LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 10/1 ful. 26-29
  • Badhaadhummaa Waaqayyo Biraa Argamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Badhaadhummaa Waaqayyo Biraa Argamu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Badhaadhummaa Akkamii?
  • Badhaadhummaa Amantiidhaan Argamu
  • Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 10/1 ful. 26-29

Badhaadhummaa Waaqayyo Biraa Argamu

WAAQAYYOOF amanamaa yoo taate, innimmoo qabeenya kennuudhaan si eebbisaa? Si eebbisuu danda’a; garuu, qabeenyi isarraa argattu, isa ati yaaddu ta’uu dhiisuu danda’a. Fakkeenya Maariyaam haadha Yesus ilaali. Gabri’el ergamichi isheetti mul’atee, Waaqayyo duratti “ayyaana-qabeettii” ta’uusheefi Ilma Waaqayyoo akka deessu itti hime. (Luqaas 1:28, 30-32) Haata’u malee, isheen soorettii hin turre. Maariyaam, Yesusiin erga deessee booda, “Gugee horaa lama yookiis gugee sosookkee lama” aarsaadhaaf dhiheessite; kunimmoo, aarsaa namoonni hiyyeeyyii ta’an Yihowaadhaaf dhiheessan ture.—Luqaas 2:24; Lewwoota 12:8.

Maariyaam hiyyeettii ta’uunshee, eebba Waaqayyoo akka hin qabne argisiisaa? Hin argisiisu. Fakkeenyaaf yommuu firashee Elsaabexiin gaafachuu dhaqxe, “Elsaabex yommus hafuura qulqulluudhaan in guutamte. Sagalee ishee ol fudhattee dhageessiftees, ‘Ati [Maariyaam] dubartoota hundumaa irra eebbifamtuu dha; mucaan ati garaatti baattus eebbifamaa dha’” jetteen. (Luqaas 1:41, 42) Maariyaam lafarratti haadha Yesus, Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa ta’uudhaan ulfina guddaa argatteetti.

Yesusiyyuu sooressa hin turre. Naannoofi maatii hiyyeessa ta’e keessatti guddachuu qofa utuu hin ta’in, jireenyasaa lafarratti dabarse hundatti hiyyeessa ture. Yeroo tokko nama duuka buutuusaa ta’uu barbaaduun, “Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann’ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu” jedhee ture. (Luqaas 9:57, 58) Haata’u malee, wanti Yesus gara lafaa dhufuudhaan raawwate, bartoonnisaa badhaadhina guddaa akka argatan godheera. Phaawulos ergamaan, “Inni . . . deegaa ta’uu isaatiin isin badhaasuudhaaf isiniif jedhee deegaa ta’e” jedhee barreesseera. (2 Qorontos 8:9) Yesus duuka buutotasaatiif badhaadhummaa akkamii argamsiisee ture? Nutihoo yeroo ammaatti badhaadhummaa akkamii arganneerra?

Badhaadhummaa Akkamii?

Namni sooressa ta’e Waaqayyotti amanamuu mannaa qarshiisaatti waan amanamuuf, qabeenyi yeroo baay’ee amantiidhaaf gufuu ta’a. Yesus, “Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!” jedheera. (Maarqos 10:23) Kanaafuu, badhaadhummaan Yesus duuka buutotasaatiif argamsiise, qarshii wajjin kan wal qabate hin turre.

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa baay’eensaaniillee hiyyeeyyii turan. Namni dhalootasaatii kaasee naafa ture tokko yeroo qarshii isa kadhatu, Phexros, “Ani meetii fi warqee hin qabu, waanan qabu garuu siifan kenna; maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin ka’ii, adeemi!” jedhee deebiseef.—Hojii Ergamootaa 3:6.

Wanti Yaaqoob ergamaan dubbates, Kiristiyaanonni yeroo sana turan hedduun hiyyeeyyii ta’uusaanii argisiisa. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaa obboloota ko jaallatamoo, dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akka isaan amantiitti sooromaniif, mootummaa isaa isa inni warra isa jaallatan abdachiisettis akka galaniif, namoota biyya lafaa duratti hiyyeessota warra ta’an fo’ate mitii ree?” (Yaaqoob 2:5) Phaawulos ergamaanis, miseensonni gumii Kiristiyaanaa, baay’eensaanii ‘akka yaada namaatti ogeessota’ ykn “beekamoo” ykn “sanyii warra gurguddaa” keessaa akka hin taane dubbateera.—1 Qorontos 1:26.

Badhaadhummaan Yesus duuka buutotasaatiif argamsiise kan foonii erga hin taanee, badhaadhummaa akkamiitiree? Yesus ergaa gumii Simiirnaatiif ergerratti, “Rakkina si irra ga’e hiyyuma kee, . . . ani beeka. Ati garuu sooressa” jedheera. (Mul’ata 2:8, 9) Kiristiyaanonni Simiirnaa hiyyeeyyii ta’anis, badhaadhummaa meetiifi warqeerra baay’ee caalu qabu turan. Amantii qabaachuufi Waaqayyoof amanamoo ta’uusaaniitiin, badhaadhota turan. ‘Nama hundumaatu amana waan hin taaneef,’ amantii qabaachuunillee akka badhaadhummaatti ilaalama. (2 Tasaloniiqee 3:2) Namoonni amantii hin qabne Waaqayyo duratti hiyyeeyyiidha.—Mul’ata 3:17, 18.

Badhaadhummaa Amantiidhaan Argamu

Amantiin gatii guddaa qaba kan jennu maaliifi? Namoonni Waaqayyotti amanan, ‘baay’ina gaarummaasaa, obsasaafi isaaniif danda’uusaarraa’ faayidaa argatu. (Roomaa 2:4) Aarsaa furii Yesusitti waan amananiifis “dhiifamuu cubbuu” ni argatu. (Efesoon 1:7) Kana malees, ogummaa “dubbiin Kiristos” warra amantii qabaniif argamsiisu qabu. (Qolosaayis 3:16) Amantiidhaan Waaqayyoon yommuu kadhatan, “nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu” garaafi yaadasaanii eeguudhaan, gammachuu isaanii argamsiisa.—Filiphisiiyus 4:7.

Namoonni karaa Ilmasaa Yesus Kiristosiin Waaqayyotti amanan kun, faayidaawwan olitti ibsaman malees, abdii jireenya barabaraa dinqisiisaa ta’e qabu. Namoonni baay’een wanta Yesus, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” jechuudhaan dubbate akka gaariitti beeku. (Yohannis 3:16) Namni tokko abdii jireenya barabaraarratti qabu kan cimsatu, waa’ee Abbaafi waa’ee Ilmaa beekumsa sirrii yoo qabaatedha. Yesus kana ilaalchisee, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.—Yohannis 17:3.

Waaqayyo kan nu eebbisu keessumaa karaa hafuuraa ta’us, eebbi kun faayidaawwan miiraafi qaama keenyaaf nu gargaaranis nuu argamsiisa. Fakkeenyaaf, haala Daalaadi’oo isa Biraaziil keessa jiraatuu ilaali. Kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii argachuusaa dura, garmalee alkoolii dhuga ture. Kunimmoo walitti dhufeenya maatiisaa wajjin qaburratti rakkina guddaa uumeera. Kana malees, galii dhaabbataa ta’e hin qabu ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabee booda, jijjiirama guddaa godhe.

Daalaadi’oon beekumsi inni Macaafa Qulqulluurraa argate amalasaa isa gadhee akka dhiisu isa gargaareera. Kanaan kan ka’es karaa hafuuraa jijjiirama guddaa kan argisiise si’a ta’u, “Kanaan dura mana dhugaatii addaddaan dhaqa ture; amma garuu manaa gara manaan dhaqa” jedheera. Sana booda Dubbii Waaqayyoo warra kaaniif hiruudhaan tajaajilaa yeroo guutuu ta’e. Jijjiirama akkasii gochuunsaa, fayyaasaa qofa utuu hin ta’in, galiisaas fooyyesseera. Daalaadi’oon, “Qarshiin dhugaatiitti balleessu sana, amma namoota rakkatan gargaaruuf ykn wantoota na barbaachisan bitachuufan itti fayyadama” jedheera. Kana malees, namoota hedduu ilaalcha hafuuraa qabaniifi michoota gaarii ta’an baafateera. Yeroo ammaatti, nagaa sammuufi gammachuu Waaqayyoon beekuusaa dura tasumaa argatee hin beekne qaba.

Namichi amantii Yihowaarratti qabu guddifachuudhaan jireenyasaa fooyyesse kaanimmoo, Reenaatoo jedhama. Har’a gammachuufi fuula ifaa yeroo isarratti argitan, jal’inni isarra ga’ee akka ture amanuun isin rakkisa. Haatisaa yommuu inni araasii turetti isa gatte. Qaamnisaa garmalee dirmammaa’ee, handhuurrisaa utuu irraa hin muramin, korojoo keessa kaa’amee minjaala bakkee jiru tokko jalatti gatamee ture. Dubartoonni lama ennaa achiin darban, minjaalicha jalatti korojoo sosocho’u argan. Jalqaba, namni tokko ilmoo adurree achitti kan irraanfate isaanitti fakkaatee ture. Daa’ima reefuu dhalate ta’uusaa yommuu hubatan garuu, yaalii fayyaa akka argatuuf dafanii hospitaala naannoo sana jirutti isa geessan.

Dubartoota sana keessaa tokko Dhugaa Baatuu Yihowaa kan turte yommuu taatu, isheenis waa’ee mucichaa Dhugaa Baatuu kan biraa Rittaa jedhamtutti himte. Rittaan yeroo baay’ee daa’imni garaadhaa kan ishee ba’e yommuu ta’u, intala tokkittii qabdi turte. Mucaa dhiiraa argachuu baay’ee waan hawwituuf, Reenaatoo guddifachuu barbaadde.

Reenaatoon mucaa xinnoo yommuu turetti, Rittaan haadha isa deesse akka hin taane itti himte. Haata’u malee, jaalala guddaadhaan kan isa kunuunsitu ta’uusheerrayyuu, seerawwan Bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti isa barsiisuuf carraaqqii gooteetti. Yeroo guddachaa deemu, Macaafa Qulqulluu jaallachuu jalqabe. Akkaataan inni du’arraa itti ooles baay’ee isa ajaa’ibsiisuu jalqabe. Wanta Daawit faarfatichi, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jechuudhaan barreesse, yeroo dubbisu hundatti imimmaan ijasaa guuta.—Faarfannaa 27:10.

Reenaatoon waan Yihowaan isaa godheef dinqisiifannaa qabu ibsuuf jecha, bara 2002⁠tti cuuphamee, waggaa itti aanuttis tajaajilaa yeroo guutuu ta’e. Hamma ammaatti haadhaafi abbaasaa kan hin beekne si’a ta’u, gara fuulduraattis utuu hin beekin hafuu danda’a. Ta’uyyuu Reenaatooon, Abbaa isa jaallatuufi isaaf yaadu, Yihowaa beekee isattis amanuunsaa kennaawwan argate hundarra akka caalu itti dhaga’ama.

Isinis Waaqayyoo wajjin michuu ta’uudhaan jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraachuu barbaaddu ta’a. Namni hundumtuu, sooressis ta’e hiyyeessi, Yihowaafi Ilmasaa Yesus Kiristosii wajjin walitti dhufeenya akkasii qabaachuu ni danda’a. Walitti dhufeenyi kun qabeenya foonii argamsiisuu baatus, nagaa sammuufi gammachuu qarshiin biyya lafaa hundi bituu hin dandeenye argamsiisa. Dhugumayyuu, yaanni Fakkeenya 10:22⁠rra jiruufi “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jedhu sirriidha.

Yihowaan namoota garasaa dhufan baay’ee waan jaallatuuf, “Eyyee, ati seerrata koo utuu eegdeetta ta’ee, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa’a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka’a ture” isaaniin jedheera. (Isaayaas 48:18) Kana malees, namoonni yaadaafi ilaalcha sirrii qabaachuudhaan garasaa dhufan, baay’ee akka eebbifaman, “Gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna” jechuudhaan mirkaneesseera.—Fakkeenya 22:4.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 27rra jiru]

Maatiin Yesus, hiyyeeyyii yoo ta’anillee, Waaqayyo baay’ee isaan eebbisee ture

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Waaqayyotti amanuun, nagaafi gammachuu argamsiisa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi