-
Saba Waaqayyootiif FalmiteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
BOQONNAA KUDHA SHAN
Saba Waaqayyootiif Falmiteetti
1-3. (a) Asteer iddoo abbaan manaashee jirutti dhihaachuu kan sodaatte maaliifi? (b) Asteeriin ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa qorra?
ASTEER mooraa mana mootummaa Susaan keessa jirutti yommuu dhihaattu of tasgabbeessuuf yaalii goote. Haallisaa salphaa hin turre. Wanti mana mootummaa sana keessa jiru hundi nama ajaaʼibsiisuuf kan qophaaʼedha. Manni mootummaa kun fakkii korommii halluu garagaraafi qoochoo qabaniin, namoota xiyya darbataniin, leencota cululuqaniin, akkasumas utubaawwan dhagaafi siidaawwan gurguddaadhaan kan miidhagfame taʼuusaarrayyuu, Tulluuwwan Zaagiroos warra cabbiidhaan uwwifamaniifi laga Chooʼaaspes gama jiran dhihootti kan ijaarame waan taʼeef xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Wantoonni kun hundi namni Asteer isa duratti dhihaachuuf jettuufi “mootii guddaa” jedhee of waamu kun aangoo guddaa akka qabu argisiisu. Namni kun abbaa manaa Asteeridha.
2 Namni kun akkamitti abbaa manaashee taʼuu dandaʼe? Durbi Yihudii amanamtuu taate tokko Ahashwerositti nan heeruma jettee yaaduu hin dandeessu.a Abrahaam haadha manaasaa Saaraa akka dhaggeeffatu qajeelfama Waaqayyo isaaf kenne kan hordofu siʼa taʼu, Ahashweros garuu nama akkasii hin turre. (Uma. 21:12) Mootiin kun waaʼee Yihowaa isa Waaqa Asteer taʼeefi waaʼee Seerasaa waan beeku tokkollee hin qabu. Haataʼu malee, Ahashweros seera wanta Asteer raawwachuuf jettu dhowwu dabalatee seera warra Faares beeka ture. Seerichi maal jedha? Namni utuu hin waamamin mootii Faares duratti dhihaatu kamiyyuu ajjeefamuu qaba jedha. Asteer kan hin waamamne taʼus gara mootichaa dhaqaa jirti. Mooraa sana keessaa bakka mootichi teessoosaarra taaʼee ishee arguu dandaʼutti yommuu dhihaattu, duʼatti deemaa akka jirtu isheetti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.—Asteer 4:11; 5:1 dubbisi.
3 Asteer tarkaanfii balaadhaaf namaa saaxilu akkasii kan fudhatte maaliifi? Amantii dubartii iddoo guddaa qabdu kanaarraa maal barachuu dandeenya? Mee jalqaba, Asteer akkamitti mootuu Faares taʼuu akka dandeesse haa ilaallu.
Akkaataa Guddinaa Asteer
4. Akkaataan guddinaa Asteer maal fakkaata? Mordekaayi isa durbiishee taʼee wajjin jiraachuu kan jalqabde maaliifi?
4 Asteer haadhaafi abbaa hin qabdu turte. Maatiishee warra afaan Ibrootaatiin maqaa Haadasaa, jechuunis jecha hiika abaaboo adii bareedaa jedhu qabu isheef moggaasan ilaalchisee wanti beeknu kana qofadha. Asteer yommuu warrishee duʼan, Mordekaayi inni nama gaariifi firashee taʼe ofitti fudhatee ishee guddise. Inni durbiishee taʼus umriidhaan baayʼee ishee caala ture. Asteeriin manasaatti fudhatee akkuma intalasaatti ishee guddise.—As. 2:5-7, 15.
Mordekaayi intala akka abbaa taʼee guddisetti kooruuf sababii gaʼaa qaba
5, 6. (a) Mordekaayi Asteeriin kan guddise akkamitti? (b) Asteeriifi Mordekaayi Susaan keessatti jireenya akkamii jiraatu turan?
5 Mordekaayiifi Asteer Yihudoota boojiʼamanii magaalaa guddoo Faares keessa jiraatan siʼa taʼu, amantii addaa kan qabaniifi Seera Musee kan hordofan waan turaniif hamma tokko kan jibbaman taʼuu hin oolu. Taʼus Asteer durbiinshee, Yihowaan Waaqa araara qabeessa akka taʼe, kanaan dura sabasaa rakkinarraa akka oolche, gara fuulduraattis rakkinarraa akka isaan oolchu ishee barsiiseera. Haalli kunimmoo Asteer caalaatti akka isatti dhihaattu godhee akka ture beekamaadha. (Lew. 26:44, 45) Kanaaf, Asteeriifi Mordekaayi baayʼee akka wal jaallatan ifatti hubachuun ni dandaʼama.
6 Mordekaayi tajaajiltoota mootichaa kaanii wajjin balbala mootichaa dura taaʼee hojii tokko tokko hojjechaa akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (As. 2:19, 21; 3:3) Asteer yeroo ijoollee turtetti maal hojjetti turte? Waaʼee kanaa sirriitti beekuu baannus, durbiishee isa umriidhaan baayʼee ishee caalu, manasaanii isa bakka namoonni harka qalleeyyii taʼan jiraataniifi laga mana mootummaa gajjallaa jiru gamatti argamu kunuunsaa turte jennee yaaduun keenya sirrii fakkaata. Tarii gabaa Susaan isa warqee, meetiifi miini garagaraa itti gurguramu dhaqxee ilaaluu kan jaallatu taʼuu hin oolu. Asteer miʼawwan gati jabeessa taʼan kun hundi yeroo booda homaa akka isheetti hin fakkaanneefi jireenyishee gara fuulduraa baayʼee akka jijjiiramu hin beektu turte.
‘Ija Namaatti Kan Miidhagdu’
7. Waashtiin mootuu taʼuurraa kan ariʼamte maaliifi? Sana boodahoo maaltu godhame?
7 Gaaf tokko Susaan oduu wal dhabiinsa mana mootichaa keessatti uumame ilaalchisee odeeffamuun guutamte. Ahashweros nyaachisa guddaa qopheessee gurguddootasaa nyaataafi wayinii afeeraa yeroo turetti, Waashtii mootitti ishee miidhagduu taateefi kophaashee dubartoota afeeraa jirtu namoota sana duratti dhiheessuu barbaade. Haataʼu malee Waashtiin dhufuu didde. Yeroo kanatti Mootichi qaanaʼuusaarrayyuu baayʼee waan aareef, Waashtiirratti adaba akkamii murteessuu akka qabu gorsitootasaa gaafate. Sana booda maaltu godhame? Waashtiin mootuu taʼuurraa akka ariʼamtu murteeffame. Kanaaf tajaajiltoonnisaa guutummaa biyyichaa keessa durboota mimmiidhagoo barbaaduu kan jalqaban siʼa taʼu, isaan keessaas mootichi durba mootuu haaraa taatu filata.—As. 1:1–2:4.
8. (a) Mordekaayi yommuu Asteer guddachaa deemtu hamma tokko kan yaaddaʼe maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Miidhaginaaf ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuu kan dandeenyu akkamitti jettee yaadda? (Akkasumas Fakkeenya 31:30 ilaali.)
8 Mordekaayi, Asteer guddachaafi miidhaginnishee dabalaa deemuusaa yommuu argu koorri kan itti dhagaʼame taʼus, nageenyi intala kanaa isa yaaddessee taʼuu akka qabu yaaduu dandeenya. Seenaansaa, “Isheen durba dhaaba toltu, ija namaattis kan miidhagdu turte” jedha. (As. 2:7) Macaafni Qulqulluun namni miidhagaa taʼe tokko ogummaafi amala gad of deebisuu qabaachuu akka qabus ni dubbata. Taʼuu baannaan garuu, miidhaginnisaa of tuulummaafi amalawwan gadhee taʼan gara biraa akka horatu isa gochuu dandaʼa. (Fakkeenya 11:22 dubbisi.) Kun dhugaa taʼuusaa argitee hin beektuu? Haataʼu malee miidhaginni Asteer ishee gargaaramoo ishee miidha laata? Deebii kanaa yerootu ifa godha.
9. (a) Tajaajiltoonni mootichaa yommuu Asteeriin argatan maal godhan? Mordekaayirraa addaan baʼuun isheetti ulfaatee taʼuu kan qabu maaliifi? (b) Mordekaayi, Asteer nama hin amannetti akka heerumtu kan heyyame maaliifi? (Saanduqichas ilaali.)
9 Tajaajiltoonni mootichaa Asteeriin argatan. Achiis Mordekaayi jalaa fudhatanii mana mootummaa laga gama jirutti ishee geessan. (As. 2:8) Asteeriifi Mordekaayi akka abbaafi intalaatti waliin jiraachaa waan turaniif, gargar baʼuun baayʼee isaanitti ulfaatee taʼuu qaba. Mordekaayi intalli inni guddise mootii dabalatee nama hin amanne kamittiyyuu akka heerumtu kan hin barbaanne taʼus, haalli kun toʼannaasaatii ala ture.b Asteer mana mootummaatti geeffamuushee dura gorsa Mordekaayi isheedhaa kenne xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffattee taʼuu qaba. Gara mana mootummaa Susaanitti yommuu geeffamtu sammuunshee gaaffii hedduudhaan guutame. Jireenya akkamiitu ishee eeggata laata?
“Nama Ishee Arge Hundumaas In Naasifatti Turte”
10, 11. (a) Bakki haaraan Asteer jirtu salphaatti dhiibbaa isheerratti gochuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Mordekaayi nageenya Asteeriif akka yaadu kan argisiise akkamitti?
10 Asteer jireenya haaraa matumaa yaaddee hin beekne jiraachuu jalqabde. Asteer “durboota baayʼee” Mootummaa Faares balʼaa taʼe keessaa walitti qabamanitti makamte. Aadaan, qooqniifi amallisaanii baayʼee garaagara akka taʼe beekamaadha. Durboonni kun eegumsa Hegaayi hojjetaa mootichaa jala taʼuudhaan dibata urgaaʼuun sukkuumamuu dabalatee waggaa tokkoof miidhagfamuu qabu turan. (As. 2:8, 12) Iddooniifi haalli akkasii, durboonni sun akka of tuulaniifi akka wal morkatan gochuu dabalatee, bifasaaniirratti garmalee akka xiyyeeffatan gochuu dandaʼa. Wanti kun Asteerirratti dhiibbaa geessisee turee?
11 Namni lafarratti Mordekaayi caalaa Asteeriif yaadu hin jiru ture. Seenaansaa Mordekaayi nageenya Asteer beekuuf jecha guyyaa guyyaadhaan hamma isaa dandaʼame mana durbootaa dura asiifi achi deemaa akka ture dubbata. (As. 2:11) Tarii namoota mana durbootaa keessa tajaajilanirraa, waaʼee Asteer oduu xinnoo yommuu dhagaʼu fuullisaa gammachuudhaan ifee taʼuu qaba. Maaliif?
12, 13. (a) Asteer namoota naannooshee jiran hammam ajaaʼibsiistee turte? (b) Mordekaayi, Asteer Yihudii taʼuushee dubbachuu dhiisuusheetti kan gammade maaliifi?
12 Asteer isa duratti fudhatama waan argatteef, Hegaayi gaarummaadhaan kan ishee qabe taʼuusaarrayyuu, tajaajiltoota durbaa torbaafi mana durbootaa keessaa iddoo hunda caalu kenneef. Seenaansaa Asteer, “Nama ishee arge hundumaas in naasifatti turte” jedha. (As. 2:9, 15) Miidhaginni qofti nama hunda hamma kana ajaaʼibsiisuu dandaʼaa? Hin dandaʼu, Asteer miidhagina caalaa waan hedduu qabdi turte.
Asteer gad of deebisuufi ogummaan, miidhagina caalaa barbaachisaa akka taʼe hubattee turte
13 Fakkeenyaaf, “Asteer sanyii ishee fi qomoo ishee akka hin mulʼifne Mordekaayi ishee dhowwee waan tureef, isheen sanyii ishee fi qomoo ishee hin mulʼifne” jedhameera. (As. 2:10) Mordekaayi namoonni mana mootummaa Faares keessa jiran saba Waaqayyootiif jibba guddaa akka qaban hubatee taʼuu waan dandaʼuuf, Asteer Yihudii taʼuushee akka hin dubbanne ishee ajajee ture. Kanaaf, Asteer yeroo kanatti yoo isa bira jiraachuu baatteyyuu, ogummaa akka qabduufi akka ajajamtu dhagaʼuunsaa baayʼee isa gammachiisee akka ture beekamaadha.
14. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya Asteer hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
14 Dargaggoonni yeroo harʼaa jiranis warrasaaniifi namoota isaan guddisan gammachiisuu dandaʼu. Yeroo namoota amala gadhee qaban, addaggee taʼaniifi hamoo taʼanii wajjin jiraniifi warrisaanii isaan hin arginettillee, dhiibbaa gadhee isaanirra gaʼu moʼuufi ulaagaa sirrii baratan eeganii jiraachuu dandaʼu. Isaanis akkuma Asteer yommuu akkas godhan, Abbaasaanii isa samii gammachiisuu dandaʼu.—Fakkeenya 27:11 dubbisi.
15, 16. (a) Mootichi Asteeriin kan jaallate maaliifi? (b) Jijjiiramni jireenya Asteer keessatti ishee mudate ulfaataa kan ture maaliifi?
15 Asteer mooticha duratti dhihaachuuf yeroo dabareenshee gaʼu, tarii caalaatti akka of miidhagsituuf taʼuu dandaʼa wanta miidhaginaaf ishee barbaachisu akka filattu mirgi isheedhaaf kenname. Taʼus, nama gad of deebistu waan turteef, wanta Hegaayi isheedhaaf kenne caalaa homaa hin gaafanne. (As. 2:15) Tarii miidhaginni qofti mooticha gammachiisuu akka hin dandeenye, iddoo ofii beekuufi gad of deebisuunis mana mootichaa keessa akka hin jirre hubattee taʼuu hin oolu. Ilaalchi Asteer sirrii turee?
16 Seenaansaa, “Mootichi dubartoota warra kaan caalaa Asteerin in jaallate; durboota sana hundumaa keessaa isheen fuula isaa duratti ayyaanaa fi simboo in argatte; kanaafis mootichi gonfoo mootummaa mataa ishee irra kaaʼee, iddoo Waashtii akka isheen mootittii taatu in godhe” jedha. (As. 2:17) Durbi Yihudii gad of deebistu kun, mootuu taʼuufi haadha manaa nama yeroo sanatti addunyaa bulchu taʼuun jireenyasheerratti jijjiirama guddaa fideera. Isheenis jijjiirama kana fudhachuun isheetti ulfaatee taʼuu qaba. Mootuu taʼuunshee akka of tuultu ishee godheeraa? Matumaa.
17. (a) Asteer Mordekaayi isa akka abbaatti ishee guddiseef ajajamuushee kan itti fufte akkamitti? (b) Yeroo harʼaa fakkeenya Asteer hordofuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
17 Asteer, Mordekaayi isa akka abbaatti ishee guddiseef ajajamuushee itti fufteetti. Sanyii Yihudii taʼuushee iccitiidhaan qabdeetti. Kana malees, Ahashwerosiin ajjeesuuf yaadamuusaa ilaalchisee wanta Mordekaayi isheetti dubbate mootichatti kan himte siʼa taʼu, yaaliin ajjeechaa sunis fashalaaʼeera. (As. 2:20-23) Gad of deebisuufi ajajamuudhaanis Waaqayyorratti amantii akka qabdu argisiisteetti. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun, ajajamuu mannaa abboommii cabsuufi hammina raawwachuu waan jaallataniif fakkeenya Asteer hordofuun keenya baayʼee barbaachisaa mitii? Haataʼu malee, namoonni amantii dhugaa qaban akkuma Asteer ajajamuudhaaf iddoo guddaa kennu.
Amantiin Asteer Ni Qorame
18. (a) Mordekaayi Haamaaniif sagaduu kan dide maaliif taʼuu dandaʼa? (Miiljalees ilaali.) (b) Dhiironniifi dubartoonni yeroo harʼaa jiran fakkeenya amantii Mordekaayi kan hordofan akkamitti?
18 Namni Haamaan jedhamu tokko mana mootummaa Ahashweros keessatti aangoo guddaa argate. Mootichi Haamaan muummicha ministeeraa, gorsituufi ittaanaasaa godhee isa muude. Mootichi namoonni Haamaaniin argan hundi jilbeenfatanii akka isaaf sagadanillee labsii baaseera. (As. 3:1-4) Haataʼu malee seerri kun Mordekaayirratti rakkina uumeera. Mordekaayi, mootichaaf ajajamuu kan qabu, hamma abboommii Waaqayyoo wajjin wal hin faallessinetti qofa akka taʼe amana ture. Haamaan sanyii Agaag taʼuusaa hubatteettaa? Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, Haamaan sanyii Agaag isa mootii Amaaleq tureefi Saamuʼel raajichi ajjeese sanaa taʼuu hin oolu. (1 Sam. 15:33) Amaaleqoonni baayʼee hamoo waan taʼaniif, Yihowaafis taʼe Israaʼelootaaf diinota turan. Waaqayyo saba Amaaleqirratti badiisa fiduuf murteessee ture.c (Kes. 25:19) Maarree namni Yihudii amanamaa taʼe tokko nama sanyii Amaaleq taʼeef akkamitti sagaduu dandaʼa? Mordekaayi matumaa kana hin godhu. Haamaaniif hin sagadne. Dhiironniifi dubartoonni amanamoon bara duriitii kaasee hanga harʼaatti jiran, seera buʼuuraa “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuutu nu irra jira” jedhuuf ajajamuuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru.—HoE. 5:29.
19. Haamaan maal gochuu barbaadee ture? Mooticha amansiisuu kan yaalehoo akkamitti?
19 Haamaan yeroo kanatti baayʼee aare. Taʼus, Mordekaayiin qofa ajjeesuuf mala barbaaduun gaʼaa akka hin taane itti dhagaʼame. Kanaa mannaa saba Mordekaayi hunda haxaaʼee balleessuu barbaade. Kanaaf, mooticha duratti Yihudoota hadheessuudhaan isa amansiise. Maqaasaanii utuu hin caqasin, namoonni ‘bittimmaaʼanii saba kutaa biyya mootummaasaa hundumaa gidduu tamsaʼaniifi’ waaʼee hin baafne tokko akka jiran dubbate. Kana malees, namoonni kun seera mootichaatiif waan hin ajajamneef, namoota mootummaarratti kaʼan akka taʼan dubbateera. Qarshii hedduu Yihudoota mootummaasaa keessa jiran hunda balleessuuf barbaachisu mana maallaqaatti galchuufis yaada dhiheesse.d Ahashweros Haamaan wanta barbaade akka ittiin mallatteessuuf amartii mallattoo qubasaatii isaaf kenne.—As. 3:5-10.
20, 21. (a) Labsiin Haamaan baase Mordekaayiin dabalatee Yihudoota Faares keessa jiranirratti dhiibbaa akkamii geessise? (b) Mordekaayi Asteer maal akka gootu gaafate?
20 Utuma baayʼee hin turin ergamtoonni murtoo duʼaa Yihudootarratti murteeffame kana dabarsuuf fardeen saffisa qabaniin kallattii hundaatti ergaman. Yihudoonni boojuu Baabilonii deebiʼanii Yerusaalem jiraniifi magaalaasaanii ishee dallaa hin qabne ijaaruuf carraaqqii godhan, labsii kana yommuu dhagaʼan maaltu akka isaanitti dhagaʼamu yaadi. Mordekaayi labsii sodaachisaa kana yommuu dhagaʼu, Yihudootaaf, michootasaafi firootasaa Susaan keessa jiraniif yaaddaʼee taʼuu hin oolu. Garmalee waan dhiphateef, wayyaasaa tarsaasee, uffata gaddaa uffachuufi daaraa mataasaatti firfirsuudhaan walakkaa magaalaa dhaabatee iyya keessaa fuudhe. Haamaan garuu gadda Yihudootaafi michootasaanii warra Susaan keessa jiranirra geessise wayittuu utuu hin lakkaaʼin mootichaa wajjin taaʼee dhuguusaa itti fufe.—Asteer 3:12–4:1 dubbisi.
21 Mordekaayi Yihudoota oolchuuf tarkaanfii tokko fudhachuu akka qabu hubateera. Haataʼu malee, maal gochuu dandaʼa? Asteer gadduusaa waan dhageesseef wayyaa kan isaaf ergite taʼus, Mordekaayi garuu jajjabaachuu dide. Tarii Mordekaayi, Yihowaan Asteer isheen jaallatamtuun isa jalaa fudhatamtee haadha manaa nama Yihudii hin taane tokkoo akka taatu kan heyyame maaliif akka taʼe yeroo dheeraadhaaf yaadee taʼuu hin oolu. Ammaa garuu sababiinsaa ifa taʼaa kan jiru fakkaata. Mordekaayi Asteer mooticha duratti dhihaattee ‘qomoo isheetiif’ akka falmitu ergaa itti erge.—As. 4:4-8.
22. Asteer abbaa manaashee isa mootii taʼe duratti dhihaachuu kan sodaatte maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
22 Asteer ergaa kana yommuu dhageessu baayʼee dhiphattee taʼuu qaba. Haalli kun amantiisheerratti qorumsa guddaa kan fidudha. Deebii Mordekaayiif deebisterraa hubachuun akkuma dandaʼamu sodaattee turte. Achiis seerri mootichaa maal akka jedhu isa yaadachiiste. Namni tokko utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaate jechuun ni ajjeefama jechuudha. Namni kun duʼa ooluu kan dandaʼu mootichi siiqqee warqeesaa yoo isatti qabe qofadha. Waashtiin ajaja mootichaa tuffattee yommuu isa duratti dhihaachuu didde waan isheerra gaʼe beekuunshee, Asteer akka sodaattu ishee godhee turee laata? Asteer mootichi guyyaa 30 darbanitti akka ishee hin waamne Mordekaayitti himte. Asteer, Mootiin yaadasaa jijijjiiru kun yeroo hammanaatiif ishee waamuu dhiisuunsaa, na jibbee yaadasaa jijjiireeraa laata jettee akka shakkitu ishee gochuu dandaʼa.e—As. 4:9-11.
23. (a) Mordekaayi amantii Asteer cimsuuf maal jedhe? (b) Fakkeenya amantii Mordekaayi hordofuu kan qabnu maaliifi?
23 Mordekaayi deebii amantii Asteer cimsu isheedhaaf deebise. Yoo isheen tarkaanfii fudhachuu dhiiste, Yihudootaaf fayyinni bakka biraatii akka dhufu isheetti hime. Haataʼu malee, ariʼatamni sun sadarkaa guddaarra yeroo gaʼe kanatti Asteer nan oola jettee eeguu dandeessii? Mordekaayi Yihowaan sabnisaa guutummaatti akka badanis taʼe abdiinsaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne amantii cimaa akka isarratti qabu argisiiseera. (Iya. 23:14) Achiis Mordekaayi, Asteeriin “Mootuu taʼuun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame taʼa, maaltu beeka?” jedhee gaafate. (As. 4:12-14) Fakkeenya amantii Mordekaayi hordofuun keenya sirrii mitiiree? Inni Waaqasaa Yihowaatti guutummaatti amanameera. Nutoo?—Fak. 3:5, 6.
Amantii Sodaa Duʼaa Moʼe
24. Asteer amantiifi ija jabina akka qabdu kan argisiiste akkamitti?
24 Yeroon Asteer murtoo itti gootu ni gaʼe. Asteer, Mordekaayi namoonni biyyashee akkumashee guyyaa sadii akka sooman akka godhu kan gaafatte taʼuusaarrayyuu, ‘Ani yoon duʼes nan duʼa!’ jechuudhaan jecha gabaabaa amantii cimaafi ija jabina akka qabdu argisiisu dubbatte. (As. 4:15-17) Guyyoottan sadan sana keessatti kadhannaa cimaa sana dura dhiheessaa turte hunda caalu dhiheessitee taʼuu qaba. Dhumarrattis yeroon isheen murtoo itti gootu ni gaʼe. Qalbii mootichaa hawwachuuf jecha, uffata mootuu taʼuushee beeksisu uffachuu dabalatee hamma isheedhaa dandaʼame of miidhagsitee gara mootichaa dhaqxe.
Asteer saba Waaqayyoo eeguuf jecha lubbuushee balaadhaaf saaxilteetti
25. Asteer yommuu abbaa manaashee duratti dhihaattu haallisaa maal akka fakkaatu ibsi.
25 Akkuma seensa mataduree kanaarratti ibsame, Asteer gara teessoo mootichaa dhaqxe. Asteer yeroo kanatti hammam dhiphachaafi cimsitee kadhachaa akka turte yaaduu dandeenya. Achiis mooraa sana keessa bakka Ahashweros teessoosaarra taaʼee isa arguu dandeessu seente. Tarii yeroo kanatti miira fuula mootichaarratti mulʼatu ilaaluuf yaaltee taʼuu dandaʼa. Haala kanaan xinnoo turteetti taanaan, yeroo dheeraa isheetti fakkaatee taʼuu qaba. Taʼus utuma baayʼee hin turin abbaan manaashee ishee arge. Yeroo kanatti dinqisiifamee kan ture taʼus, sagalee laafaadhaan isheetti dubbate. Achiis siiqqeesaa isa warqeerraa hojjetame isheetti qabe.—As. 5:1, 2.
26. Kiristiyaanonni dhugaan ija jabina akka Asteer qabaachuun kan isaan barbaachisu maaliifi? Asteer hojiinshee hin xumuramne kan jennu maaliifi?
26 Mootichi Asteeriin dhaggeeffachuuf fedhii akka qabu argisiise. Asteer Waaqasheefis taʼe sabasheetiif falmuudhaan tajaajiltoota Yihowaa hamma harʼaatti jiran hundaaf fakkeenya gaarii taati. Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiranis namoota fakkeenya taʼan akkasiitiif iddoo guddaa kennu. Yesus duuka buutonnisaa warri dhugaan jaalala isa fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiifamuun akka beekaman dubbateera. (Yohannis 13:34, 35 dubbisi.) Jaalala akkasii argisiisuun yeroo baayʼee ija jabina akka Asteer qabaachuu gaafata. Taʼus Asteer guyyaa sana saba Waaqayyootiif erga falmitee boodallee, wantoota raawwatte garabiraas qabdi. Haamaan inni gorsituu mootichaa jaallatamaan hamaa taʼuusaa mooticha amansiisuu kan dandeessu akkamitti laata? Sabnishee akka oolan gargaaruu kan dandeessuhoo akkamitti? Gaaffiiwwan kana boqonnaa ittaanurratti qorra.
a Ahashweros, Zeerses 1ffaa isa Dh.K.D. jalqaba jaarraa 5ffaatti mootii Mootummaa Faares ture jedhamee amanama.
b Saanduqa “Gaaffiiwwan Asteeriin Ilaalchisee Kaʼan” jedhuufi Boqonnaa 16rra jiru ilaali.
c Amaaleqonni warri “hafan” bara Hisqiyaas Mootichaatti waan balleeffamaniif Haamaan Amaaleqoota warra yeroo sanatti hafan keessaa tokko taʼuu qaba.—1 Sen. 4:43.
d Haamaan meetii makliitii 10,000 yeroo harʼaa doolaara Ameerikaa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu baasu kennuuf yaada dhiheesse. Ahashweros, akkuma jedhamu Zeersas Tokkoffaa yoo taʼe qarshiin Haamaan dhiheesse kun Ahashweros yaadasaa akka fudhatu isa godhee taʼuu dandaʼa. Zeersas waraana guddaa Giriikii wajjin godheefi kasaaraa guddaadhaaf isa saaxilee ture geggeessuuf qarshii hedduun isa barbaachisa ture.
e Zeersas Tokkoffaan nama dallanuufi garmalee dheekkamu taʼuudhaan beekama. Barreessaa seenaa Giriikii kan taʼe Herodotas lola Zeersas Giriikitti banerraa fakkeenya tokko tokko caqaseera. Mootiin kun qarqara galaanaa Helesipaantirratti markaboonni wal maddii dhaabamanii akka riqichaatti akka tajaajilan ajajee ture. Taʼus, yeroo obomboleettiin riqicha sana diige, Zeersas namoonni riqicha sana hojjetan mormisaanii akka kutamuufi namoonnisaa yeroo abaarsi sagalee guddaadhaan dubbifamu galaanicha rukutuudhaan Helesipaantiin akka “adaban” ajaje. Waaraanuma kanarratti namni sooressa taʼe tokko ilmisaa waraana dhaquu akka oolu yommuu isa kadhatu, akeekkachiisa akka taʼuuf jecha mucichi iddoo lamatti kutamee reeffisaa bakkeetti akka gatamu godheera.
-
-
Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii FudhatteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
BOQONNAA KUDHA JAʼA
Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti
1-3. (a) Asteer yommuu teessoo abbaa manaasheetti dhihaattu haallisaa maal fakkaata ture? (b) Mootichi Asteeriin kan simate akkamitti?
ASTEER suuta jettee teessoo mootichaatti yommuu dhihaattu lapheenshee garmalee rukutuu jalqabe. Mee yaadi! Manni mootummaa Faares inni guddaan Susaan keessatti argamu gabii guddaa qaba. Yeroo kanatti wanti Asteeritti dhagaʼamu sagalee yommuu suuta jettee deemtu kotteenshee dhageessisuufi uffanni mootuu taʼuushee argisiisu sokoksu qofadha. Manni mootummaa sun guddaa taʼuusaarrayyuu, utubaawwan mimmiidhaganiifi baaxiinsaa gaattiraa Libaanos isa biyya fagoodhaa dhufeen kan miidhagfame ture; taʼus Asteer yaannishee wantoota akkasiitiin akka hin hihhiramne gochuunshee barbaachisaadha. Nama teessicharra taaʼeefi akka ajjeefamtus taʼe akka ooltu murteessuu dandaʼurratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabdi.
2 Mootichi yommuu Asteer garasaatti dhihaattu xiyyeeffannaadhaan ilaalaa siiqqee warqeesaa isheetti qabe. Siiqqee kana itti qabuunsaa salphaa fakkaatus, Asteer utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaachuudhaan seera cabsuusheetiif dhiifama argachuushee kan argisiisu waan taʼeef lubbuushee duʼarraa kan oolchu ture. Asteer yommuu teessicha bira geessu kabajaan hiixattee fiixee siiqqee sanaa qabde.—As. 5:1, 2.
Asteer, mootichi ooʼa argisiisuusaatti gad of deebisuudhaan isa galateeffatteetti
3 Wanti waaʼee Ahashweros Mootichaa dubbatamu hundi inni qabeenya hedduufi aangoo guddaa akka qabu argisiisa. Uffanni mootonni Faares yeroo sana uffatan doolaara Ameerikaa miliyoona dhibbaan lakkaaʼamu akka baasu yaadama. Taʼus Asteer yeroo kanatti abbaan manaashee kun akka ishee jaallatu ijasaarraa hubachuu dandeesseetti. Mootichi, “Yaa Asteer mootittii, maal siif godhu? Maalis barbaadde? Walakkaa mootummaa kootii iyyuu yoo taʼe siif in kennama” jedheen.—As. 5:3.
4. Asteeriin haalawwan ulfaataa taʼan akkamiitu ishee eeggata?
4 Asteer yaalii sabashee guutummaatti balleessuuf godhamerraa isaan oolchuuf mooticha duratti dhihaachuudhaan amantiifi ija jabina guddaa akka qabdu argisiisteetti. Hamma ammaatti milkaaʼina kan argatte taʼus, ammayyuu wantoonni kana caalaa ulfaataa taʼan ishee eeggatu. Asteer, mootii of tuulaa kana gorsituunsaa inni isaaf amanamaa taʼe hamaa taʼuusaafi sabashee akka balleessu isa gowwoomsuusaa amansiisuu qabdi. Maarree, isa amansiisuu kan dandeessu akkamitti? Nutoo amantiisheerraa maal barachuu dandeenya?
‘Yeroo Itti Dubbattu’ Ogummaadhaan Filatteetti
5, 6. (a) Asteer seera buʼuuraa Lallaba 3:1, 7rra jiru hojiirra kan oolchite akkamitti? (b) Akkaataan Asteer abbaa manaasheetti itti dubbatte ogummaa qabaachuushee kan argisiisu akkamitti?
5 Asteer rakkina ishee mudate hunda namoota duratti mootichatti himuu qabdii? Yoo akkas goote mooticha salphisuufi Haamaan inni gorsituusaa taʼe himaticha falmuuf yeroo akka argatu gochuu dandaʼa. Kanaaf Asteer maal gochuu qabdi? Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe jaarraa hedduu dura hafuuraan geggeeffamee, “Wanti hundinuu yeroo qaba, . . . calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhee barreesseera. (Lal. 3:1, 7) Mordekaayi inni amanamaan akka abbaatti ishee guddise seera buʼuuraa akkasii ijoollummaasheetii kaasee ishee barsiisee taʼuu akka qabu yaaduu dandeenya. Asteer ‘yeroo itti dubbattu’ of eeggannoodhaan filachuun barbaachisaa taʼuusaa hubattee akka turte mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
6 Asteer, “Yaa mootii, jaalala kee yoo taʼe, harʼa nyaachisa ani siif qopheesse irratti Haamaanii wajjin anaaf argami” jetteen. (As. 5:4) Mootichi yaada kanarratti walii galuudhaan Haamaaniin waamsise. Asteer akkamitti ogummaadhaan akka dubbatte hubatteettaa? Akkas gochuudhaan ulfina abbaa manaashee kan eegde taʼuusaarrayyuu, wanta ishee yaaddesse isatti himuuf haala caalaatti mijataa taʼe uumteetti.—Fakkeenya 10:19 dubbisi.
7, 8. Nyaachisni Asteer jalqaba qopheessite maal fakkaata ture? Taʼus yeroo kanatti wanta ishee yaaddesse mootichatti himuurraa kan of qusatte maaliifi?
7 Asteer nyaachisa sanarratti wanta abbaan manaashee jaallatu hunda akka dhiheessite beekamaadha. Haalli nama gammachiisu akka uumamu gochuuf nyaachisa sanarratti wayinii gaariin dhihaateera. (Far. 104:15) Yeroo kanatti Ahashweros waan gammadeef, ammas Asteer maal akka barbaadde ishee gaafate. Ammahoo Asteer dubbachuu qabdii?
8 Asteer yeroo kanatti dubbachuun sirrii akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, mootichiifi Haamaan nyaachisa isheen yeroo lammataatiif guyyaa ittaanu qopheessiturratti akka argaman afeerte. (As. 5:7, 8) Asteer hanga ammaatti kan turte maaliifi? Sabnishee hundi labsii mootichi baaseen dhumuuf akka jedhan yaadadhu. Asteer yeroo sirrii taʼetti tarkaanfii fudhachuu baannaan, namoonni baayʼeen ajjeefamuu dandaʼu. Kanaaf, hanga carraa gara biraa argattutti eeguudhaan abbaa manaasheetiif ulfina guddaa akka kennitu argisiisuu barbaadde.
9. Obsi faayidaa akkamii qaba? Gama kanaan fakkeenya Asteer hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Obsi amala namoonni baayʼeen hin qabneefi iddoo guddaa qabudha. Asteer baayʼee kan dhiphatteefi mootichatti himuu kan barbaadde taʼus, haala mijaaʼaa argachuuf obsaan eegdeetti. Nutis yeroo baayʼee wantoota sirreeffamuu qaban waan arginuuf, fakkeenyasheerraa waan hedduu barachuu dandeenya. Namni aangoo qabu tokko dogoggora tokko akka sirreessu amansiisuu yoo barbaanne, fakkeenya Asteer hordofuudhaan obsa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Fakkeenyi 25:15, “Namni obsa-qabeessi bulchaa biyyaa garaa in laaffifata, namni arraba toles lafee nama in cabsa” jedha. Akkuma Asteer yeroo sirrii taʼettiifi arraba laafaadhaan kan dubbannu yoo taʼe, mormii akka lafee jabaa taʼellee cabsuu dandeenya. Maarree Asteer obsaafi ogummaa qabaachuusheetti Waaqnishee Yihowaan ishee eebbiseeraa?
Obsi Murtoo Sirrii Argachuuf Gargaara
10, 11. Haamaan nyaachisa guyyaa jalqabaarratti erga argamee booda kan gammade maaliifi? Haati manaasaafi michoonnisaa maal akka godhu isa gorsan?
10 Asteer obsa qabaachuunshee wantoonni gurguddaan akka raawwataman godheera. Haamaan nyaachisa guyyaa jalqabaa sana booda, mootichiifi Asteer iddoo guddaa akka isaaf kennan waan itti dhagaʼameef, “gammadee yaadni isaas itti tolee” ture. Haataʼu malee, Haamaan balbala mana mootummaa dura yommuu darbu Mordekaayi inni Yihudiin ammayyuu akka isaaf hin sagadne arge. Mataduree darberratti, Mordekaayi sagaduu kan dide waan isa tuffateef utuu hin taʼin, yaada garaa qulqulluu qabaachuufi hariiroo Yihowaa wajjin qabu eeguu waan barbaadeef akka taʼe ilaallee turre. Taʼus Haamaan yeruma sana “aaree bobaʼe.”—As. 5:9.
11 Haamaan dhimma kana haadha manaasaafi michootasaatti yommuu himu, muka meetira 22 dheeratu qopheessuudhaan mooticha heyyama gaafatee Mordekaayiin akka irratti fannisu isa gorsan. Haamaanis gorsa kana fudhatee yeruma sana namni tokko mukicha akka qopheessu ajaje.—As. 5:12-14.
12. Mootichi galmeen seenaa mootummaa akka isaaf dubbifamu kan godhe maaliifi? Kunoo maal akka hubatu isa godheera?
12 Taʼus, halkan sana mooticha haala adda taʼe tokkotu isa mudate. Macaafni Qulqulluun, ‘mooticharraa hirribni akka badeefi’ sagalee ol fuudhanii galmee seenaa Mootummaa akka isaaf dubbisan ajajuusaa ibsa. Seenaan isaaf dubbifamu sun Ahashwerosiin ajjeesuuf yaadamee akka tures kan dabalatudha. Mootichi dhimma sana, jechuunis namoonni ajjeechaa raawwachuuf jedhan qabamanii ajjeefamuusaanii yaadate. Haataʼu malee, Mordekaayi inni yaalii godhame kana saaxilehoo? Yeroo kanatti mootichi Mordekaayiif maaltu akka godhame gaafate. Deebiinsaa maal ture? Homtuu akka hin godhamneef kan ibsu ture.—Asteer 6:1-3 dubbisi.
13, 14. (a) Haalli Haamaan gara gadheetti kan jijjiirame akkamitti? (b) Haati manaasaafi michoonnisaa maal jedhaniin?
13 Mootichi baayʼee aaree dogoggora kana sirreessuu waan barbaadeef, hojjettootasaa keessaa naannoo sana kan jiru eenyu akka taʼe gaafate. Haamaan Mordekaayiin ajjeesuuf heyyama gaafachuuf taʼuu hin oolu, nama hundumaa dura ganama bariidhaan dhaqee kellaa mootichaa keessa dhaabachaa jira. Taʼus mootichi, Haamaan heyyama kana gaafachuusaa dura, ‘Nama mootichi kabajuuf maaltu godhama?’ jedhee isa gaafate. Haamaan mootichi anumaan jechaa jira jedhee yaade. Kanaaf Haamaan, nama sana kabajuuf, uffata mootummaa akka itti uwwisan, hojjettoonni mootichaa aangoo guddaa qaban farda mootichaarra kaaʼanii Susaan keessa akka isa naannessaniifi namni hundi akka dhagaʼuuf ulfina namichaa sagalee guddaadhaan akka labsan yaada dhiheesse. Haamaan namni kabajamuuf jedhu kun Mordekaayi taʼuusaa yommuu beeku fuullisaa hangam akka gurrachaʼe yaadi. Kana malees, mootichi ulfina Mordekaayi akka labsuuf eenyuun ajaje? Kan nama dhibu Haamaaniin ajaje!—As. 6:4-10.
14 Haamaan wanta isaaf yaadame namni gara biraan fudhachuusaatti haaloo qabatee gaddaan fiigee gara manasaatti gale. Haati manaafi michoonnisaa yeroo kanatti jijjiiramni kun wanti hamaan akka Haamaanitti dhufu kan argisiisuufi yaaliin inni Mordekaayiin ajjeesuuf godhe akka isaaf hin milkoofne dubbatan.—As. 6:12, 13.
15. (a) Obsi Asteer buʼaa akkamii argamsiise? (b) Obsaan ‘eeggachuun’ keenya ogummaa kan taʼe maaliifi?
15 Asteer gaaffiishee mootichatti dhiheessuuf guyyaa dabalataa tokko obsaan eeggachaa yeroo turtetti, Haamaanimmoo wanta kufaatiisaatiif taʼu raawwachaa ture. Kana malees, mootichi hirriba akka dhabu kan godhe Yihowaa taʼuu dandaʼa. (Fak. 21:1) Kanaaf, dubbiin Waaqayyoo obsaan akka ‘eeggannu’ nu jajjabeessuunsaa sirriidha. (Miikiyaas 7:7 dubbisi.) Waaqayyoon kan eeggannu yoo taʼe, furmaanni inni rakkina keenyaaf kennu isa nuyi yaannurra baayʼee akka caalu hubachuu dandeenya.
Ija Jabinaan Dubbatteetti
16, 17. (a) Asteer ‘yeroon itti dubbachuu’ qabdu yoom ture? (b) Asteer, haadha manaa mootichaa ishee duraanii Waashtiirraa adda kan turte akkamitti?
16 Asteer kana caalaa obsa mootichaa ficcisiisuu waan hin qabneef, nyaachisa guyyaa lammataa kanarratti waan hunda itti himuu qabdi. Haataʼu malee akkamitti itti himuu dandeessi? Nyaachisa sanarratti mootichi yeroo lammataatiif maal akka barbaadde gaafachuudhaan carraa isheedhaaf kenne. (As. 7:2) Asteer ‘yeroon itti dubbachuu’ qabdu ammadha.
17 Asteer yaada armaan gadii dubbachuushee dura garaasheetti kadhannaa akka dhiheessite tilmaamuu dandeenya. Achiis, “Yaa mootii, fuula kee duratti faara tolaadhaan ilaalamee yoon jiraadhe, si mootichatti yoo toles, anii fi qomoon koo duʼa oollee akka jiraannuuf sin kadhadha” jetteen. (As. 7:3) Asteer murtoo mootichi murteessu kamiyyuu akka fudhattu isatti himuushee hubadhu. Asteer, Waashtii haadha manaa mootichaa ishee duraanii, taʼe jettee abbaa manaashee salphisterraa baayʼee adda turte. (As. 1:10-12) Kana malees, mootichi gowwummaadhaan Haamaaniin amanuusaatiif isa hin ceephaane. Kanaa mannaa, mootichi duʼarraa akka ishee oolchu kadhatte.
18. Asteer rakkinicha mootichatti kan himte akkamitti?
18 Gaaffiin kun mooticha baayʼee ajaaʼibsiisee akka ture hin shakkisiisu. Namni haadha manaasaa kana ajjeesuuf ija jabaate kun eenyudha? Asteer itti dabaluudhaan, “Utuu nuyi dhiiraa fi dubartiidhaan garbummaa duwwaatti gurguramneerra taʼe, kun hammuma kanatti mooticha waan hin miineef, ani hin dubbadhun ture; amma garuu anii fi qomoon koo ajjeefamnee, balleeffamnee, akka barbadeeffamnuuf dabarfamnee gurguramneerra” jetteen. (As. 7:4) Asteer rakkinicha ifatti kan saaxilte taʼus, dhimmi kun waaʼee garbummaatti gurguramuu qofaa utuu taʼee akka hin dubbanne caqasuushee hubadhu. Haataʼu malee, ajjeechaa sanyii tokko balleessuuf yaadame kana callisee dhiisuunsaa mooticharrattiyyuu miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.
19. Mala namoota ittiin amansiisan ilaalchisee Asteerirraa maal barachuu dandeenya?
19 Fakkeenyi Asteer mala itti namoota amansiisan ilaalchisee waan hedduu nu barsiisa. Rakkina cimaa tokko, nama jaallattu ykn nama aangoo qabutti himuu yoo barbaadde, obsaafi kabaja qabaachuu, akkasumas ifatti dubbachuunkee baayʼee si gargaaruu dandaʼa.—Fak. 16:21, 23.
20, 21. (a) Akkaataan Asteer Haamaaniin itti saaxilte, mootichi tarkaanfii maalii akka fudhatu isa kakaase? (b) Haamaan hamaa taʼuunsaa yommuu saaxilamu maal godhe?
20 Ahashweros, “Namichi kana gochuudhaaf ija jabaatu kun eenyu inni? Amma eessa jira?” jedhee gaafate. Asteer qubashee itti qabdee, “Diinni keenya inni nu jibbu ‘Haamaan’ isa hamaa kana” yommuu jettu sitti haa mulʼatu. Himanni cimaan kun yommuu isarratti dhihaatu Haamaan maaltu itti dhagaʼame? Naʼee hollate. Mootiin dafee aaruu kun gorsituunsaa isa gowwoomsee haadha manaasaa ishee jaallatamtuu ajjeesisuuf akka isa mallatteessise beekee yommuu fuullisaa barbadaa ibiddaa fakkaatu sitti haa mulʼatu. Kanaaf, mootichi of tasgabbeessuuf saffisaan gara iddoo dhaabaa deeme.—As. 7:5-7.
Asteer hammina Haamaan ija jabinaan saaxilteetti
21 Haamaan gochisaa waan saaxilameef, garmalee sodaatee miilla Asteer mootittii jalatti lafa dhaʼe. Mootichi deebiʼee dhufee Haamaan siree Asteerirratti gombifamee ishee kadhachaa utuu jiruu yommuu argu, manumasaa keessatti mootittii gudeeduuf yaalii gochaa akka jiru aariidhaan dubbate. Kana jechuunsaa Haamaan ajjeefamuu qaba jechuusaa ture. Yeruma sana fuulasaa haguuganii achii isa fuudhanii baʼan. Yeroo kanatti hojjettoota mootichaa keessaa tokko Haamaan, Mordekaayiin irratti fannisuuf muka guddaa tokko qopheessuusaa mootichatti hime. Ahashweros yeruma sana Haamaan mukicharratti akka fannifamu ajaje.—As. 7:8-10.
22. Fakkeenyi Asteer matumaa abdii kutachuu, shakkuufi amantii keenya laaffisuu akka hin qabne kan nu barsiisu akkamitti?
22 Yeroo harʼaa addunyaa jalʼaa taʼe keessa waan jiraannuuf, murtoo sirriin yommuu raawwatamu hin arginu. Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Asteer matumaa abdii hin kutanne, hin shakkine, akkasumas amantiishee hin laaffisne. Yeroosaatti wanta sirrii taʼe ija jabinaan kan dubbatte siʼa taʼu, isa hafemmoo Yihowaan akka raawwatu amanuudhaan isaaf dhiisteetti. Nutis akkasuma haa goonu. Yihowaan harʼas hin jijjiiramne. Akkuma Haamaaniin godhe harʼas, jalʼootaafi hamoota kiyyoo ofiisaanii qopheessan keessa akka galan gochuu ni dandaʼa.—Faarfannaa 7:11-16 dubbisi.
Yihowaafi Sabasheetiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti
23. (a) Mootichi Asteeriifi Mordekaayiin kan kiise akkamitti? (b) Raajiin Yaaqoob yommuu duʼuuf jedhe Beniyaamiin ilaalchisee dubbate kan raawwatame akkamitti? (Saanduqa “Raajii Raawwiisaa Argate” jedhu ilaali.)
23 Dhumarratti mootichi, Mordekaayi nama isa ajjeesuuf yaadamuusaa saaxile qofa utuu hin taʼin, nama Asteeriin akka abbaatti guddise taʼuusaas ni hubate. Ahashweros bakka Haamaan Mordekaayiin muummicha ministeeraa godhee muude. Achiis mootichi qabeenyasaa dabalatee mana Haaman Asteeriif kan kenne siʼa taʼu, isheenis Mordekaayiin irratti muudde.—As. 8:1, 2.
24, 25. (a) Asteer erga yaaliin Haamaan fashalaaʼee booda callistee taaʼuu kan hin qabne maaliifi? (b) Asteer yeroo lammataatiif lubbuushee balaadhaaf kan saaxilte akkamitti?
24 Amma Asteeriifi Mordekaayi badiisarraa waan oolaniif, mootittiin callistee taʼuu qabdii? Kana kan gootu ofittoo yoo taate qofadha. Yeroo kanatti labsiin Haamaan Yihudoota hunda ajjeesuuf baase guutummaa biyyichaa waliin gaʼee ture. Haamaan yeroo itti ajjeechaa kana raawwatu beekuuf, muka (hixaa) Fur jedhamuufi guyyaa mijataa taʼe beekuuf gargaaru buufateera. Mukichi gocha hafuurota xuraaʼoo wajjin walitti dhufeenya akka qabu haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. (As. 9:24-26) Guyyaan kun gaʼuuf jiʼoonni hedduun kan hafan taʼus saffisaan dhihaachaa jira. Taʼus ajjeechaan kun hafuu dandaʼaa?
25 Asteer ammas lubbuushee balaadhaaf saaxiluudhaan utuu hin waamamin mooticha duratti dhihaatte. Yeroo kanatti imimmaanshee dhangalaastee abbaan manaashee labsii sabashee ficcisiisuuf baafame kana akka hambisu isa kadhatte. Haataʼu malee, seerri maqaa mootota Faaresiin baʼe hafuu hin dandaʼu. (Dan. 6:12, 15) Kanaaf mootichi seera haaraa akka baasan Asteeriifi Mordekaayiif aangoo kenne. Kanaan kan kaʼes, labsiin Yihudoonni diinotasaanii ofirraa ittisuuf mirga akka qaban ibsu baʼee iddoo hundaatti ergame. Namoonni misiraachoo kana Yihudootaaf geessan fardeen saffisa qabaniin kallattii hundatti ergaman. Amma Yihudoonni hedduun abdii argatan. (As. 8:3-16) Yihudoonni mootummaa balʼaa kana keessaa jiran, wanta utuu labsii haaraan kun hin baane taʼee matumaa hin yaanne, jechuunis meeshaa waraanaa hidhatanii lolaaf yommuu qophaaʼan yaaduu dandeenya. Hunda caalaammoo ‘Waaqayyo gooftaan maccaa’ sabasaa wajjin jira mitii?—1 Sam. 17:45.
Asteeriifi Mordekaayi Yihudoota mootummaa Faares keessa jiran hundatti labsii ergan
26, 27. (a) Injifannoon Yihowaan sabasaatiif kenne hangam guddaa ture? (b) Ilmaan Haamaan ajjeefamuusaaniitti raajii isa kamtu raawwatame?
26 Dhumarratti guyyaan filatame sun yommuu gaʼu, sabni Waaqayyoo qophaaʼanii turan. Amma Mordekaayi inni Yihudiin muummicha ministeeraa taʼuunsaa balʼinaan waan beekameef, abbootiin taayitaa hedduunillee Yihudoota cina dhaabataniiru. Yihowaan sabasaatiif injifannoo guddaa kenneera. Diinonnisaanii deebiʼanii miidhaa akka isaanirraan hin geessisnetti guutummaatti akka badan gochuudhaan isaan eegeera.a—As. 9:1-6.
27 Kana malees, ilmaan Haamaan isa hamaa sanaa kurnan utuu lubbuudhaan jiranii Mordekaayi nagaadhaan mana Haamaan bulchuu hin dandaʼu. Kanaaf isaanis ni ajjeefaman. (As. 9:7-10) Kanaan kan kaʼes, raajiin Macaafa Qulqulluu Amaaleqoonni hamoon diina saba Waaqayyoo taʼan guutummaatti akka balleeffaman dursee dubbatame ni raawwatame. (Kes. 25:17-19) Ilmaan Haamaan saba duuti itti murteeffame keessaa warra dhumaa taʼuu hin oolan.
28, 29. (a) Asteeriifi sabnishee waraanarratti hirmaachuunsaanii fedha Yihowaa kan ture maaliifi? (b) Yeroo harʼaa Asteer fakkeenya nuu taʼuunshee eebba kan nuu taʼu maaliifi?
28 Asteer dargaggeettii taatus, labsii waraanaafi ajjeechaa ilaallatu akka baastu itti gaafatamummaa guddaa isheedhaaf kenname raawwatteetti. Kun salphaa hin turre. Haataʼu malee, Yihowaan Masiihiin abdachiifameefi ilmaan namootaa hunda oolchu karaasaanii waan dhufuuf, sabnisaa badiisarraa eegumsa argachuu akka qaban barbaada ture. (Uma. 22:18) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran Yesus inni Masiihii taʼe yommuu gara lafaa dhufe, duuka buutonnisaa yeroo sanaa kaasee waraanarratti akka hin hirmaanne dhowwuusaa beekuun isaan gammachiisa.—Mat. 26:52.
29 Haataʼu malee, Seexanni amantii Yihowaarratti qabnu balleessuuf yoomiyyuu caalaa waan hawwuuf, Kiristiyaanonni waraana hafuuraarra jiru. (2 Qorontos 10:3, 4 dubbisi.) Gama kanaan Asteer fakkeenya nuu taʼuunshee eebba guddaa mitii? Akkumashee ogummaafi obsaan amansiisuu, ija jabina qabaachuufi ofii keenya caalaa saba Waaqayyootiif yaaduudhaan amantii akka qabnu haa argisiisnu.
a Mootichi Yihudoonni diinotasaanii akka balleessaniif guyyaa dabalataa tokko isaaniif kenne. (As. 9:12-14) Yihudoonni injifannoo jiʼa Adaar isa yeroo ammaa dhuma Guraandhalaafi jalqaba Bitootessaarraa oolu kana yeroo harʼaallee ni kabaju. Ayyaanni kun guyyaa Haamaan Israaʼeloota balleessuuf muka buufaterratti waan hundaaʼeef Furiim jedhamee beekama.
-