LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bh ful. 198-ful. 199 key. 2
  • Raajiin Daani’el Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajiin Daani’el Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?
  • Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Raajiin Daaniʼel Yeroo Masiihichi Itti Dhufu Dursee Dubbateera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Raajiin Booji’ame Tokko, Waa’ee Gara Fuulduraa Mul’ata Arge
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Macaafni Qulqulluun Waaʼee Gara Fuulduraa Ni Dubbataa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
bh ful. 198-ful. 199 key. 2

KUTAA DABALATAA

Raajiin Daani’el Dhufaatii Masiihichaa Dursee Kan Dubbate Akkamitti?

DAANI’EL raajichi kan jiraate Yesus utuu hin dhalatin waggoota 500 ta’an dura ture. Haata’u malee, Yihowaan yeroo sirrii Yesus Masiihii ykn Kiristos ta’ee itti dibamu ykn muudamu akka baruu danda’uuf Daani’eliif odeeffannoo barbaachisaa ta’e kennee ture. Daani’elitti akkas jedhamee himamee ture: “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba’ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba si’a torba in ta’a.  . . Waggaa torba si’a jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti.”​—Daani’el 9:25.

Geggeessituun ykn Masiihichi yeroo inni itti mul’atu adda baasnee baruuf, jalqaba barri gara Masiihichaatti nu geessu yoom akka jalqabe beekuu nu barbaachisa. Akka raajicharratti ibsametti barri ykn yeroon kun kan jalqabu, “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba’ee jalqabeeti.” ‘Abboommiin kan ba’e’ yoomi? Barreessaa Macaafa Qulqulluu kan ta’e Nahimiiyaan akka ibsetti masaraawwan Yerusaalem deebi’anii akka ijaaramaniif abboommiin kan ba’e, “Artashaastaan mootichi mo’ee waggaa digdammaffaatti” dha. (Nahimiyaa 2:1, 5-8) Bulchiinsi Artashaastaa kan jalqabe Dh.K.D. bara 474⁠tti ta’uusaa barreessitoonni seenaa mirkaneessaniiru. Kanaafuu, bulchiinsisaa inni waggaa 20⁠ffaan kan jalqabe Dh.K.D. bara 455⁠ttidha. Amma raajiin Daani’el Masiihicha ilaalchisee dubbate raawwiisaa argachuu kan jalqabe bara 455 Dh.K.D. ta’uusaa hubanneerra.

Daani’el, dhufaatiin ‘geggeessituu isa dibamee moosifamee’ hangam akka dheeratu argisiiseera. Raajichi ‘waggaa torba si’a torbaafi . . .Waggaa torba si’a jaatamii lamaaf,” walumaa galatti—waggoota 483 akka ta’e dubbata.

Amma wanti hafu lakkaa’uu qofadha. Dh.K.D. bara 455 kaasnee waggoota 483 yoo lakkoofne Dh.K.B. bara 29⁠rra geenya. Waggaan kunimmoo yeroo Yesus itti cuuphameefi Masiihii itti ta’edha!a (Luqaas 3:1, 2, 21, 22) Haalli raajiin Macaafa Qulqulluu kun itti raawwiisaa argate kan nama ajaa’ibsiisu mitii?

Chaartii: Raajiin Daani‵el 9 irratti torba si‵a torbaatama ilaalchisee dubbatame dhufaatii Masiihichaa argisiisa

a Dh.K.D. (Dhaloota Kiristos dura) bara 455 kaasee, hanga bara 1 Dh.K.D waggaa 454 ta’a. Dh.K.D. bara 1 kaasee, hanga Dh.K.B. (Dhaloota Kiristos booda) bara 1⁠tti waggaa tokkodha. (Waggaan duwwaa ykn zeeroo jedhamu hin jiru). Bara 1  Dh.K.B. kaasee hanga Dh.K.B. bara 29⁠tti, waggaa 28 ta’a. Lakkoofsota kana sadan yeroo walitti edaanu waggoota 483 ta’u. Yesus kan ‘balleeffame’ ykn kan ajjeefame Dh.K.B. bara 33⁠tti, jechuunis waggaa 70⁠ffaarrattidha. (Daani’el 9:24, 26) Kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu boqonnaa 11⁠fi kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gadi Fageenyaan Hubachuu jedhamu Jildii 2⁠ffaa, fuula 899-901 ilaali. Barreeffamoonni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’anidha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi