LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv ful. 218-ful. 219 key. 1
  • Barsiifata Qaama Hormaataa Ofii Sukkuumuun Gammaduuf Godhamu Mo’uu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barsiifata Qaama Hormaataa Ofii Sukkuumuun Gammaduuf Godhamu Mo’uu
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barsiifata Maastarbeeshinii Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Waaʼee Saalqunnamtii Yaaduu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Waaqayyo Duratti Qulqulluu Taʼuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Halalummaa Baqadhaa!”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv ful. 218-ful. 219 key. 1

KUTAA DABALATAA

Barsiifata Qaama Hormaataa Ofii Sukkuumuun Gammaduuf Godhamu Mo’uu

Barsiifanni qaama hormaataa ofii sukkuumuun gammaduu, Waaqayyoon gaddisiisuu, namni tokko fedhiisaatiif qofa, akkasumas wanta gadhee akka yaadu gochuudhaan sammuu namaa kan mancaasudha. Kana malees, namni amala kanaan qabame, namoota kaan meeshaa fedhii saalqunnamtiisaa guutuuf tajaajilan qofa godhee ilaaluu akka jalqabu isa gochuu danda’a. Namni akkasii, saalqunnamtiin qophii namoonni lama jaalala waliif qaban itti argisiisan utuu hin ta’in, wanta yeroo gabaabaaf qofa fedhii saalqunnamtii itti dhaga’amu tasgabbeessuufi gammaduuf tajaajilu godhee ilaala. Ta’us, fedhiinsaa kun kan tasgabbaa’u yeroo gabaabaaf qofadha. Dhugaa dubbachuuf taanaan, barsiifanni kun, carraaqqii yaada ofii wanta lafaarratti hidhuurraa fagaachuuf godhamu ajjeesuu mannaa, barsiifata “halalummaa, xuraa’ummaa, kajeellaafi hawwa hamaa” kan itti caalchisudha.—Qolosaayis 3:5.

Phaawulos, “Yaa michoota ko! . . . kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa” jechuun barreesseera. (2 Qorontos 7:1) Gorsa kana hojiirra oolchuun yoo sitti ulfaate abdii hin kutatin. Yihowaan yeroo hunda ‘cubbuu namaaf dhiisuufi’ gargaaruuf qophaa’aadha. (Faarfannaa 86:5; Luqaas 11:9-13) Darbee darbee barsiifanni kun si rakkisullee, yaanni garaakee kan si ceepha’uufi kanarraa fagaachuuf carraaqqii gochuunkee, yaada gaarii akka qabdu kan argisiisudha. Yaada Macaafa Qulqulluu ‘Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa ni hubata’ jedhus yaadadhu. (1 Yohannis 3:20) Waaqayyo cubbuu keenya caalaa, guutummaa namummaa keenyaa ni arga. Guutummaa namummaa keenyaa beekuunsaa, kadhannaa nuti garaa keenyaa akka inni gara laafinaan nu ilaaluuf goonu akka dhaga’u isa godha. Kanaaf, akkuma mucaan tokko yeroo rakkoon isa mudatu gara abbaasaatti fiigu, atis gad of deebisuufi kadhannaa garaadhaa maddeen Waaqayyoon kadhachuurraa matumaa duubatti hin jedhin. Yihowaanis, yaada garaa qulqulluu akka qabaattu gochuudhaan si eebbisa. (Faarfannaa 51:1-12, 17; Isaayaas 1:18) Dhugaadha, atis gama keetiin tarkaanfii kadhannaakee wajjin walsimu fudhachuu si barbaachisa. Fakkeenyaaf, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi hiriyyummaa gadheerraa fagaachuuf wanta dandeessu hundaa godhi.a

Barsiifata kanarraa fagaachuun sitti ulfaannaan, warrakee warra Kiristiyaanota ta’an ykn nama karaa hafuuraa ga’eessa ta’eefi sii yaaduu wajjin, dhimma kanarratti mari’achuunkee gaarii ta’a.b—Fakkeenya 1:8, 9; 1 Tasaloniiqee 5:14; Tiitoos 2:3-5.

a Maatiiwwan hedduun akkaataa itti fayyadama kompiitarasaanii to’achuuf, bakka miseensonni maatii hundi arguu danda’an kaa’uudhaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhataniiru. Kana malees, warri tokko tokko sagantaa wantoota gadhee ta’an fo’ee hambisu kompiitarasaaniirratti galfataniiru. Ta’us, sagantaa kompiitaraa guutummaatti amanamu argachuun hin danda’amu.

b Yaadawwan hojiirra ooluu danda’aniifi barsiifata kana mo’uuf gargaaran argachuuf, Dammaqaa! Sadaasa 2006 “Gaaffii Dargaggootaa . . . Barsiifata Kana Mo’uu Kanan Danda’u akkamitti?” jedhuufi kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi Deebiisaanii Hojiirra Ooluu Danda’an jedhamu fuula 178-182 ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi