Kiristiyaanonni Dhugaan Dubbii Waaqayyootiif Bakka Guddaa Kennu
“Dubbiin kee dhugaa dha.”—YOH. 17:17.
QABXIIWWAN KANA ARGACHUUF YAALI:
Walgaʼiin Dh.K.B. bara 49tti godhame, walgaʼiiwwan amantii jaarraawwan sana booda jiran godhamanirraa adda kan ture akkamitti?
Namoonni Baroota Giddu Galeessaatti jiraataniifi ija jabinaan Dubbii Waaqayyoo deggeran eenyufaa turan?
Kiristiyaanonni amanamoon dhuma baroota 1800tti jiraatan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gochuuf mala akkamitti fayyadamu turan? Malli kun buʼa qabeessa kan ture maaliifi?
1. Yeroo jalqaba Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argite, wanta dhaabbilee amantii kaanirraa adda isaan godhu hubatte tokko caqasi.
GUYYAA jalqabaa itti maree nama gammachiisu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin gootan mee yaadaa. Maree gootan keessaa maalfaa yaadattu? Namoonni hedduun, ‘Akkaataa Dhugaa Baatuun sun Macaafa Qulqulluutti fayyadamee gaaffiiwwankoo hundaaf deebii itti kenne baayʼee na ajaaʼibsiisee ture!’ jedhanii deebisu. Kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, yeroo duunu maal akka taanuufi michuuwwan keenya duʼaan abdii akkamii akka qaban yeroo hubanne baayʼee gammannee akka turre beekamaadha!
2. Sababiiwwan Macaafa Qulqulluu akka qortan isin godhan tokko tokko maalfaʼi?
2 Haataʼu malee qayyabannaa keenya yeroo itti fufnu, Macaafni Qulqulluun gaaffii waaʼee jireenyaa, waaʼee duʼaafi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee gaafatamaniif deebii kennuu qofa utuu hin taʼin, waan ibsu kan biraas akka qabu hubanneerra. Macaafni Qulqulluun, kitaaba addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa faayidaa guddaa akka qabu ni amanna. Gorsi achi keessa jiru yeroon kan itti hin darbine yommuu taʼu, namoonni gorsa kana of eeggannoodhaan hordofanis jireenya gaariifi gammachiisaa jiraatu. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Kiristiyaanonni dhugaan, yoomiyyuu Macaafa Qulqulluu, “akka dubbii namaatti utuu hin taʼin akka dubbii Waaqayyootti fudhat[u]; innoo, dhuguma dubbii Waaqayyoo ti.” (1 Tas. 2:13) Mee garaagarummaa seenaa namoota Dubbii Waaqayyootiif bakka guddaa kennaniifi hin kennin hafanii muraasa haa qorru.
DHIMMI CIMAAN TOKKO FURMAATA ARGATE
3. Dhimmi tokkummaa gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa balaadhaaf saaxilee ture maalidha? Rakkoo kana hiikuunoo ulfaataa kan ture maaliifi?
3 Qorneelewos inni nama Yihudii hin taaneefi dhagna hin qabanne hafuura qulqulluutiin erga dibamee kaasee waggoota 13f, dhimmi tokkummaa gumii Kiristiyaanaa balaadhaaf saaxilu tokko uumamee ture. Lakkoofsi namoota saba Yihudoota hin taaneefi amantii Kiristiyaanaa fudhatan dabalaa deemeera. Gaaffiin, ‘Dhiironni cuuphamuusaanii dura akka aadaa Yihudootaatti dhagna qabachuu qabuu?’ jedhu kaʼee ture. Gaaffii kana deebisuun nama Yihudii taʼe tokkoof baayʼee ulfaataa ture. Yihudoonni Seericha eegan michuu namoota saba Yihudoota hin taanee taʼuun haa hafuutii, manasaaniillee hin seenan turan. Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan amantiisaanii isa duraa waan dhiisaniif ariʼatamni cimaan isaanirra gaʼaa jira. Namoota Yihudoota hin taaneefi dhagna hin qabanne manasaaniitti simachuun immoo ariʼatama guddaa isaanirraan geessisuu dandaʼa; akkasumas gochisaanii kun namoota amantii Yihudii hordofanirraa caalaatti adda akka baʼan isaan godha.—Gal. 2:11-14.
4. Namoonni dhimmichaaf furmaata kennuuf walitti qabaman eenyufaʼi? Gama kanaan gaaffiin namoota isaan ilaalaa turaniin kaʼuu dandaʼu maalidha?
4 Dh.K.B. bara 49tti, ergamoonni Yesusiifi jaarsoliin Yerusaalem Yihudoota dhagna qabatan, “dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman.” (HoE. 15:6) Walgaʼiinsaanii kun, mormii amantii dhimma barbaachisaa hin taanerratti godhame utuu hin taʼin, maree gammachiisaa barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee godhame ture. Dhimma sana ilaalchisee namoonni achitti argaman hundi yaada qaban ibsaniiru. Guyyaa kanatti filannoon dhuunfaa ykn jibbi halaalatti qaban murtoo godhanirratti dhiibbaa geessisee turee? Jaarsoliin itti gaafatamummaa qaban hanga haalli amantii Israaʼel keessa jiru fooyyaʼutti murtoo godhan yeroo garabiraatti dabarsaniiruu? Yookiin dhimmichi akkuma xumuramuuf waan yaadameef qofa ejjennoosaanii laaffisuudhaan murtoo isa dhumaa godhaniiruu?
5. Walgaʼiin Dh.K.B. bara 49tti godhame, walgaʼiiwwan amantii jaarraawwan sana booda jiran godhamanirraa adda kan ture karaawwan barbaachisaa taʼan kamiini?
5 Walgaʼii geggeessitoonni amantii yeroo harʼaa godhanirratti, ejjennoosaanii akka laaffisan gochuudhaan murtoo godhame akka fudhatan dirqisiisuun waanuma jirudha. Walgaʼii Yerusaalemitti geggeeffame sanarratti garuu, namni murtoo godhame sanatti utuu hin amanin hafes taʼe, murtoo sana akka fudhatu dirqisiifame tokkollee hin turre. Kana malees, murtoo hundisaanii irratti walii galanirra gaʼaniiru. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Namoonni walgaʼicharratti argaman ilaalcha garaagaraa qabaatanis, hundisaaii Dubbii Waaqayyootiif iddoo guddaa kennaniiru; dhimma sanaaf furmaata argamsiisuufis Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamaniiru.—Faarfannaa 119:97-101 dubbisi.
6, 7. Caaffanni Qulqullaaʼoon, dhimma dhagna qabaa wajjin wal qabateef furmaata argamsiisuuf faayidaarra kan oole akkamitti?
6 Dhimmichi furmaata akka argatu kan godhe yaada Amos 9:11, 12rra jirudha. Yaanni Hojii Ergamootaa 15:16, 17rratti caqasameefi achirraa fudhatame akkas jedha: “Isa kana booddee nan deebiʼa, mana Daawit isa jiges deebisee nan ijaara, isa diigames haaressee nan dhaaba, nan qajeelchas, namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus; gooftaan inni kana godhu akkas jedha.”
7 Namni tokko, ‘Garuu caqasni kun namoonni saba Waaqayyoo hin taane dhagna qabachuun barbaachisaa miti hin jedhu’ jedhee yoo mormehoo? Kun sirriidha; Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan akkas jedhanii yaadanii taʼuu qaba. Kanaaf namoota saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna qabatan akka ‘saba biyya lafaatti’ utuu hin taʼin, akka obbolootasaaniitti ilaalu turan. (Bau. 12:48, 49) Fakkeenyaaf, akka hiikkaa Saptuujantii Baagistaritti, Asteer 8:17, “Namoonni saba Waaqayyoo hin taane hedduun dhagna qabatanii, Yihudoota taʼaniiru” jedha. Kanaaf Caaffanni Qulqullaaʼoon raajii manni Israaʼel warri hafan (Yihudoonniifi namoonni dhagna qabachuudhaan amantii Yihudiitti jijjiiraman) ‘saba biyya lafaa’ hundumaa (namoota saba Waaqayyoo hin taaneefi dhagna hin qabannee) wajjin maqaa Waaqayyootiin tokko akka taʼan waan ibsuuf ergaan caqasa kanaa ifa ture. Namoonni saba Waaqayyoo hin taaneefi Kiristiyaanota taʼuu barbaadan, dirqama dhagna qabachuun isaan hin barbaachisu.
8. Murtoo godhame sanarratti ija jabinni gaʼee maalii qaba ture?
8 Dubbiin Waaqayyoofi hafuurri qulqulluun, Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban sun ‘yaada tokkoon akka walii galan’ isaan gargaareera. (HoE. 15:25) Murtoon godhame Yihudoota Kiristiyaanota taʼan caalaatti ariʼatamaaf saaxiluu kan dandaʼu taʼuyyuu, namoonni amanamoo taʼan murtoo Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kana garaa guutuudhaan deggeraniiru.—HoE. 16:4, 5.
GARAAGARUMMAA GUDDAAN JIRU IFA TAʼE
9. Sababii guddaan waaqeffannaan dhugaa akka mancaʼu godhe maalidha? Barumsi amantii barbaachisaan mancaʼehoo kamidha?
9 Phaawulos, ergamoonni Yesus erga duʼanii booda amantiin Kiristiyaanaa barumsawwan sobaatiin akka mancaʼu raajii dubbateera. (2 Tasaloniiqee 2:3, 7 dubbisi.) Namoota “barsiisa sirrii” wajjin walii hin galle keessaa tokko tokko itti gaafatamummaa kan qaban turan. (2 Xim. 4:3) Phaawulos jaarsolii barasaatti turan, “Isinuma keessaa iyyuu namoonni dubbii dhugaa jalʼisuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan in kaʼu” jedhee isaan akeekkachiisee ture. (HoE. 20:30) Za Niiwu Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaan sababii guddaa ilaalcha dogoggoraa akka qabaatan isaan godhe yeroo ibsu akkas jedheera: “Kiristiyaanonni falaasama Giriikotaa hamma tokko baratan of gammachiisuufi namoonni Waaqayyoon hin beekne gara Kiristiyaanummaatti akka jijjiiraman gochuuf amantiisaanii falaasama Giriikii wajjin walsimsiisuu akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture.” Barumsi guddaan ilaalcha namoota Waaqayyoon hin beekneen mancaʼe eenyummaa Yesus Kiristosii wajjin kan wal qabatedha. Macaafni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo jedhee kan isa waamu siʼa taʼu, namoonni falaasama Giriikii jaallatanimmoo inni Waaqayyoodha jedhanii falmu.
10. Dhimmi eenyummaa Kiristos ilaalchisee kaʼe furmaata argachuu kan dandaʼu akkamitti ture?
10 Gaaffiin kun walgaʼii hedduu dhaabbileen amantii godhanirratti falmii guddaa kaasaa tureera. Namoonni walgaʼii sanarra turan Caaffata Qulqullaaʼootiif iddoo guddaa kennaniiru utuu taʼe dhimmichi salphaatti furmaata argata ture; haataʼu malee hedduunsaanii akkas hin goone. Baayʼeensaanii bakka walgaʼii sana utuu hin dhaqin dura murtoo godhanii waan turaniif wanti tokkoyyuu ilaalchasaanii jijjiiruu hin dandaʼu ture. Barreeffamniifi labsiin walgaʼii kanarratti hundaaʼee qophaaʼe hundi Caaffata Qulqullaaʼoorraa waan caqase tokkollee hin qabu.
11. Namoota Abbootii Waldaa jedhamaniif iddoo akkamiitu kennama? Maaliif?
11 Geggeessitoonni amantii Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamuu kan dhiisan maaliifi? Hayyuun Chaarlis Firiimaan jedhaman, namoonni Yesus Waaqayyodha jedhanii amanan, “Yaadawwan hedduu Yesus, Waaqayyo Abbaan akka isa caalu dubbate mormuun waan isaanitti ulfaateefidha” jedhanii deebisaniiru. Kanaan kan kaʼes, aadaaniifi ilaalchi geggeessitoota amantii Wangeelota bakka buʼeera. Hanga guyyaa harʼaatti, geggeessitoonni amantii hedduun barumsa Macaafa Qulqulluutiif utuu hin taʼin, wanta macaafa kanarratti hin hundoofneefi warri Abbootii Waldaa jedhaman dubbataniif bakka guddaa kennu! Namoota barumsa amantii baratanii wajjin waaʼee Sillaasee mariʼattanii beektu taanaan kana hubachuun keessan hin oolu.
12. Mootiin moototaa dhiibaa gadhee akkamii geessiseera?
12 Namoota walgaʼiiwwan godhaman sanarratti dhiibbaa guddaa geessisan keessaa tokko mootii moototaa warra Roomaa ture. Walgaʼii Niiqiyaatti godhame kana ilaalchisee Piroofeesar Riichaardi E. Ruubanistaayin akkas jedhanii barreessaniiru: “Qosxanxinoos ulfinaafi badhaadhina [phaaphaasonni] matumaa yaadanii hin beekne isaaniif kenneera. Utuma waggaa tokko hin guutin, mootiin moototaa inni haaraan manneen sagadaasaanii isaanii deebisee ykn ijaaree waan tureef, hojiifi aangoo isaanirraa fudhatamee ture deebisee kenneeraaf . . . Mirgoota luboota saba Waaqayyoon hin beekneef kennamee ture irraa fuudhee geggeessitoota amantii Kiristiyaanaatiif kenneera.” Kanaan kan kaʼes, “Qosxanxinoos dhiibbaa guddaa, tarii wanta isaan Niiqiyaatti raawwachuu qaban ajajee ture.” Chaarlis Firiimaan, “Wantoonni isaan dura raawwataman mootiin moototaa kun Waldicha jabeessuuf qofa utuu hin taʼin, barumsa barsiifamurratti dhiibbaa geessisuuf karaa isaaf baneera” jedhaniiru.—Yaaqoob 4:4 dubbisi.
13. Jaarraawwan gara boodaa turanitti, wantoonni geggeessitoonni amantii barumsa Macaafa Qulqulluu ifa taʼe akka hin fudhanne godhan maalfaa sitti fakkaatu?
13 Geggeessitoonni amantii Yesus Kiristos ilma Waaqayyoo taʼuusaa amanuu baatanis, namoonni kaan garuu ilaalcha isaanirraa adda taʼe qabu turan. Korojoosaanii warqee mootii moototaa kanaan guutuu ykn waldaa keessatti aangoo qabaachuu waan hin barbaanneef, karaa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin walsimuun dhimmawwaniif ilaalcha sirrii qabaachuu dandaʼu turan. Kanas gochuu dandaʼaniiru. Hayyuun amantii yeroo sana ture Giriigorii inni magaalaa Niisaa namoota yeroo sana turan ilaalchisee ceephoo akkas jedhu dubbateera: “Namoonnii uffata gurguran, qarshii callaa gegeddaraniifi daldaltoonni suuqii hundi hayyoota amantii taʼaniiru. Qarshiin keessan meeqa akka baasu yoo isaan gaafattan falaastonni tokko tokko Abbaafi Ilmi garaagara taʼuusaanii isiniif ibsu. Gatii daabboo yoo isaan gaafattan, deebiin keessan Abbaan Ilma ni caala kan jedhudha. Bakka dhagna itti dhiqatan yoo gaafattan, Ilmi ni uumame jedhanii isinii deebisu.” Eeyyee, namoonni kaan hedduun haala geggeessitoota amantiirraa faallaa taʼeen, wanta dubbataniif Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuu dandaʼu turan. Giriigooriifi michoonnisaa namoota kana utuu dhaggeeffataniiru taʼee baayʼee gaarii ture!
‘QAMADIIFI INKIRDAADNI’ WALIIN GUDDATU
14. Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan jaarraa tokkoffaatii kaasee lafarra turaniiru jechuu kan dandeenyu maaliifi?
14 Yesus fakkeenya dubbaterratti, jaarraa tokkoffaatii jalqabee yeroo hundumaa Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan lafarra akka jiraatan ibseera. Kiristiyaanota kana ‘qamadii’ ‘inkirdaada’ wajjin guddatanitti fakkeesseera. (Mat. 13:30) Namoonni ykn gareewwan kutaa qamadii dibamtootatti fakkeeffaman eenyufaa akka taʼan afaan guunnee dubbachuu akka hin dandeenye beekamaadha; taʼus namoonni Dubbii Waaqayyoo ija jabinaan deggeraniifi barumsawwan amantii Caaffata Qulqullaaʼoorratti hin hundoofne saaxilan yoomiyyuu jiraachaa akka turan dubbachuu dandeenya. Mee kanatti aansuudhaan fakkeenyawwan muraasa haa ilaallu.
15, 16. Namoota Dubbii Waaqayyootiif ulfina kennanii turan tokko tokko caqasi.
15 Agobaardi inni Phaaphaasii magaalaa Liyoonsi, Faransaayi (Dh.K.B. 779-840) taʼe, fakkiiwwan waaqeffachuu, qulqullootaaf manneen sagadaa ijaaruu, akkasumas sirniifi barsiifanni mana sagadaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne sirrii akka hin taane mormee ture. Kilaawudiyas inni Phaaphaasii taʼeefi bara Agobarditti jiraachaa tures, barsiifata waldaa, qulqullootaaf kadhannaa dhiheessuufi bifawwan tolfamanitti fayyadamanii waaqeffannaa dhiheessuu mormee ture. Jaarraa 11ffaatti, Berengariis inni magaalaa Tuur, Faransaayi jiraatuufi Hangafa Diyaqonotaa taʼe barumsa Kaatolikiin waaʼee qurbaanaa barsiiftu waan mormeef mana sagadaatii ariʼameera. Kana malees barumsi Macaafa Qulqulluu barsiifata Waldaa akka caalus ni barsiisa ture.
16 Jaarraa 12ffaatti namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu jaallatan lama, jechuunis Piitar inni magaalaa Biruuwii jiraatuufi Henarii inni magaalaa Loozaan jiraatu kaʼaniiru. Piitar barumsa Kaatolikii isa xinnummaatti ijoollee cuuphuu, qurbaana, namoota duʼaniif kadhachuufi fannoo waaqeffachuu isa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo hin qabne fudhachuu waan dideef lubummaasaa dhiiseera. Piitar sababii amantiisaa kanaatiif bara 1140tti ajjeefameera. Henarii inni moloksee ture, gochi mancaʼaa mana sagadaa keessatti raawwatamuufi sirni sagadaa waldaa deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo akka hin qabne falmeera. Kanaan kan kaʼes, bara 1148tti qabamee umriisaa guutuu mana hidhaatti akka dabarsu godhameera.
17. Waaldoofi duuka buutonnisaa tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhataniiru?
17 Yeroo Piitar inni magaalaa Biruuyis barumsa waldaa ija jabinaan waan mormeef fayyaatti gubame, namni yeroo booda dhugaan Macaafa Qulqulluu akka babalʼatu gochuurratti gaʼee guddaa qabaatu tokko ni dhalate. Namni kun maqaan abbaasaa Vaaldaas ykn Waaldoo jedhama.a Haala Piitar isa magaalaa Biruuwiifi Henarii isa Loozaa jiraaturraa adda taʼeen, barumsa amantii barate kan hin qabne taʼus, Dubbii Waaqayyootiif bakka guddaa kan kennu waan tureef afaan namoonni kibba Faransaayi hedduun dubbatanitti kutaawwan Macaafa Qulqulluu akka hiikamuuf qabeenyasaa kenneera. Namoonni tokko tokko ergaa Macaafa Qulqulluu qooqasaaniitiin argachuunsaanii baayʼee waan isaan gammachiiseef, isaanis dhugaa Macaafa Qulqulluu kana namoota kaaniin gaʼuuf jecha qabeenyasaanii kennaniiru, akkasumas hojii kanarratti guutummaatti hirmaataniiru. Kun taʼuunsaa waldaa sana baayʼee dhiphisee ture. Bara 1184tti dhiironniifi dubartoonni hinaaffaa qaban kun, yeroo booda Waaldoota jedhamanii kan waamaman siʼa taʼu, phaaphaasichaan balaaleffatamaniiru, akkasumas manasaaniitti ariʼamaniiru. Haataʼu malee tarkaanfiin akkasii fudhatamuunsaa ergaan Macaafa Qulqulluu akka babalʼatu gargaareera. Yeroo boodas, duuka buutonni Waaldoo, Piitar inni magaalaa Biruuwii, akkasumas Henarii inni magaalaa Loozaafi namoonni morman kaan kutaawwan Awurooppaa hedduu keessatti argamaniiru. Jaarraawwan sana booda turanittis namoonni ija jabinaan dhugaa Macaafa Qulqulluutiif dhaabatan tokko tokko kaʼaniiru: isaanis: Joon Wikiliif (Dh.K.B. 1330-1384), Wiiliyaam Tiindal (Dh.K.B. naannoo 1494-1536), Henarii Giruu (1781-1862), akkasumas Joorji Istoorzi (1796-1879).
“DUBBIIN WAAQAYYOO . . . HIN HIDHAMU”
18. Bartoonni Macaafa Qulqulluu jaarraa 19ffaatti turan, qayyabannaa gochuuf mala akkamitti fayyadamanii akka turan ibsi. Malli kun buʼa qabeessa kan ture maaliifi?
18 Diinonni dhugaa Macaafa Qulqulluu carraaqqii guddaa godhaniyyuu, Dubbiin Waaqayyoo akka hin babalʼanne gochuu hin dandaʼan. Kana ilaalchisee 2 Ximotewos 2:9, “Dubbiin Waaqayyoo . . . hin hidhamu” jedha. Bara 1870tti gareen barattoota Macaafa Qulqulluu tokko dhugaa barbaaduu jalqabe. Malli isaan itti qayyabatan maal fakkaata ture? Isaan keessaa namni tokko gaaffii tokko gaafata. Achiis irratti mariʼatu. Caqasoota yaada sanaa wajjin wal qabatan hunda ni ilaalu; caqasoonni sun kan walsiman taʼuusaanii erga amananii booda, dhumarratti yaada xumuraa irra gaʼan ni galmeessu. Akkuma ergamoota Yesusiifi jaarsolii jaarraa tokkoffaa, dhiironni amanamoon karaa hafuuraa akaakilii keenya taʼaniifi dhuma baroota 1800tti jiraatan sun, amantiisaanii Dubbii Waaqayyoorratti akka hundaaʼu gochuuf murteessanii akka turan beekuun keessan isin hin gammachiisuu?
19. Caqasni waggaa 2012 maalidha? Caqasni kun filatamuunsaa sirrii kan taʼehoo maaliifi?
19 Yeroo harʼaas amantiin keenya Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼedha. Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kana yaadatti qabachuudhaan jechoota Yesus, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhee amanannaadhaan dubbate caqasa waggaa 2012 akka taʼu filateera. (Yoh. 17:17) Namni Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadu kamiyyuu karaa dhugaarra deddeebiʼuu waan qabuuf, hundi keenya Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamuuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu.
[Miiljalee]
a Vaaldaan yeroo tokko tokko Piiʼeree Vaaldaa ykn Piitar Waaldoo jedhamees kan waamamu siʼa taʼu, maqaansaa sirriitti hin beekamu.
[Yaada gabaabaatti ibsameefi fuula 8rr jiru]
Caqasa waggaa 2012: “Dubbiin kee dhugaa dha.”—Yohannis 17:17
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Waaldoo
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Wikiliif
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Tiindal
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Giruu
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Istoorzi