Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 60—1 Phexros
Barreessaan: Phexros
Bakki Itti Barreeffame: Baabilon
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 62–64
KIRISTIYAANONNI durii waa’ee gaarummaa Waaqayyoo bal’inaan lallabuusaaniitiin, hojiin Mootummichaa guutummaa bulchiinsa warra Roomaa keessatti babal’achaa adeeme. Haata’u malee garee Kiristiyaanota hinaafoo ta’an kana ilaalchisee ilaalchi dogoggoraa tokko tokko jira ture. Jalqaba amantiinsaanii kan madde Yerusaalem, jechuunis Yihudoota biraa waan ta’eef, namoonni tokko tokko Yihudoota warra cimsitoota siyaasaa wajjin ija tokkoon isaan ilaalu turan. Yihudoonni cimsitoota ta’aniifi hacuuccaan warra Roomaa jireenya isaanitti hadheesse kun bulchitoota naannichaatiif mataa dhukkubbii walirraa hin cinne ta’anii turan. Kana malees, Kiristiyaanonni Moototaaf aarsa dhiheessuu ykn sirna waaqeffannaa sobaa bara sanatti turerratti hirmaachuu waan hin barbaanneef namoota kaanirraa adda turan. Kanaan kan ka’e, mormiin kan isaanirra ga’e ta’uusaarrayyuu, sababii amantaasaaniitiif qorumsi garagaraa isaanirra ga’a ture. Kanaaf, Phexros Kiristiyaanonni kun jabaatanii akka dhaabatan jajjabeessuuf, bulchiinsa mootii warra Roomaa Neeroo jalatti akkamitti deddeebi’uu akka qaban gorsuuf ergaasaa isa jalqabaa kan barreesse yommuu ta’u, ergaansaa kunis yeroo barbaachisaa ta’etti kan barreeffameefi akka gaariitti irratti kan yaadame waan ta’eef geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffame argisiisa. Achiis baay’ee utuu hin turin ari’atamni cimaan waan ka’eef, ergaansaa kun yeroo barbaachisaatti kan barreeffame ture.
2 Yaanni seensaa ergichaarratti argamu ergichi kan Phexros ta’uusaa argisiisa. Kana malees, Iraaniyas, Kileemanti inni biyya Iskindiriiyaa, Oriijaniifi Tartuuliyaan ergaa kanarraa yommuu caqasan hundaatti barreessaan ergaa kanaa Phexros ta’uusaa ibsaniiru.a Ergaan Phexros inni jalqabaa, akkuma ergaawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman hundaa sirrii ta’uunsaa akka gaariitti mirkanaa’eera. Yusiibiyas jaarsoliin waldaa Kiristiyaanaa ergaa kanatti shakkii malee itti fayyadamaa akka turaniifi bara sanatti, jechuunis (Dh.K.B. naannoo bara 260-342) ergaan kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuusaatiif shakkiin akka hin turre nutti hima. Jalqaba jaarraa lammaffaatti jiraachaa kan turan, Ignaatiyas, Hermaasiifi Barnaabaas ergaa kanarraa caqasanii barreessaniiru.b Ergaan Phexros inni Duraa Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii wajjin guutummaatti kan walsimu yommuu ta’u, Yihudoota, Kiristiyaanota Yihudoota hin taaneefi “kutaa biyya Eeshiyaa Ishee Xinnoo, jechuunis Phonxositti, Galaatiyaatti, Qaphadooqiyaatti, Asiyaatti akkasumas Bitiiniyaatti tamsa’anii jiranii[f]” xalayaa ergaa cimaa qabate ture.—1 Phe. 1:1.
3 Ergichi yoom barreeffame? Ergaasaarraa hubachuun akka danda’amutti, Kiristiyaanonni warra saba Waaqayyoo hin taanerraa ykn Yihudoota Kiristiyaanota hin taanerraa gidiraan irra ga’aa kan ture ta’us, ariisaa cimaan Dh.K.B. kaase garuu yeroo sanatti hin jalqabne ture. Phexros ergaasaa kana kan barreesse ariisaa cimaan kun ka’uusaa yeroo muraasa dura, jechuunis, Dh.K.B. tarii bara 62fi 64tti akka ta’e haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Yeroo sanatti Maarqos Phexrosii wajjin kan ture ta’uunsaa kana kan mirkaneessudha. Phaawulos yeroo jalqabaatiif yommuu biyya Roomaatti hidhamee ture (Dh.K.B. naannoo bara 59-61), Maarqos isaa wajjin kan ture si’a ta’u, Phaawulosii wajjin gara Eeshiyaa Ishee Xinnoo dhaquuf qophaa’aa ture. Yommuu Phaawulos lammata hidhametti, (Dh.K.B. naannoo bara 65), Maarqos deebi’ee gara Phaawulos dhaquuf qophaa’aa ture. (1 Phe. 5:13; Qol. 4:10; 2 Xim. 4:11) Kana gidduutti, Maarqos Phexrosii wajjin wal arguuf gara Baabilon dhaquuf carraa argateera.
4 Ergaan Phexros Inni Duraa eessatti barreeffame? Namoonni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan macaafichi sirriifi kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaa, barreessaan ergaa kana eenyu akka ta’eefi yeroo inni itti barreeffame ilaalchisee yaada wal fakkaatuufi tilmaamarratti hundaa’e kan qaban ta’us, yaanni isaan bakka inni itti barreeffamerratti qaban garuu addaddadha. Akka Phexros dubbatetti yoo ta’e ergaa kana biyya Baabilonitti barreesse. (1 Phe. 5:13) Haata’u malee, warri tokko tokko “Baabilon” maqaa Roomaa isa dhoksaa waan tureef ergaasaa Roomaadhaa barreesse jedhanii dubbatu. Haata’u malee, ragaan jiru jecha kana kan deggeru miti. Macaafa Qulqulluu keessatti maqaan Baabilon jedhu Roomaa argisiisuuf akka itti hojjetame wanti argisiisu tokkollee hin jiru. Phexros ergaasaa kan barreesse Kiristiyaanota kallattiidhaan Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaafi Bitiiniyaa keessa jiraataniif waan ta’eef, waa’ee Baabilonis yommuu dubbatu kallattiin biyyicha argisiisuufidha jedhanii yaaduun caalaatti sirrii ta’a. (1:1) Phexros yeroo sanatti biyya Baabilon turuuf sababii ga’aa qaba ture. “Wangeela warra seera dhagna-qabaa eegan biraan ga’uun” hadaraa kan isatti kenname si’a ta’u Yihudoonni hedduunimmoo Baabilon keessa jiraatu turan. (Gal. 2:7-9) Ze Insaaykilooppiidiyaa Judaayikaan, akkaataa Taalmuudiin Baabilonotaa itti qophaa’e yommuu ibsu, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti waa’ee “mana barumsaa gurguddaa” Yihudoota Baabilon keessatti argamanii caqaseera.c
5 Ergaa Phexros barreesse lamaan dabalatee Caaffanni Qulqullaa’oon Phexros gara Roomaa dhaquusaa waan ibsan hin qaban. Phaawulos Roomaa akka ture dubbatus, Phexros achi jiraachuusaa ilaachisee waan dubbate hin qabu. Phaawulos ergaa warra Roomaatiif barreesserratti maqaa namoota 35 kan tarreesseefi maqaa namoota 26 kallattiidhaan waamee yommuu nagaa ergu Phexrosiin hin caqasin kan hafe maaliifi? Salphaadhumatti Phexros yeroo sanatti waan achi hin turreefidha! (Rom. 16:3-15) “Baabilon” isheen Phexros ergaasaa keessaa erge Baabilon ishee biyya Mesophotaamiyaa qarqara bishaan Efraaxiisitti argamtuu akka taate beekamaadha.
FAAYIDAASAA
11 Ergaan Phexros inni duraa ilaaltota olaanaatiif gorsa gaarii qabateera. Phexros gorsa Yesus Yohannis 21:15-17rratti, akkasumas gorsa Phaawulos Hojii Ergamootaa 20:25-35rratti kennan hordofuudhaan, itti gaafatamummaan hojii ilaaltota olaanaa hojii tiksaa raawwachuufi karaa ofittummaarraa walaba ta’een fedhiifi garaa guutuudhaan hojjetamuu akka qabu irra deebi’ee ibseera. Ilaaltuu olaanaan, tiksee Yesus isa ‘angafa tiksitootaa’ ta’e jalatti hojjetu yommuu ta’u, karra hoolota Waaqayyoo ilaalchisee Yesus duratti waan itti gaafatamuuf, karra hoolotaatiif fakkeenya ta’uufi gad of deebisuudhaan fedhii karra hoolotaa guutuu qaba.—5:2-4.
12 Ergaa Phexros keessatti ajajamuu ilaalchisee wantonni hedduun kan ibsaman ta’uusaaniirrayyuu, gama kanaan gorsi gaariin kennameera. 1 Phexros 2:13-17rratti moototaafi namoota biyya bulchuuf aboo qabaniif ajajamuu akka qabnu ilaalchisee gorsi kennameera. Haata’u malee, Gooftaaf jennee kan ajajamnu waan ta’eefi Kiristiyaanonni Waaqa isa garbootasaa ta’an ‘waan sodaataniif’ ajajamuun kun daangaa kan qabudha. Namoonni mana warra kaanii keessa hojjetan sababbii malee miidhamni isaanirra ga’ullee, “Waaqayyoon yaadachaa” danda’uudhaan namoota isaan bulchaniif akka bitaman gorfamaniiru. Haadhotiin manaa hiriyaa gaa’elaa hidhata amantiisaanii hin taane qabanis, abbootii manaasaaniitiif bitamuu akka qaban ilaalchisee gorsi baay’ee barbaachisaan kan kenname yommuu ta’u, jireenyisaanii inni qulqulluufi ulfina akka qaban argisiisu, “Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa” akka ta’uufi amallisaanii kun abbootii manaasaanii dhugaa dhaga’uuf akka isaan gargaaru ibseera. Phexros yaada kana caalaatti jabeessuuf jecha, amanamummaa Saaraan abbaa manaashee Abrahaamiif ajajamuudhaan argisiiste akka fakkeenyaatti ibseera. (1 Phe. 2:17-20; 3:1-6; Uma. 18:12) Abbootiin manaas haaluma wal fakkaatuun, haadhotii manaasaanii warra ‘akka gar tokkoo dhagnasaanii isa dadhabaatti’ isaan kunuunsuudhaan matummaa qaban seeraan itti fayyadamuu qabu. Phexros mataduree kana keessaa utuu hin ba’in, “Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa!” jechuun isaan yaadachiiseera. Achiis, amalli ergaasaa keessatti bakki guddaan kennameef, jechuunis gad of deebisuun barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibseera.—1 Phe. 3:7-9; 5:5-7; 2:21-25.
13 Phexros ari’atamniifi rakkoon sodaachisaan yommuu mul’atetti gorsa humna jabeessu kan kenne si’a ta’u, har’as ergaansaa namoota qorumsa wal fakkaatu keessatti argaman hundaaf faayidaa guddaa qabateera. Phexros Dubbii Yihowaa yommuu caqasu, Caaffata Qulqullaa’ootti akkamitti akka itti gargaarame qalbeeffadhu: “Ani qulqulluu waanan ta’eef, isinis qulqulloota ta’aa!” (1 Phe. 1:16; Lew. 11:44) Achiis, Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman garabiraa keessaa boqonnaa baay’inaan caqaserratti, gumiin Kiristiyaanaa dhagoota jiraatoo Kiristos isa hundee mana hafuuraarratti kan ijaaraman akkamitti akka ta’e ibseera. Kana kan godhe kaayyoo maaliitiif ture? Phexros akkas jechuun deebii kenna: “Isin garuu qomoo fo’amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa’aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.” (1 Phe. 2:4-10; Isa. 28:16; Far. 118:22; Isa. 8:14; Bau. 19:5, 6; Isa. 43:21; Hos. 1:10; 2:23) Tuutni lubootaa Phexros, “Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemnes,” “gonfoo ulfinaa isa gad deebi’aa hin adeemne,” akkasumas “karaa Kristos gara ulfina isaa bara baraatti” galuuf abdiin akka kennameef dubbate, saba Waaqayyoo warra qulqulluufi “luboota mana mootummaa” kan argisiisudha. Kanaaf, ‘ulfinnisaa yommuu mul’atu akka gammadaniifi akka ililchan’ akkasumas gammaduusaanii akka itti fufan jajjabinni guddaan isaaniif kennameera.—1 Phe. 1:4; 5:4, 10; 4:13.
[Miiljaleewwan]
a Maakliintookiifi Istiroong Saaykilooppiidiyaa, bara 1981 si’a lammaffaaf maxxanfame, Jildii VIII, ful. 15.
b Maxxansa lammaffaa Niwuu Baayibil Dikshinarii, 1986, J. Dii. Daaglaasiin kan qophaa’e, ful. 918.
c Jerusaalem, 1971, Jildii 15, toora 755.