Kana Beektaa?
Yesus nama dhugumaan jiraate ta’uusaatiif Macaafa Qulqulluudhaan ala ragaa maaliitu jira?
▪ Barreessitoonni addunyaa naannoo bara Yesus lafarra turetti jiraatan hedduun, waa’eesaa adda baasanii caqasaniiru. Isaan keessaa tokko, Korneeliyas Taasiitas, isa seenaa Roomaa ishee mootii moototaatiin bulchamaa turtee barreessedha. Taasiitas ibidda Dh.K.B bara 64tti magaalaa Roomaa barbadeesseef kan itti gaafatamu mootii warra Roomaa Neeroodha jedhamee odeeffamaa akka ture caqaseera. Taasiitas, Neeroon balleessaasaa sana garee namoonni Kiristiyaanota jedhanii waamanitti qabachuuf yaalee akka ture barreesseera. Taasiitas akkas jechuudhaan barreesseera: “Kiristos inni maqaan Kiristiyaanota jedhu irraa argame, bulchiinsa Xiberiyositti Phonxos Philaaxos isa bulchaa tureen ajjeefameera.”—Anaalsi, XV, 44.
Barreessaan seenaa Yihudootaa Filaaviyas Joseefasis waayee Yesus caqaseera. Lammiin Roomaa bulchaa Yihudaa ta’e Fesxoos, Dh.K.B naannoo bara 62tti erga du’ee boodaafi Albaayinas inni iddoosaa bu’e aboo qabachuusaa dura wantoota raawwataman ilaalchisee Joseefas akkas jechuudhaan barreesseera: Angafti Lubootaa Anaaniyaas “yaa’ii warra Yihudootaa walitti sassaabee Yaaqoob obboleessa Yesus isa Kiristos jedhamuu ta’eefi namoota tokko tokko isaan duratti dhiheesse.”—Juwish Antiikuwiitiis, XX, 200 (ix, 1).
Yesus, Kiristos kan jedhame maaliifi?
▪ Seenaawwan Wangeelaa, Gabri’el, Maariyaam akka ulfooftu itti himuuf yommuu isheetti mul’ate, maqaa mucichaa Yesus jettee akka moggaaftu itti himuusaa ibsu. (Luqaas 1:31) Yihudoota durii biratti maqaa kanatti fayyadamuun baramaa ture. Barreessaa seenaa Yihudootaa kan ture Joseefas, namoota Caaffata Qulqullaa’oo keessatti ibsamaniin ala, namoota garabiraa maqaa kanaan waamaman 12 caqaseera. Ilmi Maariyaam, “Yesus nama biyya Naazireet” jedhamee waamamuunsaa, nama Naazireet ta’uusaa beekuuf gargaara. (Maarqos 10:47) Maqaa “Kiristos” ykn Yesus Kiristos jedhamuunis ni beekama. (Maatewos 16:16, hiika bara 1899) Hiikni maqaa kanaa maalidha?
Jechi afaan Oromoo “Kiristos” jedhu, jecha afaan Giriikii Kiristoos jedhurraa kan dhufe si’a ta’u, jecha afaan Ibrootaa Maashi’aak (Masiihii) jedhuu wajjin tokkodha. Jechoonni lamaanuu kallattiidhaan yommuu hiikaman hiika “Isa Dibame” jedhu dabarsu. Jechi kun namoota Yesus dura turaniifis itti hojjetameera. Fakkeenyaaf, Museen, Aaroniifi Daawit Mootichi akka dibaman kan ibsame si’a ta’u, kunis itti gaafatamummaafi aboo Waaqayyo isaanii kenneef akka muudaman kan argisiisudha. (Lewwoota 4:3; 8:12; 2 Saamu’el 22:51; Ibroota 11:24-26) Yesus inni Masiihii akka ta’u dursee raajiidhaan dubbatame, bakka bu’aa Yihowaa isa hunda caaludha. Kanaaf, Yesus “Masiihicha, ilma Waaqayyoo jiraataa” jedhamuunsaa sirriidha.—Maatewos 16:16; Daani’el 9:25.
[Fakkii fuula 15rra jiru]
FILAAVIYAS JOSEEFAS