LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 10/1 ful. 13
  • Macaafa Qulqulluu Hubachuun Ni Danda’amaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Macaafa Qulqulluu Hubachuun Ni Danda’amaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Yaada Macaafa Qulqulluu Akka Hubannu Ni Barbaadaa?
  • 3. Gargaarsa Warra Kaanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • 1. Waaqayyo Akka Si Gargaaru Kadhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Kun Hubannoo Dogoggoraa Taʼe Xinnoo Qofa Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 10/1 ful. 13

Macaafa Qulqulluu Hubachuun Ni Danda’amaa?

“Maatiinkoo yeroo hunda guyyaa Dilbataa Macaafa Qulqulluu ni dubbisu. Ani garuu kun na hin gammachiisu ture. Macaafni Qulqulluun, Dubbii Waaqayyoo akka ta’e kanan amanu ta’us, wantan dubbisu baay’eesaa hubachuun na rakkisa ture.”—Istiivan, Biritaaniyaa.

“Umriinkoo waggaa 17 yeroo turetti, Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yaaleen ture. Haata’u malee, yaadasaa hubachuu waanan dadhabeef dubbisuukoo nan dhiise.”—Baalbaniiraa, Ispeen.

“Amantii Kaatolikiin waanan hordofuuf Macaafa Qulqulluu dubbisuun akka narra jiru natti dhaga’ama ture; kanaaf al tokko dubbiseera. Macaaficha dubbisee fixuuf waggaa sadii natti fudhate! Ta’us, waanuma tokkollee hubachuu hin dandeenye.”—Joo’aan, Awustiraaliyaa.

MACAAFNI QULQULLUUN macaafa addunyaarratti beekamaa ta’edha. Kaasseettiidhaan, CDfi DVDdhaan, akkasumas afaan hedduutti maxxanfamee namoota baay’ee harka galuudhaanis, kitaabota hundarra ni caala. Namoonni hedduun Macaafa kana qabaataniyyuu yaadasaa hubachuun isaan rakkisa. Atoo yaada Macaafa Qulqulluu hubachuun si rakkisaa?

Waaqayyo Yaada Macaafa Qulqulluu Akka Hubannu Ni Barbaadaa?

Macaafni Qulqulluun, “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame” jedha. (2 Ximotewos 3:16) Yihowaan Macaafa Qulqulluu nuu kenneera. Dubbiisaa kanahoo akka hubannu ni barbaadaa? Namoonni hundi Dubbiisaa akka hubatan barbaadamoo; luboonniifi hayyoonni qofti Macaafa Qulqulluu akka hubatan barbaada?

Mee caqasoota armaan gadii Macaafa Qulqulluurraa ilaali:

“Abboommiin ani har’a isin abboomu kun baay’ee rakkisaa miti, isinittiis fagoo miti.”—Keessa Deebii 30:11.

“Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa.”—Faarfannaa 119:130.

“Yeroo sanatti Yesus hafuura qulqulluutti gammadee, ‘Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul’ifteef sin jajadha.’”—Luqaas 10:21.

Kanaaf, Yihowaan inni Macaafa Qulqulluu barreessise Dubbiisaa akka hubattu barbaada. Haata’u malee, namoonni garaa qajeelaa qaban heduun yaada macaafa kanaa hubachuun isaan rakkisa. Namoonni akkasii eessaa gargaarsa argachuu danda’u? Matadureewwan kanatti aansanii dhihaatan, yaadawwan Macaafa Qulqulluu hubachuuf si gargaaran sadii qabataniiru. 

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi