LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv ful. 215-ful. 217 key. 1
  • Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhagna Baqaqsuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhagna Baqaqsuu
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Dhiigaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2004
  • Ibsa Dabalataa
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Akkuma Waaqayyoo, Jireenyaaf Bakka Guddaa Kennitaa?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv ful. 215-ful. 217 key. 1

KUTAA DABALATAA

Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhagna Baqaqsuu

Qoqqoodama dhiigaa. Qoqqoodama dhiigaa kan jedhaman gareewwan dhiigaa gurguddaa, jechuunis: seelii diimaa, seelii adii, pilaatileetiifi pilaazmaarraa kan argamanidha. Fakkeenyaaf, seelii diimaan pirootiinii hiimoogiloobiinii jedhamu qaba. Hiimoogiloobiiniin namoota ykn horiirraa argaman, namoota hanqina dhiigaa cimaa qaban ykn dhiignisaanii garmalee dhangala’e ittiin yaaluuf fayyada.

Pilaazmaa keessaa dhibbeentaan 90⁠ni bishaan yommuu ta’u, hormoonota hedduu, ashaboo, enzaayemoota, nyaata, albuudotaafi sukkaara kan qabatedha. Akkasumas wantoota dhiigni akka kantaru godhan, dhibee addaddaa qaamarraa ittisaniifi pirootiinii albuumiinii jedhamu kan of keessaa qabudha. Namni tokko yeroo dhukkuba tokkoon qabamu, ogeessonni fayyaa gaamaa giloobuliin jedhamuufi pilaazmaa qaama namoota dhukkuba kana ofirraa ittisuu danda’anirraa fudhatame akka waraannatu ajajuuf ta’a. Seeliin dhiiga adii qorichawwan intarfeeronsiifi interluukins jedhaman dhukkuboota vaayirasiin darbaniifi kaansarii ittiin yaaluuf gargaaran hojjechuuf fayyadu.

Kiristiyaanonni yaalii qoqqoodama dhiigaarraa argamanitti fayyadamuun godhamu fudhachuu qabuu? Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee kallattiidhaan ibsa kennuu baatus, hundumtuu murtoo Waaqayyoon gammachiisu gochuu qabu. Obboloonni tokko tokko Seerri Waaqayyo Israa’elootaaf kenne dhiiga lubbu qabeeyyii keessaa ba’e “lafatti gad naqi” waan jedhuuf, qoqqoodama dhiigaa hundumaa hin fudhatan. (Keessa Deebii 12:22-24) Kaanimmoo, guutummaa dhiigaa ykn gareewwan gurguddaa ta’an fudhachuu baatanis, kutaa xixiqqoo gareewwan gurguddaarraa qoqqoodamanii argaman fudhatu ta’a. Qoqqoodamni xixiqqoon kun, guutummaatti dhiigaa wajjin tokko waan hin taaneef dhiiga ta’uu hin danda’an jedhanii sababii dhiheessu ta’a.

Qoqqoodama dhiigaa fudhachuu ilaalchisee filannoo yeroo gootu gaaffiiwwan armaan gadiirratti yaadi: Qoqqoodama dhiigaa hunda hin fudhadhu yommuun jedhu, yaalii dhukkuba ittisuuf gargaaru ykn dhiigni akka hin dhangalaaneefi akka kantaru godhu fudhachuu dhiisuu akka hin taane hubadheeraa? Qoqqoodama dhiigaa tokko ykn isaa ol maaliif akkan fudhadhuufi hin fudhanne ogeessa fayyaa tokkoof ibsuu nan danda’aa?

Dhagna baqaqfachuu. Kun yaalii fayyaa hiimoodaayiluushiniifi seel saalveej jedhamu kan dabalatudha. Hiimoodaayiluushiniin, dhiigni fuudhamee, dhangala’aan dhiigni akka baay’atu godhu erga itti dabalamee booda qaama nama dhukkubsate sanaatti akka deebi’u gochuudha. Yaaliin seel saalveej jedhamummoo, dhiiga si’a dhagni baqaqsamu dhangala’u ba’e deebisanii fudhachuudha. Dhiigni fuudhame, miicamee ykn calalamee gara qaama nama dhukkubsate sanaatti akka deebi’u gochuudha. Ogeessonni fayyaa malawwan kanaan kan fayyadaman karaa addaddaa waan ta’eef, Kiristiyaanni tokko mala doktoorichi itti fayyadamuuf yaade beekuu qaba.

Malawwan yaalii kanatti fayyadamuu ilaalchisee filannoo yeroo gootu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dhiigni qaamakoo keessaa ba’ee yeroo muraasa erga turee booda, seera dhiiga “lafatti gad naqi” jedhu yaanni garaakoo akkuma kutaa qaamakootti akkan ilaalu naa heyyamaa?’ (Keessa Deebii 12:23, 24) ‘Yaaliin fayyaa yeroo godhamutti, dhiignikoo fuudhamee wanti gara biraan erga itti dabalamee booda qaamakootti deebi’ee utuu galee, yaanni garaakoo inni Macaafa Qulqulluun leenji’e na ceepha’aa? Yaalii fayyaa dhiigakootiin naa godhamu hunda hin fudhadhu jechuunkoo, yaalii fayyaa hiimodaayaalisis ykn dhiignikoo meeshaa akka onnee/sonbaa ta’ee tajaajilu keessa darbee akka naa kennamu hin barbaadu jechuukoo akka ta’e hubadheeraa?’

Chaartii fuula 216 irra jiru

Kiristiyaanni tokko yeroo dhagna baqaqfatu, dhiigasaa waraabuu, qulqulleessuu, kuusuu, kennuufi haalawwan biraa armaan olitti irratti mari’atame ilaalchisee ofiisaatii murteessuu qaba. Qajeelfamni kun qorannoo dhukkuba addaddaatiif godhamuuf, dhiigni muraasni waraabamee karaawwan tokko tokkoon jijjiiramni erga itti godhamee booda, marfeedhaan kennamuufis ni fayyada.

GAAFFII OGEESSA FAYYAAF DHIHAACHUU QABU

Yaaliin dhagna baqaqfachuu ykn qoqqoodama dhiigarraa argamanitti fayyadamuu yoo si mudate, ragaa seera qabeessa ta’an jechuunis, Kaardii Ejjennoo Ani Yaalii Fayyaatiif Qabu jedhuufi dhiiga akka hin fudhanne ibsu sirriitti guutuukee mirkaneeffadhu. Kana malees, ogeessa fayyaakee gaaffii armaan gadii gaafachuu dandeessa:

  • Ogeessonni yaalii fayyaa dhimmi kun ilaallatu hundi, Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uukoofi haalawwan akkamii keessattiyyuu (guutummaa dhiigaa, seelii diimaa, seelii adii, pilaatileetii ykn pilaazmaa dhiigaa) dabalatee akkan dhiiga hin fudhanne beekuu?

  • Qoricha qoqqoodama dhiigaarraa hojjetaman fudhachuu kan gaafatu taanaan, maalirraa hojjetame? Hammamtu naa kennama? Akkamitti fudhatama?

  • Yaanni garaakoo qoqqoodama dhiigaa akkan fudhadhu naa heyyamnaan, rakkoo maalii narraan ga’a? Filannoon yaalii kan biraa jiraa?

Wantoota armaan olitti ibsaman ilaalchisee murtoo gochuukee dura wanta si yaaddessu Yihowaa kadhadhu. Yihowaan nama ogummaa argachuuf amantiidhaan “kadhatu” hundaaf akka kennu waadaa galeera.—Yaaqoob 1:5, 6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi