LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 21-22
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 61—2 Phexros

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 61—2 Phexros
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 21-22

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 61​—2 Phexros

Barreessaan: Phexros

Bakki Itti Barreeffame: Baabilon (?)

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 64

PHEXROS ergaasaa isa lammaffaa yommuu barreesse, yeroon inni itti du’u dhihaachuusaa hubatee ture. Kanaaf, namoonni hidhata amantiisaa ta’an tajaajilasaaniitti jabaatanii akka itti fufan gargaaruuf beekumsi sirriin barbaachisaa ta’uusaa isaan hubachiisuu hawwee ture. Ergaa lammaffaa maqaasaatiin waamamu kan barreesse Phexros ta’uusaa wanti shakkisiisu jiraa? Ergichumtiyyuu, shakkii eenyummaa nama ergaa kana barreesse ilaalchisee ka’u hundaa ni fashaleessa. Namni ergicha barreesse, “Simoon Phexros, [isa] Yesus Kristosiif hojjetaa, ergamaas ta’e” akka ta’e ibseera. (2 Phe. 1:1) Kana malees, “amma ergaa lammaffaa isiniif caafuu koo ti” jedheera. (3:1) Yeroo Yesus Kiristos haala dinqisiisaa ta’een jijjiirame iddoo sana akka ture, haala yeroo sanatti ta’es akka nama ijaan argeetti kan barreesse si’a ta’u, yeroo haalli dinqisiisaan kun raawwatametti Yohannisiifi Yaaqoobii wajjin achitti argamuuf mirga kan argatemmoo Phexrosidha. (1:16-21) Kana malee, barreessaan ergaa kanaa du’asaa ilaalchisee Yesus dursee akka dubbate ibseera.​—2 Phe. 1:14; Yoh. 21:18, 19.

2 Haata’u malee, ceephaatonni tokko tokko ergaa isa lammaffaa kan barreesse Phexros miti jechuuf, garaagarummaa akkaataa barreeffamoota ergaa lamaan gidduu jiran sababii godhanii dhiheessu. Ta’us, dhimmi ergaa lamaaniis ta’e kaayyoon isaan itti barreeffaman addadda waan ta’eef, kun sababii quubsaa ta’uu hin danda’u. Akkasumas, Phexros ergaasaa isa duraa karaa “harka Silwaanos isa . . . obboleessa amanamaa” waan barreesseef, Silwaanos himoota sana jecha mataasaatiin akka ibsu hanga tokko mirgi yoo kennameef akkaataa ergaan kun lamaan itti barreeffaman gidduutti garaagarummaan jiraachuu danda’a; ergaan inni lammaffaan yommuu barreeffametti garuu Silwaanos barreessuurratti qooda hin fudhanne. (1 Phe. 5:12) Karaa kaaniinimmoo, warri tokko tokko sirrii ta’uunsaa “Abboota amantiitiin hin mirkanoofne” jedhanii falmu. Haata’u malee, ergaan Phexros Inni Lammaffaan, “Galmeewwan bara duriifi Caaffata Qulqullaa’oon afaan Giriikii” Mana Maree Kaarteej Isa Sadaffaa dura turaniifi hayyoota hedduu biratti kutaa Macaafa Qulqulluu akka ta’etti ilaalama ture.

3 Ergaan Phexros inni lammaffaan yoom barreeffame? Ergaan kun kan barreeffame ergaan inni duraa barreeffamee baay’ee utuu hin turin Dh.K.B. naannoo bara 64⁠tti Baabilon ykn naannoosheetti utuu hin ta’in hin oolu; ta’us keessumaa bakka ergaan kun itti barreeffame ilaalchisee ragaan kallattiin hin argamne. Yeroo ergaan kun itti barreeffametti, ergaawwan Phaawulos garri caalaan gumii Kiristiyaanaa keessatti tamsa’anii kan turan si’a ta’u, Phexros inni ergaawwan kana sirriitti beekus geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffamaniifi ‘caaffata qulqullaa’aa kaan’ keessaa akka isa tokkootti ilaala ture. Phexros ergaasaa isa lammaffaa kan barreesse, namoota “amantii gati-jabeessa isuma [isaan argatan] sana argataniif” yommuu ta’u, kunis namoota ergaasaa isa duraa ergeefi namoota inni lallabeef garabiraa kan dabalatudha. Akkuma ergaansaa inni duraa naannoowwan garagaraa ga’ee ture, ergaansaa inni lammaffaanis yaada gumiiwwan hundaaf ta’u qabateera.​—2 Phe. 3:15, 16; 1:1; 3:1; 1 Phe. 1:1.

FAAYIDAASAA

8 Beekumsa sirrii argachuun baay’ee barbaachisaadha! Phexrosumtiyyuu, xuqaawwansaa beekumsa sirrii Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa argatee wajjin qindeessee dhiheessee ture. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin akka barreeffaman yommuu ibsu akkas jedheera: “Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru.” Akkasumas ogummaan Phaawulosii wajjin wal fakkaatu akka ‘kennameef’ ibseera. (1:21; 3:15) Caaffata Qulqullaa’oo kana qoruufi beekumsa sirriitti qabamnee jiraachuun keenya bu’aa guddaa nuu argamsiisa. Akkas goonaan, akka namoota Phexros, “wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata” jedhanii dubbataniifi dantaa hin qabnee hin taanu. (3:4) Yookiinimmoo, akka namoota Phexros boqonnaa 2⁠rratti caqase, kiyyoo barsiisota sobduutiin hin qabamnu. Kanaa mannaa, yeroo hundaa akeekkachiisa Phexrosis ta’e barreessitoonni Macaafa Qulqulluu kaan kennanirratti xiinxalla. Kunis, ‘dhugaatti jabaannee’ akka dhaabannu kan nu gargaaru ta’uusaarrayyuu, “Ayyaana gooftaa keenyaatti, fayyisaa keenya Yesus Kristosin beekuuttis gudda[chaa]” akka adeemnu nu gargaara.​—1:12; 3:18.

9 Beekumsi sirriin “Waaqayyoon, gooftaa keenya Yesusinis beekuu bira ga’uu” guddachaa akka adeemuuf, amalawwan Kiristiyaanummaa boqonnaa 1, lakkoofsa 5-7⁠rratti ibsaman horachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuu akka qabnu dubbateera. Achiis 1 lakkoofsa 8⁠rratti itti dabalee, “Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay’achaa yoo adeeman, gooftaa keenya Yesus Kristosin beekuutti warra dhimma baasan, warra ija godhatanis in taatu” jechuun dubbateera. Dhugumayyuu, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo rakkisaa keessa jirru waan taaneef, gorsi Phexros kun hojiif kan nu kakaasuufi kan nu jajjabeessudha!​—1:2.

10 Namni tokko, ‘abdiin gati-jabeeyyiifi gurguddoo’ Yihowaan kenne dhaaluuf carraaqqii cimaa gochuunsaa baay’ee barbaachisaadha! Phexros Kiristiyaanota dibamoo ijisaanii Mootummicharratti akka xiyyeeffatu akkas jechuun kan jajjabeesse kanaafidha: “Waamamuu keessanitti, fo’amuu keessanittis jabaachuudhaaf caalchisaa dhimmaa! Kana yoo gootan matumaa hin kuftan. Akkasitti mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun isiniif in kennama.” Achiis Phexros waa’ee ulfina Mootummaa Yesus isa yeroo inni haala dinqii ta’een jijjiiramee erga ibsee booda, “Ammas dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime” jedheera. Raajiin Mootummaa Yihowaa isa dinqisiisaa ilaalchisee dubbatame hundi akka raawwatamu homaa hin shakkisiisu. Kanaaf, yaada raajii Isaayaas keessatti argamuufi Phexros, “Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna” jechuun dubbate mamii tokko malee labsina.​—2 Phe. 1:4, 10, 11, 19; 3:13; Isa. 65:17, 18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi