Kun Dhugumayyuu Maxxansa Qayyabannaati!
Dubbii Yihowaa isa gati jabeessa taʼe yeroo qayyabattan caalaatti akka nama hawwatu gochuuf, maxxansa qayyabannaa kana bifa haaraatiin fooyyessineerra.—Far. 1:2; 119:97.
Maxxansa Masaraa Eegumsaa bifa lamaan, jechuunis maxxansa sabaa, akkasumas maxxansa Dhugaa Baatota Yihowaafi warra Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan guddina argisiisaa jiran hundaaf taʼu qopheessuu erga jalqabnee waggaan afur darbeera.
Maxxansa qayyabannaa ilaalchisee obboleessi waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilaa ture tokko akkas jedhee barreesseera: “Maxxansa qayyabannaa Masaraa Eegumsaa isa jalqabaa yommuun arge dinqisiifannaafi miirri addaa natti dhagaʼameera. Beekumsi hafuuraa gad fagoo taʼeefi maxxansi kun qabate garaakoo tuqeera. Qophii haaraa dinqisiisaa taʼe kanaaf baayʼeen isin galateeffadha.” Obboleessi garabiraan tokkos, “Yeroon Macaafa Qulqulluutti fayyadamee maxxansa kana itti qayyabadhu hawwiidhaanan eeggadha” jedheera. Isinis akkasuma akka isinitti dhagaʼamu abdanna.
Masaraan Eegumsaa bara 1879ii kaasee maxxanfamuusaa akka itti fufu kan godhe hafuuraafi gargaarsa Yihowaa akka taʼe beekamaadha. (Zak. 4:6) Waggoota 133 darbanitti qola barruu kanaarratti jijjiiramni hedduun godhameera. Bara 2012 kaaseemmoo qolli maxxansa qayyabannaa fakkii babbareedaa ennaa dhugaa baʼan argisiisu qabatee baʼa; kunis waaʼee Mootummaa Yihowaa lallabuu ilaalchisee hojii Waaqayyo nuu kenne yeroo hunda nu yaadachiisa. (HoE. 28:23) Fuula 2rratti, suuraa fakkiin fuula jalqabaarra jiru irratti hundaaʼee hojjetame kan qabate yommuu taʼu, ibsa gabaabaa wanta isaan gochaa jiraniifi bakkasaa ibsu qabateera. Waggaa kanaa kaasee maxxansi kun sabni Yihowaa misraachicha “guutummaa biyya lafaatti” labsaa akka jiran nu yaadachiisa.—Mat. 24:14.
Jijjiiramawwan garabiraan barruu kanarratti godhaman maalfaʼi? Saanduqni irra deebii fuula matadureen qayyabannaa sun jalqaburratti baʼa. Saanduqni kun qabxii ijoo yommuu mataduricha dubbistaniifi qayyabattan argachuu qabdan ibsa. Obboloonni qayyabannaa Masaraa Eegumsaa geggeessan xumura barumsichaarratti gaaffilee kanatti fayyadamanii barumsicha irra deebiʼuusaanii itti fufu. Bitaafi mirgaan hamma tokko iddoo duwwaan jiraachuunsaa, fuulaafi lakkoofsonni keeyyataa akka gaariitti akka mulʼatan gochuusaa hubattu.
Akkuma maxxansa jiʼa kanaarratti ibsame, matadureen haaraa “Kuusaa Keenya Keessaa” jedhuufi guddina ajaaʼibsiisaa seenaa ammayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti godhame ibsu itti dabalameera. Matadureen “Fedhaan Of Dhiheessaniiru” jedhummoo, darbee darbee muuxannoo labsitoota Mootummichaa qabatee baʼa. Matadureen kun gammachuu guddaa obboloonniifi obboleettonni bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluudhaan argatan akka gaariitti ibsa.
Barruu kanatti fayyadamtanii Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti qayyabachuudhaan yeroo gammachiisaa akka dabarsitan hawwii keenyadha.
Maxxansitoota
[Fakkii fuula 3rra jiru]
1879
[Fakkii fuula 3rra jiru]
1895
[Fakkii fuula 3rra jiru]
1931
[Fakkii fuula 3rra jiru]
1950
[Fakkii fuula 3rra jiru]
1974
[Fakkii fuula 3rra jiru]
2008