Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 59—Yaaqoob
Barreessaan: Yaaqoob
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. 62 Dura
“INNOO qalbii dabarse[era].” Kun jecha firoonnisaa Yesusiin jedhanidha. Tajaajilasaa isa lafaarratti, “Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne.” Kanaaf, Yaaqoob, Yoseef, Simooniifi Yihudaan bartoota Yesus warra jalqabaa keessatti hin lakkaa’amne. (Mar. 3:21; Yoh. 7:5; Mat. 13:55) Akkas taanaa, kutaa Macaafa Qulqulluu maqaan Yaaqoob jedhamu kennameef kan barreesse Yaaqoob obboleessa Yesusidha jechuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Odeeffannoon macaaficharra jiru akka ibsutti, Yesus erga du’aa ka’ee booda Yaaqoobitti kan mul’ate yommuu ta’u, kunimmoo Yesus Masiihii ta’uusaa guutummaatti amanamuuf akka isa gargaare hin shakkisiisu. (1 Qor. 15:7) Hojiin Ergamootaa 1:12-14 akka ibsutti, Maariyaamiifi obboloonni Yesus guyyaan Phenxeqostee ga’uusaa dura ergamoota Yesusii wajjin kutaa olaanaa mana Yerusaalemitti argamu tokko keessatti kadhannaa gochaa turan. Haata’u malee, ergaa kana kan barreesse ergamaa Yesus isa Yaaqoob jedhamu mitii? Waawuu, sababisaas barreessaan kun seensaarratti eenyummaasaa yommuu ibsu, ergamaa ta’uusaa utuu hin ta’in “hojjetaa Yesus Kristos gooftichaa” ta’uusaa waan ibseefidha. Yaanni seensaa Yihudaan, “Ani Yihudaan garbichi Yesus Kristos obboleessi Yaaqoob” jechuudhaan itti fayyadameefi jecha Yaaqoobii wajjin wal fakkaatu, Yihudaanis obboleessa Yesus ta’uusaa argisiisa. (Yaq. 1:1; Yih. 1) Kanarraa ka’uudhaan, macaafota maqaasaaniitiin moggaafaman kan barreessan Yihudaafi Yaaqoob warra obboloota Yesus turanidha jechuuf sababii ga’aa qabna.
3 Yaaqoob ergaa gorsa qabate gumii Kiristiyaanaatiif barreessuuf ga’eessa akka ture homaa hin shakkisiisu. Gumii Yerusaalem keessatti ilaaltuu olaanaa ulfina guddaa qabu ture. Phaawulos, waa’ee ‘Yaaqoob obboleessa gooftaa’ yommuu dubbatu, innis akkuma Phexrosiifi Yohannis gumicha keessatti akka ‘utubaatti’ akka ilaalamu ibseera. (Gal. 1:19; 2:9) Phexros akkuma mana hidhaatii ba’een, dubbii kana “Yaaqoobii fi obbolootatti” akka himaniif namoota erguunsaa Yaaqoob iddoo guddaa kan qabu ta’uusaa argisiisa. Phaawulosiifi Baarnaabaas dhagna qabaa ilaalchisee gaaffii ka’eef murtoo argachuuf gara Yerusaalem yommuu dhaqan, ‘ergamootaafi jaarsoliif’ akka nama sagalee dabarsuutti kan tajaajile Yaaqoob hin turree? Kan nama dinqisiisummoo, yaanni murtoo darbees ta’e ergaan Yaaqoob jecha wal fakkaatuun, jechuunis, “nagaa” gaafachuudhaan jalqabu. Kunimmoo, barreessaan yaadawwan kana lamaanii nama tokko ta’uusaa kan argisiisudha.—HoE. 12:17; 15:13, 22, 23; Yaq. 1:1.
4 Barreessaa seenaa kan ta’e Joseefas, Yaaqoob dhagaadhaan rukutamee ajjeefamuusaatiif kan itti gaafatamu Angafa Lubootaa warra Saduqootaa Haannaa (Anaaniyaas) ta’uusaa dubbateera. Kunis kan ta’e bulchaan warra Roomaa Fesxoos erga du’ee boodaafi Albaayinas inni bakkasaa bu’e aboo qabachuusaa dura, jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 62 boodadha.a Haata’u malee Yaaqoob ergaasaa kan barreesse yoomi? Yaaqoob Yerusaalem taa’ee ergaasaa kan erge kallattiin “warra gosa kudha lamaanuu keessaa biyya diidaatti tamsa’anii jiraniif” ture. (Yaq. 1:1) Dh.K.B. bara 33 hafuurri qulqulluun erga bu’ee kaasee hanga Kiristiyaanummaan babal’atetti, dhimmawwan nama yaaddessaniifi ergaasaa keessatti ibsaman hanga mul’atanitti yeroon muraasni darbuunsaa akka barbaachisu beekamaadha. Kana malees, ergaasaarraa hubachuun akka danda’amutti, Kiristiyaanonni garee xixinnoo ta’uurra darbanii sadarkaa “jaarsolii” ga’eessota warra dadhabaniif kadhachuufi gargaaruu danda’anitti gurmaa’anii turan. Akkasumas, dagachuun isaan gidduutti mul’achaa tureefi namoota amantii fakkaatanii mul’achuun gara gumichaatti hanga seenutti yeroon muraasni darbee akka ture ifaadha. (2:1-4; 4:1-3; 5:14; 1:26, 27) Kanaaf, seenaan Joseefas haala yeroo Fesxoos du’etti ture ilaalchisee barreesseefi odeeffannoowwan Fesxoos Dh.K.B. bara 62 booda du’e jedhamanii dhihaatan dhugaa taanaan, Yaaqoob ergaasaa kana kan barreesse dhuma jireenyasaa, jechuunis Dh.K.B. tarii naannoo bara 62 yeroo muraasa duradha jedhanii yaaduun sirrii ta’a.
5 Ergaan Yaaqoob barreeffamoota durii Vaatikaan Lak. 1209, Saayinaatikiifi Aleeksaandiraayin keessatti argamuunsaa sirrii ta’uusaa mirkaneessa. Ergaan kun yoo xinnaate barreeffamoota bara duriitti harkaan barreeffaman kudhaniifi gumii Dh.K.B. bara 397tti Kaartileejitti godhame dura turanirrattis ni argama. Barreeffamoonni amantii bara duriitti turanis yeroo hedduu ergaa kanarraa caqasanii barreessaniiru. Ergaan Yaaqoob Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii wajjin akka gaariitti kan walsimudha.
6 Yaaqoob ergaasaa kana kan barreesse maaliifi? Ergaasaa of eeggannoon yoo qorre, sababbii dhimmoota tokko tokkootiin obboloota giddutti rakkoon uumamee akka ture hubachuu dandeenya. Ejjennoon Kiristiyaanummaa kan laafeefi kan dagatame ta’uusaarrayyuu, warri tokko tokko biyya lafaa wajjin walitti hidhachuudhaan karaa hafuuraa ejja raawwachuu jalqabanii turan. Namoonni jarjarsuudhaan Macaafni Qulqulluun wal faallessa jedhan tokko tokko, Yaaqoob amantiin hojiidhaan argisiifamuu qaba jedhee jajjabeessuunsaa, jecha Phaawulos fayyinni kan argamu amantiidhaan malee hojiidhaan miti jedhee barreessee wajjin wal faallessa jedhanii dubbatu. Haata’u malee, yaada naannoo caqasichaarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, Yaaqoob dubbachaa kan ture amantiin afaaniin qofa utuu hin ta’in hojiidhaan argisiifamuu akka qabu yommuu ta’u, Phaawulosimmoo dubbachaa kan ture waa’ee hojii Seera Musee ture. Yaaqoob amantiin akkamitti hojiidhaan argisiifamuu akka qabu ibsa dabalataa kennuudhaan yaada Phaawulos caalaatti jabeesseera. Gorsi Yaaqoob rakkoo guyyaa guyyaan Kiristiyaanota mudatu ilaalchisee kenne faayidaa guddaa qaba.
7 Yaaqoob wantoota jireenya guyyaa guyyaa keessatti mul’atan, jechuunis bineensa, bidiruu, qottuufi biqiltuu akka fakkeenyaatti fayyadamee, amantii, obsaafi jabaatanii dhaabachuu ilaalchisee dubbiisaa karaa yaada namootaa hawwatuun ibseera. Mala bu’a qabeessa Yesus ittiin barsiise hordofuunsaa gorsasaatiif humna guddaa argamsiiseera. Namni ergaa kana dubbisu, namoonni wanta tokko gochuuf wanti isaan kakaasu maal akka ta’e ilaalchisee hubannaa Yaaqoob qabu yommuu ilaalu dinqisiifachuu hin oolu.
FAAYIDAASAA
15 Yaaqoob maqaa Yesus kan caqase al lama qofa (1:1; 2:1) ta’us, ergaa inni barreesseefi Lallaba isa Gaararraa of eeggannoon walbira qabanii ilaaluudhaan Yaaqoob barumsa Gooftaa karaa itti hojiirra oolchuun danda’amu hedduu ibsuusaa hubachuu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuunis, maqaan Yihowaa (Akka Hiika Addunyaa Haaraatti) al 13 kan caqasame si’a ta’u, badhaasni Waaqayyo waadaa Kiristiyaanota amantiisaanii eeganiif gale akka gaariitti ibsameera. (4:10; 5:11) Yaaqoob gorsasaa isa hojiirra ooluu danda’u caalaatti jabeessuuf, fakkeenyaafi Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa yeroo hedduu caqaseera. Bakka yaadasaa irraa fudhate ibsuufis jechoota: “akka caaffanni qulqullaa’aan,” “Inni caaffata qulqullaa’aa keessaa . . . jedhu in raawwatame,” “caaffanni qulqullaa’aan, . . . yommuu jedhu” jedhaniin kan gargaarame ta’uusaarrayyuu, hiika caqasoonni kun jireenya Kiristiyaanummaa keessatti qaban ibseera. (2:8, 23; 4:5) Yaaqoob hojii amantii Abrahaam hojjete, Rahaab amantiishee hojiin argisiisuushee, Iyoob amanamummaan obsuusaafi Eliyaas kadhannaatti amanamuusaa caqasuudhaan gorsa ifa ta’e kennuusaarrayyuu, amantii Dubbiin Waaqayyoo kan walsimu ta’uusaarratti qabnu caalaatti kan nuu jabeessudha.—Yaq. 2:21-25; 5:11, 17, 18; Uma. 22:9-12; Iya. 2:1-21; Iyo. 1:20-22; 42:10; 1 Mot. 17:1; 18:41-45.
16 Yaaqoob dubbicha hojiirra kan oolchinu malee kan dhageenyu qofa akka hin taane, hojii qajeelummaa hojjechuudhaan amantii argisiisuu keenya akka itti fufnu, qorama garagaraa obsaan mo’uun gammachuu akka argannu, Waaqayyo ogummaa akka nuu kennuuf utuu walirra hin kutiin akka kadhannu, yeroo hundaa kadhannaadhaan garasaatti akka dhihaannuufi gorsa seera mootichaa isa “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu” jedhuuf akka ajajamnu nuu kenne faayidaa guddaa qabu. (Yaq. 1:22; 2:24; 1:2, 5; 4:8; 5:13-18; 2:8) Barumsa dogoggoraa barsiisuu, arraba ofii karaa warra kaan miidhuun itti fayyadamuu, gumii keessatti sanyiidhaan wal qooduu, foon ofii gammachiisuuf bakka guddaa kennuufi qabeenya badurra amantaa ofii kaa’uu ilaalchisee gorsa cimaa kenneera. (3:1, 8; 2:4; 4:3; 5:1, 5) Biyya lafaatti michoomuun karaa hafuuraa ejja raawwachuu akka ta’eefi diina Waaqayyoo akka nu taasisu ifatti erga dubbatee booda, waaqeffannaa qulqulluu Waaqayyo duratti fudhatama qabu ilaalchisee akkas jedheera: “Ijoollota abbaa fi haadha hin qabne, dubartoota abbaan manaa irraa du’es rakkina isaanii ilaalanii gargaaruu dha; xuraa’ummaa biyya lafaa irraas of eeggachuu dha.” (4:4; 1:27) Gorsi bu’a qabeessiifi hubachuuf rakkisaa hin taane kun hundi, nama gumii Kiristiyaanaa duriitiif ‘utubaa’ turerraa kan eegamudha. (Gal. 2:9) Ergaansaa inni gaarummaarratti hundaa’e kun kutaa “ogummaan waaqa irraa” isa “sanyiin ija qajeelummaa” godhatu waan ta’eef, Kiristiyaanota biyya lafaa isa rakkinaan guutame keessa jiraataniif qajeelfama ta’a.—3:17, 18.
17 Yaaqoob, obboloonnisaa galma Mootummaa Waaqayyoo keessatti jireenya argachuurra akka ga’an gargaaruuf hawwii guddaa qaba ture. Kanaaf, “Isinis immoo obsaan danda’aa! Deebi’ee dhufuun gooftaa waan dhi’aateef garaa keessan jajjabeessaa” jechuun cimsee isaan akeekkachiiseera. Surraa Waaqayyoo argachuu jechuun, “jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuu” jechuu waan ta’eef, qorumsa isaanitti dhufu yoo obsaan danda’an gammadoo ta’u. (5:8; 1:12) Kanaaf gonfoon jireenyaa Waaqayyo qopheesse, jireenya deebi’ee hin banne samiirratti argachuus ta’e lafarra barabaraaf jiraachuu, hojii amanamaa hojjechuufi obsaan danda’uuf sababii cimaa ta’uunsaa akka gaariitti addeeffameera. Dhugumayyuu, ergaa gaariin kun hundi keenyayyuu, galma jireenya barabaraa Yihowaan samiirrattis ta’e addunyaa haaraa keessatti qopheesse bira ga’uuf akka carraaqnu kan nu jajjabeessu si’a ta’u, addunyaa haaraan kunis Sanyii Mootummichaa, jechuunis Gooftaa keenya Yesus Kiristosiin bulchama.—2:5.
[Miiljalee]
a Juwish Antiikuwiitiis, XX, 197-200 (ix, 1); Weebistarsi Niwuu Baayoograafikaal Dikshinarii, 1983, ful. 350.