Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 64—3 Yohannis
Barreessaan: Yohannis Ergamaa
Bakki Itti Barreeffame: Efesoon ykn naannoosheetti
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 98
ERGAAN kun Gaayos isa Kiristiyaana amanamaafi Yohannis garaasaatii jaallatuuf kan barreeffamedha. Maqaan Gaayos jedhu gumii Kiristiyaanaa durii keessatti akka gaariitti kan beekamu ture. Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii garabiraa keessattis al afur kan caqasame si’a ta’u, yoo xinnaate maqaa namoota garagaraa sadii ykn afur argisiisa. (HoE. 19:29; 20:4; Rom. 16:23; 1 Qor. 1:14) Namoota kana keessaa Yohannis ergaasaa kan erge isa kamiif akka ta’e ragaan kallattiidhaan argisiisu hin jiru. Gaayosiin ilaalchisee wanti beeknu yoo jiraate Miseensa gumii Kiristiyaanaa, michuu Yohannis ta’uusaafi ergaan kun kallattiin kan isaaf barreeffame ta’uusaati. Ergaan kun kallattiidhaan akka isaaf barreeffame kan argisiisu maqaa qeentee “ati” jedhuun irra deddeebi’ee fayyadamuusaati.
2 Seensaafi xumura ergaasaarratti haalli inni itti nagaa gaafate, Yohannis Isa Lammaffaa wajjin kan wal fakkaatu ta’uunsaa, akkasumas jecha “Ana isa Maanguddicha” jedhuun dabalee gargaaramuunsaa ergaa kana kan barreesse Yohannis ergamaa ta’uusaa mirkaneessa. (2 Yoh. 1) Qabiyyeefi akkaataan barreeffamasaa kan wal fakkaatu ta’uunsaa, akkuma ergaasaa warra lamaanii ergaan kunis Dh.K.B. naannoo bara 98tti Efesoonitti ykn naannoosheetti akka barreeffame argisiisa. Ergaansaa baay’ee gabaabaa waan ta’eef barreessitoonni durii baay’ee isarraa caqasanii hin barreessine; haata’u malee, kuusaa Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamaniifi bara durii keessatti Yohannis Lammaffaa wajjin bakka tokkotti caqasamee argama.
3 Yohannis ergaasaa keessatti obboloota daawwattoota ta’an keessumsiisuuf carraaqqii Gaayos godhe erga dinqisiifatee booda, rakkoo Diyotreefes isa hawwii abootiin qabamee wajjin haala wal qabateen uumame caqaseera. Yohannis ergaasaa kana Gaayositti akka geessuuf Demeexros isa maqaansaa ergaasaa keessatti caqasame ta’uu kan hin oolle yommuu ta’u, ergichis kan jajjabeessu kana waan ta’eef Gaayos nama kana keessumsiisuu qaba ture. Akkuma Gaayos odeeffannoo ergaasaa keessatti ibsameen alatti waa’ee Diyotreefesis ta’e waa’ee Demeexros wanta beeknu hin qabnu. Haata’u malee, ergichi Kiristiyaanonni durii jaalala guddaa akkamii akka qaban nu hubachiisa. Kunimmoo, isaan beekuu baatanillee, barsiifata namoota ‘maqaa Kiristosiif’ jedhanii adeeman keessumsiisuu kan dabalatu ture.—3Yoh. Lak. 7.
FAAYIDAASAA
5 Yohannis ergamaan, wantoota gumicha mancaasan eeguuf jecha hinaaffaa argisiisuudhaan ilaaltuu olaanaa fakkeenya ta’u ta’uusaa argisiiseera. Hafuurri jaalalaafi keessummoota simachuu gumicha keessatti akka gaariitti babal’atee ture kan isaan galateeffachiisu ta’uusaarrayyuu, obboloota naannoo sanaas ta’e “keessummootaaf” (Kiristiyaanni inni keessummoota simatu namoota kanaan dura hin beeknee) wajjin “dubbii dhugaa keessatti hidhata [walii] ta’uudhaaf” amala gammachiisaa akkasii kana qabatanii itti fufuuf qabu. (3Yoh. Lak. 5, 8) Diyotreefes, guddaa godhee kan of ilaalu yommuu ta’u, Yihowaanimmoo wanta akkasii baay’ee jibba; kana malees, namni kun waa’ee Yohannis ergamaa wanta hamaa ta’e dubbachuunsaa aboo ti’ookraasiitiif ulfina akka hin kennine argisiisa. (Fak. 6:16, 17) Gumichi keessummaa keessumsiisuu kutaa jireenya Kiristiyaanummaa ta’e akka hin argisiisne gufuu ta’ee ture. Yohannis ergamaan hojii hamaa akkasii kana ifatti balaaleffachuudhaan jaalala Kiristiyaanummaa dhugaa dinqisiifachuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Nutis yeroo har’aatti, seera bu’uuraa Yohannis, “Namni waan gaarii hojjetu, kan Waaqayyoo ti; namni waan hamaa hojjetu Waaqayyoon hin argine” jedhuu wajjin haala walsimuun, gad of deebisuu, dhugaatti qabamnee jiraachuu, jaalala Waaqayyoofi arjummaa argisiisuuf carraaqqii gochuu qabna.—3 Yoh. 11.