Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 29—Yo’el
Barreessaan: Yo’el
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 820 (?)
ILBIISONNI walitti aansanii dhufuudhaan biyyattii balleessu. Ibiddi durasaanii jiruufi arrabni ibiddaa boodasaanii deemummoo guutummaatti kan barbadeessudha. Beellis bakka hunda jira. Guyyaan Waaqayyoo inni guddaaniifi inni sodaachisaan waan dhihaateef aduun gara dukkanaatti jiinis gara dhiigaatti geddaramu. Yihowaan saboota badiisaaf walitti qabuudhaaf haamtuusaa akka ergan ajaja. Haata’u malee, namoonni tokko tokko badiisa kanarraa ‘‘in oolu.’’ (Yoe. 2:32) Raajiin Yo’el wantoota nama ajaa’ibsiisan akkasii waan ibsuuf xiyyeeffannaa namaa kan harkisuufi faayidaa kan qabudha.
2 Macaafichi: “Dubbiin Waaqayyoo inni gara Yo’el ilma Phetu’el dhufe kanatti fufee kan jiruu dha” jechuudhaan jalqaba. Macaafni Qulqulluun waa’ee Yo’el kanaa alatti waan nuu ibsu hin qabu. Macaafichi ergaa raajichaarratti malee barreessaa macaafa kanaarratti hin xiyyeeffatu. Maqaan “Yo’el” (afaan Ibrootaatiin Yohel) jedhu hiiknisaa “Yihowaan Waaqadha” jechuudha. Yo’el waa’ee Yerusaalem, waa’ee mana qulqullummaafi waa’ee hojiiwwan mana qulqullummaa keessatti hojjetaman sirriitti beekuunsaa, macaafichi Yerusaalem ykn Yihudaatti akka barreeffame kan argisiisudha.—Yoe. 1:1, 9, 13, 14; 2:1, 15, 16, 32.
3 Macaafni Yo’el yoom barreeffame? Macaafni kun bara akkasiitti barreeffame jedhanii dubbachuun rakkisaadha. Hayyoonni, macaafni kun Dh.K.D. bara 800 duraa hanga Dh.K.D. naannoo bara 400 gidduutti barreeffame jedhanii amanu. Yihowaan dirree Yoshaafaaxitti sabootatti faraduusaa ilaalchisee ibsi kenname, Yo’el raajii kana kan barreesse mootii Yihudaa kan ture Yoshaafaax gargaarsa Waaqayyootiin erga injifannoo argatee booda, jechuunis Dh.K.D. bara 936tti erga mootii ta’ee booda ta’uusaa argisiisa. (Yoe. 3:2, 12; 2 Sen. 20:22-26) Amos raajichi yaada kana Macaafa Yo’elirraa caqasee ta’uu danda’a. Kanaaf, Macaafni Yo’el Macaafa Amos isa Dh.K.D. bara 829fi 804 gidduutti raajii dubbachuu jalqabe dura barreeffame jechuun ni danda’ama. (Yoe. 3:16; Amo. 1:2) Macaafni kun Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin barreeffaman keessatti Macaafa Hose’aafi Macaafa Amos gidduutti kana argamu ta’uunsaa, yeroo dheeraa dura barreeffamuusaa argisiisa. Kanaaf, Macaafni Yo’el kan barreeffame Dh.K.D. naannoo bara 820tti ta’uu danda’a.
4 Caqasawwaniifi yaadawwan macaafa kana keessatti argaman hedduun, Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti caqasamuunsaanii Macaafni Yo’el sirrii ta’uusaa argisiisu. Phexros guyyaa Phenxeqosteetti “raajii Yo’eliin” erga caqasee booda, raajiisaa keessaa inni tokko guyyaa sanatti raawwiisaa akka argate ibseera. Phaawulosis raajii kana caqasuudhaan Yihudootaafi warra Yihudoota hin ta’inirratti akkamitti raawwiisaa akka argate dubbateera. (Yoe. 2:28-32; HoE. 2:16-21; Rom. 10:13) Saboota ollaasaaniitti argaman ilaalchisee raajiin Yo’el dubbate hundi raawwiisaa argateera. Magaalaa guddittiin Xiiros Nebukadnezaariin kan marfamte yommuu ta’u, boodas odoolli kun Aleeksaandar Guddichaan balleeffamteetti. Haaluma wal fakkaatuun Filiisxiyaanis balleeffamteetti. Edoom lafa onaa taateetti. (Yoe. 3:4, 19) Yihudoonni Macaafni Yo’el sirrii ta’uusaa amanuusaaniirrayyuu, macaafa kana macaafota xixiqqoo jedhamanirraa tartiiba lammaffaarra kaa’aniiru.
5 Akkaataan Macaafni Yo’el itti barreeffame ifaafi wantoota tokko tokko akka gaariitti kan ibsudha. Yaadawwan tokko tokko jabeessee ibsuuf jecha kan irra deebi’u yommuu ta’u, al tokko tokkommoo wanta tokkoo wajjin wal fakkeessee ibsa. Hawaannisni, saba, uummataafi loltoota jedhamaniiru. Ilkaansaanii kan leencaa, bifnisaanii kan fardaa, sagaleensaaniis konkolaattotaa lolaaf qophaa’an fakkaata. Kitaabni Za Intarpiriitars Baayibil jedhamu weerara hawaannisaa ilaalchisee akkas jechuudhaan yaada kenneera: “Weerara hawaannisaa ilaalchisuudhaan ibsi Yo’el kenne, wantoota xixiqqoollee sirriitti ibsuudhaan kan isaan qixxaatu hin argamne.”a
FAAYIDAASAA
12 Namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan tokko tokko Yo’el raajii gadda ibsudha jedhanii dubbatu. Haata’u malee, sabni Waaqayyoo Yo’el waa’ee fayyinaa lallabuusaa beeku. Phaawulos Roomaa 10:13rratti: “‘Namni maqaa gooftaa waammatu hundinuu in oola”’ jechuudhaan yaada kana ibseera. (Yoe. 2:32) Raajiin Yo’el, tokko Dh.K.D. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti haala nama dinqisiisuun raawwatameera. Phexros yeroo sanatti geggeessaa hafuura qulqulluutiin kaka’ee, hafuurri qulqulluun bartoota Kiristosirratti dhangala’uunsaa raawwii raajii Yo’el ta’uusaa ibseera. (HoE. 2:1-21; Yoe. 2:28, 29, 32) Phexros raajiin Yo’el faayidaa akkamii akka argamsiisu: “Maqaa gooftaa [Yihowaa, NW] kan waammatu hundinuu immoo in oola” jechuudhaan ibseera.—HoE. 2:21, 39, 40.
13 Dha’icha hawaannisaa Yo’el dubbateefi dha’icha Mul’ata boqonnaa 9rratti argamu gidduutti wanti baay’ee wal fakkaatu jira. Achirratti aduun akka dukkanooftu ibsameera. Hawaannisni sun fardeen lolaaf qophaa’an, sagaleensaanii sagalee konkolaattota lolaaf qophaa’an, ilkaansaaniis kan leencaa fakkaata. (Yoe. 2:4, 5, 10; 1:6; Mul. 9:2, 7-9) Yo’el 2:31rratti aduun gara dukkanaatti jijjiiramuushee ilaalchisee raajiin Yo’el dubbate, Isaayaas 13:9, 10fi Mul’ata 6:12-17rratti ni argama; akkasumas Yesus Maatewos 24:29, 30rratti yommuu Ilmi namaa aboosaatiin dhufu wanta ta’uu wajjin wal fakkeessuudhaan yaada kana dubbateera. Jechi Yo’el 2:11rratti “guyyaan Waaqayyoo guddaa dha, sodaachisaa dhas” jedhu Miilkiyaas 4:5 wajjin akka wal fakkaatu beekamaadha. ‘Guyyaa dukkanaafi guyyaa dukkana limixii’ ilaalchisuudhaan Yo’el 2:2fi Sefaaniyaa 1:14, 15rratti ibsa wal fakkaatu arganna.
14 Raajiin Macaafa Mul’ataarra jiru “guyyaan guddaan” dheekkamsa Waaqayyoo akka dhufu ibsa. (Mul. 6:17) Yo’elis yeroo ‘guyyaan Waaqayyoo’ inni guddaan dhufu namoonni eegumsaafi fayyina argachuuf isa waammatan akka ‘oolan’ ibsa. ‘Waaqayyo sabasaatiif iddoo baqaa in ta’a.’ Badhaadhummaan Eeden keessa ture deebi’ee dhufa. ‘Guyyaa sanattis tulloonni daadhii haaraa ni coccophsu, gaaronnis aannan ni baasu; laga Yihudaa hundumaa keessas bishaan ni yaa’a, mana qulqullummaa keessaas bishaan ni burqa.” Yo’el deebi’anii hundeeffamuu ilaalchisee abdii gammachiisaa kana kennuusaarrayyuu, olaantummaa Yihowaa akka gaariitti ibsuudhaan namoonni garaa qajeelaa qaban araara argachuuf akka isatti dhihaatan akkas jechuudhaan kadhateera: “Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi’aa! Inni araara-qabeessaa fi oo’a-qabeessa waan ta’eef, dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay’ee dha.” Namoonni afeerrii geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana hojiirra oolchan hundi eebba bara baraa argatu.—Yoe. 2:1, 32; 3:16, 18; 2:13.
[Miiljaleewwan]
a Za Intarpiriitars Baayibil 1956, Jildii 6, ful. 733.