LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 51-53
  • Gara Laafina

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gara Laafina
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 51-53

Gara Laafina

Gara laafinni amalawwan kamfaa of keessatti qabata?

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 51:1, 2—Daawit Mootichi Yihowaan gara laafina akka isatti argisiisu yeroo cimsee kadhatetti, dhiifama akka isaaf godhuu fi cubbuu isaarraa akka isa qulqulleessu gaafateera

    • Luq 10:29-37—Yesuus, waaʼee nama Samaariyaa Yihudii tokkoof yaaduudhaan gaarummaa isatti argisiisee ibsuudhaan waaʼee gara laafinaa barsiiseera

Namoonni hundi gara laafinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

Fr 130:3; Lal 7:20; 1Yo 1:8

Dabalataanis 1Mo 8:46-50 ilaali

Yihowaan gara laafina argisiisuurratti fakkeenya akkamii taʼeera?

Bau 34:6; Nah 9:17; Fr 103:8; 2Qo 1:3

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 42:1, 2, 6-10; Yaq 5:11—Yihowaan Iyyoobitti gara laafina argisiiseera, innis gara laafessa akka taʼu isa barsiiseera

    • Luq 15:11-32—Yesuus akkaataa abbaan tokko ilma isaa fincilee turee fi booda yaada geddarate tokkootti gara laafina itti argisiise dubbachuudhaan, Yihowaan gara laafessa taʼuusaa ibseera

Yihowaan gara laafina kan nutti argisiisu maaliifi?

Rom 5:8; 1Yo 4:9, 10

Dabalataanis Tit 3:4, 5 ilaali

Aarsaan Kiristoos, Cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu gochuurratti gaʼee akkamii qaba?

Luq 24:47; HoE 10:43; 1Yo 1:7, 9

Gara laafina argachuuf kadhachuu kan qabnuu fi isa arganneef immoo galateeffachuu kan qabnu maaliifi?

Luq 11:2-4; Ibr 4:16

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 51:1-4—Daawit Mootichi cubbuu raawwateen kan kaʼe baayʼee yeroo dhiphatetti Yihowaan akka garaa isaaf laafu gad of qabee kadhateera

    • Luq 18:9-14—Yesuus, Yihowaan namoota gad of qabuudhaan dogoggora isaanii amananii fudhatanitti gara laafina akka argisiisu ibsuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera

Namoonni cubbuu cimaa raawwatanillee gara laafina akka argatan abdachuu kan dandaʼan maaliifi?

Kes 4:29-31; Isa 55:7

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 33:9-13, 15—Minaaseen mootii baayʼee hamaa ture; taʼus, yaada geddarachuudhaan gara laafina argachuuf kadhateera; achiis dhugumaan yaada isaa akka geddarate gocha isaatiin caalaatti yommuu mirkaneessu gara mootummaa isaatti deebifameera

    • Yon 3:4-10—Namoonni Nanawwee hamootaa fi dhiiga dhangalaasuudhaan kan beekaman taʼanis, gocha isaaniirraa yaada geddarachuudhaan gara laafina Waaqayyoo argataniiru

Cubbuu keenya himachuu fi gocha keenyarratti jijjiirama gochuun gara laafina Yihowaa argachuurratti gaʼee akkamii qaba?

Fr 32:5; Fak 28:13; 1Yo 1:9

Gara laafinni Yihowaa adaba hundumaarraa ykn rakkina dogoggorri keenya nutti fidurraa nu hin oolchu

Bau 34:6, 7; 2Sa 12:9-13

Gara laafeyyii taʼuu kan qabnu maaliifi?

Mat 6:14; Luq 6:36; Qol 3:13

Gara laafina argisiisuu yoo didne, hariiroon Yihowaa wajjin qabnu maal taʼuu dandaʼa?

Mat 9:13; 23:23; Yaq 2:13

Dabalataanis Fak 21:13 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 18:23-35—Yesuus namni gara laafina hin argisiisne tokko gara laafina Yihowaa argachuu akka hin dandeenye argisiisuuf fakkeenya tokkotti fayyadameera

    • Luq 10:29-37—Fakkeenyi beekamaan tokko, Yihowaa fi Yesuus namoota gara laafina hin argisiisnetti akka hin gammanne, warra akka nama Samaariyaa sanaa gara laafina argisiisanitti immoo akka gammadan ifa godheera

Yihowaan namoota gara laafeyyii taʼaniif maal godha?

Mat 5:7; Mar 11:25

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi