Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 63—2 Yohannis
Barreessaan: Yohannis Ergamaa
Bakki Itti Barreeffame: Efesoon ykn naannooshee
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 98
ERGAAN Yohannis inni lammaffaan gabaabaa waan ta’eef, fuula pappaayirasii tokkorratti barreeffamuu kan danda’u ta’us, wantoota gaarii hedduu qabateera. Ergichi kan ergame ‘haadha warraa ishee fo’atamteefi ijoolleesheetiifidha.’ Bara sanatti jechi “Kiiriyaan” jedhu (afaan Giriikiitiin “haadha warraa”) ykn giiftii jechuu yommuu ta’u maqaa ittiin waamaman ta’ee waan tajaajilaa tureef, hayyoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko ergaan kun kan barreeffame dubartii maqaa kanaan waamamtuufidha jedhanii yaadu. Karaa kaanimmoo warri tokko tokko, jecha “haadha warraa ishee fo’atamtee fi” jedhu gumii Kiristiyaanaa tokko kan argisiisudha jedhanii yaadu. Tarii akkas kan godhe warri isa ari’atan eenyummaasaa akka hin barre yaadee ta’uu danda’a. Akkas taanaan, jechi “ijoolleen obboleettii kee” nagaa siif dhaamu jedhuufi lakkoofsa dhumaarratti argamu nagaa gumii garabiraarraa ergame kan argisiisu ta’uu danda’a. Kanaaf, ergaan inni lammaffaan gumii dhuunfaa tokkoof kan ergame waan ta’uuf akka erga isa duraa yaada walii galaa dabarsuuf yaadamee kan ergame miti.—2Yoh. Lak. 1.
2 Ergaa kana kan barreesse Yohannis miti jechuuf sababii ga’aan hin jiru. Barreessaan ergichaa, “Ana isa maanguddicha” jedhee of waameera. Ibsi kun haala Yohannisii wajjin walsima kan jennu waan inni dulloomeef qofa utuu hin ta’in, warra akka “utubootaatti” ilaalaman (Gal. 2:9) keessaa tokko ta’uunsaafi ergamoota Kiristos keessaa lubbuudhaan kan ture isa qofa ta’uunsaa, gumii Kiristiyaanaa keessatti ‘maanguddoo’ ture jechuun waan danda’amuufidha. Yohannis nama akka gaariitti beekamu waan ta’eef, namoota ergaasaa dubbisaniif odeeffannoo dabalataa kennuun isa hin barbaachisne. Akkaataan barreeffama ergaa kanaa ergaa Yohannis isa duraafi Wangeelasaa wajjin kan wal fakkaatu ta’uunsaa ergaa kana kan barreesse isa ta’uusaa argisiisa. Akkuma ergaasaa isa duraa, isa lammataas kan barreesse Dh.K.B. naannoo bara 98, Efesoonitti ykn naannoosheetti ta’uu hin oolu. Maakliintookiifi Istiroong Saaykilooppiidiyaan ergaa Yohannis Isa Lammaffaafi Sadaffaa ilaalchisee akkas jedheera: “Walumaa galatti ergaawwan lamaan waan wal fakkaataniif, ergaan inni duraa barreeffamee baay’ee utuu hin turin magaalaa Efesoonitti barreeffamaniiru jennee dubbachuu dandeenya. Lamaanuu seerawwan bu’uuraa egaa Yohannis isa duraa keessatti bal’inaan ibsamanirratti hundaa’uudhaan amala tokkorratti xiyyeeffachuun kan barreeffamanidha.”a Iraaniyas inni jaarraa lammaffaatti jiraate, ergaa Yohaannis isa lammaffaarraa caqasuunsaafi Kileemanti inni Aleeksaandariyaa bara wal fakkaatu keessa jiraate ergaa kana kan fudhate ta’uunsaa sirrii ta’uusaatiif ragaa dabalataa ta’a.b Akkasumas, Ergaawwan Yohaannis Muraatooriyaan Firaagmantiirratti caqasamaniiru.
3 Akkuma Ergaa Isa Duraa, Yohannis ergaasaa kana barreessuuf kan isa kakaase barsiisonni sobduun amantii Kiristiyaanummaarratti dhiibbaa waan geessisaniifidha. Yohannis namoonni ergaasaa dubbisan namoota akkasii adda baasanii akka hubataniifi isaanirraa akka fagaatan akeekkachiisuu waan barbaadeefi wal jaallachuudhaan dhugaatti qabamanii deddeebi’uusaanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera.
FAAYIDAASAA
5 Akkuma yeroo ammaatti mul’atu, bara Yohannisittis, namoonni barumsa Yesus isa ifaafi ulfaataa hin taanee wajjin haala walsimuun jiraachuun isaaniif fudhatamuu dide tokko tokko waan jiran fakkaata. Namoonni akkasii wanta fedhii ofittummaasaanii isaanii guutu, wanta warra kaan biratti akka jajaman isaan taasisuufi abboota falaasamaa biratti ulfina argamsiisuuf barbaadu turan; kanaaf, fedhii ofittummaasaanii guuttachuuf jechas, gumicha mancaasuufi gargar hiruurraa duubatti hin jedhan turan. Yohannis gumiin Kiristiyaanaa, fedhii Abbaafi Ilmaa wajjin haala walsimuun beekumsa sirriifi jaalalaan hundaa’e, hafuura tokkummaa akka qabaatu gochuuf bakka guddaa kenna ture. Har’as haaluma wal fakkaatuun, namoota barumsa Caaffata Qulqullaa’oo wajjin faallaa ta’an barsiisuudhaan gantummaan akka babal’atu godhan michoomfachuufi nagaa gaafachuurraa fagaachuudhaan tokkummaa gumichaa eeguu qabna. Abboommii Waaqayyoo eeguufi tokkummaa Kiristiyaanummaa dhugaarraa guutummaatti gammachuu argachuu keenya itti fufnaan, “Ayyaanni, araarri, nagaanis Waaqayyo abbaa biraa, Yesus Kristos ilma abbaa biraas dhugaatti, jaalalattis nuu wajjin [akka ta’u]” abdachuu dandeenya. (2Yoh. Lak. 3) Dhugumayyuu, ergaan Yohannis inni lammaffaan eebba guddaa tokkummaan Kiristiyaanummaa argamsiisu akka gaariitti kan addeessudha.
[Miiljaleewwan]
a Bara 1981 lammata kan maxxanfame Jildii IV, ful. 955.
b Niwuu Baayibil Dikshinarii, maxxansa lammaffaa, 1986, J. Dii. Daaglaasiin kan qophaa’e, ful. 605.