LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/1 ful. 12
  • “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Dha Yihowaan”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • “Qulqulloota Taʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Qulqulluu Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/1 ful. 12

Waaqayyotti Dhihaadhu

“Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan”

JECHA Yihowaa ibsu tokko filadhu utuu jedhamtee, jecha isa kam filatta turte? Isaayaas raajichi mulʼata Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti arge tokkorratti, uumamawwan hafuuraa jecha amala addaa Yihowaan ittiin beekamu tokko, jechuunis qulqulluu jedhanii utuu isa faarsanii dhagaʼee ture. Wanti Isaayaas argeefi dhagaʼe, dinqisiifannaadhaan akka guutamnuufi caalaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu gochuu qaba. Yeroo yaadawwan Isaayaas 6:1-3⁠rra jiran qorrutti bakka sana akka jirtan godhaa yaadaa.

Haataʼu malee wanti inni arge maal ture? Isaayaas, “Gooftichi teessoo dheeraa fi ol kaʼaa irra taaʼee . . . nan arge” jedheera. (Lakkoofsa 1) Taʼus, Isaayaas kallattiidhaan Yihowaa isa Gooftaa Hundaa Olii taʼe ijaan akka hin argine beekamaadha. Iji namaa wantoota addunyaa hafuuraa keessa jiran arguu hin dandaʼu. Macaafni Qulqulluun, “Homtinuu takkaa Waaqayyoon hin argine” jedhee ifatti dubbata. (Yohannis 1:18) Kanaaf wanti Isaayaas arge mulʼata ture jechuudha.a Taʼus mulʼanni kun baayʼee dinqisiisaa waan tureef, Isaayaas akkuma Yihowaa argetti isatti dhagaʼamee ture.

Achiis, Isaayaas mulʼata tarii namni kan biraa kamiyyuu argee hin beekne tokko ilaaluuf mirga argateera. Akkas jedhee barreesseera: “Suraafel isa [Yihowaa] gararraadhaan in dhaabatan; tokkon tokkon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; qoochoo lama lamaan fuula isaanii, qoochoo lama lamaan miilla isaanii in golboobbatu, qoochoo lama lamaan immoo in balaliʼu turan.” (Lakkoofsa 2) Suraafeloonni uumamawwan hafuuraa aangoo guddaa qabanidha. Barreessaan Macaafa Qulqulluu waaʼeesaanii caqase Isaayaas qofadha. Suraafeloonni wanta Yihowaan akka isaan raawwatan barbaadu hunda gochuuf yeroo mara qophaaʼanii dhaabatu. Bakka inni jirutti Yihowaa tajaajiluuf mirga addaa argataniif ulfina guddaa qaban argisiisuuf jecha fuulasaaniifi miillasaanii golboobbatu.

Isaayaas wanta arge qofa utuu hin taʼin, wanti dhagaʼes baayʼee isa dinqisiisee ture. Suraafeloonni samiirratti tuutaan sagaleesaanii ol kaasuudhaan faarfatu. Isaayaas, “Walitti lallabaniis, ‘Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluudha Yihowaan’ . . . in jedhu turan” jedhee barreesseera. (Lakkoofsa 3, NW) Jechi afaan Ibrootaa “qulqulluu” jedhamee ibsame “yaada guutummaatti cubbuurraa walaba baʼuu, akkasumas adda baʼuu” kan argisiisudha. Suraafeloonni siʼa sadii tarii wal harkaa fuudhanii “qulqulluu” jedhanii faarfachuunsaanii, Yihowaan hunda caalaa qulqulluu akka taʼe argisiisa. (Mulʼata 4:8) Kanaaf, jechi qulqulluu jedhu amala Yihowaan addaan baafamee ittiin beekamudha. Yihowaan guutummaatti qulqulluufi mudaa kan hin qabnedha.

Yihowaan qulqulluu taʼuusaa beekuun keenya isatti dhihaachuuf nu kakaasuu qaba. Maaliif? Bulchitoota ilmaan namootaa amala gadhee qabaniifi nama hacuucanirraa haala faallaa taʼeen, Yihowaan guutummaatti cubburraa walaba kan taʼedha. Kanaaf Inni qulqulluu taʼuunsaa, yeroo hunda Abbaa gaarii, Bulchaa qajeelaafi Abbaa Firdii namoota wal hin caalchisne taʼuusaa nuuf mirkaneessa. Waaqni qulqulluu taʼe matumaa akka nu hin gaddisiisne isatti amanamuuf sababii quubsaa qabna.

[Miiljalee]

a Kitaabni Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamu akkas jedhee ibsa: “Namni tokko utuu hirriba keessa hin jiraatiin yeroo Waaqayyo mulʼata itti argisiisu, wanta arge sana kan hin irraanfanne fakkaata. Namni kun yeroo booda mulʼaticha yaadachuufi ibsuu ykn jecha mataasaatiin barreessuu dandaʼa.”—Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 12⁠rra jiru]

Yihowaan qulqulluu taʼuusaa beekuun keenya caalaatti isatti dhihaachuuf nu kakaasuu qaba

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi