha jechuu miti. Macaafonni kun, Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin barreeffame keessatti akka macaafa tokkootti kan ilaalaman yommuu ta’u, maqaansaaniis “Kudha Lamaan” jedhama ture. Macaafni maraan tokko salphaadhumatti baduu waan danda’uuf akkasitti walitti qabamuunsaanii tarii akka hin banneef yaadamee ta’uu danda’a. Akkuma macaafota 12n kanaa macaafni inni jalqabaa kunis kan waamamu maqaa barreessichaa jechuunis maqaa Hose’aatiinidha. Maqaan Hose’aa jedhu kunis jecha Hoshaa’iiyaa jedhurraa kan dhufe yeroo ta’u hiiknisaas “Yihowaan kan fayyise ykn Yihowaan Fayyiseera” kan jedhudha.
2 Macaafa maqaasaatiin moggaafame kana keessatti Hose’aan ilma Berii ta’uusaa malee wanti ibsame hin jiru. Raajiisaa keessatti waa’ee Israa’el yaaduusaa bakka hedduutti kan ibse yommuu ta’u, waa’ee Yihudaa kan caqase garuu dubbii dubbate keessatti qofadha. Hose’aan waa’ee Yerusaalem homaa kan hin dubbanne ta’uyyuu, gosa Israa’el keessaa isa guddaa kan ta’e Efreemiin garuu maqaadhaan al 37 waamee itti dubbateera. Waa’ee magaalaa guddoo Israa’el, waa’ee Samaariyaas al 6 dubbateera.
3 Boqonnaan jalqabaa macaafa kanaa, Hose’aan yeroo dheeraadhaaf raajii Yihowaa ta’ee tajaajiluusaa nutti hima. Kunis dhuma bulchiinsa Mootii Israa’el kan ta’e Yerobi’aam 2ffaadhaa kaasee, hanga Mootii Yihudaa kan ta’e Hisqiyaasittidha. Kunis, Dh.K.D. bara 804 hanga Dh.K.D. bara 745tti jechuunis waggaa 59f hojii kana hojjechuusaa nutti hima. Hose’aan, bulchiinsa Yerobi’aam 2ffaafi Hisqiyaasitti waggoota muraasaaf raajii ta’ee tajaajiluunsaa homaa hin shakkisiisu. Yeroo kanatti Amos, Isaayaas, Miikiyaasiifi Odeed raajota Yihowaa warra amanamoo turan.—Amo. 1:1; Isa. 1:1; Mik. 1:1; 2 Sen. 28:9.
4 Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti raajiin Hose’aa bakka baay’eetti caqasamuunsaa macaafichi sirrii ta’uusaa kan argisiisudha. Yesus firdii Yerusaalemitti dhufu ilaalchisee raajii Hose’aa 10:8rratti dubbatame caqasuudhaan: “Tullootaan, ‘Nu irratti jigaa!’ gaarotaanis, ‘Nu awwaalaa!’ in jedhu” jechuudhaan dubbateera. (Luq. 23:30) Yaanni gar tokkoo caqasa kanaa Mul’ata 6:16rrattis caqasameera. Maatewos yaada Hose’aa 11:1rratti argamu caqasuudhaan raajiin kun akkamitti raawwiisaa akka argate yeroo ibsu: “Ani biyya Gibxii ilma koo waame” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 2:15) Yihudaan utuu hin booji’amin dura mootummaan gosawwan kurnan keessaa namoonni baay’een waan itti makamaniifi ijoolleensaanii warri boojuudhaa deebi’anis isaanii wajjin waan turaniif, guutummaan Israa’el deebi’ee ijaaramuusaa ilaalchisee raajii Hose’aan dubbate raawwiisaa argateera jechuun ni danda’ama. (Hos. 1:11; 2 Sen. 11:13-17; 30:6-12, 18, 25; Iz. 2:70) Bara Izraatii asitti macaafichi Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin barreeffame keessatti fudhatama argachuudhaan ‘dubbii Waaqayyo karaa Hose’aa dubbate’ jedhameera.—Hos. 1:2.
5 Yihowaan Hose’aa raajicha gara Israa’elitti kan erge maaliifi? Israa’eloonni kakuu Yihowaa wajjin galan cabsuudhaan amanamummaasaanii eeguu waan didaniifi Ba’aaliin waaqeffachuu waan jalqabaniifidha. Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, oomisha qonnaarraa argataniin jiraatu turan; yeroo kanatti garuu akkaataa jireenyaa Kana’aanotaa qofa utuu hin ta’in, amantiisaanii, jechuunis waaqeffannaa Ba’aal isa humna hormaataa jedhamee amanamu waaqeffachuu jalqabanii turan. Israa’eloonni bara Hose’aatti turan guutummaatti waaqeffannaa Yihowaarraa goruudhaan, jireenya gadhiisii jiraachuu, dhugaatiifi sirna ejjitoota mana qulqullummaa keessatti argamanii wajjin saalqunnamtii gochuurratti hirmaachuu jalqabanii turan. Israa’el badhaadhummaa argattuuf Ba’aaliin galateeffatti turte. Yihowaadhaaf amanamuu dhiisuusheefi kan isaaf hin malle ta’uusheetiin adabamuunshee sirrii ture. Yihowaan qabeenyaan isheen qabdu Baa’aalirraa kan argame akka hin taane ishee hubachiisuu barbaadee ture; kanaan kan ka’es, yaada garaa geddarachuu diduun balaa akkamii akka geessisu Israa’eliin akeekkachiisuuf Hose’aa ergeera. Yerobi’aam 2ffaan erga du’ee booda, rakkinni cimaan Israa’elirra ga’ee ture. Dh.K.D. bara 740tti hanga warri Asor boojuudhaan isaan fudhatanitti, yeroon sun yeroo mootonni hedduun itti ajjeefamaniifi yeroo sodaachisaa ture. Yeroo kanatti, gareewwan lama kan turan yommuu ta’u, gareen tokko Gibxii inni kaanimmoo Asorii wajjin tokkummaa uumuuf jecha wal lolu ture. Gareen lamaanuu Yihowaatti hin amanamne.
6 Akkaataan barreeffama Macaafa Hose’aa wantoota kana akka gaariitti ifa godhee kan argisiisudha. Yeroo baay’ee jechoota gaarummaa argisiisaniin kan gargaaramu yommuu ta’u, jechoota itti fayyadamu filachuurrattis of eeggannoo godheera; yeroo baay’ees gaarummaafi oo’a Yihowaa akka gaariitti ibseera. Carraaqqii isaan yaada garaa geddarachuuf godhan hundaa barreesseera. Yeroo tokko tokkommoo utuu hin yaadamin xiyyeeffannaasaa gara wanta garabiraatti jijjiira. Akkaataan inni itti barreesse kan gegeddaramu ta’us, humna kan qabu ture. Miira cimaa kan argisiisu ta’uusaarrayyuu, yaada isa tokkorraa isa kaanitti dafee dafee ce’a.
7 Hose’aan raajii ta’ee tajaajiluu akka jalqabetti, Yihowaan “dubartii ejjituu fuudhi” isaan jedhe. (Hos. 1:2) Yihowaan kan akkas godhe kaayyoo tokko waan qabuuf ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. Israa’el ejja raawwachuudhaan akkuma haadha manaa amanamummaashee dhiistee taatee turte. Haata’u malee, jaalala isheedhaaf qabu argisiisuudhaan deebisee ishee fudhachuuf yaalii godheera. Haadha manaa Hose’aa kan taate Gomer kanaaf fakkeenya taati. Ilmashee isa jalqabaa erga godhattee booda, amanamummaashee dhiistee ejjaan ijoollee akka godhatte haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. (Hos. 2:5-7) Seenaan sun abbaan ijoollee lamaanii eenyu akka ta’e utuu hin caqasin darbuuf jecha, Hose’aadhaaf “ilma in deesseef” jedhee caqasuunsaa kana kan argisiisudha. (Hos. 1:3, 6, 8) Hose’aa Boqonnaan 3 lakkoofsa 1-3 Hose’aan akkuma garba tokkootti ishee bituudhaan Gomeeriin ofitti deebifachuusaa kan ibsu fakkaata; kunimmoo Yihowaan yeroo sabnisaa yaada garaa geddaratanii jireenyasaanii isa ejja fakkaaturraa yommuu deebi’an akka inni deebisee isaan fudhatu kan argisiisudha.
8 Hose’aan ergaasaa kana kan barreesse kallattiidhaan gosa kurnan mootummaa Israa’el kaabaatiif yommuu ta’u, gosti kunis warra kaanirra guddaa kan ta’eefi isa Efreem jedhamudha. Maqaan Israa’eliifi Efreem jedhu kun macaafa kana keessatti wal jijjiiruudhaan itti hojjetameera.
FAAYIDAASAA
14 Macaafni Hose’aa raajii Yihowaan dubbaterratti amantaa akka qabaannu nu jajjabeessa. Raajiin Hose’aan Israa’eliifi Yihudaa ilaalchisuudhaan barreesse hundi raawwatameera. Saboonni ollaa Israa’el ta’aniifi karaa hafuuraa ishee wajjin ejja raawwatan ishee gataniiru; sana boodas Dh.K.D. bara 740tti warra Asoriin balleeffamteetti. (Hos. 8:7-10; 2 Mot. 15:20; 17:3-6, 18) Haata’u malee Hose’aan, Yihowaan Yihudaatti oo’a akka argisiisuufi humni waraanaa utuu hin barbaachisin akka ishee oolchu raajii dubbatee ture. Kunimmoo yeroo ergamaan Yihowaa tokko loltoota Asor warra Yerusaalemiin sodaachisaa turan 185,000 ajjeesetti raawwiisaa argateera. (Hos. 1:7; 2 Mot. 19:34, 35) Ta’us Hose’aa 8:14rratti Yihudaanis warra itti faradaman keessatti dabalamteetti. Caqasichi: “Ani garuu mandaroota isaanii irratti ibidda nan erga, innis mana isaanii warra jajjaboo in fixa” kan jedhu yommuu ta’u, kunis Nebukadnezaar Dh.K.D. bara 609-607tti Yihudaafi Yerusaalemiin yeroo balleessetti raawwatameera. (Er. 34:6, 7; 2 Sen. 36:19) Raajiiwwan Hose’aan deebi’anii hundeeffamuu ilaalchisee dubbate, yommuu Yihowaan Yihudaafi Israa’eliin walitti qabe, jechuunis Dh.K.D. bara 537tti ‘biyya itti booji’amanii’ isaan baasetti raawwatamaniiru.—Hos. 1:10, 11; 2:14-23; 3:5; 11:8-11; 13:14; 14:1-9; Iz. 2:1; 3:1-3.
15 Yaadawwan raajii Hose’aarraa fudhatamanii Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti argaman qoruun keenya yeroo ammaatti faayidaa nuuf argamsiisa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Hose’aa 13:14rraa caqasuudhaan waa’ee du’aa ka’uu: “Mo’ichi kee meerree, yaa du’aa? Arfiin kees meerree yaa du’aa?” jechuudhaan dubbateera. (1 Qor. 15:55) Oo’a Yihowaan warra qodaa dheekkamsaatiin fakkeeffamanitti argisiisu ilaalchisee Phaawulos Hose’aa 1:10fi Hos. 2:23rraa caqasuudhaan akkas jedheera: “Macaafa Hose’aa keessatti, ‘Warra kan koo hin ta’in, “saba koo” jedhee, nan waama; biyya hin jaallataminis, “Jaallatamtuu koo” jedhee nan waama iddoodhuma, “Isin saba koo miti” jedhamee itti himametti, “Ilmaan Waaqayyoo jiraataa” jedhamanii in waamamu.’” (Rom. 9:25, 26) Phexros yaada Hose’aa kana gabaabsuudhaan akkas jedheera: “Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa argattaniittu.”—1 Phe. 2:10.
16 Kanaaf, raajiin Hose’aa waa’ee bara Zarubaabelitti haftoota gara biyyasaaniitti deebi’an qofa kan ibsu utuu hin ta’in, Yihowaan Israa’eloonni warri hafuuraa ‘ijoollee Waaqayyo isa jiraataa’ akka ta’aniif isaaniin walitti qabuu wajjin haala wal simuun raawwiisaa akka argate hubachuun ni danda’ama. Hose’aan geggeessaa hafuura qulqulluutiin wanta barbaachisaa ta’e kana arguu danda’eera. Yihowaa kan gammachiisu sirna waaqeffannaa haa fakkaatuuf kabajamu utuu hin ta’in, akkuma Hose’aa 6:6rratti ibsame (Yesus Maatewos 9:13fi Mat. 12:7rratti irra deebi’uudhaan dubbate) kan isa gammachiisu maal akka ta’e akkas jechuudhaan dubbateera: “Ani jaalala nan barbaada malee, aarsaa miti; aarsaa gubamu caalaa immoo ana Waaqayyoon beekuu keessan nan barbaada.”
17 Fakkeenyi haadha manaa Hose’aa ishee ejjituu, Yihowaan namoota isa dhiisanii gara waaqolii tolfamoofi waaqeffannaa sobaatti deebi’uudhaan karaa hafuuraa ejja raawwatan akka jibbu kan argisiisudha. Namoonni cubbuu hojjechuudhaan gufatan hundi guutummaatti yaada garaa geddarachuufi ‘galata afaansaanii akka qalma jibootaatti aarsaa’ isaaf dhiheessuu qabu. (Hos. 14:2; Ibr. 13:15) Namoonni kun, warra karaa hafuuraa Israa’eloota haftoota ta’anii wajjin Mootummicha ilaalchisee abdiin Hose’aa 3:5rratti argamu yeroo raawwatamu ni gammadu. Caqasichi akkas jedha: “Kana booddees namoonni Israa’el deebi’anii, Waaqayyo isaanii goofticha, Daawitinis mootii isaanii in barbaaddatu; dhuma barichaattis isaan sodaa guddaadhaan gara Waaqayyoo, gara wanta gaarii inni isaaniif godhus in dhufu.”