LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 111-112
  • Waaqayyoof Amanamaa Taʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyoof Amanamaa Taʼuu
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 111-112

Waaqayyoof Amanamaa Taʼuu

Amanamoo taʼuu jechuun maal jechuudha?

Fr 18:23-25; 26:1, 2; 101:2-7; 119:1-3, 80

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lew 22:17-22—Yihowaan horiiwwan aarsaadhaaf dhihaatan “mudaa kan hin qabne,” fayyaa ykn guutuu taʼuu akka qaban ajajee ture; yaadni “mudaa kan hin qabne” jedhu jecha Ibrootaa “amanamummaa” jedhamee hiikame wajjin walitti dhufeenya qaba. Kanaafuu amanamummaan Yihowaaf guutummaatti buluu dabalata

    • Iyo 1:1, 4, 5, 8; 2:3—Jireenyi Iyyoob akka argisiisutti namni tokko amanamaa taʼuuf, Yihowaaf kabaja guddaa qabaachuu, garaadhaa isa waaqeffachuu fi wanta ija Isaa duratti gadhee taʼerraa fagaachuu qaba

Waaqayyoof amanamoo taʼuu kan qabnu maaliifi?

Fr 7:8, 9; 25:21; 41:12; Fak 10:9; 11:3

Dabalataanis Mar 12:30 ilaali

Wanti amanamummaa keenya eeguuf nu kakaasu maalidha?

1Se 29:17; Fak 2:7

Dabalataanis Fak 27:11; 1Yo 5:3 ilaali

Amanamoo taʼuu fi amanamummaa keenya eeggannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

Iya 24:14, 15; Fr 101:2-4

Dabalataanis Kes 5:29; Isa 48:17, 18 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 31:1-11, 16-33—Iyyoob jireenya isaa guutuu amala gadheerraa fagaachuudhaan, akkasumas gaarummaa fi ulfinaan namoota qabuudhaan amanamuudhaan jiraateera. Yihowaa qofa waaqeffateera, qabeenya caalaas hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf dursa kenna ture

    • Dan 1:6-21—Daaniʼelii fi michoonni isaa sadan namoota Yihowaa hin waaqeffanneen kan marfaman taʼus, nyaata yommuu filatanittillee amanamoo turan

Namni tokko irra deddeebiʼee cubbuu cimaa erga hojjetee booda deebiʼee amanamaa taʼuu dandaʼaa?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Mo 9:2-5; Fr 78:70-72—Daawit Mootichi cubbuu isaarraa waan yaada geddaratee fi dhiifama waan argateef, Yihowaan nama amanamaa akka taʼetti isa ilaaleera

    • Isa 1:11-18—Yihowaan sabni isaa fakkeessitootaa fi cubbamoota akka taʼan kan isaanitti hime taʼus, yaada yoo geeddaratanii fi wanta hamaa raawwachuu yoo dhaaban guutummaatti akka isaan qulqulleessu waadaa isaaniif galee ture

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi