LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 12 ful. 26-27
  • Ilmi Obboleettii Phaawulos Ija Jabeessa Ture

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ilmi Obboleettii Phaawulos Ija Jabeessa Ture
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Yihowaan Gargaaraa Keessan Waan Taʼeef Ija Jabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • ‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Nama Ija Jabeessa Ta’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 12 ful. 26-27
Ilmi Obboleettii Phaawulos ajajaa loltootaatti dubbachaa jira

BARUMSA 12

Ilmi Obboleettii Phaawulos Ija Jabeessa Ture

Mee waaʼee dargaggeessa lubbuu eessumasaa oolche tokkoo haa barannu. Eessumni dargaggeessa kanaa Phaawulosidha. Maqaa dargaggeessa kanaa hin beeknu; garuu wanta ija jabina guddaa gaafatu akka godhe beekna. Dargaggeessi kun maal akka godhe beekuu barbaaddaa?—

Phaawulos Yerusaalemitti hidhamee ture. Waaʼee Yesus waan lallabeef hidhame. Namoonni hamoon tokko tokko Phaawulosiin waan jibbaniif akkas jedhanii waan hamaa mariʼatan: ‘Ajajaan loltootaa, loltoonnisaa Phaawulosiin gara mana murtiitti akka fidan akka godhu isa haa gaafannu. Achiis karaarra dhokannee yeroo Phaawulos darbu isa ajjeesna.’

Phaawulos inni hidhamee ture ilmi obboleettii isaa irraa oduu dhaga’e

Ilmi obboleettii Phaawulos, akeeka hamaa dhagaʼe Phaawulosiifi ajajaa loltootaatti hime

Ilmi obboleettii Phaawulos wanta isaan mariʼatan dhagaʼe. Maal godheree? Gara mana hidhaa dhaqee wanta kana Phaawulositti hime. Phaawulos yeruma sana, mucichi gara ajajaa loltootaa dhaqee waaʼee akeeka namoota kanaa akka isatti himu isa erge. Ilma obboleettii Phaawulosiif wanta kana ajajaa sanatti himuun salphaa waan ture sitti fakkaataa?— Ajajaan sun bakka guddaa waan qabuuf kana gochuun salphaa hin turre. Mucichi garuu ija jabeessa waan taʼeef ajajaa sanatti himeera.

Ajajaan sun maal gochuu akka qabu beeka ture. Loltoonni 500 taʼan Phaawulosiin akka eeganiifi halkan sana gara Qiisaariyaatti akka isa geessan ajaje. Phaawulos utuu homaa hin taʼin achi gaʼee?— Eeyyee, namoonni hamoon sun isa miidhuu hin dandeenye! Akeeknisaanii inni gadheen hin milkoofne.

Seenaa kanarraa maal baratta?— Atis akkuma ilma obboleettii Phaawulos ija jabeessa taʼuu dandeessa. Waaʼee Yihowaa warra kaanitti ennaa himnu ija jabeeyyii taʼuu nu barbaachisa. Ija jabinaan waaʼee Yihowaa dubbachuukee itti fuftaa?— Yoo akkas goote, lubbuu namootaa oolchuu dandeessa.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Hojii Ergamootaa 23:12-24

  • Maatewos 24:14; 28:18-20

  • 1 Ximotewos 4:16

GAAFFII:

  • Namoonni hamoon Phaawulosiin maal gochuuf mariʼatanii turan?

  • Ilmi obboleettii Phaawulos maal godhe? Akkas gochuun ija jabina kan gaafatu maaliifi?

  • Akka ilma obboleettii Phaawulos ija jabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi