LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/1 ful. 6
  • 3 Waaqayyo Haaloo Qabata—Kun Dhugaadhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 3 Waaqayyo Haaloo Qabata—Kun Dhugaadhaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Balaawwan Uumamaa Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?
    Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?
  • Waaqayyo Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/1 ful. 6

3 Waaqayyo Haaloo Qabata​—Kun Dhugaadhaa?

Akkas yommuu jedhamu dhageessee beekta taʼa: “Waaqayyo cubbuu namoonni raawwatan hunda hordofee ibidda qililleedhaan barabaraaf isaan adaba.”

“Waaqayyo balaa uumamaatiin cubbamoota adaba.”

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Phexros Inni Lammaffaa 3:9 Yihowaan, ‘Namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geddaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan hin barbaadu’ jedha. Inni dogoggora keenyarratti utuu hin taʼin, wanta gaarii goonurratti xiyyeeffata. “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.”—2 Seenaa 16:9.

Yaanni ibidda qilillee keessatti barabaraaf gubuu jedhuyyuu Waaqayyo biratti ciiggaasisaa waan taʼeef, Macaafni Qulqulluun akkas jedhee hin barsiisu. Adabni guddaan Waaqayyo cubbamoota ittiin adabu jireenya isaan dhowwachuudha. (Ermiyaas 7:31; Roomaa 6:7) Balaan uumamaa inni hundumaa walitti qabee balleessu, Waaqayyo biraa kan dhufu utuu hin taʼin, balaa utuu itti hin yaadamin nama hundumaarra miidhaa geessisudha.—Lallaba 9:11, hiika bara 1899.

Dhugaa beekuun akkamitti akka si gargaaru: Waaqayyo namatti faraduuf kan ariifatu utuu hin taʼin, ‘cubbuu kan dhiisu’ taʼuusaa yommuu hubannu caalaatti isatti dhihaanna. (Faarfannaa 86:5) Balleessaa akka raawwanne nutti dhagaʼamee ykn nu adaba jennee sodaachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu hin qabnu. Kanaa mannaa, amantiin keenya kakaʼumsa gaarii, jechuunis jaalala Yihowaadhaaf qabnurratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Jaalalli akkasiimmoo isa gammachiisuuf jecha waan nuu dandaʼame hunda raawwachuuf fedhii akka qabaannu humna nuu kenna.—Maatewos 22:36-38; 1 Yohannis 5:3.

Waaqayyo namoonni hundi wanta gaarii akka godhan kan barbaadu taʼus, namoonni baayʼeen garuu akkas akka hin goone beeka. Waaqayyo namoota wanta gadhee raawwachuuf murteessanirratti matumaa tarkaanfii hin fudhatu taanaan, bulchitoota seera baasanii hojiirra oolchuu dhiisuudhaan jalʼinniifi rakkinni akka itti fufu godhanirraa adda hin taʼu. (Lallaba 8:11) Waaqayyo hammeenyi barabaraaf akka itti fufu akka hin heyyamne beekuun keenya abdii amansiisaa akka qabaannu nu godha. Waaqayyo akkuma jalqaba yaadetti “garraamonni” barabaraaf lafarra jiraachuu akka dandaʼaniif, warra hammeenya raawwachuusaanii itti fufan balleessuuf abdii kenneera.—Faarfannaa 37:10, 11, 29.a

[Miiljalee]

a Waaqayyo akkamitti lafa jannata akka godhu caalaatti barachuuf kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 3⁠fi 8 ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6⁠rra jiru]

Waaqayyo adaba sodaannee akka isa waaqeffannu barbaadaa?

[Madda fakkii fuula 6rra jiru]

Engravings by Doré

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi