Gad of Qabuu
Yihowaan namoota gad of qabanii fi namoota of tuulan akkamitti ilaala?
Fr 138:6; Fak 15:25; 16:18, 19; 22:4; 1Ph 5:5
Dabalataanis Fak 29:23; Isa 2:11, 12 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 26:3-5, 16-21—Ooziyaa Mootichi yeroo booda of tuuleera, seera Waaqayyoo cabseera akkasumas yommuu gorsi isaaf kennamu dheekkameera, kanaafuu Waaqayyo dhukkuba nadaayiitiin isa rukuteera
Luq 18:9-14—Yesuus fakkeenya tokkotti fayyadamee kadhannaa namni of tuulaan dhiheessuu fi namni gad of qabu dhiheessu ilaalchisee miira Yihowaatti dhagaʼamu ibseera
Yihowaan namni tokko gad of qabuudhaan yommuu garaadhaa yaada geddaratu maal godha?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 12:5-7—Rooboʼaam Mootichii fi bulchitoonni Yihudaa Yihowaa duratti waan gad of qabaniif badiisa isaanitti dhufuuf turerraa oolaniiru
2Se 32:24-26—Hisqiyaas inni mootii gaarii ture yeroo booda nama of tuulu taʼeera, haataʼu malee yommuu gad of qabetti Yihowaan dhiifama isaaf godheera
Gad of qabuun hariiroo namoota kaanii wajjin qabnu fooyyessuuf kan nu gargaaru akkamiiti?
Efe 4:1, 2; Flp 2:3; Qol 3:12, 13
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 33:3, 4—Yaaqoob gad of qabee obboleessa isaa Esaawu isa jibba isaaf qabu nagaa gaafachuunsaa, isaa wajjin nagaa uumuuf isa gargaareera
Abo 8:1-3—Giidewon inni abbaa murtii taʼe gad of qabuudhaan Efreemonni akka isa caalan isaanitti himeera, akkas gochuunsaas aariin isaanii akka qabbanaaʼuu fi walitti buʼiinsi akka hin uumamne godheera
Yesuus gad of qabuun iddoo guddaa akka qabu kan barsiise akkamitti?
Mat 18:1-5; 23:11, 12; Mar 10:41-45
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Isa 53:7; Flp 2:7, 8—Akkuma raajiidhaan dubbatame Yesuus hojii lafarratti isaaf kenname gad of qabuudhaan fudhateera, duʼa dhiphisaa fi nama qaanessu duʼuufillee of dhiheesseera
Luq 14:7-11—Yesuus gad of qabuun iddoo guddaa akka qabu ibsuuf, cidharratti teessuma gaarii filachuu akka fakkeenyaatti fayyadameera
Yoh 13:3-17—Yesuus miilla ergamoota isaa dhiquudhaan hojii gad aanaa akka taʼetti ilaalamu yeroo hojjetetti, gad of qabuu ilaalchisee duuka buutota isaatiif fakkeenya taʼeera