LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 5

      Walgaʼii Keenyarraa Faayidaa Akkamii Argatta?

      Dhugaa Baatota Yihowaa Galma Mootummaa keessa jiran, Arjantiinaa

      Arjantiinaa

      Walgaʼii dhugaa Baatota Yihowaa, Seeraa Liyoon

      Seeraa Liyoon

      Walgaʼii dhugaa Baatota Yihowaa, Beeljiyam

      Beeljiyam

      Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa, Maaleeshiyaa

      Maaleeshiyaa

      Namoonni hedduun jajjabina hafuuraa ykn wantoota jireenyasaanii keessatti gaaffii isaanitti uumaniif deebii waan hin arganneef sirna amantiirratti argamuu dhiisaniiru. Erga akkas taʼee, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamuu qabdaa? Achi dhaquun keehoo maal siif argamsiisa?

      Namoota jaalala qabaniifi warra kaaniif yaadan gidduutti argamuudhaan gammachuu argatta. Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa gumii kan qindeessaniifi Waaqayyoon waaqeffachuuf kan walgaʼan, Caaffata Qulqullaaʼoo qayyabachuufi wal jajjabeessuuf ture. (Ibroota 10:24, 25) Bakka jaalalli jirutti waan walgaʼaniif, michoota dhugaa, jechuunis namoota hidhata amantiisaanii taʼan gidduu akka jiran isaanitti dhagaʼama ture. (2 Tasaloniiqee 1:3; 3 Yohannis 14) Nuyis fakkeenyasaanii waan hordofnuuf, akkumasaanii gammachuu arganna.

      Faayidaa seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun argamsiisu hubatta. Akkuma bara duriitti ture, yeroo ammaattis dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen walgaʼiirratti argamu. Barsiisonni gaʼumsa qaban, Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii seera buʼuuraa achi keessatti argamu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaaru. (Keessa Deebii 31:12; Nahimiyaa 8:8) Hundi keenya kutaa maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhihaaturratti kan hirmaannuufi kan faarfannu siʼa taʼu, kunis abdii qabnu ibsuuf carraa nuu bana.—Ibroota 10:23.

      Amantii Waaqayyorratti qabdu jabeeffachuudhaan eebba argamu hubatta. Phaawulos ergamaan gumiiwwan barasaatti turan keessaa isa tokkoon, “Ani . . . isin arguu[n] yaada. Caalaadhumatti iyyuu amantii waliitiin akka jajjabeeffamnu, kana jechuunis isin amantii kootiin, anis amantii keessaniin akka wal jajjabeessinuuf” jedheera. (Roomaa 1:11, 12) Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuun, amantii keenya nuuf jabeessa; murtoo seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimnee jiraachuuf goones nuu cimsa.

      Walgaʼii gumii yeroo ittaanu goonurratti argamtee wantoota kana ofuma keetii ilaaluudhaan akka mirkaneessitu si jajjabeessina. Miira hoʼaadhaan si simanna. Walgaʼii godhamurratti kaffaltiin hin gaafatamu; qodaan qarshiin ittiin sassaabamus hin naanneffamu.

      • Walgaʼiin keenya fakkeenya warra kamii hordofuudhaan geggeeffama?

      • Walgaʼiirratti argamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Walgaʼiirratti argamuukee dura, Galmi Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiru keessisaa maal akka fakkaatu beekuu yoo barbaadde, Dhugaa Baatuun tokko akka sitti argisiisu gaafachuu dandeessa.

  • Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan Fayyadamuu
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 6

      Obboloota Keenyaa Wajjin Walgaʼuudhaan Fayyadamuu

      Dhugaa Baatota Yihowaa namoota hidhata amantii isaanii taʼanii wajjin walgaʼanii jiran

      Maadaagaaskaar

      Dhugaa Baatuu nama hidhata amantii isaa taʼe gargaaraa jiru

      Noorweey

      Jaarsa gumii namoota hidhatasaa taʼan daawwachaa jiru

      Libaanon

      Dhugaa Baatota Yihowaa namoota hidhata amantii isaanii taʼanii wajjin walgaʼanii jiran

      Xaaliyaanii

      Bosona ykn qilleensa cimaa keessa kunnee deemuudhaan, yeroo hundumaa walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamna. Dhugaa Baatonni Yihowaa buʼaa baʼiin jireenyaa kan isaan mudatuufi hojii oolanii kan dadhaban taʼus, namoota hidhata amantiisaanii taʼanii wajjin walgaʼuuf carraaqqii akkasii kan godhan maaliifi?

      Jireenya keenyaaf barbaachisaadha. Phaawulos, ‘Tuttuqnee yaada walii in kaasna’ jechuudhaan namoota gumii Kiristiyaanaa keessatti argamaniif barreesseera. (Ibroota 10:24) Yaanni kun “xiyyeeffannaa waliif kennuu,” jechuunis sirriitti wal beekuu argisiisa. Kanaaf wanti Phaawulos dubbate walii keenyaaf akka yaannu kan nu jajjabeessudha. Maatii Kiristiyaanaa tokkoo wajjin wal beekuun keenya rakkina nu mudachaa jiru akkamitti akka moʼan baruudhaan, nutis rakkina sana moʼuuf nu gargaara.

      Michooma cimaa uumuuf nu gargaara. Obboloonni keenya warri walgaʼiirratti waliin hirmaannu, namoota halaalatti beeknu utuu hin taʼin michoota dhugaa kan nuuf taʼanidha. Walgaʼiidhaan alattis, yeroo gaarii waliin dabarsina. Michummaan akkasii faayidaa maalii qaba? Walii keenyaaf iddoo guddaa kennuu barachuuf nu gargaara; jaalala obboloota keenyaaf qabnus nuu cimsa. Kanaaf, rakkinni yeroo isaan mudatu, michooma cimaa waan qabnuuf battalumaan isaan gargaaruuf kakaana. (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Miseensota gumii keessa jiran hundaa wajjin michoomuudhaan, ‘qixxeetti walii keenyaaf akka yaannu’ argisiisna.—1 Qorontos 12:25, 26.

      Namoota fedha Waaqayyoo raawwachaa jiran keessaa michoota akka filattu si jajjabeessina. Michoota akkasiimmoo Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa argachuu dandeessa. Kanaaf, wanti tokkoyyuu nu wajjin michoomuurraa akka si dhowwu hin heyyamin.

      • Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin walgaʼiirratti argamuun kan nu fayyadu akkamitti?

      • Gumii keenyarratti yoom argamuuf yaadda?

  • Walgaʼiin Keenya Akkamitti Geggeeffama?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 7

      Walgaʼiin Keenya Akkamitti Geggeeffama?

      A meeting of Jehovah’s Witnesses in New Zealand

      Niiwu Ziilaandi

      Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa, Jaappaan

      Jaappaan

      Mucaa Dhugaa Baatuu taʼeefi Macaafa Qulqulluu dubbisaa jiru

      Ugaandaa

      Obboloota hojiin argisiisa dhiheessaa jiran, Lutuwaaniyaa

      Lutuwaaniyaa

      Walgaʼiin Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa, sirna amantii tokko raawwachuudhaan utuu hin taʼin, faarfannaa, kadhannaa, Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisuufi irratti mariʼachuudhaan geggeeffama ture. (1 Qorontos 14:26) Walgaʼii keenyarrattis wantootuma akkasii argita.

      Barumsi kennamu Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼeefi hojiirra ooluu kan dandaʼudha. Dhuma torbaniitti, gumiin hundi haasaa sabaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe daqiiqaa 30f dhihaatu dhaggeeffachuuf walgaʼu. Haasaan kun Caaffanni Qulqullaaʼoon jireenya keenyaafi yeroo keessa jiraannuu wajjin kan wal qabatan akkamitti akka taʼe ibsa. Hundi keenya Macaafa Qulqulluu keenya baasnee akka hordofnu jajjabeeffamna. Haasaa kana booda, saʼaatii tokkoof Qayyabannaan “Masaraa Eegumsaa” ni geggeeffama; miseensonni gumiis maree mataduree maxxansa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa tokkorratti godhamurratti hirmaatu. Mareen kun, qajeelfama Macaafa Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf nu gargaara. Gumiiwwan keenya 110,000 taʼaniifi addunyaa maratti argaman hundis matadureedhuma kana qayyabatu.

      Dandeettii barsiisuuf qabnu fooyyeffachuuf gargaarsa arganna. Walgaʼiiwwan gumii torban gidduutti goonu irratti sagantaa kutaa sadi qabuu fi mata duree Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jedhamu qabu irratti hirmaachuuf walitti qabamna. Walgaʼiin kun Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa jiʼa jiʼaan baʼu irratti kan hundaaʼe dha. Kutaan walgaʼii kanaa inni jalqabaa Beekumsa Dubbii Waaqayyoo Irraa Argamu jedhamu kutaa Kitaaba Qulqulluu gumichi dursee dubbisee wajjin caalaatti wal baruuf nu gargaara. Achiis kutaan Tajaajilaaf Of Qopheessi jedhuu fi hojiin argisiisa dabalatu namoota kaanii wajjin akkamitti Kitaaba Qulqulluu mariʼachuu akka dandeenyu ibsa. Obboleessi gorsa kennu gorsa dandeettii dubbisuu fi dubbachuu barattootaa fooyyessuuf gargaaru kennaaf. (1 Ximotewos 4:13) Kutaan inni xumuraa Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu jedhamu immoo, dhugaawwan buʼuuraa jireenya keenya keessatti akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu kan ibsudha. Kunis gaaffii fi deebii beekumsa Kitaaba Qulqulluu keenya akka guddifannu nu gargaaru kan dabalatu dha.

      Walgaʼii keenyarratti yeroo argamtu, qulqullinni barumsa Macaafa Qulqulluu ati dhaggeeffattuu akka si dinqisiisu homaa hin shakkisiisu.—Isaayaas 54:13.

      • Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaarratti maal dhaggeeffachuuf eeguu dandeessa?

      • Yeroo ittaanutti walgaʼii keenya torbanii keessaa isa kamirratti argamuuf murteessiteetta?

      CAALAATTI BARADHU

      Barumsa walgaʼii ittaanurratti dhihaatu muraasa qoruuf yaali. Wanta jireenyakee keessatti si gargaaruu dandaʼu Macaafa Qulqulluurraa hubachuuf yaali.

  • Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 8

      Yommuu Walgaʼii Deemnu Akka Gaariitti Uffachuu Kan Qabnu Maaliifi?

      Abbaa fi ilma walgaʼii deemuudhaaf uffata uffachaa jiran

      Aayislaandi

      Haadhaa fi intala walgaʼiidhaaf qophaaʼaa jiran

      Meeksikoo

      obboloota akka gaariitti uffatanii jiran, Giinii Bisaawu

      Giinii Bisaawu

      Maatii gara walgaʼii deemaa jiru, Filippiinsi

      Filippiinsi

      Fakkiiwwan birooshura kanarra jiranirraa, Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiisaaniirratti yeroo argaman akka gaariitti akka uffatan argitee? Akkaataa uffannaafi filannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akkasii kan kenninu maaliifi?

      Waaqayyoof ulfina akka kenninu argisiisuuf. Waaqayyo wanta bakkeedhaan mulʼatu qofa akka hin ilaalle beekamaadha. (1 Saamuʼel 16:7) Haataʼu malee, yommuu Yihowaa waaqeffachuuf wal geenyu, fedhiin keenya inni guddaan isaafis taʼe namoota hidhata amantii keenyaa taʼaniif ulfina akka qabnu kan argisiisudha. Abbaa firdii tokko duratti murtoodhaaf yoo dhihaanne, aangoosaatiif jecha uffannaa keenyaaf xiyyeeffannaa akka kenninu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, akkaataan nuti gumiirratti itti uffannu, Yihowaa isa ‘Abbaa firdii’ taʼeefi iddoo itti isa waaqeffannuuf bakka guddaa akka kenninu argisiisa.—Uumama 18:25.

      Faayidaa seerri buʼuuraa ittiin jiraannu qabu argisiisuuf. Macaafni Qulqulluun, Kiristiyaanonni “maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” akka uffatan jajjabeessa. (1 Ximotewos 2:9, 10) “Maal naan jedhuudhaan” uffachuu jechuun, uffata qullaa argisiisu, fedhii saalqunnamtii kakaasu ykn xiyyeeffannaa namootaa ofitti harkisu uffachuu dhiisuu jechuudha. “Of qabuudhaan” kan jedhummoo uffata ija namaati tolu ykn gara dhabaa hin taane filachuuf nu gargaara. Seerri buʼuuraa kun filannoowwan dhuunfaa hedduu kan qabatedha. Afaaniin dubbachuun utuu nu hin barbaachisin, uffannaan keenya inni bareedaafi gaariin, “barsiisichi waaʼee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” gochuudhaan namoonni ‘Waaqayyoof ulfina akka kennan’ gochuu dandaʼa. (Tiitoos 2:10; 1 Phexros 2:12) Walgaʼiiwwaniif akka gaariitti uffachuudhaan, namoonni waaqeffannaa Yihowaatiif ilaalcha sirrii akka qabaatan gochuu dandeenya.

      Uffannaankee walgaʼii Galma Mootummaatti godhamurraa akka si hambisu hin heyyamin. Uffati keenya gatii guddaadhaan kan bitame taʼuu baatus, walgaʼichaaf kan malu, qulqulluufi kan namatti tolu taʼuu qaba.

      • Akkaataan uffannaa keenyaa waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa akkamii qaba?

      • Seerri buʼurraa uffannaafi filannaaf akka qajeelfamaatti nu gargaaru isa kamidha?

  • Walgaʼii Keenyaaf Akka Gaariitti Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 9

      Walgaʼii Keenyaaf Akka Gaariitti Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

      Dhugaa Baatuu Yihowaa wanta walgaʼiirratti qayyabatamu dursee qophaaʼaa jiru

      Kaamboodiyaa

      Dhugaa Baatuu Yihowaa wanta walgaʼiirratti qayyabatamu dursee qophaaʼaa jirtu
      Dhugaa Baatuu Yihowaa walgaʼiirratti yaada kennuuf jettu

      Yuukreen

      Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jirta taanaan, yeroo hunda dursitee barumsicha akka qophooftu beekamaadha. Walgaʼii gumiirratti argamuukee duras qophii gochuunkee faayidaa guddaa siif argamsiisa. Gama kanaan barsiifata gaarii yoo qabaanne buʼaa guddaa arganna.

      Yeroofi bakka itti qayyabattu murteessi. Yeroon caalaatti xiinxaluuf sii mijatu yoomidha? Ganama barii, hojii jalqabuukee duramoo galgala ijoolleenkee erga rafanii booda? Saʼaatii dheeraadhaaf qayyabachuu kan hin dandeenye yoo taatellee, yeroo hammamiitiif akka qayyabattu murteessi, akkasumas wanti sagantaa kana si jalaa fashaleessu akka hin jiraanne carraaqqii godhi. Bakka gabii qabu filadhu; wantoota yaadakee hihhiran kanneen akka raadiyoo, televijiiniifi moobaayilii cufi. Qayyabannaa dura kadhannaa gochuun, wantoota guyyaa keessatti si dhiphisan irraanfachuudhaan Dubbii Waaqayyoorratti xiinxaluuf si gargaaruu dandaʼa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

      Qabxii barumsichaa jala muruudhaan hirmaannaa gochuuf qophaaʼi. Guutummaa yaada barumsichaa hubachuudhaan jalqabi. Matadureesaarratti yaadi; mataduree xixiqqaan mataduree guddaa wajjin akkamitti akka wal qabatan hubadhu; fakkiiwwaniifi gaaffilee irra deebii yaada ijoo ibsanirratti yaadi. Achiis keeyyatasaa tokko tokkoon erga dubbistee booda gaaffii dhihaateef keeyyaticha keessaa deebii barbaadi. Caqasoota kennaman baasii dubbisi; yaada dhihaate akkamitti akka deggeran hubadhu. (Hojii Ergamootaa 17:11) Deebii gaaffichaa erga argattee booda jechoota ykn gaaleewwan ijoo taʼan salphaatti yaadachuuf akka si gargaarutti jala muri. Achiis walgaʼiirratti harkakee baastee jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuu dandeessa.

      Barumsa walgaʼii gumii torban torbaniin godhamurratti dhihaatu qoruudhaan, ‘mana miʼaa’ jechuunis, kuusaa beekumsa Macaafa Qulqulluu qabdurratti yaada haaraa dabalachuu dandeessa.—Maatewos 13:51, 52.

      • Walgaʼiidhaaf qophaaʼuuf barsiifata akkamii qabaachuu dandeessa?

      • Walgaʼiirratti yaada kennuuf qophii gochuu kan dandeessu akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Mala armaan oliitti fayyadamuudhaan, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaaf ykn Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiitiif qophaaʼi. Gargaarsa namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu siif godhuun yaada walgaʼii yeroo ittaanu godhamurratti kennitu qophaaʼi.

  • Waaqeffannaan Maatii Maalidha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 10

      Waaqeffannaan Maatii Maalidha?

      Maatii Waaqeffannaa maatii godhachaa jiru

      Kooriyaa Kibbaa

      Abbaa manaa fi haadha manaa Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachaa jiran

      Biraaziil

      Dhugaa Baatuu Yihowaa Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiru

      Awustiraaliyaa

      Maatii yaada Macaafa Qulqulluu irratti mariʼachaa jiru

      Giinii

      Yihowaan bara duriitii kaasee, namoonni maatiisaanii wajjin yeroo akka dabarsan, akkasumas hariiroo Yihowaafi maatiisaanii wajjin qaban akka cimsatan barbaada. (Keessa Deebii 6:6, 7) Dhugaa Baatonni Yihowaa, wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisurratti karaa namatti toluun mariʼachuuf torbanitti waaqeffannaa maatiitiif yeroo kan ramadan kanaafidha. Kophaakee kan jiraattu yoo taʼellee, mataduree filatterratti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gochuudhaan Waaqayyoo wajjin yeroo dabarsuuf itti fayyadamuu dandeessa.

      Yeroo caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaarudha. “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata.” (Yaaqoob 4:8) Amalaafi gochawwansaa Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman ilaalchisee, hubannaa dabalataa yeroo argannu caalaatti waaʼee Yihowaa barra. Karaa salphaan waaqeffannaa maatii jalqabuun itti dandaʼamu, Macaafa Qulqulluu, tariimmoo dubbisa Macaafa Qulqulluu torbanii sagantaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irra jiru sagalee ol kaasanii waliin dubbisuudha. Dubbisicha dursitanii miseensota maatii hundaaf hiruudhaan, booda wanta Caaffata Qulqullaaʼoorraa barattanirratti mariʼachuu dandeessu.

      Yeroo caalaatti miseensota maatii keenyaatti dhihaachuuf nu gargaarudha. Haati manaafi abbaan manaa, akkasumas ijoolleen maatiidhaan Macaafa Qulqulluu waliin qayyabachuunsaanii walitti dhufeenyisaanii akka jabaatu godha. Yeroon kun, yeroo gammachiisa miseensonni maatii hundi hawwiidhaan eeggatan taʼuu qaba. Warri akkuma umrii ijoolleesaaniitti, matadureewwan irratti mariʼatan tarii Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! ykn weebsaayitii keenya jw.org jedhamurraa filachuu dandaʼu. Rakkina mana barumsaatti ijoollee keessan mudatuufi rakkina kana akkamitti moʼuun akka dandaʼamu irratti mariʼachuu dandeessu. Sagantaa JW Broadcasting (tv.jw.org) erga ilaaltanii booda maaliif irratti hin mariʼattan? Faarfannaa walgaʼiirratti faarfatamu shaakaluufi waaqeffannaa maatii booda buna ykn shaahii dhugaa yeroo waliin dabarsuu dandeessu.

      Yeroon addaa torbanitti maatiidhaan Yihowaa itti waaqeffatan kun, miseensonni maatii hundi Dubbii Waaqayyoo qayyabachuutti akka gammadan gargaara; Yihowaanis carraaqqii isaan godhaniif guddaa isaan eebbisa.—Faarfannaa 1:1-3.

      • Waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi?

      • Warri yeroon kun miseensota maatii hundaaf gammachiisaa akka taʼu gochuu kan dandaʼan akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Miseensonni gumii kaan waaqeffannaa maatii akkamitti akka godhan gaafadhu. Akkasumas waaʼee Yihowaa ijoolleekee barsiisuuf barreeffamoonni akkamii Galma Mootummaa keessa akka jiran gaafadhu.

  • Walgaʼii Gurguddaarratti Kan Argamnu Maaliifi?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 11

      Walgaʼii Gurguddaarratti Kan Argamnu Maaliifi?

      Walgaʼii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Meeksikootti geggeeffame

      Meeksikoo

      Barreeffama walgaʼii koonyaa Jarmanitti geggeeffame irratti beeksifamaa jiru

      Jarman

      Dhugaa Baatota Yihowaa walgaʼii koonyaa Bootiswaanaatti geggeeffame irratti argaman

      Bootiswaanaa

      Dargaggeessa Nikaaraaguwaatti cuuphamaa jiru

      Nikaaraaguwaa

      Diraamaa walgaʼii koonyaa Xaaliyaaniitti geggeeffame irratti dhihaate

      Xaaliyaanii

      Namoonni kun akkas kan gammadan maaliifi? Walgaʼii keenya tokkorratti hirmaachaa waan jiraniifidha. Akkuma tajaajiltoonni Waaqayyoo bara durii waggaatti al sadii akka walgaʼan ajajamanii turan, nuyis yeroo itti walgaʼii gurguddaa goonu hawwiidhaan eegganna. (Keessa Deebii 16:16) Waggaatti walgaʼii sadii jechuunis, waggaatti siʼa lama walgaʼii aanaa guyyaa tokkoo, akkasumas walgaʼii naannoo guyyaa sadii goona. Walgaʼiiwwan kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

      Obbolummaa Kiristiyaanaa keenya nuuf cimsu. Akkuma Israaʼeloonni ‘walgaʼii keessatti’ Yihowaa faarsuudhaan gammadan, nutis yeroo adda taʼan kanatti isa waaqeffachuun nu gammachiisa. (Faarfannaa 26:12; 111:1) Walgaʼiiwwan kun Dhugaa Baatota gumii kan biraa jiran ykn biyya kan biraatii dhufanii wajjin wal baruufi yeroo gaarii dabarsuuf carraa nuu banu. Saʼaatii laaqanaatti, bakka walgaʼichaatti nyaata waliin nyaachuun, walgaʼicharraa gammachuu akka argannuuf gumaacha guddaa godha. (Hojii Ergamootaa 2:42) Walgaʼiiwwan kanarratti jaalala “obbolummaa amantootaa” addunyaa maratti tokko nu godhe arguu dandeenya.—1 Phexros 2:17.

      Guddina hafuuraa gochuuf nu gargaaru. Israaʼeloonni wanta Caaffata Qulqullaaʼoorraa ‘dubbifamee’ isaaniif ibsame “waan hubataniif” faayidaa argatanii turan. (Nahimiyaa 8:8, 12) Nutis barumsa Macaafa Qulqulluu walgaʼiiwwan kanarraa argannu ni dinqisiifanna. Sagantaansaa hundi caqasa Macaafa Qulqulluu tokko tokkorratti kan hundaaʼedha. Haasaan, simpooziyemiiniifi hojiin argisiisni dhihaatan, fedha Waaqayyoo akkamitti jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu akka dandeenyu nu barsiisu. Muuxannoo obboloonni keenya yeroo rakkisaa haala gaariitiin moʼan dubbatan yommuu dhageenyu ni jajjabaanna. Walgaʼii naannoorratti, diraamaan uffata namoota bara durii uffachuudhaan dhihaatu seenaansaa akka nuuf dhugoomu kan godhu taʼuusaarrayyuu, barumsa hojiirra ooluu dandaʼu nuuf dabarsa. Walgaʼii gurguddaa hundarratti, namoonni Waaqayyoof of murteessuusaanii argisiisuu barbaadan ni cuuphamu.

      • Walgaʼii gurguddaan yeroo nama gammachiisu kan taʼe maaliifi?

      • Walgaʼii gurguddaarratti argamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Waaʼee tokkummaa obbolummaa keenyaa caalaatti beekuuf, walgaʼii guddaa ittaanurratti akka argamtu si jajjabeessina. Barumsa dhihaatu ilaalchisee hubannaa akka argattuuf namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu sagantaa walgaʼii kanaan duraa sitti argisiisuu dandaʼa. Guyyaafi bakka walgaʼiin kun itti godhamu kaalaandariirratti barreeffadhuutii yoo dandeesse argamuuf yaali.

  • Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 12

      Hojiin Lallabaa Keenya Kan Gurmeeffame Akkamitti?

      Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaatti yommuu lallaban

      Ispeen

      Dhugaa Baatuu Yihowaa iddoo bashannanaatti lallabaa jiru

      Belaarus

      Dhugaa Baatuu Yihowaa bilbilaan lallabaa jirtu

      Hoongi Koongi

      Dhugaa Baatota Yihowaa tajaajila irratti hirmaachaa jiran

      Peeruu

      Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedhee ture. (Maatewos 24:14) Haataʼu malee, hojiin lallabaa kun addunyaa maratti raawwatamuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenya Yesus yeroo lafarra ture raawwate hordofuudhaanidha.—Luqaas 8:1.

      Namoota manasaanii dhaqnee haasofsiisuuf yaalii goona. Yesus manaa gara manaatti deemanii misiraachoo akka lallabaniif bartootasaa leenjiseera. (Maatewos 10:11-13; Hojii Ergamootaa 5:42; 20:20) Namoonni jaarraa tokkoffaatti wangeela lallabaa turan bakki itti lallabuu qaban isaanitti himamee ture. (Maatewos 10:5, 6; 2 Qorontos 10:13) Yeroo harʼaas, hojiin lallabaa keenya akka gaariitti kan gurmeeffame siʼa taʼu, gumiin hundi naannoo tajaajilaa isaaf kenname qaba. Kunis ajaja Yesus ‘wangeelicha namootatti akka lallabnuufi [“guutummaatti,” NW] akka dhugaa baanu’ nuu kenne raawwachuuf nu gargaara.—Hojii Ergamootaa 10:42.

      Bakka namoonni argaman hundumaatti isaan haasofsiisuuf carraaqna. Yesus bakka namoonni hedduun argaman, jechuunis qarqara galaanaa ykn boolla namoonni bishaan keessaa waraabbatan biratti lallabuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. (Maarqos 4:1; Yohannis 4:5-15) Nutis bakka hundaatti jechuunis karaarratti, naannoo daldalaatti, bakka konkolaataan dhaabatutti ykn bilbilaan waaʼee Macaafa Qulqulluu namoota haasofsiisna. Carraa arganne hundatti fayyadamuudhaanis ollaawwan, namoota nu wajjin hojjetan, nu wajjin barataniifi firoota keenyaaf ni lallabna. Carraaqqiin kun hundi namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argaman misiraachoo “fayyisuu isaa” dhagaʼuu akka dandaʼan godheera.—Faarfanna 96:2.

      Namni misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo itti himuu barbaadduufi misiraachoon kun jireenyasaarratti jijjiirama fida jettee yaaddu jiraa? Abdii kana ofuma keetii qabattee hin taaʼin. Kanaa mannaa wanta baratte battalumaan namootatti himi.

      • “Wangeelli mootummaa” lallabamuu qabu maalidha?

      • Dhugaa Baatonni Yihowaa mala Yesus lallabaaf itti fayyadame kan hordofan akkamitti?

      CAALAATTI BARADHU

      Namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu wanta macaaficharraa baratte akkamitti malaan nama beektutti himuu akka dandeessu akka sitti argisiisu gaafadhu.

  • Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 13

      Qajeelchaa Jechuun Maal Jechuudha?

      Tajaajiltuu yeroo guutuu tajaajilaa jirtu

      Kaanaadaa

      Tajaajiltoota yeroo guutuu hojii lallabaa irratti hirmaachaa jiran

      Manaa gara manaatti

      Qajeelchitoota qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa jiran

      Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu

      Qajeelchituu Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jirtu

      Qayyabannaa dhuunfaa

      Yeroo baayʼee jechi “qajeelchaa” jedhu, namoota naannoo haaraa dhaquudhaan warra isaan booda dhufaniif karaa banan argisiisa. Yesus tajaajila lubbuu baraarsaa akka raawwatuufi karaa fayyinaa akka banuuf gara lafaatti waan ergameef qajeelchaa akkasii ture. (Maatewos 20:28) Yeroo harʼaa duuka buutonnisaa hamma isaaniif dandaʼame ‘bartoota gochuurratti’ yeroo hedduu dabarsuudhaan fakkeenyasaa hordofaa jiru. (Maatewos 28:19, 20) Babalʼistoonni tokko tokko tajaajila isa qajeelchaa jedhamee waamamurratti hirmaachuu dandaʼaniiru.

      Qajeelchaan nama tajaajilarratti yeroo guutuu dabarsudha. Dhugaa Baatonni Yihowaa hundi misiraachoo Mootummichaa labsu. Haataʼu malee, warri tokko tokko qajeelchaa taʼanii tajaajiluudhaan jiʼatti saʼaatii 70 hojii lallabaarratti dabarsuuf akkaataa jireenyaasaaniirratti sirreeffama godhaniiru. Kana gochuufis, hedduunsaanii yeroo hojiirratti dabarsan hirʼisanii saʼaatii muraasa qofa hojjechuuf murteessaniiru. Kaanimmoo qajeelchaa addaa taʼanii naannoo labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii jiʼatti saʼaatii 130 ykn isaa ol tajaajilarratti dabarsu. Qajeelchitoonni kun Yihowaan waan jireenyaaf isaan barbaachisu akka inni isaaniif guutu amanamuudhaan waan xinnoodhaan gammadanii jiraatu. (Maatewos 6:31-33; 1 Ximotewos 6:6-8) Babalʼistoonni qajeelchaa taʼuu hin dandeenyemmoo qajeelchaa gargaaraa taʼanii kan tajaajilan siʼa taʼu, hirmaannaasaanii guddisuudhaan jiʼatti saʼaatii 30 ykn 50 tajaajilarratti dabarsu.

      Nama tokko qajeelchaa taʼuuf kan isa kakaasu jaalala inni Waaqayyoofi namootaaf qabudha. Akkuma Yesus, haala hafuuraa gaddisiisaa namoonni yeroo harʼaa keessa jiran ni hubanna. (Maarqos 6:34) Haataʼu malee, beekumsa yeroo harʼaa isaan gargaaruufi fuuldurattis abdii amansiisaa isaanii kennu qabna. Qajeelchaan tokko jaalalli inni namootaaf qabu yeroofi humnasaa guutuu warri kaan misiraachoo akka dhagaʼan gargaaruuf akka oolchu isa kakaasa. (Maatewos 22:39; 1 Tasaloniiqee 2:8) Kunis amantiinsaa akka jabaatu, gara Waaqayyootti caalaatti akka dhihaatuufi gammachuu guddaa akka argatu godha.—Hojii Ergamootaa 20:35.

      • Qajeelchaa jechuun maal jechuudha?

      • Babalʼistoota tokko tokko qajeelchaa akka taʼan kan isaan kakaase maalidha?

  • Qajeelchitootaaf Manni Barumsaa Akkamii Qophaaʼeera?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
    • BARUMSA 14

      Qajeelchitootaaf Manni Barumsaa Akkamii Qophaaʼeera?

      Full-time ministers in the public ministry

      Yunaayitid Isteetis

      Barattoota Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad Irratti Hirmaachaa Jiran
      Barattoota tajaajila Misiyoonummaatiif qophaaʼaa jiran

      Mana Barumsaa Giilʼaad, Paatarsan, Niiwu Yoorki

      Hiriyoota gaaʼelaa misiyoonota taʼaniifi Paanaamaa keessatti lallabaa jiran

      Paanaamaa

      Barumsawwan tiʼookraasii yeroo dheeraadhaa kaasee dhihaachaa turan, mallattoo Dhugaa Baatonni Yihowaa ittiin beekamanidha. Obboloota tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuudhaan wangeela Mootummichaa lallabaniif, ‘tajaajilasaanii guutummaatti raawwachuu’ akka dandaʼaniif manneen barumsaa addaa qophaaʼaniiru.—2 Ximotewos 4:5, NW.

      Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa. Qajeelchaan tokko dhuma waggaa itti qajeelchaa taʼeetti, mana barumsaa guyyaa jaʼaaf Galma Mootummaatti kennamurratti hirmaata. Manni barumsichaa, qajeelchaan kun caalaatti Yihowaatti akka dhihaatu, bifa tajaajilaa addaddaatiin buʼa qabeessa akka taʼuufi amanamummaadhaan tajaajilasaa akka itti fufu kan isa gargaarudha.

      Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa. Leenjiin jiʼa lamaaf mana barumsaa kanatti kennamu, qajeelchitoonni muuxannoo qabaniifi naannoo jiraatan dhiisanii deemuudhaan bakka itti ramadamanitti tajaajiluuf fedhii qaban kan irratti hirmaatanidha. Obboloonni kun, fakkeenya Yesus Kiristos isa labsitoota Wangeelaa hunda caaluu hordofuudhaan, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhaniiru. (Isaayaas 6:8; Yohannis 7:29) Naannoo itti guddatan dhiisanii deemuun akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraachuu barachuus kan dabalatudha. Aadaa, haala qilleensaafi nyaata kanaan dura beekanirraa adda taʼee wajjin wal baruu kan gaafatudha. Qooqa haaraa barachuunis isaan barbaachisuu dandaʼa. Obboloonni, akkasumas obboleettonni qeentee taʼaniifi hiriyoonni gaaʼelaa, umriinsaanii waggaa 23 hanga 65 taʼe mana barumsaa kana galanii barachuu dandaʼu. Manni barumsichaa, obboloonni kun gaʼumsa tajaajilasaaniitiif isaan gargaaru akka qabaatan, akkasumas Yihowaafi jaarmiyaansaa akka gaariitti akka isaanitti fayyadamu kan isaan gargaarudha.

      Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad. Afaan Ibrootaatiin “Giilʼaad” jechuun, “Tuullaa Dhugaa Baatuu” jechuudha. Bara 1943 yeroo manni barumsaa kun itti hundeeffamee kaasee namoonni 8,000 ol taʼan misiyoonii taʼanii kan eebbifaman yommuu taʼu, “biyya lafaa hundumaaf” lallabuudhaan milkaaʼina guddaa argataniiru. (Hojii Ergamootaa 13:47) Jalqaba yeroo misiyoononni biyya Peeruu dhaqanitti gumiin tokkollee hin jiru ture. Yeroo harʼaa garuu gumii 1,000 caalutu jira. Misiyoononni keenya Jaappaanitti tajaajiluu ennaa jalqaban, Dhugaa Baatonni biyyattii keessa turan kudhan kan hin guunne siʼa taʼu yeroo ammaa garuu 200,000 ol taʼu. Leenjiin jiʼa shaniif mana barumsaa kanatti kennamu, Macaafa Qulqulluu gad fageenyaan qoruu kan dabalatudha. Qajeelchitoonni addaa ykn misiyoononni dirreerratti ykn waajjira dameetti tajaajilan, akkasumas daawwattoonni olaanaa aanaa, hojii addunyaa maratti geggeeffamu cimsuuf leenjii balʼaa akka argataniif afeeramu.

      • Kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa maalidha?

      • Manni Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa eenyuuf qophaaʼe?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi