LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 9
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaatiif Bakka Guddaa Kenni
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 9
Barumsa 9. Dubartii kophaa ishii kadhachaa jirtu.

BARUMSA 09

Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Jireenya kee keessatti qajeelfamni akka si barbaachisu sitti dhagaʼamee beekaa? Gaaffiiwwan guguddaa deebii isaanii argachuu barbaaddu qabdaa? Jajjabinni si barbaachisaa? Caalaatti Yihowaatti dhihaachuu hoo ni barbaaddaa? Kadhannaan wantoota kana hundumaa irratti si gargaaruu dandaʼa. Garuu, karaa sirriin itti kadhachuu qabnu kami? Waaqayyo kadhannaa hundumaa ni dhagaʼaa? Inni kadhannaa kee akka dhagaʼu mirkanaaʼaa taʼuuf maal gochuu dandeessa? Mee waaʼee kanaa haa ilaallu.

1. Gara eenyuutti kadhannaa dhiheessuu qabna? Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?

Yesuus gara Abbaa keenya isa samii qofatti kadhannaa dhiheessuu akka qabnu barsiiseera. Innumti iyyuu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. Akkana jedheera: “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu . . . ’” (Maatewos 6:9) Yommuu gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu, michummaa isaa wajjin qabnu ni cimsanna.

Waaʼee wanta hundumaa jechuun ni dandaʼamaa, kadhachuu ni dandeenya. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka kennuuf garuu, fedhii isaa wajjin haala wal simuun kadhachuu qabna. “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii [Waaqayyootti] yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.” (1 Yohaannis 5:14) Yesuus wantoota sirrii kadhachuu qabnu ilaalchisee fakkeenya kenneera. (Maatewos 6:9-13 dubbisi.) Waaʼee wantoota dhuunfaatti nu yaaddessanii kadhachuu malees, wanta Waaqayyo nuu godheef isa galateeffachuu fi warra kaan akka gargaaru isa kadhachuu keenya dagachuu hin qabnu.

2. Akkamitti kadhachuu qabna?

Kitaabni Qulqulluun, ‘garaa keenya Waaqayyoof akka bannu’ nu jajjabeessa. (Faarfannaa 62:8) Kanaafuu, kadhannaan keenya garaadhaa kan madde taʼuu qaba. Karaa Yihowaadhaaf ulfina fidu kamiin iyyuu, sagalee keenya ol kaasnee ykn sagalee keenya utuu hin dhageessisin kadhachuu dandeenya. Yeroo fi iddoo kamitti iyyuu kadhachuu dandeenya.

3. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?

Karaa garaa garaatiin deebii nuu kenna. Yihowaan gaaffiiwwan keenya baayʼeedhaaf deebii kennuuf, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe nuuf kenneera. Dubbii Waaqayyoo dubbisuun ‘isa muuxannoo hin qabne ogeessa gochuu’ dandaʼa. (Faarfannaa 19:7; Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Yommuu rakkinni nu mudatutti, nagaa sammuu nuuf kenna. Kana malees, yommuu gargaarsi nu barbaachisutti, tajaajiltoonni isaa akka nu gargaaran isaan kakaasuu dandaʼa.

CAALAATTI BARADHU

Karaa Waaqayyoon gammachiisuun kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe qoradhu, akkasumas kadhannaan si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe baradhu.

4. Waaqayyo ulaagaalee kadhannaadhaaf baase qaba

Kadhannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka qabaatu ykn fudhatama akka dhabu wantoonni taasisan maal faʼi? VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Waaqayyo Kadhannaa Hunda ni Dhagaʼaa?—Gabaabfamee kan Fudhatame (2:42)

Yihowaan gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu barbaada. Faarfannaa 65:2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • ‘Inni kadhannaa namaa dhagaʼu,’ gara isaatti kadhannaa akka dhiheessitu kan barbaadu sitti fakkaataa? Maaliif?

Waaqayyo kadhannaa keenya akka dhagaʼu yoo barbaanne, ulaagaalee isaa wajjin wal simnee jiraachuuf carraaqqii gochuu qabna. Miikiyaas 3:4 fi 1 Pheexiros 3:12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

Yeroo waraanni geggeeffamutti, gareen lamaanuu injifannoo argachuuf ni kadhatu. Waaqayyo kadhannaawwan kanaaf deebii akka kennu eeguun sirrii dhaa?

5. Kadhannaan keenya garaadhaa kan madde taʼuu qaba

Namoonni tokko tokko kadhannaadhuma tokko jechaa jechatti irra deddeebiʼanii akka kadhatan ykn afaan hin hubanneen akka kadhatan barataniiru. Waaqayyo garuu haala kanaan gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu barbaadaa? Maatewos 6:7 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yommuu kadhannaa dhiheessitu, ‘waanuma wal fakkaatu irra deddeebitee’ dubbachuu irraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti?

Guyyaa guyyaadhaan eebba jireenya kee keessatti argatte tokko irratti yaadi, achiis eebba sanaaf Yihowaa galateeffadhu. Guyyaa guyyaadhaan torban tokkoof akkas yoo goote, utuu irra hin deddeebiʼin waaʼee dhimmoota garaa garaa torba kadhachuu dandeessa jechuu dha.

Mucaa warra isaatti dubbachaa jiru tokko.

Abbaa gaariin tokko ilmi isaa garaadhaa akka isatti dubbatu barbaada. Yihowaanis garaadhaa akka isa kadhannu barbaada

6. Kadhannaan kennaa Waaqayyo nuuf kenne dha

Kadhannaan yeroo gaariittis taʼe yeroo rakkinaatti nu jabeessuu kan dandaʼu akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Kadhannaan Rakkina Dandamachuuf Nu Gargaara (1:32)

Kitaabni Qulqulluun kadhannaan nagaa sammuu argachuuf akka nu gargaaru dubbata. Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Kadhannaan yeroo hunda rakkina keessaa nu baasuu baatu illee, nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  • Wantoota kadhachuu barbaaddu keessaa tokko tokko maal faʼi?

Kana beektaa?

Jechi “ameen” jedhu “haa taʼu” ykn “dhugumaan” jechuu dha. Bara duriitii kaasee dhuma kadhannaa irratti “ameen” jedhama.—1 Seenaa Baraa 16:36.

7. Kadhannaadhaaf yeroo gaʼaa ramadi

Yeroo tokko tokko hojiin waan nutti baayʼatuuf, kadhachuu ni daganna taʼa. Yesuusiif kadhannaan hammam barbaachisaa ture? Maatewos 14:23 fi Maarqos 1:35 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Yesuus kadhannaadhaaf yeroo gaʼaa ramaduuf maal godhee ture?

  • Siif hoo yeroon kadhachuuf mijataa taʼe yoomi?

Fakkiiwwan: Kadhannaa dubartiin tokko guyyaa tokko keessatti dhiheessite. 1. Ganama. 2. Ijoollee ishii wajjin. 3. Bakka hojiitti. 4. Nyaata nyaachuu ishii dura.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kadhannaan faayidaa hin qabu; Waaqayyo matumaa kadhannaa koo hin dhagaʼu.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Kadhannaan garaadhaa madde Waaqayyotti dhihaachuuf, nagaa sammuu argachuu fi jabina Yihowaa gammachiisuuf nu barbaachisu nuuf kenna.

Irra Deebii

  • Gara eenyuutti kadhannaa dhiheessuu qabna?

  • Kadhachuu kan qabnu akkamitti?

  • Faayidaawwan kadhannaa tokko tokko maal faʼi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Deebii gaaffiiwwan kadhannaa ilaalchisee yeroo baayʼee gaafatamaniif kenname ilaali.

“Kadhannaa Ilaalchisee Wantoota Beekuun Si Barbaachisu Torba” (Masaraa Eegumsaa, Amajjii-Bitootessaa 2011)

Sababii barbaachisaa kadhachuu itti qabduu fi qabiyyee kadhannaa keetii fooyyessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Kadhannaan Faayidaa Qabaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Eenyutti kadhannaa dhiheessuu akka qabnu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hubadhu.

“Gara Qulqullootaatti Kadhannaa Dhiheessuun Qabaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Muuziqaa viidiyoodhaan dhihaate kana irraa, iddoon ykn yeroon itti kadhannu jijjiirama kan fidu taʼuu fi dhiisuu isaa hubadhu.

Yeroo Hunda Kadhadhu (1:22)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi