Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 58—Ibroota
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Roomaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 61
PHAAWULOS caalaatti “saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif” ergamaa ta’uutti beekama. Ta’us, tajaajillisaa namoota Yihudii hin taanerratti qofa kan xiyyeeffate turee? Matumaa akkas miti! Phaawulos cuuphamuusaafi hojii isaaf kenname fudhachuusaa dura Gooftaa Yesus Ananiiyaasiin akkas jedhee ture: “Inni [Phaawulos] mi’a hojii kootii isa warra saba Waaqayyoo hin ta’in duratti, mootota duratti, namoota Israa’el durattis maqaa koo beeksisuudhaaf ani fo’adhee dha.” (HoE. 9:15; Gal. 2:8, 9) Dhugumayyuu, Phaawulos Macaafa Ibrootaa barreessuunsaa maqaa Yesus namoota Israa’el duratti beeksisuuf hojii itti kennamee wajjin kan walsimu ture.
2 Haata’u malee, ceephaatonni tokko tokko Macaafa Ibrootaa kan barreesse Phaawulos ta’uusaa ni shakku. Maqaan Phaawulos ergaasaa keessatti kan hin argamne ta’uusaa akka sababii tokkootti dhiheessu. Haata’u malee kun falmiif hundee ta’uu hin danda’u; sababiinsaas, Caaffanni Qulqullaa’oon maqaa barreessichaa hin ibsine hedduun kan jiran yommuu ta’u, yeroo baay’ee eenyummaan barreessaa kanaas beekamuu kan danda’u ragaa barreeffamicha keessatti argamuunidha. Kana malees, warri tokko tokko Phaawulos Kiristiyaanota Yihudaatti argamaniif ergaa yommuu barreessu maqaasaa caqasuu kan dhiise Yihudoonni biyyichatti argaman waan isa hin jaallanneef ta’e jedhee akkas godhe jedhanii dubbatu. (HoE. 21:28) Akkaataan barreeffamasaa ergaawwansaa warra kaanirraa adda ta’uunsaas Phaawulos ergaa kana hin barreessine jedhanii falmuuf sababii ga’aa hin ta’u. Phaawulos ergaasaa kan barreesse, namoota saba Waaqayyoo hin taaneefis ta’e Yihudootaaf ykn Kiristiyaanotaaf, “namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa” ta’uuf dandeettii qabaachuusaa argisiiseera. Asirratti akka Yihudii tokko ta’uudhaan Yihudootaaf ragaa dhiheessaa kan jiru yommuu ta’u, ragaa isaan guutummaatti hubachuufi dinqisiifachuu danda’an dhiheesseera.—1 Qor. 9:22.
3 Ragaan macaaficha keessatti argamu, barreessaansaa Phaawulos ta’uusaa guutummaatti kan deggerudha. Barreessaan kun Xaaliyaanii kan ture si’a ta’u, michuu Ximotewos ture. Dhugaawwan kunimmoo haala Phaawulosii wajjin walsimu. (Ibr. 13:23, 24) Kana malees, qabxiiwwan falmii ergicha keessatti argaman gumii Ibrootaa ergichi ergameef qofa hawwachuuf jecha ilaalcha Yihudootaarratti hundaa’anii kan dhihaatan ta’anis, barumsawwan kun kan Phaawulos ta’uusaanii shakkiin hin jiru. Kilaarkis Koomeentarii, Jildiin 6, fuulli 681, Macaafa Ibrootaa ilaalchisee akkas jedha: “Guutummaan ergichaa Yihudootaaf kan barreeffame ta’uusaa ifatti argisiisa. Ergaan kun namoota saba Waaqayyoo hin taaneef kan barreeffame utuu ta’ee, ragaa inni amansiisuuf dhiheesse namoota kuma kudhan keessaa namni tokkollee hin hubatu ture. Sababiinsaas warri saba Waaqayyoo hin taane sirna Yihudootaa ilaalchisee wanta barreessaan kun irra deddeebi’ee barreesse waan beekan hin qaban.” Yaanni kunimmoo, akkaataan barreeffama Macaafa Ibrootaa ergaawwan Phaawulos kaanirraa adda kan ta’e maaliif akka ta’e hubachuuf nu gargaara.
4 Cheestar Beetii Pappaayiras Lakk. 2 (P46) naannoo bara 1930tti argame, ragaa dabalataa barreessaan ergaa kanaa Phaawulos ta’uusaa mirkaneessu dhiheessa. Lammiin Biriitaaniyaa Sar Fireediriik Keeniyan inni barreeffamoota gamaaggamuudhaan beekamaa ta’e, Pappaayirasii Phaawulos erga du’ee jaarraa tokkoof walakkaa booda barreeffame kana ilaalchisee akkas jedheera: “Macaafni Ibrootaa Macaafa Roomaatti aansee (bakka itti argamuu danda’a jedhamee hin yaadamnetti) argamuunsaa, xiyyeeffannaa kan hawwatu yommuu ta’u, yeroo isa dura turanitti ergaawwan Phaawulos keessaa akka isa tokkootti ilaalamaa akka ture kan argisiisudha.”a Maakliintookiifi Istiroong Saaykilooppiidiyaan gaaffii kanaa wajjin haala wal qabateen akkas jedheera: “Macaaficha keessaas ta’e alaa Phaawulosiin ala namni garabiraan ergaa kana barreessuusaa ragaadhaan mirkaneessuu danda’u tokkoyyuu hin jiru.”b
5 Macaafni Ibrootaa Kiristiyaanota durii biratti fudhatama argachuusaarrayyuu, qabiyyeensaas “geeggeessaa hafuura Waaqayyootiin” kan barreeffame ta’uusaa mirkaneessa. Macaafni Ibrootaa barreeffamoota duriirraa irra deddeebi’ee caqasuudhaan dubbistoota macaafichaa gara Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaatti kan geessu yommuu ta’u, raajiiwwan kunis Yesusirratti akkamitti akka raawwataman argisiisa. Yeroo ammaatti Ilmi Waaqayyoo ergamootarra kan caalu ta’uusaa amansiisuuf, boqonnaa isa jalqabaarratti Ibr. boq. 1 qofa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqasoota torba ta’aniin gargaarameera. Macaafichi Dubbii Yihowaafi Maqaasaa irra deddeebi’ee kan ibsu yommuu ta’u maddi jireenyaa inni guddaan Yesus ta’uusaafi abdii ilmaan namootaa inni tokkichi Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristosiin geggeeffamu ta’uusaa addeessa.
6 Yeroo itti barreeffame ilaalchisee, Phaawulos Xaaliyaanii yommuu turetti ergaasaa kana kan barreesse ta’uunsaa dursee ibsameera. Xumura ergaasaarratti, “Obboleessi keenya Ximotewosis gad dhiifamuu isaa beekaa! Anis yoo inni dafee dhufe, isaa wajjin dhufee isin nan arga” jedheera. (13:23) Jechi kun Phaawulos dhiheenyatti mana hidhaatii akka gad dhiifamu eeggachaa akka tureefi Ximotewos isa hidhaadhaa hiikamee wajjin adeemuu yaadee akka ture kan argisiisu fakkaata. Kanaaf, macaafichi kan barreeffame Phaawulos jalqaba yommuu Roomaatti hidhame, jechuunis Dh.K.B. bara 61tti hin ta’in hin oolu jedhamee yaadama.
7 Dhumni sirna Yihudootaa yommuu ga’etti, keessumaa Kiristiyaanota Yerusaalem keessa jiranirra qorumsi guddaan hangana hin jedhamne ga’ee ture. Misiraachichi babal’achaa waan adeemeefi Yihudoonni caalaatti cimsitoota ta’aa adeemuunsaanii, jibbisaanii itti caalaa akka adeemuufi mormiin Kiristiyaanotarraan ga’aan caalaatti finiinaa akka adeemu godheera. Waggoota muraasa dura Phaawulos Yerusaalemitti argamuunsaa qofti gooliin akka ka’u kan godhe si’a ta’u, Yihudoonni namoota amantii ta’an, “Nama akkasii lafa irraa balleessuun in ta’a, inni jiraachuun hin ta’uuf” jedhanii itti iyyanii turan. Yihudoonni 40 ta’an Phaawulosiin hamma ajjeesanitti waa akka hin nyaanneefi hin dhugne wal kakanii waan turaniif, Phaawulosiin halkaniin gara Qiisaariyaatti geessuuf loltoonni akka gaariitti hidhatan akka geggeessan gochuun barbaachisee ture. (HoE. 22:22; 23:12-15, 23, 24) Gumiin achitti argamu naannoo amantii garmalee cimsuun itti babal’ateefi hawaasa Kiristiyaanotaaf jibba guddaa qabu gidduu jiraachuu, lallabuufi amantiisaanii jabeessanii qabachuu qabu turan. Akkasumas, Kiristiyaanonni kun amantii Yihudootaatti, horii aarsaa godhanii dhiheessuufi Seera Musee isa barsiifatawwan faayidaa hin qabnetti deebi’uurraa fagaachuuf, Kiristos seericha akkamitti akka raawwate, beekuufi sirriitti hubachuu isaan barbaachisa ture.
8 Gidiraafi dhiphina Yihudoota Kiristiyaanota ta’anirra ga’aa jiru Phaawulos caalaa namni isaaniif hubachuu danda’u hin jiru. Phaawulos isa dura Fariisota keessaa tokko ture yoo ta’e malee, duudhaa Yihudootaa ilaalchisee xuqaawwaniifi ragaawwan gaarii falmiif gargaaran dhiheessuuf namni Phaawulos caalaa beekumsa qabu hin turre. Phaawulos waa’ee Seera Musee Gamaali’elirraa beekumsa guddaa argaterraa caqasuudhaan, Kiristos seeraafi heera aarsaa Seericha iddoodhaan kan ga’e ta’uusaa ilaalchisee ragaa abbaluu hin dandeenye dhiheesseera. Wantoonni kun wantoota kakuu haaraa jalatti argamaniifi faayidaa gurguddaa argamsiisan, wantoota caalmaa qabaniin akkamitti akka bakka buufaman argisiiseera. Sammuu dammaqina qabuun fayyadamee ragaawwansaa karaa ifaafi amansiisaa ta’een sadarkaa sadarkaadhaan dhiheesseera. Kakuun seerichaa raawwatamuusaafi kakuun inni haaraan dhufuusaa, caalmaa hojiin Kiristos luba ta’uudhaan raawwatu kan Aaronirra kan caalu, aarsaan Kiristos kan sangootaafi kan re’ootaa wajjin yeroo waliin ilaalamu faayidaa guddaa inni argamsiisu, Kiristos dunkaana isa lafaatti utuu hin ta’in bakka Yihowaan argamutti, jechuunis gara samiitti galuusaafi barumsawwan haaraa kanaa wajjin wal fakkaataniifi qalbii namaa hawwatan kan isaaniif dhiheessu yommuu ta’u, barumsawwan kun Yihudoota hin amanne biratti baay’ee kan jibbaman ta’anillee, Kiristiyaanota Ibrootaatiif garuu ilaalcha sirriirratti kan hundaa’eefi karaa Yihudii sababi qabeessa ta’ee amansiisuu danda’uun ragaawwan hedduu Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa fudhatamanirraa isaaniif dhihaateera.
9 Ergaan kun Kiristiyaanonni Ibrootaa Yihudoota isaan ari’atan afaan qabsiisuuf meeshaa haaraafi cimaa kan isaaniif ta’u yommuu ta’u, ragaa cimaafi amansiisaa Yihudoota garaa qajeelaa qabaniifi dhugaa waa’ee Waaqayyoo ibsu beekuu barbaadan amansiisuufi jijjiiruuf gargaaru akka gaariitti qabateera. Ergichi, jaalala guddaa Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaatiif qabuufi hawwii guddaa yeroo rakkoon isaanirra ga’etti karaa bu’a qabeessa ta’een isaan gargaaruuf qabu kan argisiisudha.
FAAYIDAASAA
23 Ergaan warra Ibrootaatiif ergame Kiristosiin deggeruudhaan falmii karaa seera qabuun dhihaate yommuu ta’u, akka gaariitti kan qindaa’e, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa ragaa baay’ee kan qabateefi barruu homtinuu ittiin wal hin gitnedha. Bifa Seerri Musee qabu, jechuunis waa’ee kakicha, dhiigicha, kakuu isa Waaqayyoof namoota gidduu dhaabate, dunkaana waaqeffannaa, hojii lubummaafi waa’ee aarsaa erga ibsee booda, wantoonni kun wantoota caalmaa qabaniifi fuulduratti dhufan argisiisuuf Waaqayyo akka gaaddidduutti itti fayyadamee akka ture; akkasumas Seerichi karaa aarsaa Yesus iddoosaa akka ga’u argisiisa. Phaawulos waa’ee Seerichaa yommuu dubbatu, “wanti moofa’e, wanti dulloomes badduu ba’uu ga’eera” jedheera. Haata’u malee, “Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har’as bara baraanis isuma sana!” (8:13; 13:8; 10:1) Ibroonni kun ergaa isaaniif ergame yommuu dubbisan baay’ee gammadanii ta’uu qaba!
24 Haata’u malee, warra yeroo har’aatti haala garagaraa keessatti argamnuuf faayidaa maalii qaba? Seera Musee jala waan hin jirreef, yaada Phaawulos ittiin amansiisuuf dhiheesserraa faayidaa argachuu dandeenyaa? Eeyyee argachuu dandeenya. Maatiiwwan lafarratti argaman hundi karaa Sanyichaa akka of eebbisan ibsameefi kakuu haaraa isa guddaa abdii Abrahaamiif kennamerratti hundaa’e ilaalchisee qophii godhame macaafa kanarraa arganna. Abdiin jireenya argachuuf qabnu, abdii dur karaa Sanyii Abrahaam, jechuunis karaa Yesus Kiristos kenname raawwiisaa argachuusaarratti kan hundaa’edha. Seericha jalatti argamuu baannus, sanyii Addaam waan taaneef cubbuu dhaalleerra; kanaaf, aarsaa cubbuu wal gitu dhiheessuu kan danda’uufi Angafa Lubootaa gara laafessa kallattiidhaan samiitti ol ba’ee Yihowaatti dhihaachuudhaan waa’ee keenyaaf kadhatu nu barbaachisa. Addunyaa haaraa Yihowaan qopheessetti nu geessuu kan danda’u, dadhabbiin keenya garaasaa kan rukutu, “karaa hundumaan akka keenya qorame,” Angafa lubootaa “Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, . . . ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti” akka dhihaannu nu afeeru akka qabnu kan nuu ibsu macaafa kanadha.—4:15, 16.
25 Kana malees, Phaawulos ergaa warra Ibrootaatiif ergerratti, ragaa garaa namaa tuquufi raajiiwwan waggoota dheeraa dura Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti barreeffaman yeroo booda raawwiisaanii argachuunsaanii arganna. Wantoonni kun hundi, warra yeroo har’aatti jiraannuuf qajeelfamaafi jajjabina argamsiisu. Fakkeenyaaf, Phaawulos yaadawwan Faarfannaa 110:1rratti argamaniifi waa’ee abdii Mootummichaa ibsan Macaafa Ibrootaa keessatti al shan caqasuudhaan raajiiwwan kun Sanyii Mootummichaa kan ta’e Yesus Kiristos “gara mirga teessoo Waaqayyoo taa’e” “diinonni isaa ejjeta miilla isaa hamma godhamanitti in eeggata” jechuun raajonni kun isarratti akka raawwataman ibseera. (Ibr. 12:2; 10:12, 13; 1:3, 13; 8:1) Kana malees, Phaawulos Faarfannaa 110:4 caqasuudhaan, Ilmi Waaqayyoo “Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, . . . luba bara baraa” akka ta’u caqasuudhaan ga’ee guddaa Yesus qabu ibsa. Akka Malkiisedeq isa Macaafa Qulqulluu keessatti “abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu” jedhamee Yesusis, namoota qajeelfamasaatiif fedhiidhaan ajajaman hundaaf, faayidaa aarsaan furiinsaa argamsiisurraa eebba barabaraa akka argataniif, Mootiifi “bara baraan luba ta’ee in jiraata.” (Ibr. 5:6, 10; 6:20; 7:1-21) Phaawulos Faarfannaa 45:6, 7rraa caqasee kan dubbate waa’ee Mootiifi Luba kanaati: “Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, [“Waaqayyo baraa hamma barabaraatti teessoo keeti,” NW] uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti. Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise.” (Ibr. 1:8, 9) Phaawulos Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqasuunsaafi caqasoonni kun Kiristosirratti akkamitti akka raawwataman ibsuunsaa, akkaataa hojiin Waaqayyoo itti hojjetamu nu hubachiisa.
26 Ergaan warra Ibrootaatiif ergame ifatti akka argisiisutti Abraham Mootummaa Waaqayyoo, jechuunis “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.” Mandarri kunis “isa waaqa irraa ti.” Abrahaam “amantiidhaan” Mootummaa Waaqayyoo fagootti kan ilaale si’a ta’u, ‘jireenya isa wayyuuf du’aa ka’ee’ eebba argachuuf aarsaawwan gurguddaa kaffaleera. Amantiin Abrahaamis ta’e dhiiraafi dubartoota Phaawulos Ibroota boqonnaa 11rratti “dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan” jechuudhaan ibse argisiisan fakkeenya guddaa nuuf ta’a! Seenaa kana yommuu dubbisnu, nutis mirgaafi abdii namoonni ejjennoosaanii isa qulqulluu eeganii jiraatan kun argatan argachuu keenyaan garaan keenya gammachuufi galataan guutama. Kanaaf, “dorgommee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee [akka fiignu]” gorfamneerra.—11:8, 10, 16, 35; 12:1.
27 Phaawulos, raajii Haageerraa caqasuudhaan abdii Waaqayyoorratti akka xiyyeeffannu nu taasisa: “Ammas al tokko lafa sochoosuu duwwaa utuu hin ta’in, waaqas immoo nan sochoosa.” (Ibr. 12:26; Hag. 2:6) Mootummaan Waaqayyoo inni Sanyichaan, jechuunis Kiristos Yesusiin geggeeffamu garuu barabaraaf jiraata. “Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa!” Ibsi miira namaa kakaasu kun, Kiristos “waa’ee cubbuuf utuu hin ta’in warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf” lammata akka mul’atu mirkaneessa. Kanaaf, “Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi’eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba’uu dha.” Maqaan Yihowaa inni guddaan, Karaa Yesus isa Mootiifi Luba ta’e barabaraaf qulqulluu ta’ee eegama!—Ibr. 12:28; 9:28; 13:15.
[Miiljaleewwan]
a Za Histoorii oov za Baayibil, 1964, ful. 91.
b Bara 1981tti si’a lammaffaaf maxxanfame, Jildii IV ful. 147.