Ibsa Dabalataa
1. Baabilon Guddittiin Eenyu?
‘Baabilon Guddittiin’ amantaa sobaa hunda akka argisiistu akkamitti beekna? (Mulʼata 17:5) Yaadawwan armaan gadii ilaali:
Addunyaa maratti sochii gooti. Baabilon Guddittiin ‘uummata hedduu fi saboota’ irra teessee akka jirtu ibsameera. “Mootota lafaa irratti mootummaa” qabdi.—Mulʼata 17:15, 18.
Humna siyaasaa ykn dhaabbata daldalaa miti. “Mootonni lafaa” fi “daldaltoonni” yeroo Baabilon Guddittiin baddutti hin balleeffaman.—Mulʼata 18:9, 15.
Waaqayyoon bakka buʼuu hin dandeessu. Maallaqa ykn faayidaa kan biraa argachuuf mootummootaa wajjin hariiroo waan uumteef sagaagaltuu jedhamteetti. (Mulʼata 17:1, 2) Saboota hundumaa ni gowwoomsiti. Duʼa namoota hedduutiifis itti gaafatamti.—Mulʼata 18:23, 24.
Gara barumsa 13ffaa qabxii 6ffaatti deebiʼi
2. Masiihichi kan Mulʼate Yoomi?
Kitaabni Qulqulluun Masiihichi dhufuu isaa dura torbeen 69 akka darbu raajii dubbateera.—Daaniʼel 9:25 dubbisi.
Torbeen 69 yoom jalqabe? Dhaloota Kiristoos Dura bara 455 jalqabe. Yeroo sanatti Nahimiyaan inni Bulchaa ture, Yerusaalemiin ‘iddoo ishiitti deebisuu fi deebisee ijaaruuf’ gara magaalattiitti deebiʼe.—Daaniʼel 9:25; Nahimiyaa 2:1, 5-8.
Torbeen 69 hangam dheerata? Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko keessatti guyyaan tokko waggaa tokko argisiisa. (Lakkoofsa 14:34; Hisqiʼel 4:6) Tokkoon tokkoon torbee kanaa waggaa torba argisiisa. Kanaafuu, raajii kana keessatti torbeen 69 waggaa 483 (torbee 69 x guyyaa 7) taʼa jechuu dha.
Torbeen 69 yoom xumurame? Dhaloota Kiristoos Dura bara 455 irraa kaasnee waggaa 483 yoo lakkoofne Dh.K.B. bara 29 irra geenya.a Waggaan kun immoo yeroo itti Yesuus cuuphamee fi Masiihicha taʼe dha!—Luqaas 3:1, 2, 21, 22.
Gara barumsa 15ffaa qabxii 5ffaatti deebiʼi
3. Yaalii Fayyaa Dhiigatti Fayyadamuu Gaafatu
Yaaliiwwan fayyaa dhiiga nama dhukkubsate sanaatti fayyadamuu gaafatan jiru. Isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanota biratti fudhatama hin qaban. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhiiga isaanii kennu. Yookiin dhiiga isaanii kuusuudhaan yeroo muraasa booda yeroo yaalii baqaqsanii hodhuutti itti fayyadamu. Kiristiyaanonni garuu akkas hin godhan.—Keessa Deebii 15:23.
Haa taʼu malee, malawwan yaalii fayyaa kan biroon fudhatama qabaachuu dandaʼu. Kunis qorannoo dhiigaa, hiimoodaayaalisisii, hiimoodaayiluushinii ykn seel saalveejii ykn maashinii akka onnee fi sombaatti gargaarutti fayyadamuu dabalata.b Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa yeroo baqaqsanii hodhuu, qorannaa fayyaa ykn yaalii fayyaa kan biraatti dhiigni isaa akkamitti akka faayidaa irra oolu murteessuu qaba. Karaan doktaroonni malawwan yaalii fayyaa kana hojii irra itti oolchan hamma tokko garaa garummaa qabaachuu dandaʼa. Kanaafuu, Kiristiyaanni tokko yaalii baqaqsanii hodhuu, qorannaa fayyaa ykn yaalii fayyaa kan biraa fudhachuu isaa dura dhiigni isaa akkamitti akka faayidaa irra oolu beekuu qaba. Gaaffiiwwan armaan gadii irratti yaadi:
Dhiigni koo muraasni qaama koo keessaa yoo baʼee fi dhangalaʼuun isaa yeroo muraasaaf illee akka addaan citu yoo godhame maal gochuun qaba? Dhiigni sun amma iyyuu qaama koo keessa akka jiruu fi ‘lafa irratti dhangalaafamuun’ akka isa hin barbaachisne godhee akkan ilaalu qalbiin koo naaf heyyamaa?—Keessa Deebii 12:23, 24.
Yeroo yaaliin fayyaa godhamutti, dhiigni koo muraasni waraabamee, jijjiiramni erga irratti godhamee booda kallattiidhaan gara dhagna kootti akka deebiʼu yoo godhame maal gochuun qaba? Qalbiin koo inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe na jeeqa moo yaalii fayyaa kana akkan fudhadhu naaf heyyama?
Gara barumsa 39ffaa qabxii 3ffaatti deebiʼi
4. Gargar Baʼuu
Dubbiin Waaqayyoo hiriyoonni gaaʼelaa akka gargar baʼan hin jajjabeessu; akkasumas gargar baʼuun isaanii deebiʼanii gaaʼela godhachuuf akka isaaniif hin heyyamne ifa godha. (1 Qorontos 7:10, 11) Haa taʼu malee, haalawwan Kiristiyaanonni tokko tokko gargar baʼuuf akka murteessan isaan taasisan tokko tokko jiru.
Taʼe jedhanii gargaarsa gochuu dhiisuu: Abbaan manaa tokko hanga maatichi wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan dhabutti wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu yoo dide.—1 Ximotewos 5:8.
Miidhaa qaamaa cimaa geessisuu: Fayyaan ykn lubbuun isaanii balaadhaaf hanga saaxilamutti hiriyaan gaaʼelaa inni tokko miidhaan qaamaa yoo irra gaʼe.—Galaatiyaa 5:19-21.
Hariiroo namni tokko Yihowaa wajjin qabu guutummaatti balaadhaaf saaxiluu: Abbaan manaa ykn haati manaa tokko hiriyaan gaaʼelaa isaanii Yihowaa akka hin tajaajille yoo dhorke.—Hojii Ergamootaa 5:29.
5. Ayyaanota
Kiristiyaanonni ayyaanota Yihowaa hin gammachiisne irratti hin hirmaatan. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni hundi haalawwan ayyaanota akkasii irratti isaan mudatan ilaalchisee maal gochuu akka qaban murteessuuf qalbii isaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu qabu. Mee fakkeenyawwan muraasa ilaali.
Namni tokko ‘Baga ittiin si gaʼe’ yommuu jedhu. Yeroo kanatti “Galatoomi” jettee deebisuufii dandeessa. Namni sun caalaatti beekuu yoo barbaade immoo, ayyaana sana maaliif akka hin kabajne isaaf ibsuu dandeessa.
Hiriyaan gaaʼelaa kee inni Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane, guyyaa ayyaanaatti firoota isaa wajjin affeerrii nyaataa irratti akka argamtu yoo si gaafate. Qalbiin kee akka deemtu yoo siif heyyame, affeerraa nyaataa sana irratti gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne kan raawwataman yoo taʼe akka irratti hin hirmaanne dursitee itti himuu qabda.
Hogganaan kee tibba guyyaa ayyaanaatti maallaqa dabalataa yoo sii kenne. Maallaqa dabalataa kana diduu qabdaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Hogganaan kee maallaqa dabalataa kana kutaa ayyaanichaa akka taʼetti moo karaa itti hojii gaarii ati hojjettuuf dinqisiifannaa qabu argisiisu akka taʼetti ilaala?
Namni tokko tibba guyyaa ayyaanaatti kennaa yoo sii kenne. Namni kennaa sii kenne sun, “Ayyaanicha akka hin kabajne beeka, garuu kana sii kennuun barbaade” siin jedha taʼa. Tarii namni kun kennaa kana kan siif kenne gaarummaa sitti argisiisuuf jedhee ti taʼa. Gama biraatiin immoo, namni sun amantii kee qoruuf ykn ayyaanicha akka kabajju gochuuf yaalaa akka jiru wanti argisiisu jiraa? Wantoota kana irratti erga yaaddee booda, kennaa sana fudhachuun ykn dhiisuun murtoo kee ti. Murtoo goonu hundumaa irratti, qalbii qulqulluu qabaachuu fi Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu barbaanna.—Hojii Ergamootaa 23:1.
Gara barumsa 44ffaa qabxii 1ffaatti deebiʼi
6. Dhukkuboota Daddarboo
Namoota waan jaallannuuf, dhukkuboota daddarboo warra kaanitti akka hin dabarsineef baayʼee of eegganna. Dhukkuba daddarbaadhaan yoo qabamne ykn akka qabamne yoo shakkines warra kaanitti akka hin dabarsineef baayʼee of eegganna. Kana kan goonu Kitaabni Qulqulluun, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhee waan ajajuufi.—Roomaa 13:8-10.
Namni dhukkuba daddarbaadhaan qabame tokko warra kaaniif jaalala akkasii akka qabu argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Namni kun namoota hammachuu ykn dhungachuu irraa of qusachuu qaba. Namni tokko maatii isaatiif eegumsa gochuuf jecha mana isaatti isa affeeruu yoo dhiise mufachuu hin qabu. Cuuphamuu isaa duras namoota cuuphaman kaaniif eegumsa gochuuf, qophiin akka godhamuuf haala isaa qindeessaa qaama jaarsoliitti beeksisuu qaba. Namni dhukkuba daddarbaadhaaf saaxilamee taʼuu dandaʼu tokko gaaʼelaaf wal qorachuu jalqabuu isaa dura, fedhii isaatiin qorannoo dhiigaa gochuu qaba. Akkas gochuudhaan gorsa, “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedhu hojii irra oolchuu dandeessa.—Filiphisiyus 2:4.
Gara barumsa 56ffaa qabxii 2ffaatti deebiʼi
7. Dhimmoota Daldalaa fi Seeraa Wajjin Wal Qabatan
Kiristiyaana tokkoo wajjin yoo taʼe illee, walii galteewwan dhimmoota maallaqaa fi daldalaa wajjin wal qabatan barreessuudhaan rakkoowwan uumaman hedduu hambisuu dandeenya. (Ermiyaas 32:9-12) Taʼus, Kiristiyaanonni yeroo tokko tokko maallaqa ykn dhimmoota kan biroo irratti walitti buʼuu dandaʼu. Walitti buʼiinsa akkasii kophaa isaanii dafanii karaa nagaa qabuun hiikuu qabu.
Haa taʼu malee, dhimmoota ciccimoo akka gowwoomsaa ykn maqaa balleessuu jiran akkamitti hiikuu qabna? (Maatewos 18:15-17 dubbisi.) Yesuus tarkaanfii fudhachuu qabnu sadii ibseera:
Dhimmicha ofuma keessaniin furuuf yaalaa.—Lakkoofsa 15 ilaali.
Kun yoo taʼuu baate, gumii keessaa nama muuxannoo qabu tokko ykn lama fudhadhuu dhaqi.—Lakkoofsa 16 ilaali.
Jaarsolii gumii bira dhaquu kan qabdu, dhimmichi ammas yoo furamuu baate qofa dha.—Lakkoofsa 17 ilaali.
Yeroo baayʼee garuu maqaa Yihowaa fi gumii irratti arrabsoo fiduu waan dandaʼuuf, obboloota keenya mana murtiitti dhiheessuu hin qabnu. (1 Qorontos 6:1-8) Haa taʼu malee, wal hiikuu, mirga ijoollee guddisuu, maallaqa erga wal hiikanii booda ijoollee guddisuuf kennamu murteessuu, kaffaltii inshuraansii gaafachuu, kasaaraa ykn dhaamsa dhaalaa dabalatee dhimmoonni tokko tokko mana murtiitti ilaalamuu qabu. Kiristiyaanni tokko hamma isaaf dandaʼametti dhimma tokko karaa nagaatiin hiikuuf mana murtiitti yoo fayyadame gorsa Kitaaba Qulqulluu cabseera jechuu miti.
Yakki cimaan akka dirqisiisanii gudeeduu, ijoollee irratti miidhaa saalaa geessisuu, reebicha, hanna cimaa ykn ajjeechaa jiran erga raawwatamee booda, Kiristiyaanni tokko abbootii taayitaatti yoo gabaasa godhe gorsa Kitaaba Qulqulluu cabseera jechuu miti.
a Dhaloota Kiristoos Dura bara 455 kaasnee hanga Dh.K.D. bara 1tti yoo lakkoofne waggaa 454 taʼa. Dhaloota Kiristoos Dura bara 1 hanga Dh.K.B. bara 1tti immoo (waggaan zeeroo jedhamu waan hin jirreef) waggaa tokko taʼa. Kanaafuu, Dh.K.B. bara 1 kaasnee hamma Dh.K.B. bara 29tti yoo lakkoofne waggaa 28 taʼa. Kunis walumaa galatti waggaa 483 taʼa.
b Malawwan yaalii fayyaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2000 irra jiru ilaali.