Leewwota
4 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni* tokko wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje keessaa isa kam iyyuu raawwachuudhaan utuu itti hin yaadin cubbuu yoo hojjete,+ wanti godhamuu qabu kana dha:
3 “‘Lubni dibame+ tokko cubbuu hojjechuudhaan+ sabicha irratti yakka yoo fide, cubbuu hojjete sanaaf aarsaa cubbuu godhee jibicha mudaa hin qabne Yihowaadhaaf haa dhiheessu.+ 4 Jibicha sana gara balbala dunkaana walgaʼiitti+ Yihowaa duratti fidee harka isaa mataa jibicha sanaa irra haa kaaʼu; achiis jibicha sana Yihowaa duratti haa qalu.+ 5 Sana booda lubni dibame+ sun dhiiga jibicha sanaa irraa muraasa fuudhee gara dunkaana walgaʼichaatti haa fidu; 6 achiis quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee,+ dhiiga sana irraa muraasa isaa golgaa iddoo qulqulluu sana fuulduratti Yihowaa duratti siʼa torba haa facaasu.+ 7 Kana malees, lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa gaanfota iddoo aarsaa ixaana urgaaʼuu isa dunkaana walgaʼii keessa Yihowaa dura jiru sanaa ni diba;+ dhiiga jibicha sanaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu isa balbala dunkaana walgaʼii duratti argamu jalatti ni dhangalaasa.+
8 “‘Achiis cooma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sanaa hundumaa, jechuunis cooma marʼimaan uwwisee fi cooma marʼimaanitti marsee jiru, 9 akkasumas kaleewwan lamaanii fi cooma isaan irra jiru, jechuunis cooma mudhii bira jiru ni baasa. Kana malees cooma tiruu irra jiru kaleewwan isaa wajjin ni baasa.+ 10 Wantoonni jibicha kana irraa baafaman, wantoota qotiyyoo aarsaa gamtaa+ irraa baafamanii wajjin tokko dha. Lubichis wantoota kana iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu irratti aarsa.
11 “‘Haa taʼu malee, gogaa jibicha kanaa, foon isaa hundumaa, mataa isaa, luka isaa, marʼimaan isaa, cumaa*+ isaa, 12 jechuunis qaama jibicha sanaa isa hafe hundumaa buufatichaa alatti iddoo qulqulluu bakka daaraan* itti gatamutti akka geeffamu godha; achiis qoraan irra kaaʼee ibiddaan haa gubu.+ Wanti kun bakka daaraan itti gatamutti haa gubamu.
13 “‘Guutummaan yaaʼii Israaʼel utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakka yoo ofitti fidee+ fi gumichi garuu wanta Yihowaan akka hin raawwanne isaan ajaje raawwachuu isaanii yoo hubachuu baate,+ 14 boodas cubbuun sun yoo beekame, gumichi aarsaa cubbuutiif jibicha tokko dhiheessee dunkaana walgaʼii duratti isa haa fidu. 15 Jaarsoliin yaaʼii sanaa Yihowaa duratti harka isaanii mataa jibicha sanaa irra ni kaaʼu; jibichi sunis Yihowaa duratti ni qalama.
16 “‘Lubni dibame sun dhiiga jibicha sanaa irraa muraasa isaa gara dunkaana walgaʼiitti haa fidu. 17 Achiis lubichi quba isaa dhiiga sana keessa cuuphee, dhiiga sana irraa muraasa isaa golgaa sana fuulduratti Yihowaa duratti siʼa torba ni facaasa.+ 18 Innis dhiiga sana irraa muraasa isaa gaanfota iddoo aarsaa dunkaana walgaʼii keessa Yihowaa dura jiru sanaa ni diba;+ dhiiga isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu isa balbala dunkaana walgaʼii duratti argamu jalatti ni dhangalaasa.+ 19 Cooma isaa hundumaas irraa baasee iddoo aarsaa irratti aarsa.+ 20 Wantuma jibicha aarsaa cubbuutiif dhihaate sana irratti raawwate jibicha kana irrattis ni raawwata. Lubichi araara isaaniif argamsiisuuf wanti inni godhu kana dha;+ isaanis dhiifama ni argatu. 21 Inni akkuma jibicha isa jalqabaa gubetti, jibichi sun buufatichaa alatti akka geeffamu godhee isa ni guba.+ Kunis aarsaa cubbuu gumichaaf dhihaatu dha.+
22 “‘Dura buʼaan+ tokko wantoota Waaqni isaa Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje hundumaa keessaa isa tokko raawwatee utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa yommuu taʼu 23 yookiin ajajawwan kennaman cabsuudhaan cubbuu tokko hojjechuu isaa yoo hubate, xobbaallaa reʼee kormaa mudaa hin qabne tokko aarsaadhaaf haa fidu. 24 Innis harka isaa mataa xobbaallaa reʼee sanaa irra ni kaaʼa; achiis bakka aarsaan gubamu itti qalamutti Yihowaa duratti isa ni qala.+ Kun aarsaa cubbuu ti. 25 Lubichis quba isaatiin dhiiga aarsaa cubbuutiif dhihaatu irraa muraasa fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba;+ dhiiga isaa isa hafe immoo iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu jalatti ni dhangalaasa.+ 26 Cooma isaa hundumaa akkuma cooma aarsaa gamtaa sanaatti iddoo aarsaa irratti aarsa;+ lubichis cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.
27 “‘Sabicha keessaa eenyu iyyuu* wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje keessaa isa tokko raawwatee utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa yoo taʼe+ 28 yookiin cubbuu hojjechuu isaa yoo hubate, cubbuu hojjete sanaaf xobbaallaa reʼee goromtii mudaa hin qabne tokko aarsaadhaaf haa fidu. 29 Harka isaa mataa horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; achiis horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sana bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti haa qalu.+ 30 Lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba; dhiiga isaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa jalatti ni dhangalaasa.+ 31 Inni akkuma cooma aarsaa gamtaa+ irraa baafamutti cooma isaa hundumaa isa irraa ni baasa;+ lubichis cooma sana foolii urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti aarsa; cubbuu isaatiifis araara ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.
32 “‘Haa taʼu malee, inni aarsaa cubbuutiif xobbaallaa tokko yoo dhiheesse, hoolaa goromtii mudaa hin qabne haa fidu. 33 Harka isaas mataa horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irra haa kaaʼu; achiis horii sana aarsaa cubbuu godhee bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti haa qalu.+ 34 Lubichi dhiiga sana irraa muraasa isaa quba isaatiin fuudhee gaanfota iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu sanaa ni diba;+ dhiiga isaa isa hafe hundumaa immoo iddoo aarsaa sana jalatti ni dhangalaasa. 35 Inni akkuma xobbaallaa hoolaa aarsaa gamtaa irraa coomni baafamutti cooma isaa hundumaa isa irraa ni baasa; lubichis cooma sana iddoo aarsaa irratti aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan gubbaatti ni aarsa;+ lubichis cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+