Maqedooniyaatti Ce’uu Ni Dandeessaa?
PHAAWULOS magaalaa galaana qarqaraa Xiro’aas ishee Asiyaa Xinnoo keessatti argamtu utuu jiruu mul’ata arge. Namni Maqedooniyaa tokko, “Maqedooniyaatti ce’ii, nu gargaari!” jedhee isa kadhate. Phaawulos akkuma mul’ata sana argeen, inniifi michoonnisaa ‘Waaqayyo akka wangeela isaaniif lallabnuuf nu waamuu isaati jedhanii waan fudhataniif’ achi dhaqan. Bu’aa maalii argatan? Mandara guddoo Maqedooniyaa kan taate Filiphisiiyusitti, Liidiyaafi maatiinshee amantoota ta’an. Namoonni Maqedooniyaa qabiyyee warra Roomaa taate keessa jiraatan kaanis amantoota ta’aniiru.—HoE. 16:9-15.
Yeroo har’aattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa hinaaffaa akkasii qabu. Hedduunsaanii fedhiidhaan baasii mataasaanii danda’anii, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqaniiru. Fakkeenyaaf, Liisaan jireenyishee caalaatti tajaajilarratti akka xiyyeeffatu gochuu barbaaddi turte. Kanaaf Kaanaadaadhaa gara Keeniyaa deemte. Tireevariifi Eemliinis lammii Kaanaadaa yeroo ta’an, tajaajilasaanii bal’ifachuu waan barbaadaniif gara Maalaawwii dhaqan. Pooliifi Maagiinis, lammii biyya Ingiliiz yommuu ta’an, carraa gaarii soorama ba’uusaaniitiin argattanitti fayyadamanii hirmaannaa tajaajila Yihowaa keessatti qaban guddifachuuf gara Baha Afriikaa dhufan. Atoo fedhiikee aarsaa gochuu ni feetaa? Biyya biraa dhaqxee tajaajiluuf yaada qabdaa? Taanaan, seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluufi yaanni gama kanaan milkaa’ina argachuuf si gargaaru maalidha?
Haalakee Qori
Wanti qoruu qabdu inni tokko, wanta murtoo kana gochuuf si kakaasedha. Abboommiin hunda caaluufi Yesus dubbate, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a” kan jedhudha. Kanaaf, sababiin biyya alaa dhaqxee akka tajaajiltuuf si kakaasuu qabu, jaalala Waaqayyoofi fedhii hojii bartoota gochuuf kenname raawwachuuf qabdudha. Yesus itti fufuudhaan, “Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’” jedheera. Jaalalli namootaaf qabnu, isaan gargaaruuf garaadhaa fedhii qabaachuu keenyaan ibsama. (Mat. 22:36-39; 28:19, 20) Yeroo baay’ee, biyya alaa dhaqanii tajaajiluun bashannana utuu hin ta’in, hojii hedduufi fedhii ofii aarsaa gochuu kan gaafatudha. Wanti kana gochuuf si kakaasu jaalala ta’uu qaba. Reemkoofi Suuzaan warri lammii Neezarlaandii ta’aniifi yeroo ammaatti Naamiibiyaatti tajaajilaa jiran, “Wanti akka as turru nu godhe jaalaladha” jechuudhaan waan isaanitti dhaga’amu dubbataniiru.
Wiiliin, inni Naamiibiyaatti daawwataa olaanaa aanaa ta’e akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloonni biyya alaatti tajaajilan, obboloonni naannoo sanaa kunuunsa nuu godhu jedhanii abdachuudhaan kan dhufan miti. Kanaa mannaa, obboloota achi jiranii wajjin tajaajiluudhaan hojii lallabaarratti isaan gargaaruuf dhufan.”
Wanta murtoo akkasii gochuuf si kakaase erga qortee booda akkas jedhii of gaafadhu: ‘Muuxannoo biyya alaatti tajaajiluudhaan bu’a qabeessa ta’uuf na gargaaru qabaa? Ani tajaajilaa bu’a qabeessadhaa? Qooqa warra kaman dubbachuu danda’a? Qooqa haaraa barachuufoo fedhii qabaa?’ Maatiikee wajjin dhimma kanarratti akka gaariitti mari’adhu. Jaarsolii gumiikees mariisisi. Akkasumas gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessi. Haala kanaan amanamummaadhaan of qoruunkee, dhugumaan biyya alaatti tajaajiluuf dandeettiifi gara kuteenya qabaachuuf dhiisuukee murteessuuf kan si gargaaru ta’uu qaba.—Saanduqa “Haalakee Beeki” jedhu ilaali.
Bakka Itti Tajaajiluun Danda’amu
Phaawulos gara Maqedooniyaa akka dhaqu mul’ataan waamamee ture. Yeroo har’aatti garuu, Yihowaan mul’ataan qajeelfama nuu hin kennu. Ta’us, sabni Waaqayyoo karaa barruu kanaafi barreeffamoota kaanii, naannoowwan gargaarsi barbaachisu hedduun kam akka ta’an nu hubachiisa. Kanaaf bakkawwan akkasii galmeeffadhu. Qooqa haaraa barachuuf ykn biyya alaa dhaqxee yeroo dheeraaf achi jiraachuuf qophaa’aa miti taanaan, biyya qooqni ati dubbattu bal’inaan itti dubbatamutti tajaajiluuf yaaduu dandeessa. Achiis dhimmawwan akka, viizaa argachuu, geejjiba, haala nageenyaa, baasii jireenyaaf barbaachisuufi haala qilleensaa jiran qoradhu. Warra kanaan dura bakka sana dhaqan mari’achiisuunis gaarii akka ta’e sitti dhaga’amuu danda’a. Odeeffannoo argatte kanarratti hundaa’uudhaan murtoo gaarii gochuuf kadhannaa godhi. Phaawulosiifi hiriyootasaa, “hafuurri qulqulluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lallabuu waan isaan dhowweef” akka hafan yaadadhu. Gara Bitiiniyaa dhaquuf yaalii yommuu godhanis, “hafuurri Yesus garuu achi dhaquu isaanii hin jaallanne.” Haaluma wal fakkaatuun, bakka dhugumaan gargaarsa itti gochuu dandeessu murteessuun yeroo sitti fudhachuu danda’a.—HoE. 16:6-10.
Hamma ammatti filannaawwan qabdu muraasa ilaalleerra. Biyya alaatti tajaajiluuf yaadaa jirta taanaan, waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya dhaquuf jirtu sanatti argamuuf xalayaa barreessuu dandeessa. Tajaajila kanaan dura raawwatteefi yeroo ammaa raawwachaa jirtu akkasumas itti gaafatamummaa gumii keessatti qabdu ibsi. Kana malees, baasii jireenyaaf barbaachisu, mana jireenyaa kireeffachuu dandeessu, haala yaalii fayyaafi carraawwan hojii argachuuf qabdu ilaalchisee gaaffiiwwan qabdu barreessi. Achiis xalayicha koree tajaajilaa gumiikeetti kenni. Isaanis xalayaakee sana xalayaa deggersaa wajjin waajjira damee ati itti barreessiteetti ergu. Deebiin isaan sii kennan eessatti yoo tajaajilte caalaatti bu’a qabeessa ta’uu akka dandeessu murteessuuf si gargaaruu danda’a.
Wiiliin inni olitti caqasame akkas jedheera: “Yeroo baay’ee obboloonni dursanii biyyicha daawwataniifi bakka gammachuudhaan tajaajiluuf isaan dandeessisu ilaalan milkaa’ina argataniiru. Hiriyoonni gaa’elaa tokko naannoo fagoo ta’e dhaqanii tajaajiluun isaanitti ulfaachuu akka danda’u hubatanii turan. Kanaaf, magaalaa xinnoo gargaarsi barbaachisuufi sadarkaan jireenyaasaa akka gammachuudhaan jiraatan isaan taasisu keessa jiraachuuf murteessan.”
Rakkoowwan Haaraa Dandamachuu
Qe’ee baranirraa fagaatanii bakka tasumaa hin beekne dhaquun hamma tokko rakkisaa akka sitti ta’u beekamaadha. Liisaan isheen olitti caqasamte, “Kophummaan namatti dhaga’amu baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a” jechuudhaan dubbatteetti. Rakkoo kana dandamachuuf maaltu ishee gargaareree? Gumii naannoo haaraa sanatti argamuu wajjin walitti dhihaachuusheeti. Maqaa obboloota hundumaa qabachuuf galma baafatte. Kanaaf jecha walga’iiwwanirratti dursitee argamuufi boodas turuudhaan obbolootaa wajjin haasofti turte. Liisaan obbolootaa wajjin tajaajiluufi manasheetti namoota hedduu afeeruudhaan michoota haaraa baafachuu dandeesseetti. “Aarsaan godhetti matumaa hin gaabbu. Yihowaan dhugumaan na eebbiseera” jetteetti.
Pooliifi Maageen erga ijoolleesanii guddisanii booda, qe’ee waggaa 30f jiraatan dhiisanii deeman. Pool akkas jedha: “Qabeenya dhiisanii deemuun baay’ee salphaa ture. Maatii dhiisanii deemuun garuu hanga yaanne caalaa baay’ee ulfaataadha. Xiyyaara keessa utuu jirruu hirqinfannee boonye. ‘Kana matumaa hin dandeenyu’ jennee yaaduun baay’ee salphaa ture. Nuyi garuu Yihowaatti amanamnee turre. Michoota haaraa baafachuun murtoo gootanitti itti fufuuf gargaarsa dabalataa isinii ta’a.”
Gireegiifi Kiristaal afaan Ingiliffaa Naamiibiyaa keessatti itti hojjetamu waan dubbataniif Kaanaadaadhaa gara Naamiibiyaa dhaquu filatan. Booda garuu afaan naannoo sanaa barachuun barbaachiisaa ta’uusaa hubatan. Akkas jedhaniiru: “Yeroo tokko tokko abdii kutanna turre. Aadaasaanii kan hubanne garuu afaan naannoo sanatti dubbatamu erga barannee booda ture. Obboloota achi jiranii wajjin walitti dhihaachuun keenya naannoo haaraa sanaa wajjin wal baruuf nu gargaareera.”
Amalli gad of deebisuufi akka haalasaatti jiraachuuf fedhii qabaachuun akkasii, obboloota naannoo sana jiranirrattis dhibbaa gaarii geessisuu danda’a. Jeeniin maatiiwwan Ayerlaandi bakka isheen itti guddatte dhaqanii turan yeroo yaadattu gammachuutu isheetti dhaga’ama. Akkas jetteetti: “Keessummaa simachuu jaallatu turan. Tajaajiluuf malee tajaajilamuuf kan dhufan hin turre. Hinaaffaafi gammachuu kan qaban turan; kun anis bakka tajaajiltonni barbaachisan dhaqee akkan tajaajiluuf na kakaaseera.” Jeeniin yeroo ammaatti abbaa manaashee wajjin misiyoonii taatee Gaambiyaatti tajaajilaa jirti.
Eebbi Yihowaa “Nama In Badhaasa”
Muuxannoon Phaawulos Maqedooniyaatti argate guddaa isa gammachiisee ture! Gara waggaa kudhanii booda obbolootasaa Filiphisiiyus jiraniif, “Ani Phaawulos yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha” jechuudhaan barreessee ture.—Filp. 1:3.
Maalaawwii keessatti tajaajilaa kan turan Tireevariifi Eemliinis, Mana Barumsaa Giil’aaditti waamamuusaanii dura akkasuma isaanitti dhaga’ama ture. Akkas jedhaniiru: “Al tokko tokko wanti goonu sirrii ta’uusaa kan shakkinu ta’us, gammadoo turre. Caalaatti walitti kan dhihaanne ta’uusaarrayyuu, eebba Yihowaa akka arganne nutti dhaga’ama ture.” Olitti kan caqasaman Gireegiifi Kiristaalis, “Kana caalaa wanta raawwannu tokkoyyuu hin qabnu” jechuudhaan gabaasaniiru.
Namni hundumtuu biyya alaa dhaqee tajaajiluuf haallisaa akka isaaf hin heyyamne beekamaadha. Obboloonni tokko tokko biyyumasaanii keessatti naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisu dhaquu danda’u ta’a. Kaanimmoo, gumiiwwan naannoosaaniitti dhihoo jiran kan biraatti tajaajiluuf galma baafachuu danda’u. Wanti guddaan, Yihowaa tajaajiluuf waanuma dandeesse hunda gochuukeeti. (Qol. 3:23) Akkas taanaan, jechi geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jechuudhaan barreeffame dhugaa ta’uusaa ofumakeetii mirkaneessuu dandeessa.—Fak. 10:22.
[Saanduqa/Fakkii fuula 5rra jiru]
Haalakee Beeki
Biyya alaa dhaqxee tajaajiluu danda’uufi dhiisuukee qoruuf, gaaffiiwwan kanaa gadiirratti haqaafi kadhannaadhaan yaadi. Gama kanaan odeeffannoowwan Masaraa Eegumsaa kanaan dura ba’anirra jiran si gargaaruu danda’u.
• Ani nama hafuuraatii?—“Tarkaanfiiwwan Gammachuu Argachuuf Fudhatamuu Qaban” (Onkoloolessa 15, 1997, ful 6) (Amaariffaa)
• Ani tajaajilaa bu’a qabeessadhaa?—“Qajeelchaa Ta’uudhaan Bu’a Qabeessa Ta’uun Kan Danda’amu Akkamitti?” (Caamsaa 15, 1989, ful. 21) (Ingiliffa)
• Maatiifi michoota koorraa fagaadhee jiraachuu nan danda’aa?—“Waaqayyoon Yeroo Tajaajiltu Qe’eerraa Fagaachuukeetiin Yaaddoo Sitti Dhaga’amu Qabsaa’uudhaan Mo’uu” (Caamsaa 15, 1994, ful. 28) (Amaariffa)
• Qooqa haaraa barachuu nan danda’aa?—“Gumii Afaan Biyya Alaatii Geggeeffamuu Wajjin Tajaajiluu” (Bitootessa 15, 2006, ful. 17) (Amaariffa)
• Bakkan dhaqe sanatti qarshiidhaan of gargaaruu nan danda’aa?—“Biyya Alaatti Tajaajiluu Ni Dandeessaa?” (Onkoloolessa 15, 1999, ful. 23) (Amaariffa)
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Amalli gad of deebisuufi akka haalasaatti jiraachuuf fedhii qabaachuun akkasii, obboloota naannoo sana jiranirratti dhiibbaa gaarii geessisa
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Obboloota tajaajiluuf dhufantu milkaa’ina argata