LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 22-24
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 62—1 Yohannis

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 62—1 Yohannis
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 22-24

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 62​—1 Yohannis

Barreessaan: Yohannis Ergamaa

Bakki Itti Barreeffame: Efesoon ykn naannoosheetti

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 98

YOHANNIS inni Yesus biratti baay’ee jaallatamaa ture, qajeelummaaf jaalala guddaa qaba ture. Kunis ilaalcha Yesus gad fageenyaan akka hubatu isa gargaareera. Kanaaf, ergaasaa keessatti waa’ee jaalalaa jabeessee ibsuunsaa nu hin dinqisiisu. Akkas jechuun garuu Yohannis nama akkasumaan miiraan geggeeffamu ture jechuu miti; Yesus ‘Ilma Qaqawwee [Bo’anerges]’ jedhee isa waameera. (Mar. 3:17) Gantummaan Phaawulos dursee dubbate mul’achuu jalqabee waan tureef, Yohannis ergaasaa sadan kan barreesse dhugaafi qajeelummaaf dhaabachuuf ture. Ergaawwan Yohannis sadan Kiristiyaanonni durii wal’aansoo “isa hamaa” wajjin godhanirratti jabina akka argatan waan gargaareef, dhugumayyuu gorsa yeroosaatti kenname ture jechuun ni danda’ama.​—2 Tas. 2:3, 4; 1 Yoh. 2:13, 14; 5:18, 19.

2 Qabiyyee ergaasaarraa hubachuun akka danda’amutti, ergaawwansaa kun kan barreeffaman wangeela Maatewosiifi Maarqos booda baay’ee turanii, akkasumas Phaawulosiifi Phexros misiyoonummaadhaan tajaajilaa yeroo turan ergaasaanii erga barreessanii boodadha. Yeroo sanatti haalawwan yeroo sana dura turan jijjiiramanii turan. Ergaawwansaa keessatti waa’ee amantii warra Yihudootaa isa yeroo amantiin Kiristiyaanummaa akka daa’imaa turetti dhiibbaa guddaa geessisee ture waan ibse kan hin qabne si’a ta’u, caqasa Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessaas wanta kallattiin caqase hin qabu. Karaa kaaniin garuu Yohannis, waa’ee ‘yeroo isa dhumaafi’ ‘warri Kiristosiin morman baay’achuusanii’ dubbateera. (1 Yoh. 2:18) Namoota ergaasaa dubbisan “yaa ijoollee ko” jedhee kan waame si’a ta’u, ofiinimmoo “ana isa maanguddicha” jedhee of waameera. (1 Yoh. 2:1, 12, 13, 18, 28; 3:7, 18; 4:4; 5:21; 2 Yoh. 1; 3 Yoh. 1) Wantoonni kun hundi ergaawwansaa yeroo booda akka barreeffaman kan argisiisanidha. Akkasumas, 1 Yohannis 1:3, 4 Wangeelli Yohannisis yeruma wal fakkaatu keessa kan barreeffame akka ta’e kan argisiisu fakkaata. Ergaawwan Yohannis sadan ergamaan kun du’uusaa yeroo muraasa dura, jechuunis Dh.K.B. bara 98 naannoo Efesoonitti akka barreeffaman amanama.

3 Ergaan Yohannis Inni Duraa wangeela isa arfaffaa wajjin kan wal fakkaatu waan ta’eef, Yohannis akka barreesse homaa hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, ergaasaa “sagalee jireenyaa . . . , jireenya bara baraa isa abbaa bira ture, nuttis mul’ifame kana isinitti in himna” jechuun ijasaatiin kan isa arge ta’uusaa ibsuudhaan kan jalqabu yommuu ta’u, jechoonni kunimmoo yaada seensaa Wangeela Yohannisirratti argamanii wajjin haala dinqisiisaa ta’een wal fakkaatu. Galmeen Muraatooriyaan Firaagmant jedhamuun beekamus ta’e barreessitoonni Iraaniyas, Pooliikaarp, akkasumas Paappiiyas jedhamaniifi Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jiraatan ergaansaa sirrii ta’uusaa mirkaneessaniiru.a Yuseebas (Dh.K.B. naannoo bara 260-342) akka ibsetti taanaan, ergaa Yohannis isa Tokkoffaarratti matumaa gaaffiin ka’ee hin beeku.b Haata’u malee, hiikawwan Macaafa Qulqulluu bara durii tokko tokko boqonnaa 5 dhuma 5 lakkoofsa 7⁠fi jalqaba 5 lakkoofsa 8⁠rratti yaada akkas jedhu dabaluusaanii qalbeeffachuu qabna: “Waaqarratti kandhugaaba’anu sadiyidha. Isaanis abbaa sagalee hafuura qulqulluus. Isaan kun sadan tokko. Lafarratti kan dhugaaba’anu, sadiyidha. Isaanis hafuura bisaan dhiiga.” (Hiika bara 1899) Haata’u malee, yaanni kun barreeffamoota bara durii afaan Giriikiitiin barreeffaman kamiyyuu keessatti kan hin argamne si’a ta’u, barumsa Sillaasee deggeruuf jecha kan gale ta’uunsaa ifaadha. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu Kaatolikiifi Pirootestaantii dabalatee, hiikawwan hedduu yeroo ammaatti argaman keessatti caqasoota kanarratti yaanni akkas jedhu hin argamu.—1 Yoh. 1:1, 2.c

4 Yohannis ergaasaa kan barreesse “ijoollota” warra “michoota ko” jedhee waame, namoota isaan gidduudhaa ba’uufi barumsa sobaa ‘warri Kiristosiin morman baay’een’ karaa dhugaarraa isaan jal’isuuf barsiisanirraa isaan oolchuu waan barbaadeefidha. (2:7, 18) Barumsa Noostiisiizimotaa isa Waaqayyo beekumsa addaa dhokataa ta’e nuu kenneera jedhu dabalatee falaasamni Giriikotaa ilaalcha namoota gantoota ta’aniifi Kiristosiin morman kanaarratti dhiibbaa hin geessisin hin oolle.d Yohannis, waa’ee wantoota sadii, jechuunis waa’ee cubbuu waa’ee jaalalaafi waa’ee mormitoota Kiristos bal’inaan barreessuudhaan gantummaa jabeessee mormeera. Yaanni inni cubbuu ilaalchisee barreesses, aarsaa furii Yesus isa sababii cubbuutiif dhihaate deggeree wanti inni dubbates, namoonni Kiristosiin morman kun cubbuu akka hin qabneefi aarsaan furii Yesus akka isaan hin barbaachisne dubbachuudhaan akka of tuulan kan argisiisudha. ‘Beekumsisaanii’ inni ofittummaarratti hundaa’e, ofiif qofa kan yaadaniifi warra kaaniif jaalala akka hin qabaanne kan isaan taasise yommuu ta’u, Yohannisis waa’ee jaalala Kiristiyaanummaa isa dhugaa irra deddeebi’ee caqasuudhaan haalasaanii kana saaxileera. Akkasumas, Yohannis Yesus Kiristos ta’uusaafi nama ta’ee dhalachuusaa dura jireenya qabaachuusaa, akkasumas ilmaan namootaa Waaqayyotti amanan fayyisuuf jecha foon uffachuudhaan Ilma Waaqayyoo isa gara lafaa dhufe ta’uusaa ibsuun barumsasaanii isa sobaatiin mormeera. (1:7-10; 2:1, 2; 4:16-21; 2:22; 1:1, 2; 4:2, 3, 14, 15) Yohannis gantoota kana warra “Kiristosiin morman” jedhee kan waame si’a ta’u, karaawwan hedduu ijoolleen Waaqayyoofi ijoolleen Seexanaa itti beekamanis ibseera.​—2:18, 22; 4:3.

5 Ergaasaa keessatti maqaan gumii tokkoyyuu hin caqasamin hafuunsaa, ergichi guutummaa gumichaatiif kan barreeffame ta’uusaa argisiisa. Jalqabaafi xumura ergaa kanaarratti nagaanis ta’e dhaamsi kan hin jirre ta’uunsaa, yaada kana caalaatti kan jabeessudha. Warri tokko tokko ergaan kun ergaa utuu hin ta’in barreeffama gabaabaa mataduree tokko ilaalchisee qophaa’e akka ta’e ibsu. Jechi ergaasaa keessatti baay’inaan argamuufi karaa heddoomina argisiisuun “isin” jedhu, barreessaan kun ergaasaa kan barreesse nama tokkoof utuu hin ta’in tuutaaf ta’uusaa kan argisiisudha.

FAAYIDAASAA

11 Akkuma dhuma jaarraa tokkoffaa, har’as ‘mormitoota Kiristos baay’een’ Kiristiyaanonni dhugaa irraa fagaachuu qaban jiru. Kiristiyaanonni dhugaa ‘ergaa isa jalqabaa jalqabanii dhaga’aniifi wal jaallachuun nuuf ta’a’ jedhu cimsanii hordofuu kan qaban si’a ta’u, Dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuufi wanta qajeelaa ta’e gochuudhaan tokkummaa isaa wajjin qaban eeganii jiraachuu, akkasumas barumsa dhugaatti qabamanii deddeebi’uu qabu. (2:18; 3:11; 2:27-29) Kana malees, akeekkachiisni ‘hawwii foonii, hawwii ijaafi jireenyaan kooruu’ ilaalchisee kenname baay’ee barbaachisaa yommuu ta’u, namoonni hedduun Kiristiyaana ofiin jedhan qabeenya jaallachuufi wantoota hawwii hamaa biyya lafaa kana horachuuf jajjabeessaniin qabamaniiru. Kiristiyaanonni dhugaa ‘namni fedha Waaqayyoo raawwatu barabaraan akka jiraatu’ waan beekaniif biyya lafaafi hawwiisaattii ni fagaatu. Hawwiin biyya lafaa, cimsituu ta’uufi yeroo jibbi babal’ate kanatti Caaffata Qulqullaa’oo qo’achuudhaan fedhi Waaqayyoo maal akka ta’e beekuufi fedhasaa kana raawwachuun faayidaa guddaa kan argamsiisudha!​—2:15-17.

12 Ergaan Yohannis Inni Duraa, garaagarummaa ifa Abbaa biraa madduufi dukkana isa hamaa biraa madduudhaan dhugaa dukkaneessu gidduu jiru akka gaariitti kan ibsu ta’uunsaa baay’ee nu fayyada; kana malees, barumsa Waaqayyoo isa jireenya argamsiisuufi barumsa sobaa namoonni Kiristosiin morman babal’isan, akkasumas jaalala gumii namoonni Abbaafi Ilmaa wajjin tokkummaa qaban keessatti baay’inaan argaman qabaniifi jibba namoonnii akka Qaayin argisiisaniifi “nu keessaa ba’an malee kan keenya miti . . . kan keenya akka hin ta’in haa mul’atuuf nu keessaa ba’an” jedhu gidduu jiru akka gaariitti ibseera. (2:19; 1:5-7; 2:8-11, 22-25; 3:23, 24, 11, 12) Dinqisiifannaan wantoota kanaaf qabnu, hawwii “biyya lafaa mo’uuf” qabnu kan nuu guddisu ta’uu qaba. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii jabaa qabaachuufi ‘Waaqayyoon jaallachuudhaan’ kana gochuu kan dandeenyu yommuu ta’u, isa jaallachuu jechuunimmoo abboommotasaa eeguu jechuudha.​—5:3, 4.

13 “Waaqayyoon jaallachuu”—humni guddaan hojiif nama kakaasu kun ergaasaa keessatti akka gaariitti addeeffameera! Garaagarummaa guddaan biyya lafaa jaallachuufi Abbaa jaallachuu gidduu jiru boqonnaa 2⁠rratti akka gaariitti ibsameera. Xinnoo tureemmoo, “Waaqayyo jaalala” ta’uusaa nuu ibsa. (4:8, 16) Jaalalli kun hojiin kan argisiifamudha! Abbaan Ilmasaa “ilma isaa fayyisaa biyya lafaa” godhee erguunsaa jaalalasaa kana kan argisiisudha. (4:14) Kana hubachuun keenyas jecha Yohannis isa, “Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!” jedhuu wajjin haala walsimuun, dinqisiifannaa garaadhaa maddeefi jaalala sodaarraa walaba ta’e akka qabaannu nu gochuu qaba. (4:19) Jaalalli nuti qabnus, jaalala Abbaafi Ilmi qaban, jechuunis jaalala hojiidhaan argisiifamuufi fedhii ofii aarsaa akka goonu kan nu kakaasu ta’uu qaba. Akkuma Yesus lubbuusaa nuuf kenne, “nus immoo lubbuu keenya obbolootaaf kennuun nuuf ta’a.” Eeyyee obboloota keenya dubbiifi afaaniin qofa utuu hin ta’in “hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan” jaallachuuf gara laafina onneerraa madda argisiisuu qabna. (3:16-18) Ergaan Yohannis ifatti akka argisiisutti, namoonni Waaqayyoo wajjin deddeebi’uu filatan Abbaafi Ilmaa wajjin tokkummaa qabaachuu kan isaan dandeessise jaalala beekumsa dhugaarratti hundaa’e akkasiiti. (2:5, 6) Yohannis, “Nuyi isa dhugaa sana keessa, ilma isaa Yesus Kristos keessas in jiraanna; Waaqayyo inni dhugaan, jireenyi bara baraas isa kana” jedhee kan dubbate, namoota Mootummicha dhaalaniifi jaalala kanatti qabamanii jiraataniif ture.​—5:20.

[Miiljaleewwan]

a Za Intarnaashinaal Istaandaardi Insaaykilooppiidiyaa, Jildii 2, 1982, J Dabliiwu. Biruumileen kan qophaa’e ful. 1095-6.

b Za Ikiliyaastikaal Histiry, III, XXIV, 17.

c Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu Jildii 2, ful. 1019.

d Niwuu Baayibil Dikshinarii maxxansa lammaffaa, 1986, J. Dii. Daaglaasiin kan qophaa’e, ful. 426, 604.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi